Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaa Israa'eliin gidiraa Gaazaatti hammaate

Haalli jiraattota Gaazaa keessaa hammaachaa kan jiru ennaa tahu; bishaan, nyaata, qorichaa fi tajaajilli ibsaa garmalee xiqqaachaa jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kuusaan boba'aa hospitaalota Gaazaa sa'aatii 24 keessatti dhumuu mala jedhe UN

    UN kuusaan boba'aa hospitaalota Gaazaa keessaa sa'aatii 24 booda tajaajiluu akka hin dandeenye akeekkachiisa dabarse.

    "Jeneretaroonni ibsaan badee eeggannoof oolan ni cufamu taanaan, lubbuu dhukkubsattoota kumaatamatti lakka'amanii balaarra buusa," jedhe waajirri deeggarsa namoomaa UN marsariitii isaa gubbaatti.

    Kunis kan dhagahme erga dhaabbileen qarqaarsaa hedduu Gaazaa seenuuf ulaan akka banamu erga gaafatanii booda.

    Dhaabbileen kun boba'aa fi bishaan dabalatee qarqaarsa namoomaa dhiyeessuuf gaaffii dhiyeessan.

    Hakiimni lammummaa Biriteen-Paalastaayin qabuufi dhaabbata tola oolaa Doctors Without Borders'f Gaazaa keessaa hojjetu Gaasaan Abu Sitaa, hojjettoonni hospitaala inni keessatti hojjetuu namoota qarqaaruuf meeshaa gahaa akka hinqabne hime.

  2. Qondaalli UN Gaazaan jireenya malee hafaa jirti jechuun akeekkachiisan

    Eejensiin Biyyoota Gamtoomanii (UN) guddichii Gaazaa keessaa amma qarree kufaatiirratti argama jedhan Komishinarri Olaanaan dhaabbatichaa.

    Hojjattoonni Deeggarsaa Biyyoota Gamtoomanii fi Ejensii Hojiiwwanii (UNRWA) Gaazaa keessatti bu’ureeffatanii turan amma gara Raafaa kan dhiheenya daangaa Masriitti darbaniiru.

    ‘‘Osoo ummanni kumaatamni bakka jireenyaa isaaniitti buqqaafamanii jiraniitti’’ gamoo sanaan alaa hojjataa jiru jedhan Filippi Laazaariinii, UNRWA’tti Komishinarri Olaanaan Baqattoota Filisxeem Dhiheenya Bahaa.

    ‘‘Gaazaan amma hudhamtee jirti, addunyaanis kan namooma dhabde fakkaata,’’ jedhan waajjira muummee Baha Yeruusaalemitti argamurraa.

    "Waa’ee dhimma bishaanii yoo fudhanne, bishaan lubbuu ta’u hundi keenya beekna. Gaazaan garuu bishaanii fi jireenya dhabaa jirti. Dhiheenyattis, haala kanaan nyaanni ykn wallaansi hin jiraatu,’’ jedhan.

    Itti dabaluunis, Gaazaa marsuun ‘‘jumlaan adabuun alatti waan gara biraa mit’’ jedhan.

    "Osoo baayyee hin barfatiin, marfamni kaafamee ejensiiwwan deeggarsaa nagaadhaan dhiyeessii barbaachisan kan akka boba’aa, bishaan, nyaata fi qorichaa haa dhiyeessan. Kanas ammuma barbaadna,’’ jedhan qondaalli kun.

  3. ‘Lolli Israa’el-Gaazaa yoo hammaate naannichaaf sodaachisaadha’ - Ministira Dhimma Alaa Joordaan

    Ministirri Dhimma Alaa Joordaan Ayiman Safadii Filisxeemota Gaazaarraa gara Masriitti geessuun Joordaan biratti “fudhatama hin qabu” jedhan.

    Safadii “uummanni bittimfamuu fi bakka biraatti dabarsuun rakkoo kana hin furu” jechuun, nageenyi lammiilee Gaazaa achuma Gaazaatti akka mirkanaa’u gaafatan.

    Obbo Safadiin namoonni hundi nagaa fi kabajaan akka jiraatan namoonni waliin dhaabbachuu akka qaban kan dubbatan yoo ta’u, addunyaan ajjeechaa lammiilee nagaa Israa’elii fi Filisxeem balaaleffachuu akka qabu dubbatan.

