Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubbii Xaaliyaaniin waa'ee godaantota Afrikaa dubbatte Faransaay mufachiise
Ministirri Muummee Itti aanaa Xaaliyaanii Faransaay Afrikaa saamaafi lammiileen ishiis akka godaanan gochaa jirti jechuun himani jennaan Faransaay ambaasaaddara Xaaliyaanii biyyashii jiran gaaffiif waamte.
Gaafa Dilbataa Luwijii di Maayo sababa imaammata Afrikaa irratti hordoftuun Gamtaan Awurooppaa Faransaay irratti qoqqobbii kaa'uu qaba jedhaniiru.
Faransaay ''biyyoota Afrikaa kurnaan lakkaa'aman koloneeffachuu hindhiifne,'' jechuun kan dubbatan.
Duratti biyyoonni lamaan dhimmoota godaantotaa irratti waldhabaniiru. Xaaliyaaniin bakka qubinsa godaantota Awurooppaa jiraachuu hedaniiti.
Waggaa darbe, Xaaliyaaniin bidiruuwwan Meditiraaniyaaniiti godaantota baraartu akka hin qubachiifne dhorkite jechuun Faransaay Xaaliyaanii qeeqxi.
Qondaaltonni Xaaliyaanii immoo jarri Faransaay godaantota ofitti fudhachuu hin barbaadan jechuun himatu.
Hogganaan dhaaba 'Five Star Movement (M5S)' fi dhaaba 'League party' waliin biyya bulchaa jiru Di Maayo dhuma torban darbe gara Xaaliyaanii yeroo imalanitti ture dubbii Faransaay qeequ kana kan dubbatan.
Kunis Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani (UN) godaantonni 170 tahan bidiruuwwan lama irra turan balaa isaan mudaten lubbuu dhabuu hin didani jedhee akka sodaatamu yeroo himetti dhagahame.
''Gamtaan Awurooppaa Faransaayiifi biyyoota ishii fakkaatan kaan lammiilee deegsanii qe'ee irraa baasan irratti qoqqobbii kaa'uu qaba. Sababni isaa lammiileen Afrikaa Afrikaa keessa malee Meditiraaniyaani keessa jiraatuu hin qabani'', jedhaniiru.
Silaa Afrikaaf ta'u baate diinagdee biyyootaan addunyaarraa Faransaay sadarkaa tokko hanga jaha osoo hin taane yoona 5ffaa taati jechuun dubbataniiru.
Faransaayitti ambaasaaddarri Xaaliyaanii Terezaa Kastaaldoo ministeera biyya alaa biyyattiitti gaafa Wiixataa gaaffiif waamamaniiru.
Hanga yoonaa Obbo Di Maayon dhiifama gaafatan hin qaban.
Obbo Maayon ''Faransaay biyyoota 14'f maallaqa maxxansaa guddina diinagdee isaanii dhorkite'', jechuun himataniiru.
Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) guyyoota 16 bara 2019 keessatti godaantonni 4,216 tahan galaanarra gara Awurooppaa imalaniiru jedheera. Kunis, isa bara darbe yoona kanarraa dachaadha.