Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Maashinii waraanaa Raashiyaa dhaabuuf' Zeleniskiin US tumsa gaafatan

Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ammallee irra deebiin daangaan qilleensaa Yukireen balaliirraa akka dhorkamu miseensota Kongirasii US gaafatan. Dabalataan, qoqqobbiin Raashiyaarratti akka jabaatus gaafataniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan qorataa hawaa US gara dacheetti deebisuuf waliigalte

  2. Seneetiin Ameerikaa pireezidant Putiin yakka waaraanaa raawwatan jedhee labse

    Seenetiin US pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiiniin nama yakka waraanaa raawwatee jechuun labse.

    Seeneetiin Ameerikaa sagalee mormii tokko malee Putiiniin yakkamaa waraanaa erga jedhee booda Manni Murtii yakkaa idila addunyaa Za Heeg Putiiniin akka qoratu gaafate.

    Hoogganaan Seeneetii warra Dimookraatotaa Chaak Shuumer sagaleen kun kennamuu dura haasaa Kibxata taasisaniin Putiin dhumaatii Yukireen irratti gaafatamaa ta'uu qaba jedhan.

    Senaatarri warra Rippaablikaanotaa Liindseey Girahaam hojiin isaanii itti aanu qodaaltota UK waliin ta'uun yakka hooganoonni waraanaa

    ''Maqaa dhayanii qaanessuun ni eegala'' jedhan.

  3. Gabaasa Kallattii

    Ashamaa!

    Gabaasa kallattii ta'iiwwan haaraa waraana Raashiyaa-Yukireen dhiyeessututti deebineerra.

    Ta'iiwwan ijoo fuula kana gubbaarraa argattu.

  4. Gaaritti bulaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo waa'ee waraana Raashiyaafi Yukireen isin biraan gahaa ture har'aaf xumurame.

    Roobii ganama walitti deebina.

    Halkan gaarii.

  5. Erga weerara Raashiyaa daa’imman 97 du’an – Zeleniskii

    Miseensota Paarlaamaa Kaanaadaatti kan dubbatan Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin erga weerarri Raashiyaa eegale daa’imman dhibbatti siqan du’uu himan.

    Akka ibsa pirezidantichaatti magaalaan Kibba biyyattii Maaripuul tajaajila kominikeeshinii malee hafteetti, nyaatis dhumaa jira jedhan.

  6. Gaazexeessituun Raashiyaa waraana mormite adabamte

  7. Ogeessi kaameeraa miidiyaa Fox haleellaa Kiivin du’e

    Ogeessi kaameeraaPierre Zakrzewski magaalaa Kiiv ala gabaasaa ture ajjeefamuu miidiyaan US kuni ibseera.

    Hiriyyaan isaa biroo Benjaamin Hool jedhamummoo miidhamee lubbuun hafeera.

    Balaan kuni haleellaa gama Lixa Kiiv konkolaataa isaaniirratti raawwateen akka mudate hoogganaan olaanaa Fox News Suzaan Sikoot ibsaniiru.

    Piyeereen lafa waraanaa Iraaq, Afgaanistaan akkasumas Sooriyaa dhaqee gabaasuu himan.

    ‘’Jaalallifi kaka’umsi akka gaazexeessaatti qabu dorgomaa hin qabu,’’ jedhan.

    Gaazexeessaan UK Benjaamin Hool ammallee yaalarra jira.

    Kana dura gaafa Dilbataa gaazexeessaafi ogeessi kaameeraa lammii US Brent Renaud Yukireenitti ajjeefamee ture.

    Gaazexeessitoonni gadda isaanii ibsaa jiru.

  8. Amma nu gahe, Pirezidantiin US Joo Baayidan Raashiyaa akka hin seenne dhorkaman

    Raashiyaan Pirezidantii US Joo Baayidanirratti qoqqobbii kaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii himan.

    Qoqqobbiin ka’ame Ministira Dhimma Alaa US Antonii Biliinkan, Ministira Ittisaa Looyid Oostin, Gorsaa nageenya biyyaalessaa Jeek Sulivaaniifi ajajaa basaasaa CIA Wiiliyaam Barnisidha

    Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa akka ibsetti qondaaltonni Ameerikaa kunneen Raashiyaa akka hin seenne dhorkamaniiru.

