Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan haleellaa naannawa Kiiyivitti raawwattu 'haalaan akka hir'istu' himte

Raashiyaan kana kan jette wayita bakka bu'oonni ishii fi Yuukireen Tarkii magaalaa Istaanbuulitti akkaataa waraanicha nagaan xumuruun danda'amu irratti mari'ataa jiraniiti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Jeneraalonni waraanaa Raashiyaa torba Yuukireen keessatti du’uun miidiyaaleen biyyoota Lixaa himan

    Letenaant Jeneraal Yaakoov Rezaantseev hogganoota waraanaa Sanbata kaleessaa ajjeefaman jedhaman keessaa sadarkaa olaanaa kan qabu dha, akka Ministeera Ittisaa Yuukireen jedhutti.

    Loltoonni Raashiyaa hamilee gadi-bu’aa qabaachuun qondaalota waraanaa gameeyyiin kuni gara sarara fuulduraa dhaqanii akka lolan godhe.

    Sababni du’a qondaalota kunneen loltoota baraaruuf jecha gara sarara fuulduraa waraanaatti siquu tahuu mala jedha xiinxalaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar.

    Qajeelfamni Waraanaa Raashiyaa loltoonni sadarkaa gad-aanaarra jiran ajajni yoo isaaniif kenname malee homaa akka hin goone dhorka.

    Qondaalli waraanaa Biriitiish sooroma bahan duuti jeneraalota kunneenii, ‘’duulli waraanaa caasaa ajaja waraanaa Raashiyaa salphisu adeemsifamuu agarsiisa,’’ jedhan.

  2. Raashiyaan haleellaa Yuukireen keessatti taasiftu itti fuftee jirti

    Ministeerri Ittisaa UK waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti odeeffannoo wayitaawaa kenneen:

    ·Humnooti Raashiyaa Yuukireen keessaatti iddoowwan irratti qiyyaafatan haleeluu itti fufaniiru, kunis iddoowwan namoonni nagaa baay’inaan qubatanii jiran ni dabalata.

    ·Raashiyaa xiyyaaronni waraanaashee Yuukireeniin akka hin haleelamneef jecha daangaa qilleensaa Raashiyaa irraa akka darbataman gochaa jirti

    ·Akka Ameerikaan jettutti meeshaaleen waraanaa Raashiyaa kunneen harka 60 waan hin milkoofneef, biyyattiin misaa’eliiwwan badaa wal-xaxoo hin taane fayyadamuu jalqabdeetti.

    Humni Waraanaa Yuukireen waraana kanarratti odeeffannoo wayitaawaa baaseen immoo:

    ·Raashiyaan ammallee magaala baha biyyattii Maariyuupool keessatti namoota nagaafi bu’uuraalee misoomaa waraanaa haleeluu itti fufteetti.

    ·Magaalaa guddoo Yuukireen Kiyiiv haleeluunis akkuma itti fufetti jira. Magaalota gurguddoo hin taane keessattis haleellaan jira.

    ·Humnoonni waraanaa biyyoota ollaa kanneen akka Beelaaruus, Raashiyaa deeggaran naannolee Bireest Miniisk fi Giroodnoo keessatti shaakalaa waraanaa adeemsisaa jiru.

  3. Ashamaa!, Deebineerra!

    Gabaasa kallattii Dilbataa keenya asirraa eegala.

    Armaan gaditti gabaasaalee guyyoota darbanii argachuu dandeessu.

    Mammaaksa kanaan haa eegallu!

  4. Lakkoofsi lammiilee Yukireen daangaa cehuun Polaand seenan hir'achuu eegale

    Lakkoofsi lammiilee Yukireen waraana baqatanii Polaand galan guyyoota dhiyeenyaan asitti hir'achaa dhufuu qaamni daangaa Polaand to'atu 'Polish Border Guard' hime.

    Jimaatarra lakkoofsi namoota daangaa cehanii 30,500 kan ture oggaa tahu, kunis guyyaa dura turerraa %6.4n kan hir'atedha.

    Hanga Sambata ganamaatti ammoo namoonni 6,100 cehaniiru, kunis kan Jimaataa yeroo walfakkaaturraa %11n xiqqaata.

    Erga waraanichi eegale namoonni miiliyoona 2.2 baqatanii Polaand galuu ejansichi Twitter gubbaatti barreesseera.

