Abdallaa Hamdook mana ajajaa waraanaa fonqolcha raawwatee 'keessa jiru'

Lammileen Sudaan fonqolcha waraanni biyyattii Wixata raawwatetti dheekkaman walitti qabamanii halkan balaleefataa bulan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UN gaggeesitoota Siiviilii Sudaan gadhiisaa jedhe

    Alabaa UN

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gaggeesitoonni Siiviiliin Sudaan akka gadhiifamaniif gaafate.

    UN ‘Namoota seera malee qabamaniifi manatti to’atamanii jiran hataattamaan gadhiifamuu qabu’ jechuun humna nageenya biyyattii gaafateera.

    Ministirri muummee Sudaan Abdallaa Hamdok gaggeesitoota siivilii loltoota adda hin baafamneen mana keessatti too’atamnii jiran keessaa tokko ta’uun gabaafameera.

    “Yaaliin fonqolcha mootummaa deemaa jiruufi gochi ce’umsa gufachiisu kun hedduu na yaaddesseera. Gabaasonni to’atamuu ministira muummee,angaa’ota mootummaafi namoota siyaasaa kuni waan fudhatama hin qabne,” jedhan Sudaanitti bakka bu’aan addaa UN Voolker Pertis.

    “Paartileen hunduu hataattamaan gara mariitti dhufanii miira tasgabbii qabuun heera mootummaa tiksuu qabu” jechuunis itti dabalan.

    Too’annaa kana duuba eenyu akka jiru hanga ammaatti ifatti hin beekamne.

  2. US gabaasa fonqolcha Sudaaniin 'guddoo yaaddofte'

    Ameerikaan gabaasa fonqolcha Sudaan keessa raawwataa jira jedhameen ‘’guddoo yaadda’uu’’ ibsite.

    Wiixata barii MM Sudaan Abdallaa Hamdookiifi yoo xiqqaate ministeeronni afur biroo waraana biyyattiin hidhamaniiru.

    Waraanni biyyattii ammatti ifatti waan dubbate hin qabu.

    Tiwiitara irratti Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Jeeferii Feltimaan fonqolchi waraanaa kamuu ‘’fudhatama hinqabu’’ jechuun ‘’ deeggarsa US taasistu rakkoo buusa’’ jedhan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  3. MM Sudaan Abdallaa Hamdok 'warraaqsa tikfadhaa' jechuun waamicha dhiyeessan

    MM Abdallaa Hamdok

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Hamdok kan yeroo ammaa hiidhaa mana keessaa jala akka jiran himamu ammoo ummanni karaa nagaa bahee mormii itti fufuun ''Warraaqsa akka eeggatuuf' gaaffachusaanii Ministeerri Odeeffannoo biyyattii ibseera.

    Ministeerichi karaa fuula Facebook isaatiin ergaa maxxanseen, humnootiin waraanaa waloon ganama kana mana isaaniitti MM hidhan fonqolchicha deeggaruun ibsa akka baasaniif dhiibbaa irraan gahaa jiraachuu hime.

    Fonqolchiichaaf beekkamtii kennuu erga didaniin booda, waraanichi amma Ministira Mummee Abdallaa Hamdok bakka hin beekamne geessuu maxxansi kun dabaluun himeera.

    Kana duraas, Ministeerichi miseensoonni siiviilii qaamni bulchiinsa ce'uumsa Sudaan fi ministeeroonni hedduun hidhamusaaniifi bakka hin beekamneetti geeffamuu himee ture.

    ''Miseensoonni siviilii ce'umsa mana maree biyyattiifi ministeeroonni hedduun mootummaa ce'uumsaa irraa humnootii waraanaa walootiin to'atamuun bakka hin beekamnetti geeffamaniiru,'' jedha ibsi toora miidiyaa hawaasummaa ministerichaa irratti bahe kun.

  4. Waraanni cimsee hidhate Kaartuum keessa bobbaafame

    Loltoota  Sudaan namoota hiriira bahan duratti

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni hidhannoo gurguddaa waliin magaalaa guddittii Sudaan -Kaartuum keessatti bobbaafamuun dhagahame.

    Warraanni hidhannoo gurguddaa qabuufi humnootiin nageenyaa kaan magaalaa Kaartum keessatti sochii siviilootaa dhorkaa jiru.

