Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin waraanaa Yunaayitid Kingidam naannoo galaana Kaabaa kan Raashiyaa hordofe
Dooniin waraanaa saffisaa Biriteen doonii waraanaa Raashiyaa naannoo galaana Kaabaa daangaa lafa bishaanii Yunaayitid Kingidam (UK), guyyaa ayyaana qillee faana bu'uu isaa humni waraanaa galaanarraa Royaal beeksise.
Dooniin waraanaa saffisaa 'HMS St. Albans' jedhamu doonii raashiyaa 'Admiral Gorshkov' jedhamtu 'fedhii biyyaalessaa bu'uura taasifachuun kan hordofaa turan.'
Raashiyaan waan kanarratti dubbatte hin qabdu.
Humni waraanaa galaanarraa Royaal akka jedhetti, booda kana 'gareen Raashiyaa ''qabeenya bishaanii Yunaaytid Kingidam (UK) irratti babal'ifachuu baay'iseera''.
Biriteen dhihoo kana sarara intarneetii galaana jalaan Raashiyaa himattee turte.
Hogganaan humna ittisaa yoo sararri inatrneetii kuni cite diinagdee biyyattii haalaan akka miidhu dubbatani ture.
Sararri kunis aardiiwwaniifi biyyaalee walqunnamsiisa.
Humni waraanaa galaanarraa Royaal akka jedhetti, dooniin waraanaa Biriteen guyyaa sadii dura eegalee hanga dooniin waraanaa Raashiyaa daangaa bishaanii Yunaayitid Kingidam darbutti hordofaa turan.
''Qabeenya bishaanii keenya kabachiisuu duubatti hin deebi'u'' jechuun barreessaan humna ittisaa Gevin Wiliyaamsan himaniiru.
'Walitti dhufeenyi Biriteeniifi Raashiyaa erga Moskoon Kirimiyaa kibba Yukreenirraa ofitti dabalte as rakkoo godhateera.