    Kanneen daangaa ceyanii Polaand seenan gariin gara biyya biraa godaananiiru. Haatahu malee Yunivarsiitii Warsaw'tti ogeessi godaansaa Prof Maciej Duszczyk, baqattoonni miiliyoona 1.2-1.3 tahan ammallee biyyattii keessa akka jiran tilmaamu.

    Gama kaaniin ammoo, erga waraanichi jalaqabe as namoonni 300,000 caalan karaa Polaandiin Yukireen seenaniiru.

  5. Tarsimoon weeraraa Raashiyaa ‘fashalaa’eera’- Xiinxalaa

    Raashiyaan waraana Yuukireen ilaalchistee tooftaa fi tarsimoon qopheeffatte kufeera, kanaafuu waraanni ishee kana booda waan itti aanu irratti murtee dabarsuu qabu jechuun xiinxalaan humna waraanaa gameessi tokko BBCtti hime.

    Yuuniversitii St Andrews jedhamutti waa’ee tarsiImoo kan qo’atu Pirofeesar Phillips O’Brien, biyyoonni alaa waraana Raashiyaa fi Yuukireen taajjabaa turan, waraanicharratti olaantummaa Raashiyaa eegaa turan.

    Kun dandeettii waraanaa Raashiyaa irratti ‘’hubannoo dogoggoraa’’ irraa kan maddeedha jedha xiinxalaan kun.

    Akkasuma ammoo dandeettiin Yuukireen tuffatameera jedhe.

    Yuukireen garuu erga bara 2014 Raashiyaan Kiraaymiyaa irraa fottoqfattee waraanatti qophaa’aa turte.

    ‘’Bulchiinsa abbaa irree Raashiyaa’’ jalatti harka kennattee buluuf qophii hin turre jedha Pirofeesar O’Brien.

    "Amma yeroo Raashiyaan waan itti aanu murteeffatuudha. Waraanicha hammeessuu yookiin ammoo qabbaneessuun murtoo isaaniiti,’’ jedhe xiinxalaan kun.

    Waraanicha qabbaneessuun hunda fayyada, gara waliigalteetti geessa, ‘’isaan garuu kana gochuuf qophii hin fakkaatan,’’ jechuun haala Raashiyaa ibse.

    Raashiyaan waraanicha hammeessuuf akka jalqabaatti loltootashee ijaartee as deebi’uu, yookiin ammoo carraashee isa dhumaa meeshaalee waraanaa keemikaalaa, baayoloojikaalaa fi niwukilaraa fayyadamuudha qabdi.

    "Kanaan alatti haalli isaan amma keessa jiran waan kaayyoosaanii milkeessu miti.’’

  6. Zeleniskii: 'Galaanichi isaaniif tasgabbaa'aa hin tahu - abiddatu isaan mudata'

    Halkan halkan gama Facebook'n dhiyaachuun haasawa kan taasisu Pireezidantiin Yukireen Volodimir Zelenskii, biyyisaanii humna weerartuu Raashiyaa ''akkaan haleelte,'' jedhan.

    ''Torban dabre keessa gootonni humnoonni keenya, nyaapha irratti haleellaa cimaa irraan gahaniiru. Kanaanis akkaan miidhaman,'' jedhe.

    Loltoonni Raashiyaa 16,000 du'aniiru wayita jedhan, Rashiyaan garuu kan na jalaa du'an loltoota 1,351 jette.

    Dabaluunis ''Ministirri Ittisaa Raashiyaa bakka wayiitti dhabameera jedhamaa jira,'' jedhe Zelensikiin. Ministira Ittisaa Raashiyaa kan tahan Segei Shoigu uummata fuulduratti erga mul'atanii bubbulaniiru. Gabaasaaleen akka jedhanitti yeroo dhumaaf kan mul'atan Bitootessa 11 ture.

    Tahus garuu Aabba Shoigu'n torban lamaaf dhabamanii erga turan booda, sekondii muraasaaf guyyaa Kamisaa mul'ataniiru. Innis walgahii Putiin ministiroota wajjiin gaggeessan irratti ture.

    ''Humnoonni keenya weerartootaaf bishaanichi tasgabbaa'aa akka hin taane itti agarsiisuu isaanitti gammachuun qaba... Abiddatu isaan mudata.''

