Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Buufataaleen filannoo sagalee lakkaa'aa jiru, kaan ammoo bu'aa beeksisaa jiru

Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 6ffaan guyyaa Wiixataa (kaleessa) ganama barii sa'aatii 12rraa eegalee, bakka tokko tokkotti haga galgalaatti akkasumas guyyaa har'aallee kanneen sagalee kennan jiru. Filmaata kanaan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol ta’an sagalee kennuuf kan galmaa'an wayita tahu, Wiixata sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta’u bulchu filataniiru. Kun gabaasa kallattii adeemsa filannoo ilaalchisee dhiyeessinudha.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Oromiyaan nagaadha, rakkoon Fesbuukiirra jira'

  2. Paartiin mormituu filannoo gaggeeffamaa jirurratti yaaddoon qaba jedhe

  3. Haati buufata filannootti ciniinsuun qabee deesse daa'imashee 'Abiy' jetteen

    Aadde Abarraash Guutaa jedhamu. Jiraattuu Godina Arsii aanaa Heexosaa yoo ta’an, sagalee filannoo kennuu ganama barii deemanii buufata filannoo deemanitti ciniinsuun qabe.

    Akka FBC’n jedhutti sagalee erga kennanii deebi’anii booda dhaabbata fayyaatti ilma argataniiru.

    Aadde Abarraash ilmasaanii, ‘Taarikuu’ ykn Abiy jedhanii moggaasaniif jedhan.

    Haaluma walfakkaatuun, naannoo Amaaraa naannoo filannoo Chaagnii buufata filannoo Wadaayita jedhamutti haati Wubatee Warquu jedhaman sagalee kennanii battaluma deebi’aniin mucaa durbaa ofkaluun dhaga'ame.

    Aadde Wubateen buufata filannoo dhaquun dura ''mallattoon dhukkubbii homtuu natti hin dhaga’amu ture'' jedhan. Yeroo kaardii isaanii korojoo keessa buusuuf seenan dhukkubbii xiqqoon itti dhagahamuu himan.

    Sagalee erga kennanii booda hospitaala Chaagni sadarkaa lffaatti da’uuniiru.

  4. MM Abiy Bashaashaatti argamuun filatan

    MM Abiy Ahimad ganama pirojaktoota adda addaa magaalaa Finfinnee keessatti dowwataa turan, helikooptaraan balali'uun bakka dhaloota isaanii kan taate Bashaashaatti argamuun sagalee kennaniiru.

    Wayita isaan buufata filannootti argamuun sagalee kennan, waahilli keenya achitti argamu suuraa kana nuuf ergeera.

  5. 'Guyyaan har'aa... biyya keenyaaf guyyaa gaariidha' - Birtukaan Miidhaksaa

    Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Birtukaan Miidhaksaa haala filannoon itti deemaa jiru ilaalchisuun ibsa yeroo kennaniti, "Guyyaan har'aa filattootaaf, paartileef akkasumas biyya keenyaaf guyyaa gaariidha,'' jedhan.

    Qondaalli boordii filannoo kun haala amma jiru wayita ibsan, "Hanga ammaatti kan nama gammachiisuun rakkoon nageenyaaa nun mudanne," " jedhan.

    Naannoo filannoo Amboo 1 buufata filannoo tokko qofatti raawwachiistotni filannoo odeeffannoo isaan qaqqabe bu'ureeffachuun iddichaa deemusaaniifi buufatichatti adeemsa filannoo deebisanii akka jalqabsiisan amantaa qaban himaniiru.

    Akka biyyaatti buufataalee filannoon itti taasifamu keessaa harki caalmaan yeroodhaan adeemsi sagalee kennuu eegalame jedhan.

    "Finfinneerratti buufataaleen filannoo 9 raawwachiistotni buufata filannootti argamuu dhabuusaaniitin buufataalen osoo hin banamiin turaniiru," jedhan.

    Buufataalee kunneenitti raawwachiistota haaraa 27 ramaduun adeemsi filannoo eegalameera.

  6. MM Abiy Bashaashaatti osoo eegamanuu mana nyaataa Immaammaa Fishkaatti argaman

  7. Odola Xaanaa bakka dubartoonni 185 qofti itti filatan

  8. Filannoo Itoophiyaa bara 2021 wanta hanga ammaa beekamu lakkoofsaan

  9. Filannoo 'sirna demokraasitti ceesisu gaggeessaa jirra'

    Paartiin isaanii filannoo alanaarratti kaadhimamummaan kan isaan hin dhiyeessine Itti-aanaan Kantibaan duraanii magaalaa Finfinneefi Ministirri Albudaafi Inarjii Taakkala Uumaa, ''Filannoo sirna demokraasitti ceesisu gaggeessaa jirra,'' jedhan.