    Ejjansiin oduu AFP akka gabaaseetti, loltoonni uffata dambii uffatan daandii guddiicha gara magaalaa mummeetti geessuu kutan.

    Kunis kan ta'e wayita mormitoonni daandii irratti walitti qabamuun mormiif qophaa'aa jiraniitti yoo ta'u, miseensoonni siviilii motummaa ce'umsaa to'annoo jala oolfamuu AFPn gabaase.

    Rooyitarsi gamasaatiin, mormitoonni alaabaa qabatanii bahuun magaalattii keessatti daandiirratti gommaa gubaa jiraachu gabaaseera.

    Waraannii Sudan Wiixata har'aa ganama gorsaa MM Abdallaa Hamdok tokko dabalatee qondaaltoota siviilii hedduu fi miseensoota mana maree biyyattii to'achuun himame. Manni MM biyyattii loltootaan marfamuun gabaafameera.

  5. Buufati xiyyaaraa Kaartum cufame

    Balaliin xiyyaaraa gara Kaartum taasifamuufi Kaartumirraa ka’u adda cite. Kuni yeroo biyyattii keessa fonqolchi taasifamaa jira jedhamee gabaafametti dhagahame.

    Buufanni xiyyaaraa Idil-addunyaa Kaartum cufamee waraanaan marfamuu gabaafameera.

    Haa ta’u malee, haala buufanni xiyyaarichaa itti jiru irratti gama mootummaa wanti dubbatame hin jiru.

  6. Waa'ee yaalii fonqolcha Sudaan gabaafame maal beekna?

    Guyyaa Wiixata barii waraanni Sudaan miseensota kaabinee bulchiinsa Sivilii Sudaan afuriifi ministira muummee biyyattii hidhuun gabaafameera.

    Wantoonni ijoo ammatti beeknu kunooti:

    • Ministirri Muummee Sudaan hidhaa mana keessaa jala jiru
    • Ministeeroonni afur biroos hidhamaniiru
    • Intarneetii magaalaa guddoo biyyattii keessa cufameera
    • Miseensonni waraanaa hidhatan daandirra ramadamaniiru
    • Mormitoonnimmoo aarii ibsatan immoo daanditti bahuun gommaa gubaa jiru
    • Loltoonni buufata miidiyaa Omdurmaan jiru to'atan jedhus dhagahameera
    • Waraanni biyyattii garuu hanga yoonaa waan dubbate hin qabu
    MM Abdallaa Hamdook hidhaa mana keessa jiru jedhameera

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Abdallaa Hamdook hidhaa mana keessa jiru jedhameera
  7. Gaggeessitoonni waraanaafi sivilii Sudaan maaliif wal dhaban

    Gaggeessitoota Sudaan

    Madda suuraa, AFP

    Sudaanitti gaggeessitoonni humna waraanaafi gareen sivilii wagga lama dura kan humna waraanaan waggaa dheeraaf bulchaa ture Omaar al-Bashir haangoorraa kaasuun erga mootummaa ce’umsaa ijaaranii akkuma wal dhabanitti jiru.

    Mootummaan ce’umsaa – Mana Maree Walabaa jedhamuun beekamu filannootiif akka haala mijeessuuf kan ijaaramedha.

    Garuu erga baatii Fulbaanaa keessa fonqochi mootummaa deegartoota al-Bashir yaaalan jedhamee muddamni hammaachaa dhufeera.

    Kamisa darbe, namoonni kuma hedduutti lakkaa’aman guutummaa biyyattiirraa daandiitti bahuun deeggarsa gara dimokiraasiitti taasifamuuf qaban mul’isaniiru.

    Haata’u malee, deegartoon garee humna waraanaa gaggeesitoota garee warra sivilii ga’umsa kan hin qabneefi dinagdee balleessaniiru jechuun himatu.

  8. Akkam ooltan?

    Sudaanitti fonqolchi mootummaa raawwachuu gabaafamaa jira. Dhimma ijoo har'aa addunyaa ta'e kana jala jalaan isin biraan geenya.

    Nui waliin turaa.

    Mormitoonni barii eegalee mormii isaanii ibsuuf daanditti bahaniiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni barii eegalee mormii isaanii ibsuuf daanditti bahaniiru