    ''Tarkaanfii Raashiyaa danquun, humnoonni keenya hooggansa Raashiyaa yaada salphaafi sirrii tahetti agarsiisaniiru: mariin barbaachisaadha. Marii sirrii fi hatattamaa. Akkasumas kan haqa-qabeessa tahe....''

    Pireezidaantichi dabaluun, dararamni magaalaa Mariupol keessaa hammaachaa jira jechuun, jiraattonni kumaatamatti lakka'aman nyaata, bishaan fi tajaajila qilleensa to'achuun alatti rakkachaa jiru jedhan.

    ''Haalli magaalattii keessa jiru haalaan gaddisiisaadha. Waraanni Raashiyaa qarqaarsi namoomaa akka galu hin eeyyaman.''

  7. Wantoonni haarayaa jiran maal fa'i?

    Dhimmoonni ijoon waraana kana keessatti dhiyeenya tahan isaan armaan gadiiti:

    • Raashiyaan gulantaan waraanaa inni jalqabaa xumurameera jette. Amma xiyyeeffannoon koo ''walabummaa guutuu'' baha Naannoo Doonbaasitti taheera jette.
    • Anga'oonni Lixaa, kuni tarsiimoo Moskoon waraanaan dura qopheessite kufuusaa agarsiisa jedhan.
    • Ministeerri Ittisaa UK akka jedhetti, Raashiyaan magaalota Yukireen meeshaa waraanaa ciccimoon haleeluu itti fufti jedhan. Kanas kan gootu badii hamaa irra gahaa jiru, hambisuufi.
    • Pireezidantiin Yukireen Volodimir Zelenskii: ''haleellaan ciccimoo Raashiyaarra geessisne tarkaanfii isaanii gara fuulduraa danqeera,'' jechuun, haga ammaatti loltoonni Raashiyaa 16,000 ol tahan ajjeefamaniiru jedhan.
    • Haa tahu malee, Ministeerri Ittisaa Raashiyaa yeroo lammeessoof miidhaa waraanarra gahe ifa godheera - kanaanis loltoonni Raashiyaa 1,351 ajjeefamuu hime. Kunis lakkoofsa Yukireen fi warri Lixaa kennaniin garmalee addadha.
    • Pentaagon akka jedhutti, humnoonni Yukireen magaalaa gama kibbaan jirtu Kherson fudhachuu malu. Magaalaan kun jalqabbii waraana kanatti magaalota humnoonni Raashiyaa to'atan keessaa ishee tokko.
    • Bulchaan Firaans Imaanu'el Maakroon waan jedhan ammoo: Firaans, Giriis, fi Tarkiin lammiilee nagaa magaalaa marfamtee jirtu Mariupol keessaa baasuuf waliin hojjechaa akka jiran himan. Kanas Puutiin wajjiin irratti haasofna jedhan. Zelenskiin ammoo haalli namoomaa magaalattii keessa jiru haalaan hammaateera jedhe.
    • Vilaadmiir Puutiin, 'oduu sobaa' waa'ee hojii aanga'oota biyyattii biyyoota alaa jiranii dabarsuu yakka taasisuun mallattoon raggaasaniiru. Kunis ganna 15 adabsiisa.
  8. Yuukireen keessatti haleellaan hopitaalotaa guyyuu dabaluun akka isa yaaddesse WHO'n hime

  9. Ya deebine!

    Gabaasi kallattii keenya kan guyyaa Sambataa asirraa eegala.

    Kanaa gaditti odeessaalee gaggabaaboo guyyoota dabran argachuu dandeessu.

  10. Gabaasa kallattii guyyaa Jimaataa kanumaan obbaasna

    Hordoftoota, gabaasni kallattii keenya guyyaa JImaataa asumarratti goolabameera.

    Boru ganama odeessaalee biraatiin hanga walitti deebinuutti nagaan bulaa.

    Odeessaalee asiin duraa bakkuma tokkotti asiin gadi argattu.

    Halkan nagaa!

  11. Waraana Kaaba Itoophiyaa: IGAD murtee dhukaasa dhaabu simate

    Qaamni Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) mootummaan Itoophiyaa gargaarsi danqaa tokko malee kanneen rakkoo keessa jiraniif akka qaqqabu gochuuf tarkaanfii dhukaasa dhaabuu inni fudhate akka jajjabeessu ibse.

