Buufataaleen filannoo sagalee lakkaa'aa jiru, kaan ammoo bu'aa beeksisaa jiru
Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 6ffaan guyyaa Wiixataa (kaleessa) ganama barii sa'aatii 12rraa eegalee, bakka tokko tokkotti haga galgalaatti akkasumas guyyaa har'aallee kanneen sagalee kennan jiru. Filmaata kanaan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol ta’an sagalee kennuuf kan galmaa'an wayita tahu, Wiixata sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta’u bulchu filataniiru. Kun gabaasa kallattii adeemsa filannoo ilaalchisee dhiyeessinudha.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
PMNO Obbo Shimallis Giinciitti sagalee kennan

Madda suuraa, OBN
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Magaalaa Giincii, buufata filannoo Giincii 01'tti argamuun sagaleesaanii kennaniiru.
Filannoon kun lammiileen Itoophiyaa injifannoo argatan itti fufsiisuuf bu'uura kan kaa'uu fi siyaasa biyyattii gara mana maree fi Paarlaamaatti kan galchu carraa guddaadha jedhan.
Filannoon kun filannoowwan kanaan duraa caalaa sirni dimookiraasii akka lafa qabatu bu'uura kan kaa'u ta'uu Pirezidaant Shimallis himaniiru.
Pirezidaant Shimallis uummata Giuncii bakka bu'uun mana maree bakka bu'oota uummataaf dorgomu.
Dhumarrattis biqiltuu dhaabuun Oromiyaa fi Itiyoophiyaa magariisaan yaa uwwisnu jechuun dhaamsa dhaaman.
Dhaloonni Qubee maaliif MM Abiy nu ganeera jedhee amana?
Hiriirri filattootaa dhedheeraa bakka garagaraatti mul'achaa jira

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira dheeraa magaalaa Adaamaa Rippoortaroonni BBC magaalota garagaraa jiran hiriirota dheeraa taajjabaniiru.
Buufataalee filannoo Adaamaa keessa jiran hedduu keessatti hiriirri dhedheeraan akka jiru waahilli keenya suuraan dabaalee nuu ergeera.
Magaalaa Finfinneettis buufata filannoo tokkotti namoonni sagaleesaanii kennuuf hiriira haga meetira 200 dheeratu hiriiraniiru.
Kaan kanaaf waan fala dhawatan fakkaatu - manaa teessoo baatanii dhufuun, haga yeroonsaanii gahu aara galfatu.

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira dheeraa magaalaa Finfinneetti 
Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira dheeraa magaalaa Adaamaatti 
Boordii filannoo biyyaalessaa kan hogganan Birtukaan Miidhaksaa eenyu?
Filannoo godina Shawaa Lixaafi magaalaa Amboo

Madda suuraa, bb
Shawaa Lixaatti naannolee filannoo 14 kan jiran yoo ta'u ummanni 750,000 filachuuf galmaa'eera.
Buufanni filannoo Gindabarat sababa hanqina raawwachistotaan waan boordichaan haqameef malee naannoleen filannoo godinichaa 15 turani.
Akka Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa kaleessa ibsetti aangawoonni bakkichaa raawwachiistotaa leenjisanii ramaduuf yoo jedhan arganii naannoo filannichaa haqame.
Sababa kanaaf bakkeewwa kaan waliin baatii Qaam'ee keessa taasifama.
Kantibaan Magaalaa Amboo Obbo Saahiluu Dirribsaa miseensa Mana Maree Ummataaf kan dorgoman yoo ta'u, buufata filannoo ganda 03/04'tti ganamaan sagalee kennaniiru.


Gaazexeessaan BBC magaalattii jiru kanneen eegumsa taasisan kanneen maaskii hin godhanne deebisaa turuu taajjabeera.
Namoonni filannoof dhufan maaskii godhachaa dhufaa jiru. Bakka sagaleen kennamuus saanitaayizariin jira.
Ummata filachuuf bahe keessaa kanneen dubbisne qaama sagalee kennanirraa nagaa kabachiisuu, hojii lammiileef uumuufi nageenya lammiilee akka tiksu ni eegna jedhaniiru.


Bakka MM Abiy itti dorgoman magaalaa Bashaashaa

Magaalaan Aggaaroofi Bashaashaa naannoo filannoo Gommaa 2 jedhamu keessatti kan argaman yoo ta’u, MM Abiy Ahimad kaadhimamtoota paartilee Izeemaa fi Innaat bakka bu’an lama waliin sagalee MM bakka bu’oota ummataatti isaan galchu argachuuf kan dorgoman ta’a.
Magaalaa Bashaashaa keessatti namoonni 2,900 ta’an kaardii filannoo fudhachuu isaanii odeeffanneerra.
MM Abiyyis naannoo sa’aatii sadii keessa buufata filannoo kanatti argamuun sagalee isaanii ni kennu jedhamee eegama.




Filannoon magaalaa Baahirdaaritti akkamiin jalqabe?

