Hoggantoonni addunyaa dhiphisanii yaaduu akkan hin qabne Maakroon gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon hoggantoonni biyyaalee addunyaa jaalala biyya ofiif qofa jechuudhaan rakkoo adunyaa irratti hin ummneef gaafatan.
Hoggantoonni kunneen guyyaa kaleessaa waggaa 100ffaa Waraana Addunyaa Tokkoffaa dhaabuuf waliigaltee taasifame yaadachuuf Faransaayitti argamanii turan.
Waltajjii Pirezidantiin Yunaayitid Isteet Donaald Tiraamp fi kan Raashiyaa Vilaadimir Puutin argaman irratti Maakroon dhiphummaan kan ofii qofa yaaduun ''jaalala biyyaa ganuudha'' jechuun ibsaniiru.
'Fedhiin keenya haa dursu jechuuniifi kaanif hindhimminu' jechuun waan guddaa sabni tokko qabu - duudhaalee safuu - balleessa jedhaniiru.
Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa bara 1914 - 1918 taasifametti loltoonni miiliyoona 9.7 fi lammiileen nagaa miiliyoona 10 du'aniiru.
Obbo Maakroon hoggantoonni ''nagaaf akka qabsaa'an'' gaafataniiru. Waggaa 100ffaa kana yaadachuuf biyyoota adda addaatti sagantaan garaa garaa raawwataa jira.










