Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni hojii nyaata namaa geessu hojjetu osoo ofii nyaatu qabamee ari'ame
Dhaabbati nyaata namaa geessu (takeaway) hojjetu Zomaato jedhamu hojjetaan isaa tokko nyaata maamilaaf geessi jedhame ofii nyaate boodarra nyaaticha yeroo qadaadu fiilmiin isaa waraabame dhiifama gaafate.
Viidiyoon Kibba Indiyaa bakka Maaduraayi jedhamutti waraabame namni uffata Zomaato uffatu osoo nyaata sanduuqa keessaa nyaate deebisee qadaadee qodaa itti geessutti deebisu mul'ateera.
Viidiyoon kuni miidiyaa hawaasummaa irratti si'a kuma hedduu daawwatame.
Dhaabbatichi namoota kana dalagan irratti obsa akka hinqabneefi namicha nyaata hate jedhame ari'u isaa beeksiseera.
Ibsa Zomaaton baasen hojjetaan isaanii nyaata maamilaaf geessuuf jedhe osoo nyaatu mirkaneessu isaa ibseera.
Kaampaanichi: ''Yeroo dheeraa fudhanne mari'anne. Nami dogongoruu danda'us akka nuuf hin hojjenne taasineerra,'' jedheera.
Dhihoottis wanti akkanaa akka hin dhalanne akka barsiisaniifi ''sanduuqa nyaataa hannaaf hin saaxilamne'' akka beeksisan dhaabbatichi ibseera.