Nagaan bulaa!
Gabaasa kallattii keenya kan Kibxataa yeroof asumarratti goolabnee, bor walitti dachaana.
Nagaan bulaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan kana kan jette wayita bakka bu'oonni ishii fi Yuukireen Tarkii magaalaa Istaanbuulitti akkaataa waraanicha nagaan xumuruun danda'amu irratti mari'ataa jiraniiti.
Gabaasa kallattii keenya kan Kibxataa yeroof asumarratti goolabnee, bor walitti dachaana.
Nagaan bulaa!
Raashiyaan erga Yuukireen weerarteen as nagaa buusuuf ‘’waan qabatamaan,’’ raawwatte hin arginee jedhan, Ministiri Hajaa Alaa Ameerikaa Antoonni Biliinken.
Biliinken yaada kana kan kennan Raashiyaa fi Yuukireen marii nagaa Kibxataa har’aa Tarkiitti taasisaniin booda dha. Marii kanaan booda Moskoon magaalawwan Kiyiiv fi Chernihiiv keessatti haleellaa haalaan akka hir’istu himte. ‘’Kunis wal-amantaa jabeessuufi,’’ jetteetti.
Tarkiin mariin biyyootni lameen taasisan jijjiirama isa guddaa jedhamu kan fidedha jette.
Biliinken garuu jechaa fi gochi Raashiyaa wal-hin arguu, Ameerikaan immoo gocha ilaaltii jedhan.
Dabaluunis Raashiyaan battaluma kana weerara dhaabuun humnootashee baasuu qabdi jedhan.
Biriiteenis gama isheetiin, humnooti Raashiyaa guutummaatti Yukreenii akka bahan feeti. Ministirri mummee UK, Booriis Jonsan dhimma kana tarkaanfii nagaa buusuuf taasifamuun malee jechaan hin madaalluu jedhan
Dubbii himaan ministira mummee kanaa, naannoo Kiyaav haleellaan kan hir’ate, ‘’humnooti Yukreen milkaa’inaan ofirraa qolachaa waan jiraniifi malee Maariyupuul keessatti akkuma jiruun itti fufeera,’’ jedhan.
Kantiibaan magaalaa Cheernihiivis Raashiyaan Kiyiiv fi naannolee kaabaa Cheernihiiv keessatti dhugumaan haleellaa dhaabuuf kaayyoo qabaachuu waan yeroo waliin arginu taha jedhaniiru.
Marii torban lama booda qondaalonni Raashiyaa fi Yuukireen fuulletti wal-arganii Tarkii Istaanbuulitti mari'ataniin fooyya'iinsi amma dura hin argamne mul'achuu Tarkiin himte.
Waraanichi xumura argatuu akka qabu cimsanii kan hubachiisan ministirri haajaa alaa Tarkii Mevlut Cavusoglu, biyyoonni lamaan dhimmoota tokko tokko irratti wal-hubannaarra gahaniiru jedhan.
Dhimmoonni ulfaatoon gara fuulduraatti irratti mari'atama jedhan.
Yuukireen wabii nageenyaa kan argattu yoo ta'e haal-duree ijoo 'biyya michooma waraannaarraa walabaa' ta'uu Raashiyaan dhiyeessite akka fudhattu beeksifteetti.
Biyya michooma waraanaarraa walaba jechuun biyya kam waliinuu michooma waraanaa hin tolfattu, waraanni biyya kamiituu Yuukireen keessaa buufata akka qabaattu hin hayyamtu jechuudha.
Raashiyaan gama ishiin wal-amantaa uumuuf jecha sochii waraanaa naannawa magaalaa Kiyiiv fi Charniiv haalaan akka xiqqeessitu ifa gooteetti.
Mariin biyyoota lamaanii bu'aa argamsiisuu eegaluu isaatiin Awirooppaa keessatti gamanumaan gabaan fooyyee agarsiisuu eegaleera. Gatiin boba'aas dhibbeentaa 6n hir'iseera.
Gabaasaaleen abbaan qabeenyaa lammii Raashiyaa Romaan Abraamovich marii nagaarratti summaa'uunsaa hin ollee jedhu qaamaa waraana odeeffannooti jetti Raashiyaan.
