Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Maashinii waraanaa Raashiyaa dhaabuuf' Zeleniskiin US tumsa gaafatan
Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ammallee irra deebiin daangaan qilleensaa Yukireen balaliirraa akka dhorkamu miseensota Kongirasii US gaafatan. Dabalataan, qoqqobbiin Raashiyaarratti akka jabaatus gaafataniiru.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Gaaritti bulaa!
Qubee ''Z'' fi waraana Raashiyaa maaltu walitti fide?
Akkuma waraanni Raashiyaa - Yukireen eegaleen keessumaa meeshaalee waraanaa Raashiyaarratti qubeen irra - deddeebbiin mul'atu tokko jira ture.
Qubeen kuni garuu maali? Maal jechuudha? Akkamiin waraana Raashiyaa waliin walqabate?
Raashiyaan gargaarsa waraanaa akka nuuf gootuuf Chaayinaan hin gaafanne jette
Yaada kana jalqaba kan dubbatan qondaaltota US turan.
Qondaaltonni US Raashiyaan Chaayinaatiin gama waraanaafi dinagdee gargaarsa akka isheef gootu gaafatte jedhan.
Dubbii Himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskoov Raashiyaan deeggarsa meeshaa waraanaa Chaayinaatiin hin gaafanne jedhan.
- US Chaayinaan Raashiyaa akka hin gargaarre akeekkachiste
Dabaluunis, Raashiyaan ‘’humna oppireeshinii addaa Yukireen keessa taasistu itti fufuu dandeessu qabdi,’’ jechuun dubbatan.
Raashiyaan Yukireen weeraruu hin dubbattu, oppireeshinii waraanaa gaggeessaa jiraachuu himti.
Karoorri Raashiyaan Yukireen keessa qabatte yeroo kennamefitti xumurama jedhan qondaalli kun.
- Weeraramuun Yukireen Chaayinaatti maaliif qormaata jabaa ta'e?
Gama biraatiin ammoo dubbii Ameerikaan Raashiyaan gargaarsaaf Chaayinaa gaafatte jedhu Chaayinaan oduu dharaati jette.
Mariin gaggeeffamaa jiraatulleen Raashiyaan Keyiv keessatti haleellaa raawwatte
Mariin nagaa buusuu Raashiyaafi Yukireen gidduutti gaggeeffamaa jiraatulleen Raashiyaa magaalaa guddoo Yukireen Kiyeev irratti haleellaa qilleensaa raawwatte.
Haleellaa gamoo mana jireenyaa irratti raawwatame kanaanis yoo xinnaate namni tokko ajjeefameera.
Kana malees, namoonni biraa sadi ammoo miidhaa cimaan irra gahuun sadii hospitaala yoo geeffaman, kaan sagal ammoo bakkuma gamoo haleellaa irratti raawwatameetti wallaansa argataniiru.
Kana malees, walumaa galatti jiraattoonni 78 lubbuu baraartootaan akka gamicha keessaa bahan taasifamuun gabaafameera.
Haleellaan kun Wiixata har’aa gara barii wayita loltoonni Raashiyaa magaalaa guddoo Yukireeniitti dhiyaachaa jiraniitti rawwatame.
Doneesk keessatti 20 ajjeefamuu Ministeerri Ittisaa Raashiyaa hime
Ganama har’aa haleellaan misaa’elii naannoo Yukireen Doneesk jedhamutti dhagahamaa ture.
Raayyaan Ittisaa Raashiyaa namoonni 20 ajjeefamanii sagal immoo madaa’uu hime.
BBC’n dhimma kana qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.
Akka Rooyitars gabaasetti haleellaan kuni badaafi lammiilee nagaa kan galaafatedha jechuun mootummaan Raashiyaa himeera.
Dabalataan, '‘gooftoliin Yukireen waraana yukireenitti ajaja kennaa waan jiran fakkaata,’’ jechuunis ibse.
Baha Yukireenitti kan argamtu Doneesk bara 2014 eegalee bakka hidhattoonni waraana Yukireen lolaa turanidha.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin waraana dhaabuuf yaada dhiheessan keessaa tokko naannichi walabummaa akka argatu kan jedhudha.
HR 6600 wixinee seeraa 'waraana dhaabumoo kan Itoophiyaanota miidhu'?
Akkaan lolaa jirra, garuu ‘Waraana Addunyaa Sadaffaa’ dhaabsisuuuf gargaarsa barbaanna - Yukreen
Yukreen biyyootni Lixaa gargaarsa waraanaa akka taasisaniif irra deddeebiin gaafatteetti. Ministirri Hajaa Alaa biyyattii Diimitroo Kuleebillee gaaffiima kana irra deebi’an.
