Nagaan bulaa!
Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo waa'ee waraana raashiyaafi Yukireen adeemsifamaa jiru isin biraan geenye kanumaan xumurama.
Kamisa boruu ganamaan walitti deebina.
Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ammallee irra deebiin daangaan qilleensaa Yukireen balaliirraa akka dhorkamu miseensota Kongirasii US gaafatan. Dabalataan, qoqqobbiin Raashiyaarratti akka jabaatus gaafataniiru.
Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo waa'ee waraana raashiyaafi Yukireen adeemsifamaa jiru isin biraan geenye kanumaan xumurama.
Kamisa boruu ganamaan walitti deebina.

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Gaanaafi Dura Taa’aan Gamtaan Dinagdee Biyyoota Afrikaa Lixaa ECOWAS fonqolcha waraanaa dabale bifa idil-addunyaa qaba jedhaniiru.
Nana Akufo-Addo ‘’biyyoonni alaa muraasni fedhii naannicharra qaban galmaan gahuuf fonqolcha akka mala tokkotti ilaalu,’’ jedhan.
Qaamoleen alaa duula odeeffannoo sobaa tamsaasuun aangoo mootummootaa gad qabuun mormiin akka tasifamu gochuu keessa qooda qabu jedhan.
Bulchaan Gaanaa qaamolee fonqolcha waliin hidhatu qaba jedhan maqaan hin dhoofne.
Fonqolchi dhihoo Burkinafaasoo, Maaliifi Giiniitti taasifame waamichi bulchitoonni Afrikaa bulchiinsa gaarii diriirsuun komii hawaasaaf akka furmaata akka kennan jedhu akka ka’u godheera.
Waggoota digdama darban bulchitoonni Afrikaa 18 daangaa aangoorra turan dabaluuf heera biyyaa foyyeessaniiru yookiin keewwata kana danqu baasaniiru.
Hoggantoonni 18 biroo immoo daangaan yeroo aangoo akka hin jiraanne taasisan jedha qorannoon Giddugala Imaammata Qorannoo Afrikaa.

Madda suuraa, AFP
Somaaliyaa bulchiinsa Geedootti boombii daandii gubbaatti awwaalameen loltoonni Keeniyaa 10 ajjeefamuun ibsame.
Kanneen ajjeefamane 10 malees shan irra miidhaa cimaan kan qaqqabe yoo ta’u, haleellaa kanaafis gareen hidhattoota al-Shaabaab kan Al-Qaa’idaa waliin hidhata qabu duuba jira jedhamee shakkame.
Eenyummaan loltoota ajjeefamanii ifa hin taasifamne.
Namni siyaasaa kaadhimamaa pirezidaantii Keeniyaa ta’un dhiyaatan tokko obboleessa isaa quxisuun kanneen ajjeefaman jidduudha ta’u toora tiwiitara isaanii gubbaatti barreessan.
Haleellicha kan raawwatae al-shabaabi jedhamulleen, garichi garuu hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.
Gareen hidhattotaa kunis waggoota kudhaniif motummaa Somaaliyaa waraanuun, eddoowwan biyyatti tokko tokkottis bu’uura cimaa hundeeffateera.
Garee Al-shabaab yeroo garaa garaatti haleellaa walfakkaatu namoota nagaafi humnootii nagaa kabachiiftootaa Somaaliyaatti argaman irratti raawwachuunsaa ni yaadatama.
Loltoonni Keeniyaa ajjeeffaman kunneenis miseesoota humna nagaa kabachiiftoota Gamtaa Afriikaa al-shabaabi waraanuu irratti biyyattii deeggaruuf bobbaafamaniiti.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin biyyoonni Lixaa Raashiyaa qollifachuufi olaantummaa idil-aadunyaa argachuuf yaalii taasisan jedhan hin milkaa’u jechuun dubbatan.
Dubbii televijinii biyyattiin darbaa tureen biyyoonni Lixaa Raashiyaan ofirra deebiti jedhanii yaadan, Raashiyaa hin beekan jechaadha jedhan.
Qoqqobbii biyyattiirratti ka’amaa jiru ilaalchisuun dubbii taasisanin baankiin giddugaleessaa biyyattii maallaqa gahaa akka qabuufi maallaqa haaraa maxxansuun akka isaan hin barbaachisne himan.
‘’Dinagdeefi biznasiin keenya galma keenya bira gahuuf galtee isaan barbaachisu mara qabu, rakkoon walitti nu fida,’’ jechuun dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
Federeeshiniin Raashiyaa Mana Maree Awurooppaa keessaa baafamte.
Qaamni siyaasaa Awurooppaa keessa umrii dheeraa qabuufi mirga namaa, dimookiraasiifi olaantummaa seeraarratti dalagu Raashiyaa miseensummaa keessaa dhorkuu beeksiseera.
Raashiyaan waggoota 26 darbaniif miseensa mana marichaa turte.
Adeemsi Raashiyaa miseensummaa keessaa baasuu torban sadii dura yeroo Raashiyaa weerara Yukireen eegalte jalqabe.