Raashiyaan Abraamovich marii nagaa jalqaba baatii kanaarratti akka summaa'eetti shakkiin odeeffamuu dhugaarraa kan fagaate jechuu maddi oduu Rooyitarsi gabaase.
Itti dabaluunis odeessi akkasii kun qaamaa ''waraana odeeffannootti'' jechuu gabaase.
Akkasumas Kireemliin Abraamovichi maricha irratti suuraa kaafamuun mul'atulleen garuu miseensa qondaaltoota Raashiyaa gara Tarkiitti ergamanii miti jette.
Raashiyaan haleellaa naannawa magaalaa gudditti Yuukireen Kiyiivitti raawwattu 'haalaan akka hir'istu' beeksifte.
Oduun kun wayita bakka bu'oonni Raashiyaa fi Yuukireen Tarkii magaalaa Istaanbuulitti akkaataa waraanicha nagaan xumuruun danda'amu irratti mari'ataa jiraniiti dhagaahame.
Minitirri Itti-aanaa Ittisaa Raashiyaa Aleeksaandar Foomiin Raashiyaan sochii waraanaa naannawa magaalota Kiyiiv fi Charniiv 'haalaan ni hir'sti' jedhan.
Raashiyaan takaanfii kana kan fudhattuuf "wal-amantaan biyyoota lamaan jidduutti akka dabaluu" fi mariin godhamaa jiru milkaa'ee galma isa dhumaa" kan ta'e biyyoota lamaan jidduu waliigalteen mallattaa'e akka jiraatu jedhan Aleeksaandar Foomiin jechuun maddi oduu Raashiyaa Ria Novosti gabaaseera.
Pireezidantiin Tarkii Reseep Taayiip Erdohaan mariin hoogganoota olaanoo Raashiyaafi Yukireen gidduutti Tarkii magaalaa Istaanbulitti gaggeeffamu bu'aa buusuu qabaa jedhan.
Erdohaan pireezidant Zeleniskiin Yukireeniifi pireezidant Putiin kan Raashiyaa ''michoota barbaachisoodha'' jedhan walgahiin hooggantoota biyyoota lameen eegaluu dursanii.
Milkaa'inni marii alanaa pireezidantootni lameen akka wal-arganii mariyatan carraa bana jedhanii, Tarkiin marii sanis akka keessumeessitu dubbatan.
Erdohaan bakka buutota biyyoota lameeniinuu yaaddoo fudhatama qabu harkaa qabdu ittiin jedhaniiru.
Garuu ammoo mariin ''bu'aa qabatamaa'' fiduu haala feesisurra gahamuu itti himaniiru.
Nagaa haqa qabeessa ta'e keessa kan injifatamu akka hin jirreeffi waraana itti fufuun eenyuunuu akka hin fayyadne dubbatan.
Atattamaan waraanni akka dhaabatu gaafatanii, waraanicha dhaabuun dhimma biyyoota lamaanii ta'uu ibsan.
Bakka bu'oonni biyyoota wal waraanaa jiran, Raashiyaafi Yukireen dhukaasa dhaabuu irratti mari'achuuf Istaanbul galan. Kana dabalee taateewwan ijoo kunooti:
Guyyaa guutuu yoo nu hordoftan ammoo odeessaalee ijoo jala buunee isin biraan geenya.
Hordoftoota BBC Afaan Oromoo kun odeessaalee keenya Kibxata karaa kallattiin isin biraan geenyu amma jalqabneerra.
Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa fi biyya keessaa ni argattu.
Olmaa gaarii qabaadhaa!
Waraanni Raashiyaan irratti adeemsisaa jirtu hanga yoonaa doolaara biliyoona 564.9 akka ishee baasise Yuukireen himte.
Kunis barbadaa’uu bu’uuraalee misoomaa, guddinni diinagdee dhaabachuufi sababoota biroo dabalata jedhan ministirrii diinagdee Yuukireen.
Lolli kuni daandii km8000 kan barbadeesse yoo tahu, manni iskuweer meetirii miiliyoona 10 tahus badeera jedhan Yuuliyaa Isviiriideenkoo ergaa miidiyaa hawaasaa irratti katabaniin.
Raashiyaan kaayyoo waraana Yuukireen laaffisuu jedhuun biyyattii irratti ‘’oppireeshinii waraanaa addaa adeemsisaa jirti.’’