‘’Yukreen milkaa’inaan loltee ofirraa deebisti,’’ jedhan, ‘’garuu gargaarsa keessan barbaanna. Meeshaa waraanaa barbaachisaa tahe hunda nuu kennaa,’’ jedhan.
‘’Raashiyaa irratti qoqqobbiiwwan jajjaboo irra kaa’uun, qofaatti hambisaa. Yukreen Puutiin akka kuffistuufi, waraana dabalataa akka hambistu gargaaraa,’’ jedhan.
Mootummoonni biyyoota Lixaa gariin waraana kanarratti hirmaachuun dubbii itti abaasa jedhanii sodaatu.
Dallansuu lammiilee Afrikaa Kibbaa fi sodaa lammiilee biyyoota biraa
Namoonni miiliyoona 1.75 Yukreen irraa Poolaanditti baqatan
Waraannii erga jalqabee namoonni miiliyoona 1.75 tahan Yukreen irraa gara Poolaanditti baqatan jedhe Ejansiin Eegumsa Daangaa Poolaand.
Baqattoonni hundi yeroo ammaa Poolaand jiru jedhamee hin yaadamu kan jedhan immoo Yunivarsiitii Waarsaw’ttideeggaraa qorannoo kan tahan Maasiyeek Daaskaaziiki,baqattoonni miiliyoona tokko tahan Poolaand jiraataniille, kaan garuu gara biyyoota birootti deemaniiru jedhan.
Gaafa Dilbataa namoonn 82, 100 daangaa qaxxaamuruu Ejansiin Eegumsa Daangaa Tiwiitar irratti barreesseera.
Wiixata ganama immoo namoonni 18,400 daangaa ce’aa jiru.
Waraanni Yukireen xiyyaarota Raashiyaa afur guyyaa tokkotti kuffisuu gabaase
Waraanni Yukireen gabaasa isaa guyyuu keessatti sa'aa 24 darbe xiyyaarota waraanaa afur, hilikooptaroota sadii, fi diroonniiwwan hedduu kan Raashiyaa kuffisuu beeksie.
Itti dabaluunis haleellaan jajjabaa buufataalee waraanaa Raashiyaafi man-kuusaalee isaaniirratti raawwachuun sirna dhiyeessii deeggarsaa jalaa gufachiisaa akka jiru hime.
Humnoonni Raashiyaa Yukireen keessatti lafa haaraa akka hin toa'nneefi kanuma amma dura qabatanitti daangeffamanii jiraachuunis gabaafameera.
Humnoonni Raashiyaa manneen jireenyaa, bu'uuraalee misoomaa hawaasaa, bakkeewwan sagadaa fi kaanis haleeluun buufata irraa haleellaa haaraa raawwatan godhachaa jiru jedha waraanni Yukireen.
Hamileen loltoota Raashiyaa gadi bu'ee ajaja hooggantoota isaanii fudhachaa hin jiranis jedheera.
Odeeffannooleen waraanni Yukireen dabarse kun hagam dhugaa akka ta'e BBC ofiin hin qulqulleeffanne.
Embasiin US lammiileen isaa Yukireenii atattamaan akka bahan waamicha godhe
Embasiin Ameerikaa Yukireenitti argamu lammiileen isaa biyyattii keessaa atattamaan akka bahan waamicha godhe. Haleellaan Raashiyaa haala nageenyaa biyyattii akkaan jeeqamaa fi tilmaamuuf kan rakkisu godheera jedhe.
Lammiileen ammallee biyyattii keessaa bahuutti jiran, daandiileen ittiin bahan kaan kan namni itti heddummatu, kaan kan waraanni irratti gaggeeffamu, gariin ammoo bu'urri misoomaa akka riqichaa kan caccabe waan ta'eef eeggannoon akka ta'u akeekkachiise embasichi.
Waajirri haajaa alaa lakkoofsa lammiilee US ammallee dhimma dhuunfaan Yukireen jiran hangam akka ta'an akka adda hin baafanne beeksisee ture.
Gaazexessaan lammii US Yukireen keessatti ajjeefame
Gaazexessaan lammii US Yukireen keessaa hojjechaa ture dhiyeenya magaalaa Kiyeev magaala xiqqoo Irpiin jedhamtu keessatti itti dhukaafamee ajjeefamuu Poolisiin biyyattii mirkaneesse.
Bireent Renuud kan ganna 50 gaazexessaafi ogeessa fiilmii badhaasallee injifate yeroo ta'u, itti qiyyaafatamee ajjjeefame jedhan hoogganaan Poolisii Kiyeev Andiriit Neebitoov.
Gaazexessitootni lama isa waliin imalarra turan ammoo madaahanii hospitaala galuu hoogganaan Poolisii kun himaniiru.