    Barreessaa Olaanaan dhaabichaa Worqinaa Gabayyahu (PhD), murtee walfakkaataa naannoon Tigraay fudhates miira gaarii simataniiru.

    Dr Warqinaan dabaluun, hawaasni idil-addunyaa qarqaarsi namoomaa si'aayinaan bakka barbaadamutti akka qaqqabuuf tumsa akka godhan waamicha dhiyeessan.

    Qaamoleen waraana kana keessaa qooda qabanis, nageenya waarawaa fiduuf maloota jiran hundatti akka dhimma bahan gaafatan. Kanneen keessaayis: marii biyyaalessaa, waajira Dura Taa'aa Gamtaa Afrikaa fi hooggansa IGAD jalatti tahuu mala jedhan.

  12. Baqattuun Yukireen maaraatoonii Jarusaaleem mo'atte

    Dubartiin lammii Yukireen intalashee kan waggaa 11 waliin gara Israa'eeliitti baqattee, maaraatoonii Jarusaaleem mo'ate.

    Atileel Vaaleentynyaa Veretskaa maaraatoonii dubartootaa sa'aatii 2:45:54 xumuruun injifatte.

    Veretskaa kan umuruun waggaa 31, osoo Israa'eel hin deemiin dura gara Poolaand qaxxaamuruun weerara Raashiyaan biyyashee irratti raawwatteen baqate.

    Garuu ammoo akka qopheessitoota dorgommichaatti, abbaan warraa ishee hanga ammaatti achuma Yukireen keessatti tajaajila irratti argama.

    Veretskaan lammiilee Yukireen dorgommiicha irratti Magaalaa Durii Jarusaalem keessatti hirmaatan 40 keessaa tokko yoo taatu, isaanis roobaafi qorra keessa fiigan.

    Israa'eel Yukireenoota deeggaruuf gargaarsa namoomaa ergitee jirti. Garuu ammoo deeggarsa waraanaa dhiyeessu ykn qoqqobbii Raashiyaarra kaa'ame deeggaruuf diddee jirti.

  13. Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi UKn murtee dhukaasa dhaabu jajjabeessan, tumsa goona jedhan

  14. Ministirri Geejibaa UK baqattoota Yukireen dhuunfaatti nan simadha jedhan

    Ministirri Geejibaa UK Giraant Shaapps, maatii baqattootaa Yukireen manasaaniitti simachuuf qophii tahuu himan.

    ''Anga'aa tokko wajjin, akkasumas maatii Yukireen garana dhufuun nu wajjiin jiraachuuf jedhan wajjiin qunnamaan jira. Waan qabatamaa lafarra jirus kallattiin dhagahaan jira,'' jechuun qondaalli kun Sky News'tti himan.

    ''Uummanni Biriteen waa isaaniif godhaa jiruuf guddoo galateeffachaa jiru.''

    Mootummaan UK dhiyeenya kana sagantaa 'Homes for Ukraine' jedhamu jalqabsiiseera. Kunis namoonni UK keessaa baqattoota Yukireen beekan, garuu maatiis tahe fira asii hinqabne kan ittiin simatanidha.

    Kana malees lammiilee Yukireen maatii dhiyoo yookan fira UK keessaa qabaniif ammoo, sagantaa viizaa addaa beeksiseera.

    UKn rakkoo baqattootaa kanaaf deebiin kennite, biyyoota Awurooppaa kaan wajjiin walbira qabamee yoo madaalamu harkifataa fi guddaas miti jedhamee qeeqama.

    Adeemsi viizaa argachuu UK haalaan kan harkifatuufi baqattoonnis anga'oota to'annoo daangaan, sanada gahaa qabachuu dhabuun deebifamuun isaanii gabaafameera.

  15. Pireezidantiin duraanii Medveedev, qoqqobbiin Raashiyaa hin miidhu jedhan

    Yeroo ammaa gorsaa itti aanaa dhimma nageenya biyyaalessaa kan ta’an, pireezidantiin duraanii Raashiyaa Dimitirii Medveedev qoqqobbiin warra Lixaa homaa Raashiyaa hin miidhu jedhan.

    Dhiibbaan warra Lixaa diinagdee Raashiyaa fi mootummaashee huba jedhanii yaaduun ‘’gowwummaadha’’ jechuun ibsan.