    “Yukireenitti nyaataa fi bishaan dhowwuun yakka waraanaa ta’ee maaliif Gaazaatti garuu yakka waraanaa ta’uu dhabe?” jechuun gaafatan.

    Joordaan, Masrii fi Qaxar dabalatee biyyoota Arabaa biroo waliin ta’uun namoota butaman gara biyyasaanitti deebisuuf hojjataa jirti jedhan.

    Obbo Safadii maanguddoonni fi daa’imman butaman yoom bilisa bahuu akka danda’an yeroo gaafataman, hojiin guddaan duubaan hojjetamaa jira jedhan.

    “Iddoo namoonni butaman itti gadhiifaman waliigaluu qabna, hammeenyi kun dhaabbatee, gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka dandeenyu abdii qabna,” jedhan.

    Walitti bu’iinsi kun gara naannoo bal’aatti tamsa'uu mala jechuunis yaaddoo qaban himan.

  4. ‘Hamaas baduu qaba’- Joo Baayiden

    Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden Hamaas guutummaatti dhabamuu ykn baduu qaba, karaan biyyi Filisxeem hundaa’utti geessu jiraachuu qaba jedhan.

    Baayiden gaaffii fi deebii CBS 60 Minutes waliin taasisaniin, Iraanii fi Hezbollaa waraana kanatti akka hin seennee fi waraanicha akka hin hammeessine akeekkachiisan.

    Lammiilee Ameerikaa butaman, kanneen lubbuun jiran barbaaduu fi “bilisa baasuuf” waan danda’an hunda akka godhan waadaa seenan.

    “Ani bal’inaan ibsuu hin barbaadu garuu irratti hojjachaa jirra,” jedhan.

    Dilbata darbe Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa lammiileen Ameerikaa 13 achi buuteen isaanii dhabamuu mirkaneessee ture.

    Namoonni badan kunneen Hamaasiin ugguraman jedhamee yaadama.

    Itti dabaluudhaan, ''Wanti guddaan gara jabummaa hamaa kana xumuruu fi warra kana raawwatan itti gaafatamoo taasisudha,'' jedhan.

  5. Tamsaasa kallattii keenyaan deebineerra!

    Hordoftoota BBC, gabaasa kallattii lola Israa'eliifi Hamaas jidduutti adeemaa jiru ilaalchisuun isin biraan geenyu amma eegalleera.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee haaraa gama kanaan jiran jala jalaan isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii!

  6. Gabaasa kallattii Dilbataa kanumaan goolabna

    Odeessaalee ganamaa kaasnee isiniif dhiyeessaa turre, gara gadii sololaachisuun (scroll) ilaaluu dandeettu.

    Wiixata ganamaan, waantota haarayaa jiran qabannee walitti deebina.

  7. Hakiima Gaazaa: ‘Humna dhabuun nutti dhagahama'

    Dr Muhammad Gunem jedhama, hakiima wal’aansa yeroo atattamaa umrii ganna 28ti.

    Hospitaala guddaa Gaazaa keessatti argamu Al-Shifa Medical complex keessa hojjata.

    Torban tokko dura Gaazaan haleelamuu erga eegalte akkuma miltoowwan isaa biroo hospitaalichaa bahuu hin dandeenye jedhe.

    “Hojjettoonni hundi gara manasaanitti deebi’anii maatii isaanii ilaaluu barbaadu, garuu namoonni wal’aansa barbaadan heddummachuurra kan ka’e bahuu hin danda’an.

    Namni ollaasaaniirraa hospitaala dhufe jiraachuu adda baafachuuf ambulaansii hunda tokko tokkoon sakatta'aa jiru," jedha.

    Namoota miidhamanii hospitaala seenan keessaa gara %60 dubartoota, daa'immanii fi maanguddoota jedhe.

    Hanqinni meeshaalee yaalaa jira, boba’aan jenereetarootaaf sochoosu har’a dhuma jedhamee eegama jedhe.

    "Kana jechuun baqaqsanii wal’aanuun hin jiru, dhukkubsattootaaf oksijiinii kennuun hin jiru.

