Waraanni Israa’el akkatti gaazexeessaan Rooyitars du’erratti deebii kenne
Waraanni Israa’el ibsa Rooyitars du’a gaazexeessaa Issaam Abdallaa Jimaata darbe Kibba Libaanoonitti ajjeefame ilaalchisee baaseef deebii kenne.
Waraanni Israa’el akka ibsetti, yeroo inni du'u sana gareen hidhattoota Libaanoon Hezbollaan daangaa Israa'elii fi Libaanoon haleelaa ture.
Akka waraanni Israa’el jedhutti, Hezbollaan misaa’ela farra taankiitiin dallaa daangaa Israa’el rukute. Sana booda loltoonni Israa'el daangaa Israa'el keessa ''seenuuf jedhanii'' shakkuun taankii fi madfii dhukaasan jedhan.
Sa'aatii muraasa booda, yeroo sanatti gaazexeessitoonni akka miidhaman waraanni Israa’el gabaasa argate.
Taatee sana amma qorachaa jirra jechuun ibse.