    Akka ministeerichaatti qoqqobbii kanaan kaan kan irratti xiyyeeffatame jiru.

    Kunis qoqqobbii Ameerikaan gooteef deebii ta’u ministeerichi ibse.

    Tarkaanfiin kuni ‘’deebii imaammata jibba olaanaa Raashiyaa bulchiinsi US amma aangoorra jiru hordofuuf kennamedha,’’ jedha ibsi bahe.

    Ameerikaan dhihoo qoqobbii keesseen namoota afuriifi dhaabbata tokkorratti xiyyeeffatte.

    Namoonni kuni akkaataa ajjeechaa Sargeeyi Maagnitiskii dhoksuu gargaaruun yookiin sarbama mirga namoomaa falmaa mirgaa Oyub Titiyeevin walqabata jette.

    Ministeerri Maallaqaa US qoqqobbii kana Pirezidantii Belaarus Aleekisaandar Lukaashenkoo fi haadha warraa isaaniis akka itti dabalu ibse.

  9. Amma nu gahe, Gaazexeessituun Raashiyaa mormii goote mana murtii dhihaatte

    Hojjettuun TV biyyaalessaa Raashiyaa sagantaa oduurratti mormii agarsiiste mana murtii Ostaankinoo magaalaa Moskoo argamutti dhihaatteetti.

    Maarinaa Ovisyaanikovaan ‘’sagantaa eeyyama hin arganne qindeessuun’’ himatamte.

    Himannaan kuni adabbii hanga maallaqa biyyattii ruubilii 30,000 (paawundii 200), tajaajila hawaasummaa kennuu yookiin guyyoota 10’f hidhaa bu’uu dandeessisa.

    Himannaan kuni Maarinaan seera haaraa Raashiyaa ‘’waa’ee humna waraanaa Raashiyaa oduu sobaa tamsaasuu’’ jedhuun akka hin himatamne akeeka.

    Duratti abukaatoonni ishee argaashee dhabne jechuu isaanii gabaasnee turre.

  10. Mormiin farra-waraanaa ‘amala badaadha’ - Kiremiliin

    Wanti ediitarri miidiyaa biyyaalessaa Raashiyaa raawwatte ‘’amala badaadha’’ jechuun mootummaan Raashiyaa qeeqe.

    Maarinaa Ovisyaanikovaa gaafa Wiixataa ture yeroo oduun darbaa jiru mallattoo waraana mormu kan agarsiiste.

    ‘’Waraana dhiisaa, olola hin amaniinaa, isin sobaa jiru,’’ jedha barreeffamni isheen qabattee dhaabatte.

    Dubbii Himaan Pirezidant Vilaadimir Putiin miidiyaa Raashiyaa Intarfaaksin waabeeffaman; ‘’waa;ee dubartii kanaa, wanti raawwate amala badaadha.’’

    ‘’Dhaabbati Tv, kanneen hoogganan dhimmicha ilaalaa jiru. Kuni ajandaa keenya miti.’’

    • Waa'ee gaazexeessituu kanaa maal beekna?
  11. Humnoonni Raashiyaa naannoo Kibba Kheersoon to'atan

    Dubbi-himaan humna ittisaa Raashiyaa, Yukireen keessatti humnoonni isaanii naannoo Kibba Kheersoon guutummaatti to'achuu himan.

    BBCn ibsa humna ittisaa Raashiyaa kana ofiin mirkaneeffachuu hin dandeenye.

    Tajaajilli oduu Raashiyaa Interfax-AVN dubbii himaa waraanichaa Igoor Konashenkoov waabeffatee akka gabaasetti, naannoon harka humnoota Yukireen ture amma guutummaatti harka humnoota Raashiyaa galeera.

    Amma dura jiraattotni naannichaa qubannaa Raashiyaa mormuun hiriira bahaa turan.

  12. Ameerikaan gaaffii beekamtii argachuu Somaaliilaand kuffiste

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa gaaffii beekamtii argachuu Somaaliilaand kuffise.

    Rippaabliikiin Somaaliilaand bulchiinsa Somaaliyaarraa foxxoqxee bulchiinsa ofii qabaattus, dhaabotaa fi biyyoota addunyaarraa beekamtii hin arganne.