    Humna dhabuutu nutti dhagahama, akka waan homaa gochuu hin dandeenyeetti nutti dhaga’ama.”

    Dr Gunem ogummaa fayyaa Aberdeen, Iskootilaanditti barate. Kana malees, umurii isaa guutuu Gaazaa keessa jiraate, kanaaf Gaazaa gadhiisee bahuu hin fedhu jedhe.

    “Gaazaa keessaa ba’uuf daandii barbaadaa hin jirru. Gaazaaf karaa dhiyeessiin meeshaalee wal’aansaa fi gargaarsa namoomaa qaqqabuu barbaanna,” jedhe.

  8. Waraanni Israa’el gaggeessaa Hamaas haleellaa mandara tokkoo qindeesse ajjeesuu ibse

    Waraanni Israa’el ganama har’aa haleellaa raawwateen Bilaal Al Kedra, ajajaa humnoota Nukba magaalaa Kibba Gaazaa Kaan Yunis keessatti ajjeesu ibsite.

    Akka Israa’el jettutti ajjeechaa jumla Sambata darbe hidhattoonni Hamaas tasa Israa’el seenan, Kibba Israa’el ollaa (kibbutz) Nirim jedhamutti qaqqabsiisan Bilaal Al Kedra qindeesse jedhu.

  9. 'Israa’el namoonni nagaa dhukaasa gidduutti akka danqaman hin feetu'- Regev

    Gorsaan olaanaa MM Israa’el Maark Regev, gochi Israa’el tokko tokko yakka waraanaa ta’uu danda’a jechuun qeeqa qaamolee gargaarsa namoomaa kennanii fudhatama dhabsiisan.

    Israa’el ibsaa fi bishaan jiraattota Gaazaa irraa addaan kutteetti.

    Haleellaa boombii Israa’el Gaazaatti raawwatteen namoonni 2,300 ol ajjeefaman.

    Haleellaa Hamaas dhuma torbee darbee baneen Israa’el keessattis lubbuu namoota 1,300 ol dabarse. Israa'el halleellaa qilleensarraa Gaazaatti raawwachuu itti fufteetti.

    Miidhaa Gaazaa keessatti mudate ilaalchisee akkas jedhe: "lakkoofsa isaa Hamaasitu hima, hidhattootaa fi namoota nagaa gidduu garaagarummaan hin jiru."

    BBC'n kaleessa viidiyoo haleellaa namoota nagaa konkolaataan Kaaba Gaazaa baqatan turanirratti raawwatamuu agarsiisu mirkaneeffatera.

    Viidiyoo kanarratti yoo xiqqaate reeffi namoota 12 mul'ateera.

    Anga’oonni Gaazaa haleellaa Israa'elin namoonni ajjeefamuu dubbatu - Regev garuu "Israa'el namoota nagaa- hidhattoota hin taanerratti hin xiyyeeffattu" jedhan.

    Garee hidhataa Hamaas biyyoonni akka UK, US fi biroo shororkeessaatti ramadan.

    Gareen kun Filisxeemonni kaaba Gaazaa keessaa akka hin baqanne jiraattootatti himeera.

  10. Namni nagaa lammii Israa'el naannoo daangaa Libaanoonitti ajjeefame

    Kaaba Israa'elitti misaa'ela Libaanoonirraa dhukaafameen lammiin Israa’el tokko ajjeefame.

    Tajaajilli Yeroo Muddamaa Israa'el akka ibsetti, namni nagaa ykn sivilii tokko yoo ajjeefamu, namoonni nagaa biroonis haleellaa kanaan miidhamaniiru.

    Kaaba Israa'elitti erga torban tokko asitti namoonni nagaan miidhamuun kun kan jalqabaati.

    Gareen Libaanoon Hezbollaa hawaasa Israa’el Shtula irratti haleellaa misaa’elaa eegaluu ibse.

  11. Tola-ooltonni Landan miidhamtoota Gaazaafi Israa'eliif gargaarsa gochaa jiru

  12. Hidhattoonni Hamaas sadii Libaanoonirraa Israa'el seenan ajjeefaman

    Gareen hidhattoota Hamaas Libaanoon keessa maadheffate, miseensonni isaa sadii Sambata ganama Kibba Libaanoonirraa Israa’el osoo seenanii ajjeefamuu mirkaneesse.