Gaazexessaan kun New York Times'f hojjeta jedhamee waraqaan eenyummaa isaa miidiyaalee hawaasaarra naanna'aa jiraatus, dhaabbatichi garuu erga bara 2015 nuuf hin hojjenne jedhaniiru.
Waraqaan eenyummaa mul'achaa jirus kan waggoota dura kennameefi jedhan hoogganoonni dhaabbatichaa. Garuu ammoo du'a isaatti hedduu gadduu ibsan.
Gaazexessitoota Bireent waliin turan keessaa tokko rasaasaan morma irra dhahamuu miidiyaaleetti himeera.
Chaayinaan yoo Raashiyaa gargaarte 'gatii baasti' jette Ameerikaan
Nagaatti bulaa.
Tamsaasi Kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa kanumaan xumurame.
Wiixata ganama walitti deebina.
Odeeffannoowwan kanneen, kaan isin affeerre:
- Dargaggoonni Yukireeniif loluuf fedhaan duulan maal jedhu?
- Waraanni Yukireen akkamiin xumura argachuu danda'a?
- Vilaadimiir Puutin yakka waraanaatiin himatamuu danda'uu?
- Meeshaaleen waraanaa biyyoonni Lixaa Yukireeniif kennan jijjirama fide qabaa?
- Waraanni adeemaa jiru addunyaa interneetiin ala gochuuf jiraa?
Raashiyaatti kanneen waraana mormuuf bahan hidhaa bu'an
Kanneen keessaa gaazexeessitoonni lakkoofsaan 13 ta’an hidhamuuu hin oolle jedhameera.
‘’Sababa hidhaniif hin dubbanne,’‘ jechuun gaazexeessaa Andireey Okuun Telegiraama gubbaa barreesse.
Kuni tarii kanneen mormiif bahan gabaasa miidiyaa akka hin arganneef yaadaniiti ta’a jechuun hime.
Gama kaaniin mormiin waraanaa biyyoota addunyaa garagaraatti taasifameera.
Raashiyaattimmoo mormituun Aleeksi Naavaalnii namoonni Pirezidant Putiin fi weerara Yukireen mormuun akka dura dhaabatan waamicha taasise.
Kana hordofee kanneen mormiif addabaabayii Manezhnaya'tti bahan akka mul’atu kanaan marseera.
Guyyoota sadii keessatti kantiibaan lammataa ‘Raashiyaan butame’ - Yukireen
Mootummaa Yukireen waraanni Raashiyaa iddoo haaraa qabatanitti kantiibaa magaalaa butan jedhanii himatan.
Ministirri Dhimma Alaa Yuukireen Dimitroo Kulebaa tiwitara gubbaatti Raashiyaan ‘’tooftaa shororka uumutti gargaaramaa jirti’’ jechuun himatan.
Qondaalli kuni Kantiibaan Yeven Matveeyev jedhaman magaalaa Diniprorudinitti qabamuu himan.
Kanaan dura Raashiyaan kantiibaa duraanii Melitoopol erga butuun ibsamee booda kantiibaa haaraa muudusaanitu dhaga’ame.
Pirezedantiin Yukireen Zeleniskiin Raashiyaan ‘rippabilika sobaa’’hundeessuudhaan Yukireen addaan qoodufi tattafaa jirti jedhanii himataniiru.
Baqattootni Yukireen UK'tti mana dureessota Raashiyaa boqotu jedhame
Manneen kuni dureessota dhihoo mootummaan UK qoqqobbii irra kaa’un qabeenya isaanii akka hin sochoofne dhorkedha.
Baqattootni kunneen kanneen waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante baqachuun dhufanidha jedhameera.
Dhimma kana BBC’f kan himan Ministira Manneeniifi Hawaasummaa UK Mikaa’el Govedha.
Evartan baqattoota Yukireeniif dolaara kuma 300 ol arjoomuufi
Kibaliin Ingilizii Everatan sababa waraaa Raashiyaan lammiilee Yukireen baqatan gargaaruuf dolaara kuma 300 ol akka gumaachu beeksise.
Kilabichi dhihoo waliigaltee dhaabbilee Raashiyaa waliin qabu haqeera.
Kanneen keessaa dhaabbanni USM Holdings jedhamuufi lafa leenjii kilabichaa ispoonsara godhe tokkodha.
Taphataan lammii Yukireen Vitaalii Mykolenko (mirgarra kan mul'atu) waamicha deeggarsaa kana ni deeggara.
Amma nu gahe, Lakkoofsi namoota haleellaa buufata waraanaan du’anii 35 gahe
Haleellaa Raashiyaan buufata waraanaa Lixa Yukireen argamuurratti raawwatteen 35 du’anii 134 madaa’uu bulchaan naannoo Liviiv himan.