Madda suuraa, Getty Images
Volodimiir Zeleniskiin yeroo kongirasii US’f dubbii taasisan viidiyoo miira nama jeequ Yukireen waraana duraafi booda agarsiisu qoodanii turani.
Miseensi Kongirasii Mikaa’el Makaawul, kan galma keessa turan, viidiyon suni miira namaa jeeqe jechuun CNN’tti himan.
‘’Miseensonni hedduu viidiyicha arganii boo’aa turan. Sababni isaas kan Naaziin Jarmaniin raawwate fakkaata,’’ jedhan.
Makaawul miseensota paartii Rippablikaanaa bulchiinsi Baayidan meeshaa waraanaa badii guddaa geessisu waraana Yukireeniif akka ergamu kan gaafataa jiran keessaati.
‘’Seenaan nu gaafata,’’ jedhan.

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin daqiiqaa muraasa dura miseensota Kongirasii US’f ergaa dabarsaniiru.
Zeleniskiin dubbii taasisuuf yeroo dhihaatan miseensonni Kongirasii ka’anii harka rukutuun simatani.
Biyyi isaanii deeggarsa Ameerikaan isaaniif gootef galata akka qaban himan.
Garuummoo kongirasiin US ‘’hanga maashiniin waraanaa Raashiyaa dhaabatutti’’ qoqqobbii dabalataa Raashiyaarra akka kaa’u gaafatan.
Akka ergaa isaaniitti namoonni siyaasaa Raashiyaa keessa jiran martuu qoqqobamuu qabu.
‘’Kaampaaniiwwan Ameerikaa marti atattamaan Raashiyaa gadhiisuu qabu. Sababni isaas dhiiga keenyaan laaqameera,’’ jedhan.
Magaalaan Kiiv guyyuu haleellaa misaa’eliifi xiyyaaraa jala jirtuus ‘’harka hin kennine’’ jedhan.
‘’Harka kennachuu sakandii tokkoofillee itti hin yaadne,’’ jedhan.
Biyyi isaanii waraana erga Waraana Addunyaa Lammaffaa hamaa ta’e keessa jiraachuu himan.
Dabalataan weerara Raashiyaa waggoota saddeet darbaniif dandamachaa akka turan dubbatan.
Raashiyaan biyya keenya qofa hin haleelle, ‘’duudhaa keenyarratti lola bante,’’ jedhan.
Waraana Addunyaa Lammaffaafi haleellaa US bara 2001 akka fakkeenyaatti kaasuun ‘’yeroo lammiileen nagaa itti miidhaman,’’ himan.
‘’Raashiyaan samii Yukireen madda du’a namoota kumaan lakkaa’aman goote,’’ jechuunis miseensota Kongirasiif dubbatan.
Bulchaan Yukireen kuni daangaan qilleensaa Yukireen balalii xiyyaaraaf cufaa akka ta’u gaafachuun ‘’waan guddaadha?’’ jechuunis gaafatan.
Yoo guddaa ta’e haleellaa qilleensaa ofirraa dhorkuuf meeshaalee ittisuuf fayyadaman akka deeggarsi taasifamuuf gaafatan.
Xiyyaaronni waraanaa akka isaaniif kennaman gaafatan.
Biyyoonni miseensota NATO ta’an daangaa qilleensaa Yukireen balaliif cufaa gochuun waraana hammeessa jechuun didaniiru.
Zeleniskiin ergaa isaanii gara caalu Afaan Yukireeniin dabarsan.
Yeroo ergaa isaanii xumuruuf jedhan Afaan Ingiliziin Pirezidant Baayidaniif akkana jedhan:
‘’Ati hoogganaa biyyakeeti. Hogganaa addunyaa akka taatu nan hawwa. Hoogganaa addunyaa ta’un hoogganaa nagaa ta’uudha,’’ jedhan.