Yuukreenii fi michooti ishee biyyoota Lixaa, Raashiyaan weerara taasisaa jirtuuf sababa kennaa jirtuu dha jedhan.
Naayijeeriyaatti konkolaataan boba'aa fe'ee ture tokko magaalaa Leegoos keessatti dhohee yoo xinnaate namoota jaha ajjeesseera.
Qondaaltonni biyyattii akka jedhaniitti, konkolaataan boba'aa fe'ee ture tokko konkolaataa biraa walii erga walitti bu'ee booda ibidda ka'een lamaanu ibiddichaan barbadaa'aniiru.
Akkasumas namoota balaa guyyaa Dilbataa qaqqabeen gubanii du'an keessaa tokkoo konkolaachisaa motaraa ta'un himame.
Naayijeeriyaatti balaa konkolaataa lubbuu namotaa galaafatu irra deddeebiin mudachuun alatti, bara dhiheenya kana keessa ammoo dhohiinsi konkolaataa boba'aa fa'anii mudataa jira.
Balaan konkootaa biyyattii keessatti qaqqabus irra caalaan daandiiwwan gaarii ta'u dhabuu, seerawwan tiraafikaa kabajuu dhabuufi konkolaattonni haalaan kan suphaman ta'u dhabuun kan wal qabate akka ta'e himama.
Yukireen lammiilee nagaa magaaloota marfaman keessatti argaman baasuuf daandiiwwan namoomaa saaquuf karoorri hin jiru jedhan Ittanaan Ministira Muummee biyyatti.
Iryaanaa Veereshichuk, murteen kunis sababii gabaasaaleen tikaa Raashiyaan ''daandiirratti haleellaa'' raawwachu akka dandeessuu waan akeekkachiisaniif jedhan.
Daandiiwwan nagaa kunneenis karaa Maarupool, Sumii fi magaalootaa akkasumas ollaawwan magaalaa guddoo Kiiyiiv ala bakka ammaan tana humnootii Raashiyaatiin marfaman ykn marfamuuf jiran banamee ture.
Haata'u malee, haleellaawwan humnootiin Raashiyaan raawwatan yaalii kanaan dura magaaloota marfaman kaan keessaa namoota nagaa baasuu taasifamaa ture danqee ture.
Humnootiin Motummaa Sudaan Kibbaa mana jireenyaa pirezidaantii ittaanaa Riik Maachaar kan magaalaa guddoo Jubaa keessaa marsuun gabaafame.
Aab Maachaar garuu mana keessa jiraachuufi dhiisuun hin baramne.
Taateen kunis erga hogganaan garee hidhattootaa naannooleefi hoggantoonni idil-addunyaa waraanaa akka haaraatti eegalamee dhaabsiisaniif gaafateen guyyaa tokkoon booda.
Waraanichis bulchiinsawwan 'Upper Nile' kan bakka buufata isaa cimaatti ilaalamuutti gaggeeffamaa jira.
Walitti bu'iinsi loltoota Sudaan Kibbaa fi humnoota Maachariif amanamoo ta'aniifi bakka baayyee jiraachuun himamu jidduutti erga eegalee torbanoota lakkoofsiiseera. Kunis waliigaltee nagaa isaafi Pirezidaanti Saalvaa Kiir jidduu galamee ture akka hin diigneef sodaatame.
Motummaa hanga ammaatti dhimma loltoonni isaa mana jireenyaa Maachaar marsuu kana ilaalchisee kan jedhe hin jiru.
Waraana cimaa gara waggoota jahaatiif gaggeefamee ture dhaabuudhaaf waliigalten nagaa bara 2018tti mallatteefames haala karoorfamee osoo hojiirra hin oolfamiin harkifateera.
Hordooftootaa gabaasa keenya kallatti kan Wiixata har'aa kunoo amma eegaleerra.
Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa ulaa kanaan ni hargattu.
Guyyaa gaarii qabaadhaa!
Waraanni Raashiyaadhaan Yukireen keessatti gaggeeffamee bu'uuraalee misoomaa biyyattii qofaarraan badii doolaara biiliyoona 63tti tilmaamamu qaqabsiise, akka timaama Manni Barnoota Diinagdee Keeyivetti.
