Itoophiyaan hoggantoota waraanaa fi tikaa haaraa muudde

Maxxanfame

Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa jechuun Jimaata Waxabajjii 28,2019 aanga'oota waraanaa sadiif muudama kennaniiru.

Jenaraal Adam Mohaammad ajajaa Humna Waraanaa Itoophiyaa ta'uun, Sambata darbe kan ajjeefaman Jenaraal Sa'aara Makoonnin bakka bu'aniiru.

Dammallaash Gabramikaa'el ammoo bakka Jenaraal Adam Mohaammad bu'uun Direektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa ta'uun muudamaniiru.

Letanaant Jenaraal Mollaa Hayilamaariyaam ammoo Ajajaa Humna Lafoo ta'uun mudamaniiru.

Jenaraal Adam Mohammad erga hoogganaan duraanii Geetaachaw Asaffaa aangoorraa kaafamuun, dhiittaa mirga namaatiin himatamanii as bakka isaanii bu'uun Daarektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa ta'uun hojjechaa turan.

Yeroo ammaa bakka isaaniitti kan muudaman Dammallaash Gabramikaa'el ammoo itti aanaa isaanii turan.

Itoophiyaan torban tokko keessatti jenaraalota waraanaa lama du'aan dabdeetti.

Jenaraal Sa'aara Makonnin Sanbata darbe Magaalaa Finfinneetti eegduu isaaniitiin kan ajjeefaman yoo ta'u, Maqaa masoo 'Kuwaartar' jedhamuun kan beekamanii fi Ajajaa Humna Waraanaa Kibba Baha Itoophiyaa kan turan Jenaraal Abrahaa Walda Maariyaam biyya Taayilaanditti wal'aansarra osoo jiranii kaleessa du'uunsaanii dhagahame.

Namni kun waraanaa naannoo Somaalee maqaa 'Liyyuu Haayil' jedhamuun beekamu, kan dhiittaa mirga lammiilee geggeessaa ture jechuun mootummaann himataa ture keessaa harka qabaachuun isaanii himamaa ture.