Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo Moyaalee: Haala yaachisaa baqattoonni Moyaalee keessatti argaman
Namoota Moyaalee Itoophiyaarra baqachuun Keeniyaa bufataalee Dambalaa Faccanaafi Somareetti argaman gareen gaazexessitoota BBC dowwachuun baay'ee waliinis turtii taasiseera.
Isaan keessayis kan oggeeyyiin fayyaa 'carromaa' jechuun waamaniin Guyyoo Jaarsoo tokko. Guyyoon magaalaa Moyaaleetti hojii goommaa konkolaataa suphuu hojjachuun kan jiraatudha.
''Guyyaa namoonni ajjeefaman sana akkuma barame hiriyoota koo waliin hojii keenya hojjachaa turre. Osuma hojachaa jirrus dhukaasni nutti baname. Anis rasaasa lamaan rukutame. Hiriyoota kiyya sadii keessa lama guyyuma sana yoo ajjeefaman tokko ammoo ammas hospitaala keessatti argama,'' jechuun haala guyyaa sana ture hima.
Suuraa irratti akkuma mul'atus rasaasni qaama isaa uruun keessa darbeera. kan jalabaa harka saa mirgaa yoo ta'u, inni lammaffaan garaasaa irra ture.
Oggeessoonni fayyaa waldaa fannoo diinaa bufatichatti argamanis, hafitiin Guyyoo dinqiidha, osoo rasaasa lamaan keessaa tokkoonsaa gara qaama isaa keessa galee ture carraan lubbuun hafuusaa balaarratti kufuu mala jedhaniiru.
Guyyoonis namoonni naannicha turan battalumatti ambulaansii waamun gara hospitaala akka isa geessan dubbata. Sanbattan irras akkuma hospitaalaa baheen kallattiin gara buufata Soomareetti qajeeluun lafa baqattoonni kun jiran gahe.
Baqattoota keessa Aaddee Kadijaa Mahaammad tokko. Haadha ijoollee lamaa kan taate aaddee Kadijaan suqiishee magaalaa Moyaaleetti argamu keessatti shaqaxa daldalaa turte. Haalli ajjeechaa torbaniin dura Moyaaleetti raawwatameen 'anaafi ijoollee keenyaaf' nu yaachifnaan baqannee baane jetti.
Haala guyyaa sana turees yoo himtu, ''dalaan an keessa kireefadhe jiraadhu keessatti namoonni lama ajjeefamaniiru. Ija kiyya duratti ajjeefaman. Inni tokkoo Abbitii kuun ammoo Ramadaan jedhama. Karra banee yoo bahu ana irrattis dhokaafamee ture, waaqni na olchee bahe malee. Achinis hanga darbanitti ergan eegeen booda ijollee kiyyaa ollaadhaa fudhachuu harka kiyya qullaa hariitiin baqadhee bahuun magaalittii keessaa baqadhee,'' jechuun himti.
Kadijaanis ijoollee kan isheefi kan ollaa sheeti jettee hedduu waliin dahoo laasitikii ofiin dahattee keessa taa'anii agaree jirra.
Daa'imman baqatanii gara buufatichaa dhufan keessayis jolleen waggaa 10 fi 15 kan ta'an Iraaqiifi Raaheenii erga maatiisaanii hayyamsiiseen booda dubbiseen ture.
Raahelis mucaa adaadaa ishee kan waggaa tokko hammattee kanan dubbise akkas jechuun haala ture BBC'tti himte: '' Guyyaa waraanaa sana dhiiga baayyee agarre. Nutis nu ajjeessu jennee sodaachuun baqannee garana dhufne. Erga asi dhufnee kaasees marqaa boqqoolloo qofa nyaachaa jirra.''
Raaheel barattuu kutaa shanii yoo taatuu gara mana barnootaatti deebii'uuf barbaaddulleen sodaa guddaa qabaachuushee hindhoksine.
''Ijoolleen yoo ajjeefaman argeera. Mana barnootaatti deebii'ee barachuu nan barbaada garuu achi deebii'u nan soodaadha,'' kan jettu ammoo barattuu kutaa shanii kan biraa Iraaqi dha.
Mootummaan Itoophyaa ajjeechaan Moyaalleetti raawwatame dogogora jechuunisaa ni yaadatama. Garuu Aaddee Kadijaa fa'i ddabalatee baqattoonni bufatichatti dubbifne kanaan walii hingalan.
Baqattoota daangaa qaxxaamuruun gara Keeniyaa galan keessa tokko Addee Adaana isaan tokko yaa ta'an, ''Ajjeechaan dogogoran jedhame hin amanu. 'Isa shamizii uffate rukuti jechaa dhokaasaa dogogoraan jechuun soba. Itti yaadamee dargaggoota irratti xiyyeefachuun kan raawwatameedha. Isaan booda ammoo mucaa waggaa 10n harii'anii ajjeesaniiru. Kun dogogoraa ree?'' jechuun ariidhaan gaafatti.
Sanbata derbees komishinarri Poolosii Federaalaa Janaraal Asafaa Abiyu lammiilee gara qee'eesaanitti akka deebii'aniif hojatamaa jiraachu ibsanii ture. Haaluma walfakkaatunis, Keeniyaatti ambaasadara Itoophiyaa kan ta'an Diinaa Mufti BBC'tti akka himanitti baqattoota gara qee'eesaanitti akka deebii'aniif hojachaa jiraachu saa himaniiru.
Haa ta'u malees, baqattoonni hedduun ammalleen daangaa qaxxaamuruun gara Keeniyaatti ce'aa jiraachusaanii wayita achi jiru taajjabneera. Baqattoonni bufatichatti dubbisee keessaayis heduun achi deebii'uuf fedhii hinqaban.
Ragaan Motummoota gamtoomanitti komishiiniin baqattootaa 'UNHCR' irraa arganne akka mul'isuutti, lakkoofsi baqqattoota bufataalee afuriin olii keessatti argamanii kuma 10tti tilmaamama.
Baqattoota kanneen keessayis harki 80n dubartootaafi daa'imman ta'usaanii ragaan dhaabbata warlid vizsiin jedhamu irraa argame ni mul'isa.
Buufata baqattootaa Somareetti baqattoota kuma 3,500 olitu argama. Bufatichattis dahannoo laastikii takka keessa baqattoota hedduun waliin jiraatu.
Kana malees bakki qulaqullinaafi tajaajilli wallaansaa gahaan waan hinjirree dhibee dadarboon ka'u mala jechuun sodaa qaban bakka bu'aan dhaabbata Warlid vizsiin Dinkan Odaa'o BBC'tti himaniiru.
Kana malees bufatichatti daa'immaniifi dubartoonni ulfaa hedduun waan argamaniif carraan dhiibee dadarbaaf saaxilamuun isaanii olaanaa ta'u dubbatanii, hanga ammaattis mallattoon dhukkuba garaa kaasaa mul'achusaa Dinkan Odaa'o ibsaniiru.
Itti dabaluunis haalli Itoophiyaa keessaa tasgabaa'uun lakkoofsi baqattootaa yoo hir'ate malees haalli buufaticha keessa jiru to'annoon ala ta'u akka danda'u hubachiisaniiru.
Lammiilee Keniyaa hedduun namoota qe'eesaaniirraa buqaafamuun baqatan kanneen mana jireenyaa isaanitti simachuun keessumeessaa jiru. Lammiilee Keniyaa hedduunis konkolaataa dhunfaa saanitiin nyaataafi uffata geessuun yoo raabsaniif agarree jirra.