    Warri lixaa tuujaarota Puutiin waliin michummaa qaban irratti qiyyaafachuun Raashiyaa qoqqobuu itti fufaniiru.

    Garuu qoqqobbii kanaan mootummaarra rakkoon ga’u tokkollee hin jiru jechuun cichanii falmu qondaalli gameessi kun.

    Xiinxaltoonni ammoo tuujaarota Raashiyaa qoqqobuun bulchiinsa Puutiin irratti dhiibbaa guddaa uuma jedhu.

    Sababni ammoo namoonni biizinasii kunneen miidhamnaan Puutiin tarsimoosaa akka jijjiiru dhiibbaa uumuutti deemu jedhan.

    Tuujaarotaa fi jiruu isaanii qorachuun kan beekamtu pirofeesarri Sooshiyooloojii Biruuk Hariingitan "tujaaronni Raashiyaa lammiilee biyyattii kaan caalaa dhiibbaa waraanni kun biyyattiirratti qabu Puutiin waliin dubbatu. Dhiibbaa alaa dhufuun daran kan hubaman tuujaarotaa fi maatiisaaniiti,’’ jette.

  16. Misaa'elota Raashiyaa sadarkaa olaanaan kufaatiin mudataa jira - gabaasa

    Misaa'elootni Raashiyaa hanga dhibbeentaa 60 kufaatiin mudachaa akka jiru qondaalonni Ameerikaa maqaan hin dhaahamne lamaa ol himu gabaasni Rooyitars mul'ise.

    Kufaatiiwwan kunneen sirnaan dhukaasuu dadhabuu fi wanta irratti qiyyaafatame irratti dhohuu dhabuu akka ta'u himame.

    Dhibbeentaan kufaatii eerame qaama biraan kan mirkanaa'e ta'uu baatus, sababa Raashiyaan weerara Yuukireen ji'a tokko guute keessatti olaantummaa ishii itti fufsiisuuf rakkataa jirtuuf ta'uu danda'a.

    Akka US jettutti Raashiyaan erga waraana kana eegalte misaa'eloota 1,100 dhukaafteetti. Kana keessa meeqa akka qiyyaafannaa isaanii argatanii fi meeqa akka sirnaan dhukaafaman hin himne.

    Raashiyaan gabaasa Rooyitars kanaaf deebii hin kennine.

  17. 'Biyyoonni Awurooppaa weerara Raashiyaa dhaabsisuuf barfataniiru' - Zeleniiskii

  18. Raashiyaan kafaltii gurgurtaa boba'aa Biitkooyiniin fudhachuu akka maltu himte

    Raashiyaan biyyoota tokko tokkorraa gurgurtaa boba'aa fi gaaziif kafaltii Biitikooyiniin fudhachuu akka dandeessu aanga'aan olaanaa biyyattii himan.

    Paaveel Zavaalnii biyyoonni "michuu" maallaqa ofii isaaniin akka kafalan hayyamamuufi akka danda'us dubbatan.

    Koree mootummaa Raashiyaa anniisaa irratti hojjetu kan hogganan aanga'aan kun Chaayinaa fi Tarkiin biyyoota qoqqobbiin Raashiyaa irratti dhiibbaa gochuurratti hin hirmaanne jechuun maqaa dhahan.

    Torban kana keessa Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin biyyoonni "michoota hin taane" gaazii maallaqa Raashiyaa Rabiliin akka bitan akka fedhu dubbatee ture.

    Murteen kun maallaqa Raashiyaa gatiin isaa bara kana dhibbeentaa 20n gadi bu'e jabeessuuf akka ta'e amanama.

    Raashiyaan addunyaarraa biyya gaazii uumamaa baay'inaan al-ergitu tokkoffaa yoo taatu, boba'aa dhiyeessuun ammoo lammaffaadha.

  19. Deebine!

    Gabaasi kallattii keenya kan Jimaataa asirraa eegala.

    Kanaa gaditti odeessaalee gaggabaaboo kaleessaa argattuu dandeessu.

  20. Gabaasa kallattii guyyaa Kamisaa kanumaan obbaasna

    Hordoftoota, gabaasni kallattii keenya guyyaa Kamisaa asumarratti goolabameera.

    Boru ganama odeessaalee biraatiin hanga walitti deebinuutti nagaan bulaa.

    Odeessaalee asiin duraa bakkuma tokkotti asiin gadi argattu.

    Halkan nagaa!