    Hamaas akka jedhetti namoonni kunneen “dallaa daangaarratti ijaarame haleelan, akkasuma bakka sakatta’iinsa fi basaasaa” naannoo mandara Kaaba Israa’el Margaliyot jedhamuraatti xiyyeeffatan.

    Hamaas xiyyaaronni Israa'eel hidhattootasaa haleeluu ibse.

    Sambata Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) naannichatti “shororkeessitoota” sadii “haleellaa qilleensarraan” ajjeesuu ibse.

    Daangaa Libaanoon fi Israa’elirratti muddamni guddaan kan jiru yoo ta’u, adda waraanaa biraa ta’uu mala jedhamee sodaatamaa jira.

    Hezbollaa, gareen hidhattoota Libaanoonitti hidhannoo guddaa qabuu fi Waraanni Israa’el guyyoota darban keessa rookkeettii walitti dhukaasaa turan.

    Gareewwan hidhattoota Filisxeem Hamaas fi Islaamik Jihaad guyyoota muraasa darban Israa’el haleelan.

    Ganama har'aa kanallee Waraanni Israa’el naannoo Libaanoon keessatti argamu haleele.

  13. Loltoonni Israa'el haleellaa lafoo dursanii naannoo Gaazaatti walitti qabaman

    Waraanni Israa’el haleellaa lafoo, qilleensaa fi galaanaarraa raawwachuuf karoorfachuu ibse - garuu haleellaan lafoo yoom akka eegalu hin beeknu.

    Sambata waaree booda MM Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuun loltoota haleellaa kanaaf qophaa’an daawwatan.

    Netaaniyaahuun uffannaa rasaasni hin seenne uffatanii, loltoota hidhannoo cimaa qaban kanneen qubsuma Israa'el Sambata darbe hidhattoonni Hamaas haleellaaf irratti xiyyeeffatanitti yeroo haasa’an viidiyoon waraabame agarsiise.

    Haleellaan xiyyaaraa Israa’el halkan edaas itti fufeera.

    "Waanta dhufuuf qophidhaa? Waanti dabalataa amma dhufa," jedhan Netaaniyaahuun.

    Lammiileen Gaazaa miiliyoona tokkoo ol ta’an Kaaba Gaazaa keessaa akka baqatan itti himameera - hedduun isaanii konkolaataa ykn miilaan baqachaa jiru.

  14. 'Hamaas namoonni nagaan akka hin baqanne ittisuu yaalaa jira'- Waraana Israa’el

    Dubbi himaan waraana Israa’el Jonaatan Kornikaas ganama kana ibsa X, duraan Tiwitara jedhamee beekamurratti, kennaniin kana ibsan.

    "Hamaas namoonni nagaan akka Kaaba Gaazaarraa gara kibbaatti hin baqanne dammaqinaan dhorkaa jira" jechuun himatan.

    Kornikaas itti dabaluun gareen kun "lubbuu dhala namaatiif gatii hin kennu’’ jedhan.

    Israa’el lammiileen Filisxeemota Kaaba Gaazaa jiraatan miliyoona 1.1 haleellaa lafoo waraana Israa’el jalaa gara Kibbaatti akka baqatan akeekkachiiftetti.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman konkolaataa ykn miilaan baqachaa jiru. Hamaas lammiileen Filisxeem ajaja kana akka tuffatanii dhiisan itti hime.

    Sana booda Konrikaas konkolaattota Hamaas lama namoota konkolaataan baqatan danqan jedhe suuraa qilleensarraa kaafame agarsiise.

  15. Suuraaleen: Israa'el fi Gaazaa guyyaa Sambataa

    Haalli Israa'el fi Gaazaa guyyaa Sambataa suuraaleen maal fakkaata ture? Muraasni kunooti:

  16. Waraanni Israa’el fi Gaazaa, UK keessattis yaaddoo hammeesse

    Lolli Israa’eli fi Gaazaa gidduutti jabaate addunyaa guutuutti irra deddeebiin himamaa jira.

    Maanchistar - magaalaa uummata Yihudootaa fi Musliimaa baay'een keessa jiraatanidha.

    Magaalaa kana keessatti namoonni waraanichi hiika hawaasa isaaniif qabutu isaan yaaddessa.