Madda suuraa, Getty Images
Hoogganaan Eejansii Basaasaa Alaa Raashiyaa hireen biyyattii guyyoota itti aananitti murtaa’a jedhan.
Sergei Naryshkin paanelii Moskoo qophaa’eerratti Raashiyaan ‘’yeroo seenaa addaa keessa jirti,’’ jechuun himan.
‘’Hireen Raashiyaa addunyaa keessa qabdu murtaa’aa jira.’’
Dubbiin ajajaa basaasaa kuni barbaachisummaa birmadummaarratti kan xiyyeeffatedha.
‘’Birmadummaan kabaja lammiilee keenyaati, hiree fuulduraa ijoollee keenyaati.
‘’Haala kana keessatti Raashiyaan duubatti hin deebitu, kanaan achi Raashiyaa akka biyyaatti dhaabbachuu rakkatti,’’ jechuun himan.
Raashiyaan Yukireeniin weeraruu dura marii nageenyaa biyyaalessaarratti Pirezidant Putiin qondaala kana gaaffii itti cimsanii rifachiisanii turan.

Madda suuraa, Getty Images
Koongirasiin US deeggarsa maallaqaa waraanaaf oolu $800m raggaasuuf wayita walitti qabamuuf jedhu, Pireezidantiin Yukireen Voolodimiir Zeleniskiinis miseensotaaf viidiyoon haasaa gochuuf.
Zeleniskiin michoonni isaanii warra Lixaa deeggarsa akka cimsan, daangaa qilleensaa Yukireen irraa balalii xiyyaaraa akka dhorkaniifi kaanis ni gaafatu jedhameera.
Torban darbe keessa wixineen Yukireeniif deeggarsa maallaqaa waraana cimsuuf oolu akka ramadamu gaafatu Koongireesiin ragga'uu hordofee, pireezidant Baayidan $800m waraana Yukireeniif akka gadhiifamu labsuuf jiru.
Maallaqa kanaan Yukireen meeshaalee haleellaa qilleensaa qolatan Stingers fi Javelins jedhaman bitatti jedhan miidiyaaleen US.
Baayidan wixinee kana yoo raggaasan Pireezidant Vilaadmiir Putiin Yukreen haleeluun uummata addunyaa tokkomse jedhan.
Bulchiinsi Baayidan bara darbe qofa bittaa hiliikooptaroota waraanaa, meeshaalee humna gaalaanaa fi kaaniifis $1.2bn Yukireeniif kenniteetti.

Madda suuraa, EPA
Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sarjee Laavroov mariin nagaa buusuu Yukireeniifi Raashiyaa gidduutti godhamu waliigaluuf abdii qabaatus garuu salphaa hin ta'uu jedhan.
Yaada kan kennan mariyattootni Raashiyaa ragaa kennaniif irratti hundaa'uun ta'uus dubbatan.
Sabaa himaa RBC jedhamuuf dubbachuu isaanii kan gabaase Rooyitarsi, Laavroov sababoota ifa ta'aniin marichi salphaa hin ta'u jeedhaniiru jedha.
Rakkoo guddoon dhimma Yukireen Nato'tti akka hin makamne Niikuleera akka hin hidhannee jedhu qofa osoo hin taane dhimma uummata Doneeskiifi Luhaaneski jiraatanii jedhaniiru.
Arkiiteektiin dhalataa Burkiinaa Faasoo Diyeebeedoo Firaansiis Keree badhaasa ‘Prutzker’ jedhamu kan bara kanaa mo’ateera.
Waggoota 40 darban keessatti namni ganna 56 kuni badhaasa kana argachuun lammii Afrikaa isa jalqabaati. Damee ogummaa kanaafis badhaasichi guddaa kan jedhamudha.
Arkiiteekchariin kuni lammummaa dachaa Burkinaa Faasoo fi Jarmanii qaba.
Badhaasa marsaa 51 kana fudhachuun ''nama gammadaa addunyaa kanaati,’’ jedhe.
''Gammachuun guddaa natti dhagahamaa jiraatus, itti gaafatamummaa akkan fudhadhes nan hubadha,’’ jechuusaa AFP’n gabaaseera.
Ogeessi kuni gamoowwan walgahii biyyaalessaa Burkiinaa Faasoo fi Beeniin jiran hojiiiwwan isaa keessaati.
Gareen murteessituu yeroo nama mo’ate beeksisan,’’ teeknolojii jijjjiiramu keessatti arkiiteektiin kuni gaaffii bu’uuraa yeroo dheeraaf turuu gamoowwanii kaaseera,’’ jedhan.
Kereen hojiiwwan arkiiteekcharii isaa, ''aadaafi fedhii biyyasaa waliin wal-simsiisuun,’’ leellifameera.

