Balaliisaan Jibuutii Itoophiyaatti kooluu galee ture 'nyaata lagate’
Balaliisaan Jibuutii biyya ganuun himatame lagannaa nyaataa lammataa eegaluu isaa Raadiyoon Faransaay gabaase.
Abukaatoon Fu’aad Yuusuf Ali nyaachu dideera jedheera.
Balaliisaan kuni haa yaalamuuf hospitaala geeffamus ‘sodaa na summeessu’ jedhuun wal’aansa dideera.
Aliin xiyyaara waraanaa hin hanne jedha.
Namoonni akka inni hin hidhamne onlaayinii irrati mormii dhageessisaa turan.
Itoophiyaatti kooluu galuun qondaaltota waraanaa Jibuutii malaammaltummaan himatus Jibuutiitti deebifame.
Aliin hidhamee biyya ganuun kan himatame yoo ta’u egasii manuma hidhaa jira.
Kana dura qondaaltota mana hidhaatin isaafi maatii isaa dararan jechuun himateera.
Mootummaan himannaa kana hin fudhatu.
Gareen mirga namoomaa Humaan Raayitis Waach mootummaan himannaa akkanaa akka qoratu gaafateera.
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jibuutii Mohaammad Idiriis Faarah balaliisaan kuni baatii Ebla keessa Finfinneeti qabame jechuun Rooyitarsiif dubbatanii turan.
Yeroos gara Finfinnee kan baqate xiyyaara qabatee gara Ertiraa imaluuf yaalii erga taasisee boodadha jedhanii dubbatanii turan.