Erga Raashiyaan dooniiwwan Yukireen qabatte as dubbiin hammaate

Maxxanfame

Raashiyaan dhukaasa banuun dooniiwwan humna galaanaa Yukireen sadii galoo galaana Kirimiyaatti to'achuun ishii biyyoota lamaan gidduutti dubbii hammeesse.

Hojjettoonni dooniiwwan keessa turanis miidhamaniiru.

Biyyi tokko isa kaan ballesseera jedha. Gaafa Wiixataa, miseensonni paarlaamaa Yuukiren walgahuun labsii yeroo muddamaa labsuuf jedhu.

Dubbiin kan eegale Raashiyaan dooniwwan Yukireen lafa bishaanii ishee irratti seenuu isaanii himatteetti.

Marii mana maree nageenya biyyaalessaafi rayyaa ittisaa Yuukiren irratti Pirezidantiin biyyatti Petiro Porishenkoo adeemsa Raashiyaa wanta mudate qeeqaniiru.

Manni Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomani gaafa Wiixataa walgahii atattamaa akka taa'u Raashiyaan gaafatteetti.

Bakkeewwan Galaana Gurraachaafi Galaana Azow naannoo Galoo galaansa Kirimiyaa bara 2014 Raashiyaatti dabalamanitti dubbiin hammaateera.