'Maashinii waraanaa Raashiyaa dhaabuuf' Zeleniskiin US tumsa gaafatan

Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ammallee irra deebiin daangaan qilleensaa Yukireen balaliirraa akka dhorkamu miseensota Kongirasii US gaafatan. Dabalataan, qoqqobbiin Raashiyaarratti akka jabaatus gaafataniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dargaggoonni fedha isaaniin Yukireeniif loluun fedhaan duulan maal jedhu?

  2. Amma nu gahe, Haleellaa Raashiyaan buufata waraanaarratti raawwateen sagal ajjeefaman - bulchaa

    Ambulaansoni buufaticha yeroo seenanii bahan mul’ateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchaan naannoo Liviiv Yukireen kan ta’an Maksym Kozytsky haleellaa buufata waraanaarratti raawwateen namoonni sagal ajjeefamanii 57 immoo madaa’uu himan.

    Ibsa kennan irratti ibidda buufata waraanaatti ka’e dhaamsuuf hojjetamaa akka jiru himan.

    Akka qondaala kanaatti Raashiyaan buufata waraanaa Yaavoriv irratti rokkeettii 30 ol dhukaafte.

    Ambulaansoni buufaticha yeroo seenanii bahan mul’ateera.

  3. Wiirtuun leenjii waraanaa Liviiv xiyyaaraan haleelamuu qondaalli Yukireen himan

    Wiirtuun leenjii loltummaa Lixa Yukireen, magaalaa Liviiv keessatti argamu Yavoriiv jedhamu xiyyaara Raashiyaan haleelamuu aanga'oonni Yukireen himan.

    Qondaalli waraanaa Liviiv akka jedhanitti, humnoonni Raashiyaan xiyyaaran haleeluufi misaayiloota saddeet giddugaleessa ‘International Peacekeeping and Security’ jedhamutti dhukaasan.

    Giddugaleessi kun mandara Yavorik jedhamtu Kaaba-Dhiha Liviivitti kan argamu yoo ta’u,dirree leenjii waraana ture.

    Haleellicha hordofuun aarri guddaan mul’achuu gabaafameera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  4. Gadaamiin Ortodokisii Yukireen umrii jaarraan lakka'amu qabu haleellaa boombii Raashiyaatiin miidhame

    Ukrainian Orthodox Church

    Madda suuraa, Ukrainian Orthodox Church

    Gadaamiin Ortodoksii Yukireen umrii jaarraan lakkaa’mu qabu Baha Yukireenitti hanga xiqqoof kallattiin boombiidhaan haleelamuurra hafullee, garmalee miidhamuu isaa ibsi manni amantaa Orotodoksii biyyattii baase mul’iseera.

    Bitootessa 12 , 2022 haleellaa boombii xiyyaaraan Dooneski riqicha Isviyatohiriskii jedhamu biratti dho’e foddaawwan Gadaamii kanaa guutummaatti sadarkaa jedhamuun caccabsuun, gamoowwan naannichatti argaman heddu miidheera.

    Monokseewwan dabalatee namoonni hedduun achii keessatti dhoqatan madaa’uun gara hospitaalaa geeffamaniiru.

    Lubbuun namaa darbuun garuu hin gabaafamne.

    Gadaamicha jalatti namoonni 520 tti baqatanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa 200 kan ta’an daa’imman ta’uusaanii gaazi=exaan biyyattii intarneetirratti maxxanfamu beeksiseera.

  5. Moldoovaa: Dhimma baqattoota Yukireeniin gargaarsa gaafatte

    Baqattoonni Yukireen gara Moldoovaa yaa'utti jiru

    Madda suuraa, EPA

    Baqattoonni Yukireen gara Moldoovaa baqachuu itti fufaniiru.

    Kunis bulchaan biyyattii baqattoota itti baay’atan simachuuf gargaarsi idil-addunyaa akka taasifamuuf akka gaafatan taasiseera.

    ‘‘Yeroo ammaa namoonni 270,000 ol daangaa keenya seenaniiru,’’ jedhan Ministirri Muummee Moldoovaa Natalia Gavrilița BBC’tti yeroo dubbatan.

    ‘’Ummanni 100,000 ol ta’u asuma turuu filatani – yeroodhaaf. Biyya akka Moldoovaaf lakkoofsi kuni guddaadha.’’

    Biyyi Moldoovaa ummata miiliyoona 2.5 qabdu Yukireeniifi Romaaniyaa gidduu argamti. Biyya Awurooppaa diinagdeen laaftedhas.

    Lakkoofsi baqattoota Yukireen biyyattii jiran lakkoofsi ummata biyyattii 4% akka guddatu taasiseera.

    Aadde Naataaliyaan baqattoota Yukireen kumaan lakkaa’amaniifi guyyuu dhufan lammiileen biyyattii gargaaraa akka jiran himan.

    ‘’Dhiibbaa waraanni kuni diinagdeerratti fidu nu yaaddessa. Keessumaa biyya akka Moldoovaa Awurooppaa keessaa hiyyeettii taate hubaa jira,’’ jedhan.

    ‘’Dhugumatti deeggarsa alaa barbaanna.’’

    Moldoovaan bakka bultiifi soorata baqattootaaf dhiheessaa jirti

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Nagaa bultanii?

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo dhimma waraana Raashiyaafi Yukireen itti fufe isin biraan gaha.

    Nagaan oolaa.