    Akkasumas miira walitti dhufeenya gadi fagoo, seenaa waloo fi miidhama kan qaban hawaasni Yihudootaa addunyaarratti xiqqaan miliyoona 16 ta’an, UK keessatti baay’een isaanii namoota Israa’el keessa jiran ni beeku.

    "Jiwishoonni hundi lubbuu tokkorraa dhalatan jennee amanna,'' jedhan Elii Direesner Kibxata darbe Maanchistaritti.

    "Hundi keenya maatiidha, hundi keenya bakka tokkoo dhufne. Yoon isaan beekuu baadhus Jiwishoota biraas yoon argu maatiidha."

    "Israa'el keessatti maatii hundi tajaajila biyyaaf akka kennaniif waamaman nan qaba, namoonni as jiran hundi jechuun ni danda'ama nama qabame ni beeku," jedhan.

  17. Gaazaatti lakkoofsi namoota ajjeeffamanii 2,300 gahe - Ministeera fayyaa

    Baayyinni lakkoofsa namoota Gaazaa keessatti ajjeeffamanii 2,300 ol gahuu aanga’oonni Filisxeem beeksiisan.

    Akka Ministeera Fayyaatti, waliigalatti Filisxeemoonni 2,329 ajjeeffamanii, 9,714 kan ta’an ammoo miidhaan irra gaheera.

    Hidhattoonni Hamaas Israa’el keessa seenuun erga loltootaafi namoota nagaa irratti haleellaa raawwatanii torban tokko darbeera. Haleellaa kanaan Israa’el keessatti namoonni 1,300 ol ajjeefamaniiru.

    Erga yeroo sanaatii as Israa’el ammoo haaloo bahuuf Gaazaa keessatti haleellaa qilleensaa raawwataa kan jirtu yoo ta’u, waraana lafoos akka eegaltu eegama.

  18. US doonii xiyyaarota baatu isa lammaffaa gara naannichaatti ergite - Pentaagan

    Ameerikaan ‘‘tarkaanfiiwwan lolaa Israa’el irratti fudhatamu dhorkuuf’’ jecha doonii xiyyaarota waraanaa baatu lammaffaa gara naannichaatti ergaa jiraachuu Pentaagan ibsa baaseen beeksise.

    Dooniin baattuu-xiyyaaroota waraanaa USS Eisenhower jedhamtu gara Baha galaana Meeditiraaniyanitti ergamu USS Gerald R Ford fi dooniiwwan waraanaa isa waliin duraan naannichatti argamaniif deeggarsa gochuuf jedhame.

  19. Lola Israa’eliifi Hamaas irratti waan haaraan maali?

    Lolli Israa’eliifi Hamaas jidduutti ka’e amma torban bira darbeera. Hanga ammaatti wantoonni beeknu ijoon kunooti:

    • Erga Hamaas Israa’el irratti haleellaa tasaa bane namoonni 1,300 ajjeeffamuun kaan butamanii torban ta’eera.
    • Duula haleellaa haaloo Israa’el qilleensaan Gaazaarratti raawwattuun ammoo, namoonni 2,200 ajjeeffamuu qondaaltoonni Filisxeem himan.
    • Israa’el Filisxeemoonni miiliyoona 1.1 ta’an Kaaba Gaazaa bakka jiraatanii gara kibbaatti akka godaanan itti himte.
    • Ajajni bakka jireenyaasaanii gadi dhiisanii akka bahan jedhu kunis kan kenname, karoora haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti karaa lafoo, galaanaafi samiitiin fudhachuuf jirtuun ta’uu waraanni Israa’el ibseera. Garuu yeroon tarkaanfii kanaa yoom akka ta’e adda hin baafamne.
    • Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa - WHO dhukkubsattoota hospitaala keessaa akka bahan dirqisisuun ‘‘murtee du’aatiin wal qixa ta’a" jedheera.
    • Isa dura, Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Ministira Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanyaahuufi Hoogganaa bulchiinsa Filisxeem Maahummad Abbaas waliin dhimma ta’aa jirurratti marii taasisanii jiru.
  20. Gaggeessitoonni Hamaas Israa'el hirriba dhorkan eenyu fa'i?