    Pireezidant Musee Bihii Abdii Ameerikaatti dhaquun akka biyyaatti beekamtii akka argatniif hawaasa addunyaa gaafatan.

    Somaaliilaand waggaa 30 dura ture Somaaliyaa irraa kan foxxoqxe. Haa tahu Gamtaa Afrikaadhaanis tahe Mootummoota Gamtoomaniin beekamtii hin arganne.

    Pireezidant Bihiin mariin Somaaliyaa wajjiin tokko tahuuf waggaa 10f geggeefamaa ture homaa bu’aa hin buusne jedhan.

    ‘’Somaaliilaand carraa argame hunda fayyadamtee beekamtii hawaasa addunyaa argachuu feeti.

    ‘’Hawaasni addunyaa gaaffii beekamtii argachuu keenya deeggaruuf itti gaafatamummaa hawaasummaa qaba,’’ jedhan.

    Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa pireezidanticha waliin kan mari’ate,’’ imaammata Somaaliyaa tokko,’’ jedhu bu’uura godhachuuni qofa ture jedhe.

    Bara 1991 Somaaliyaa irraa foxxoquun booda, Somaaliilaand akkuma biyya tokkootti hojjechaa hirti. Paaspoortii, maallaqa, alaabaa, mootummaa fi waraana qabdi.

  13. Jalqaba Caamsaarratti waraanni ni xumurama - Gorsaa Yukireen

    Gorsaan Motummaa Yukireen jalqaba baatii Caamsaa irratti waraanni ni xumurama jechuunsaanii gabaafame.

    Gorsaan motummaa Yukireen Oleksii Arestovich akka jedhaniitti yoo xinnaate jalqaba baatii Caamsaatti Raashiyaan biyya ollaashee haleeluuf qabeenyaa ni fixatti.

    ''Akkan yaaduutti Caamsaa bira hin darbe, sirriyyuu jalqaba Caamsaatti waliigaltee nagaa ni taasifna,'' jedhan Oleksiy Arestovich Wiixata kaleessaa.

    Baatiiwwan itti aanan lama keessatti wanta mudachuu malanis tarreessaniiru.

    ''Looltoonniifi wanti hundinuu biyyattii keessaa akka bahaniif mariin nagaa torban lama keessatti ariifataan gaggeeffamuun looltoonniifi wanti hundinuu biyyattii keessaa akka bahaniif ykn ammoo yoo ture walakkeessa ykn dhuma Eblaatti waliigalteerra gahamuu qabaata,'' jedhan.

    Peentaagoon kanaan dura Raashiyaan lammiilee Siriiyaa waraana Yukireen irratti hirmaachisuuf mindeessaa jedhee ture, garuu ammoo kuni madda walabaa irraa hin mirkanoofne.

    Gorsaan mootummaa Yukireen kunis marii Yukireeniifi Raashiyaa jidduutti gaggeeffamu irratti ofiin hin hirmaanne.

  14. Haleellaa qilleensaa gamoowwan jireenyaa Kiyeev irratti raawwateen namootni lama du'an

    Tajaajilli yeroo balaa Yukireen haleellaa xiyyaaraa humnoonni Raashiyaa gamoo jireenyaa namoota nagaarratti raawwataniin namootni lama ajjeefamaniiru jedhe.

    Haleellaa qilleensaa magaalaa Kiyeev keessatti raawwatame kanaan namootni 35 baraaramuus ibseera.

    Halkan edaa haleellaawwan qilleensaa hedduun gamoowwan jireenyaa namoota nagaarratti xiyyeefatan raawwatamaniiru. Buufatni baaburaa lafa jalaa rukutameera.

  15. Marii US fi Chaayinaa Room irratti Chaayinaan 'hunduu of haa qusatu' jette

    Dippiloomatii olaanaan Chaayinaa qaamoleen waraanatti jiran lamaanuu of qusachuu qabu jedhan, marii qondaala olaanaa US waliin Wiixata Roomitti gaggeessan irratti.

    ''Qaamoleen hunduu eeggannoo olaanaa gochuu qabu, namoota nagaaf eeggachuu, rakkoo namoomaa hamaa hanqisuu,'' jedhan Yaang Jiyeechi.