Akka tilmaama dhiibbaa diinagdee waraanni Raashiyaan biyyattiirratti Guraandhala 24 saaqixee kanaatti, yoo xinnaatee manneen jireenyaa 4,431 barbadaa'an, diigaman ykn to'atamaniiru.
Kana malees warshaalee 92 fi manneen barnootaa 378 haaluma walfakkaatuu barbadaa'aaniiru jedha.
Buufataalee madda anniisaa torba dabalatee, buufataalee xiyyaaraa 12's akkasuuma barbadaa'aan ykn miidhaa irra gahee ykn to'atamaniiru.
Dabalataanis badiin manneen barbootaa irra qaqabee doolaara biliyoona 3.5tti kan tilmaamamu ta'u kanaan dura maxxanfamu eeree jira.
Humnootiin Waraanaa Yukireen haleellaawwan shan kan humnoti Raashiyaa naannoolee Donetsk fi Luhaansk keessatti raawwatan qollachu odeeffannoo haaraa guyyuu keessatti hime.
Odeessaalee ijoon humnootii Yukireeniin jedhamanis:
Haata'u malee odeeffannoo kana BBCn madda walabaa irraa mirkaneeffachu hin dandeenye.
Akka Tajaajilli Oduu Raashiyaa gabaasetti, naannoon Kibba Baha Yuukireen Rippaabliika Uummattoota Luhaanisk jechuun of waamtu Raashiyaadhaan deeggaramti.
Riifarandamii adeemsisuun Raashiyaatti makamuu dandeessi kan jedhan immoo hogganaa garee foxxoquu leellisanii Liyooniid Paazechiniik dha.
Baatii Guraandhalaa keessa pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin naannolee Kibba-Baha Yuukireen lamaan (Doneetiskii fi Lohaanisk) jedhamaniif walabummaa isaaniif beekamtii kennanii turan.
Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin biyyootni Lixaa xiyyaarota waraanaa, taankiiwwan fi meeshaalee misaa'ela ittiin qolatan akka dhiyeessaniif gaafatan.
Ergaa viidiyoo Sanbata halkan dabarsaniin meeshaaleen waraanaa kunneen kan silaa Awurooppaa keessatti bilisummaa ittiin tiksuuf ooluu qaban, akkanumaan iddoo kuufamanii taa'anitti dhukkee dhugaa jiru jedhan.
Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa qawween rukutamanii kufuu hin danda'an jechuun komatan.
"Nato'n maal gochaa jira? Raashiyaadhaan hogganamaa? Maal eegaa jiru? Guyyoota 31 ta'eera. Kan nuti gaafachaa jirru waan Nato'n qabu keessaa dhibbeenta 1 qofa, sanaa ol miti," jechuun dubbatan.
Ministirri Muummee Isloovaakiyaa Eduwaard Heeger biyyi isaa kuusaa sirna ittisa misaa'elaa Sooviyeetiin tolfame S-300 jedhamu qabdu kan bakka buufamuuf yoo ta'e, Yuukireeniif erguuf qophii ta'uu BBCf mirkaneessaniiru.
Joo Baayidan "Rabbii jedhaatii, namni kun aangoorra turuu hin qabu" jechuun waa'ee Vilaadimiir Puutiin dubbachuun booda Waayit Haawus Ameerikaan fedhii mootummaa Raashiyaa jijjiiruu hin qabdu jechuun ibsa baase.
Baayidan kana kan jedhan Sanbata Poolaand Waarsawutti yoo ta'u, Waayit Haawus ibsa battalatti baaseen kun yaamicha jijjiirama mootummaa osoo hin taane, Puutiin olloota isaarratti humna/aangoo isaa shaakaluun hayyamamuufi akka hin qabne dubbachuufi jedhe.
Dubbiin Baayidan kun Puutiin irratti dhiibbaa uumuun ittuu akka jabaatu taasissa sodaa jedhu uumeera.
Kallattiin jijjiirama mootummaa fiduuf yaamicha godhuun tasgabbii dhabiinsa uumuu danda'a akkasumas bu'aan isaa maal akka ta'e tilmaamuun ni rakkisa jedha gabaasaan Kaaba Ameerikaa BBC Antoonii Zarkar.