Madda suuraa, AFP
Institiyuutiin Waraanaa Ameerikaa jiru haleellaa Raashiyaan Yukreen irratti taasisaa jirtuuf gudunfaa xiinxalaa kan armaan gadii kaa’eera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, Zeleniskii
Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin mariin nagaa buusuu Raashiyaa waliin godhamaa jiru ''waan dhugoomuu fakkaata'', bu'aa tokkorra gahuuf garuu ammallee yeroon ni barbaachisa jedhan.
Viidiyoo gama Feesbuukiin gadhiisan irratti injifannoon Yukireen hojii lammiilee biyyattii hundaa fi qondaaltota marii araaraa gama zoom'n qondaalota Raashiyaa waliin gaggeessaa jiranii akka barbaadu dubbatan.
Raashiyaan wanti Yukireen gaafachaa jirtu inni ijoon yaada miseensa Nato ta'uuf qabdu akka dhiiftudha. Kan biraan bulchiinsota Doneeskiifi Luhaneesk akkasuma Kriimiyaa kan fottoqanii ofiin bulaniif beekamtii akka kennitudha.
Mariin biyyoota lamaanii Roobii har'aas itti fufa.
Zeleniskiin biyyi isaanii Nato'tti akka hin makamne waliigaluu akeekaniiru.
Yukireeniin bakka bu'anii kan mariyatan Maayikaloo Podolyaak wantootni wal-faallessan jiraatanis waliigaluuf carraan jira jedhaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Barattoonni Naayijeeriyaa magaalaa kibba Yukireen kan taatee Kherson humnootii Raashiyaatiin to'atamuu hordofee waan danqamaniif gargaarsa gaafatan.
Gabaasaaleen akka jedhenitti barattoonni Afriikaa 100 ol ta'an kanneen baayyeen isaanii Naayijeeriyaa irraa dhaqan magaalattii keessatti danqamaniiru.
Barattoonni kunneeni motummaan Naayijeeriyaa osoo balaan irra hin qaqqabiin dura atattamaan akka isaan baasuuf gaafatan.
Barattoonni kunneeni torbanoota lamaa oliif erga humnootiin Raashiyaa magaalattii to'atee kaasee dahannoo lafa jalaa keessa jiraachaa akka jiran himuun, haala yaadeessaa keessa jiraachuu dubbatu.
Barattoota keessaa tokkoo Jeerii Keenii kan BBCn dubbise, hirriyoonni isaa jaha sababii haalaa rakkiisaa keessa jiranitiin dhukkubsachu dubbata.
Ammaan tanas nyaatafi dhiyeessiiwwan barbaachisan kan biraa irraa adda citu hima.
Ministeerri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa Jooftii Onyaamaa sanbattan irra akka jedhaniitti, Ambaasaadaroota Naayijeeriyaa kan Yukireeniifi Raashiyaa waliin dubbachuun akka mootummoota Indiyaafi Raashiyaa dubbisan akkasumas dhaabbilee mit-mootummaa ammoo barattoonni nagaan akka bahaaniif akka gargaaran mari'ataa jira jedhan.
Hanga ammaattis erga waraanni Yukireeniitti eegalee kaasee barattoonni Naayijeeriyaa 1,400 ol akka bahan taasifameera.
Baayyeeni isaaniis gara biyyoota ollaa kan akka Poolaand, Romaaniyaa, Haangaarii fi Islovaakiyaatti baqachuun gara Naayijeeriyaatti balalii'an.

Madda suuraa, Deniiys Shimyahaa
Ministirri Muummee Yukireen Deniiys Shimyahaal biyyi isaanii sababa waraana kanaa qabeenyi $500bn jalaa maca'uu fi Raashiyaan kana dirqama bakka buusuu akka qabdu dubbatan.
Shimyahaal maallaqni mancaatii kana bakka buusu akkamiin akka sassaabamu ifatti hin dubbanne.
Yukireen injifatamtullee qabeenya Raashiyaa biyyoota ormaa jiru fudhachuun garuu mala tokko ta'uu dubbatan.
Itti dabaluunis Yukireen michoota isheerraa deeggarsa maallaqaa akka feetu himan.
Ministirri Muummee yaada kana kan kennan hoogganoota biyyoota Cheek Rippaabliik, Poolaandiifi Sloovaaniyaa kan daandii akkaan balaa qabu baaburaan qaxxaamuranii Kiyeevitti argaman waliin yoo mariyatani.