Lammii Biriiteen yaadannoo haadha warraasaaf guyyuu fiigu

Maxxanfame

Haadha warraa isaa sababa kaansarii sombaan duute yaadachuuf waggaa tokkoof, guyyaa guyyaan fiiguun qarshii paawundii 57,600 walitti qabeera.

Namni Kiriis Gaatenbaayi jedhamu fiigicha isaa bara darbe Guraandhala keessa erga haati warraa isaa duute baatii jaha booda jalqabe.

Guyyaatti kiloometira sadii ol kaninni fiigu qorannoo kaansarii sombaa yunivarsiitii Yoorkitti taasifamu gargaaruufi.

Jiraataan magaalaa Harroogeet Gaatenbaay haati warraasaa nama nama gargaaruu jaallattuu turte jedheera.

''Joorjiyaan akkuma dhukkubsatteen kaansarii sombaa hambisuuf waa gochuu qabna, namootas gargaaruu qabna jechuun yeroo itti wayyaa'u fiigicha kana fiiguu yaaddi ture''

''Itti wayyaa'uu hin dandeenye, kanaaf an nan fiigaafii'' jechuun Gaatenbaay guyyoota 365 takkaa addaan otoo hin kutiin kiloomeetira 1000 ol fiige.

''Fiigichi kuni yeroo tokko tokko nama rakkisa garuu ishee yaadachuun yeroo hunda na oonnachiisa'' jedha.

''Bara kana waanin fiigu miti'' jechuun boqochuu akka barbaadu himeera.

Kaayyoosaa isa jalqabaa baatii 16 keessatti paawundii 25,000 walitti qabuun booda namoota PhD barataniifis qarshii walitti qabuuf murteesse.

Yunivarsiitichatti kan barsiisan Dr. Daawan Kaavarlii ''qorannoo dabalataa hojjechuun akkatti dhukkubsattoonni yaalaman fooyyeessuu danda'a" jedhaniiru.