Akkuma magaalota kaanii jiraattonni magaalaa Baahirdaaris ganama barii gara buufata filannoo qajeelan.
Rippoortarri BBC achi jiru buufata filannoo kantiibaa ittaanaan magaalattii Dr Diras Saahiluu itti filatanitti argameera.
Kantiibaa ittaanaan kun erga sagalee kennanii booda, yoon mo'adhe guddoon gammada, yoon mo'ame ammoo ummanni amantaa narratti hinqabu jechuudha. Kanaaf bu'aasaa gammachuun simadha jechuun dubbatan.
Dr Diras Saahiluu Paartii Badhaadhinaa bakka bu'uun, mana maree naannoof dorgomu.
Akkasumas durataa'aan ABIN duraanii Dr Dassaaleny Caannee filachuuf hiriiranii wayita turan mul'ataniiru.


Gaazexeessaan kun yeroo kaan maaskii afaaniifi funyaan haguugu namni keewwatu hagas mara hin turre jedha. Har'a garuu namuu walirraa fageenya eeggachaa, maaskii godhachuun, akkasumas saanitaayizara fayyadamuun filachuutti jira jedha.

Lakkoofsa filattootaa, paartileefi teessoo paarlaamaa

• Filannoo Itoophiyaa marsaa ja'affaaf lammiileen biyyattii miiliyoona 37 fi kuma 408 fi 600 ta'an galmaa'aniiru. Kanneen keessaa miiliyoona 20 fi kuma 317 fi 472 dhiirota, miiliyoona 17 fi kuma 91 fi 128 dubartoota.
• Walumaa galatti Paartileen siyaasaa 46 kaadhimamtoota 8,209 kan dhiyeeffatan yoo ta'u, dhuunfaadhaan ammoo dorgomtoonni 125 manneen maree naannolee fi paarlaamaaf dhiyaataniiru.
• Paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni kaadhimamtoota 2,432 dhiyeeffachuun baay'ina kaadhimamtootaan kan dursu yoo ta'u, IZEMA'n kaadhimamtoota 1,385 akkasumas Innaat Paartiin kaadhimamtoota 573 dhiyeeffachuun baay'ina kaadhimamtootaan badhaadhinatti aanu.
·Filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa guyyaa har'aa(Wiixata 21,06,21) filatamuuf kaadhimamtoonni teessoowwan paarlaamaa 445'f dorgomu. Teessoowwan hafan 64'f ammoo ALI Qaammee 1, 2013 dorgomamama.
Waa'ee filannoo Itoophiyaa baranaa qabxiilee ijoo shan
Magaalaa Finfinnee bakka garaa garaatti namoonni barii obboroon filachuuf bahan
Magaala Finfinnee naannoo filannoo 15 buufata filannoo 11 kan BBCti dubbatan Obbo Gabraamaanu’el Ingidaaye “sa’aa 12 irrattin dhufe. Namootni nafuldura jiran dhaabbatanii jiru. Kunooti sa’aa tokko guutera. Namni rakkachaa jira” jedhan.
Filannichi yeroodhaan eegaluu dhabusaan dabalataan buufatni filannoo iddoo dhiphaafi mijataa kan hintaane ta’uu dubbatan.
Buufatuma filannoo kanaa filatanii yeroo bahan kan haasofsiisne Obbo Baashaa Booranaa, sa’aa 11 tti buufata filannoo akka gahanfi filannoon sa’aa 12:40 irratti eegaluusaa dubbatan.
Dabalataan “Filanneerra. Ummataaf ni ta’a, ni fayyada kanin jedhe filadheera. Filannoo gaariidha. Moromaanis hinturre. Naga qabeessadha” jechuunis himaniiru.
Luba Haayilamaaram “filannichi gammachiisaadha. Naga qabeesaan eegalamee akka xummuramu abdiin qaba. Waaqas nan kadhadha” jechuun yaadasaanii BBCf kennaniiru.

Magaalaa Adaamaa bokkaan roobaa bakka jirutti sagalee kennaa jiru




Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa barii sa’aa 12 irraa eegalee eddoowwan garaa garaatti gaggeeffamaa jira

Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa barii sa’aa 12 irraa eegalee eddoowwan garaa garaatti gaggeeffamaa jira.
Filannoo kanarratti hirmaachuufis namoonni gara miliyoona 37 ta’an galmaa’usaanii ragaan Boordii filannoo biyyaaleessaa irraa argame ni mul’isa.
Paartiileen siyaasaa 46 ta’an ammoo kaadhiimamtoota isaanii dhiyeeffataniiru.
Filannoo biyyaaleessaa kanaanis kaadhimamtoonni teessoowwan mana maree naannooleefi kan mana maree bakka bu’oota uummataatiif dorgomu.
Gabaasni kallattii Filannoo Itoophiyaa 2021 eegaleera
Yooyyaa ammallee Yooyyaa!Lammiileen Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marroo 6eessoo guyyaa Wiixataa (har'a) gaggeeffamuuf sagaleesaanii kennuuf ganama barii eegalanii hiriiraniiru.Rippoortaroonni keenya bakka garagaraarraa waan nuu ergan dabalatee, taatee jiru jala jalaan isin biraan geenya - nu hordofaa.