    Ergaa fuula Facebook fi Twitter isaanii gubbaatti maxxansaniin ''filannoo sagaleen lammiilee Itoophiyaa hundi kan itti dhagahamuufi gara sirna demookraasitti ceesisu gaggeessaa jirra,'' jedhan aanga'aan kun.

    Dabaluunis ''Dorgomtoonni marsaa kanaa hundi carraa gaariin isiniif hawwa!'' jedhaniiru.

  10. 'Yeroo jalqabaaf filadheera'

    Ogeesa suuraa (photographer) MM Abiy Ahimad kan ta'e Aron Simenah ''Yeroo jalqabaaf filadhe'' jechuun suuraalee kanniin maxxanseera.

    Dabaluunis ''Guyyaa bareedaadha! Lammileen Itoophiyaa sagalee kennuuf bahaniiru,'' jedhe.

  11. Finfinneetti eenyutu, eessaafi eenyu waliin dorgoma?

  12. Filannoon biyyaalessaa 'rakkoo nageenyaa tokko malee' gaggeeffamaa jira

    Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaan guyyaa har'aa itti jirtu ''rakkoo nageenyaa tokko malee adeemaa jiraachuu'' Komishiniin Poolisii Federaalaa hime.

    Komishinichi ergaa fuula Facebook gubbaa maxxanseen, ''ragaa guutuu biyyaarraa walitti qabneen, hawaasni rakkoo nageenyaa tokko maleefi tasgabbiin sagalee kennaa jira,'' jedhe.

    Odeeffannoo dabalataas yeroo yeroon hawaasa biraan akka komishinichi himeera.

  13. Filannoon Itoophiyaa rakkoo nageenyaaf furmaata fiduu danda’aa?

  14. Buufataalee fayyaa deeggarsa duraa

    Magaalaa Finfinnee keessa buufataalen yaala hatattamaa akkanaa hundeeffamanii jiru jedha rippoortarri BBC Habtaamuu Xibabuu.

    Dhibee Covid-19 fi rakkoolee fayyaa birootif deeggarsa hatattamaa laatu.Suuraalee naannoo Araat Kiilootti kaase nuuf ergeera.

  15. 'Saanduuqni banaman waan argamaniif har'a bakkeewwan filannoon itti hin gaggeeffamne jiru'

  16. 'Guyyaa filannootti dhimmoota mirga namoomaa nan taajjaba'- Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

  17. Saanduqni waraqaa filannoo kan aanaa biraa tahee argame

    Naannoo Amaaraa Magaalaa Dasee, buufata filannoo W/roo Sihiin b14tti, saanduqni filannoo bakka bu'oota ummataa bakka taajjabdoonni jiranitti wayita banamutti, kan aanaa Warra Iluu tahee argamuu hoogganaan buufata filannichaa ibsan.

    Buufanni filannoo kun ganama barii sa'aa 12tti hin banamiin hafuusaatti, kanneen sagalee kennuuf bahan komachaa turan.

    Itti gaafatamaan buufata filannoo kanaa Ermiyaas Abbaba, buufatichi turee kan saaqame, waraqaan sagalee itti kennamu aanaa biraa wajjin waan waljala geeddaramef, haga inni sirratutti tahuu himan.

    ''Buufanni filannichaa barii sa'aa 12tti banamus, waraqaan sagalee itti kennan bakka taajjabdoonni argamanitti oggaa banamu, tokkoonsaa kan aanaa biraa tahee argameera,'' jedhan.

    Akka ittigaafatamaan kun jedhutti waraqaan sagaleen itti kennamu kan bakka bu'oota uummataa federaalaati.

    Rakkoo mudate kana naannoo filannoo Daseetti gabaafamuun, waraqaa filmaataa qophaa'e biraan bakka buufamuufi kan dogoggores akkuma pilaastikaan saamsametti lakkaawamee deebifamuu Aabba Ermiyaas himeera.

  18. Filannoo Itoophiyaa 2021: haala haga ammaa jiru viidiyoon

    Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 37 ol ta’an Wiixata sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta’u bulchu filachaa jiru.

    Paartileen siyaasaa 47 tahan kaadhimamtoota isaanii dorgommiif kan dhiyeessan yoo tahu, lammiileen biyyattiis ganama bariin bahuun sagalee kennaa jiru.

    Haala magaalota garagaraarraatti argine haala kanaan qixeessineerra

  19. Gabaasni keenya kallattii Filannoo Itoophiyaa 2021 itti fufeera, Dhiyaadhaa - yeroo yeroon fuula kana 'refresh' gochuun odeessaalee haaraa itti darru argattu.