    Chaayinaan mariin nagaa buusuu akka milkaahu tattaafachaa akka jirtu fi ''hawaasni idil-addunyaas haalichi atattamaan akka tasgabbaa'u dhiibbaa haa godhan,'' jedhan,

    Itti dabaluunis yaaddoon haqa qabeessi qaamolee hundaa hubatamuufi qaba jedhaniiru.

    Mariin qondaalota US fi Chaayinaa Room kun kan gaggeeffame Chaayinaan Raashiyaa deeggaraa jirti yaadni jedhu dhagahamaa wayita jirutti.

    Beejing yaada kana oduu kijibaa jechuun fudhatama dhabsiifteetti.

    Chaayinaan hanga ammaa gocha Raashiyaatii weerara jettee hin balaaleffanne. Faallaa kanaan walabummaa Yukireen deeggaruun koo hin raafamu ibsa jedhu kenniteetti.

  16. Putiin bara kolonii dhuguma loltoota Afrikaa waraana leenjisaniiruu?

  17. Xiyyaarri dhuunfaa Abraamovich Mooskoo qubatte

    Jeettiin dureessa Raashiyaa fi abbaa qabeenya kilaba kubbaa miilaa Cheelsii Rooman Abraamoviich Mooskoo qubachuu dhaabbileen balaliiwwan xiyyaaraa to'atan beeksisan.

    Jeettiin dhuunfaa dureessa kanaa Israa'eel magaalaa Teelaaviiv irraa kaatee Tarkii hanga ta'e boqottee gara Mooskoo imaluu FlightRadar24 agarsiiseera.

    Lammummaa Israa'eel fi Portugaalis kan qaban Abramooviich buufata xiyyaaraa Tel Aviiv Been Gurion jedhamutti mul'achuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Dureessi UK keessa qabeenya hedduu qaban kun bulchiinsa Vilaadmiir Puutiin waliin hidhata qabu jedhamuun qoqqobbiin irra kaahamera, kilaba isaanii milkaahaa ta'e Cheelsiis gurguruutti jiru.

    Abraamooviich Putiin waliin hidhata akka hin qabne dubbatu.

  18. Heelikooptaroonni Raashiyaa afur lafaan dhahaniiru- Humna Waraanaa Yukreen

    Raashiyaan erga Yukreen weerarte guyyaa 20ffaa qabachuuf deema.

    Humni Waraanaa Yukreen oolmaa waraanaa guyyuun dhiyeessu ganama kanas itti fufeera.

    • Humnooti Raashiyaa injifannoo daangaa Yukreen irratti argatan tursiisuu irratti xiyyeeffachuun gara fuulduraatti deemaa hin jiran.
    • Haa tahu malee Raashiyaan haleellaa misaayelaafi boombii bu’uuraalee misoomaa ijoo tahanirratti geessisuu itti fufteetti.
    • Loltoonni Raashiyaa bu’uuraalee fayyaa daangaa isaan qabatan keessa jiran miseensota isaanii madaa’an yaaluuf itti fayyadamaa turan.
    • Heelikooptara afur, xiyyaara tokko, misaayeelli Raashiyaa humnoota Yukreeniin haleelamaniiru.
    • Yukreen yaalii Raashiyaan magaalaa falmisiistuu qarqara galaanaa jirtu Maariyuupool qabachuuf taasifte ofirraa qolatteetti. Isa booda gama Raashiyaan yaaliin naannoo Galaana Gurraacha qabachuuf taasifamu hin mul’anne.
    • Hamilee fi xiin-sammuun loltoota Raashiyaa gadi-bu’eetu jira. Sababiinsaas loltoonni gamanumaa ajaja fudhachuu didaa jiru.

    BBCn dhugummaa odeeffannoo kanaa addatti hin mirkaneeffanne.

  19. Ragaan haaraa waliigaltee malaammaltummaa abbaa qabeenyaa Cheelsii saaxile

  20. Yooyyaa!

    Gabaasa kallattii BBC Afaan Oromoo dhimma waraana Raashiyaafi Yukireen irratti jala jalaan isin biraan geenyuun walitti deebineerra.

    Dhiyaadhaa - Nagaan oolaa.