Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni 'Three' jedhamu tajaajilli 5G Agayya keessa jalqabuuf akka jiru beeksise
Dhaabbanni 'Three' jedhamu tajaajilli 5G Agayya keessa jalqabuuf akka jiruufi biroodbaandii Landanitti jalqabuun booda gara magaalota 25 baballisuuf akka jiru beeksiseera.
Dhaabbanni kun BT's EE fi Vodafone kan jedhamanitti aansee tajaajila neetwoorkii 4G bara 2019 keessa hojiirra oolchuu isaati.
Dhabbanni 'Three' jedhamu kun abbaan qabeenyaa isaa Hutchison, waa'ee baasii tajaajila kana argachuu hangam akka ta'u hin ibsine.
Hoji-gaggeessaan dhaabbatichaa Dave Dyson akkas jedhan: "Maamiltoonniifi namoonni hojii daldalaa hojjetan daataa caalaa barbaadaa jiru.
"Tajaajila 5G kana gabaadhaaf dhiyeessuudhaaf yeroo dheeraadhaaf dhamaaneerra.
EE'n tajaajilwaan 5G magaalawwan ja'a keessatti Caamsaa kan eegale yommuu ta'u dhaabbanni Vodafone jedhamu ammoo Adoolessa 3 jalqabe."
5G kan duraan ture 4G irraa hangam foyyaa'aadhaa?
Akka namoonni jedhanitti 5G'n saffisa daataa namaaf buusuudhaaf neetiwoorkii 4G harka 100 caalaa foyyaa'aadha.
Addunyaan yeroo ammaa neetwoorkii 4G irra jirti. Kan 3G fayyadamanis hedduudha. Biyyoonni guddataniifi kampaanonni tekinooloojii isaanii 5G hojiirra oolchuuf alkaniifi guyyaa dhama'aa jiru.
Waggaa dheeraaf eegamaa turee, yeroo tokko tokko ammoo akki isaayyu walaalamaa, dhuma irratti garuu milkaa'eera. UKn tajaajila neetwoorkii 5G jalqabdeetti.
Dhaabbanni tumsa BT's EE jedhamu tajaajila kana hojiirra ollchuuf isa jalqabaadha. Kanaaf, yoo sooressa jettee of yaadda ta'eefi bakka tajaajilli kun qaqqabu jiraatta yoo ta'e galmooftee fayyadamuu ni dandeessa.
Fayyadamuudhaaf bilbila irratti kaffaltaa yeroo jalqabaa Paawondii 170fi ji'a ji'aan ammoo kafaltaan gadi aanaan Paawondii 54 kaffaluu qabdan.
Wanti baruu qabdan daataa ji'a keessatti 10GB baasuun rgattan, 5G kana fayyadamuudhaan garuu battalumatti haala qulqullaa'aa ta'een miidiyaa hedduurraa buufattu.
Namoonni baayyeen xiqqoo eeganii yeroo dhaabbanni dorgomaan jalqabu gatiin akka gadi bu'u eeggachuu filatu. Isa kanaaf ammo dhaabbanni telekomunikeeshinii Vodafone jedhamu torbeewwan shanii booda tajaajila 5G jalqaba.
Kampaanonni tajaajila tekiniooloojii telekomunikeeshinii dhiyeessan kunneen magaalota filataman keessatti tajaajila jalqabuuf jiru.
Magaalota kana keessatti tarii neetwoorkiin 5G kun humnni isaa guddaa ta'uu irraa kan ka'e addaan ciccitu ykn dhufee baduu mala. Kanaaf, akka yeroo rakkoon akkasii jiraatus akka battalumaan osoo addaan hin jitiin ofiidhuma isaa akka 4G'tti jijjiiramu taasifama.
Dhaabbanni Chip-maker Qualcomm jedhamu tajaajila bilbilawwan 5G kan baatiriin isaa guyyaa guutuu turuu danda'u dhiyeessuuf akka jiru waadaa galeera.
Hangam saffisa qaba?
Akka dhaabbanni telekomunukeeshinii hordofu Ofcom jedhamu jedhutti 5G saffisa 20Gbps dhiyeessuu ni danda'a.
Kana jechuun ammo viidyoowwan baayyee guddaa ta'an akka 4K yeroo gabaabaa keessatti buufachuuf nama dandeesissa.
Tajaajila saffisaafi qulqullinaa akkasumas faayila guddaa yeroo salphaa keessatti argachuudhaaf kan duraan ture 4G baayyee foyyaa'ee kan dhiyaatedha jechuudha.
Calliseedhuma bilbila saffisaadhaa?
Shakkii okko malee yeroo gababaa keessatti namoota harkisuuf ta'ullee bilbila saffisiisuu qaofaaf miti.
Faayidaawwan 5G keessaa inni guddaan neetwoorkii mobaayiliitiif altakkaatti tajaajila baayyee kennuuf.
Akka yaadatti 5Gn altakkaatti meeshaalee/bilbiiloota km sq. tokko keessa jiran miliyoona tokkoo ol ta'an akka gargaaruuf hojjetame. Kun ammo kan tekinooloojiin 4G kanaan dura tajaajilaa ture 60,000 bira qabamee yeroo ilaalamu milkaa'ina addaadha.
Kanaaf, 5G tekinooloojiin kun komunikeeshinii maashina tokko irraa gara biraatti taasifamu fageenyarraa haalaan walitti fiduuf tajaajila.
Xiinxaaltoonni tekinooloojii akka jedhanitti, tajaajilli neetwoorkii 5G kun addunyaa qabatamaa kana gara 'duudaa irraa gara qarootti' jijjiira jedhu.