Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii miiliyooona 16 darbe

Lakkoofsi waliigalaa namoota koronaavaayirasiin qabamanii addunyaa 16,048,100 gaheera. Lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii immoo 644,537 darbuu ragaan Yunivarsiitii Joohns Hopkiins agarsiisa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ka hardhaa ya obbaasne!, Boru ganama walitti dachaana

    Gabaasa keenya kallattii hardhaa kanumaan goolabna.

    Odeessaalee hardhaa fi kaleessaa akkasumas dheengaddaa isin jala taran gadi 'scroll' gochuun argachuu dandeettu.

    Suuraa kaawuntii Marsabiititti kaafame kanaan gargar baana.

    Fayyaan faaya - Walirraa hiiqaa

  2. Guyyaa xumuraa Pirimeer Liigii Ingiliiz, Falmii Chaampiyoons Liigii seenuu fi sadarkaa gadiitti bu'uu

    Chaampiyoons Liigii bara dhufuu seenuufi liigii sadarkaa gadiitti bu'uu diddaaf, taphoonni Piriimeer Liigii Inglizii xumura bara kanaa Dilbata hardhaa sa'aatii walfakkataatti taphatamu.

    Maan Yunaayitid kan keessummeessan Leestar Siitii, akkasumas Cheelsiin ammallee Chaampiyoons Liigii galuuf morkatu.

    Haga ammaa ka mirkaneesse Liivarpuuliifi Maanchistar Siitiidha.

    Aston Viilaa, Waatiford fi Boornimaz keessaa lama gara diviziyoona gadiitti bu'u - kunis morkii cimaadha.

    Kana malees morkiin Liigii Awurooppaarra hirmaachuuf jirus akkasuma - Wolvis fi Totanihaam sadarkaa 6ffaa argatanii xumuruuf carraaqu.

    Jemii Vaardiin Kophee Warqee (Golden Boot) fudhachuuf waan deemu fakkaata. Badhaasni karra eegdootaaf kennamus (Golden Glove) eenyu akka fudhatu hin baramne.

    Taphataan Maan Siitii Keevin de Biruyina, rekordii kubbaa mijeessee kennuu amma dura Tiyeerii Henriin qabame waliin gita yookaan ni cabsa jedhamee eegama.

    Taphataan gareesaa ka tahe Deevid Siilvaa ammoo taphasaa xumuraa Pirimeer Liigii hardha taasisa.

    KiIlabni Waancaa kaase dursee baramus, dhimmoota falmii armaan olitti ka'aniif, falmiifi diraamaa cimaa arguuf deemna.

    Taphootni kurnan hunduu sa'aa walfakkaaturra - akka biyyaatti sa'aa 12:00 irratti taphatamu.

  3. Indiyaatti namoonni wiirtuu Covid-19tti shamarree qoccolan himataman

  4. Iraanitti namootni haaraan 2,000 ol koronaavayirasiin qabaman

    Dilbata har’aa Iraan namootni haaraa 2,333 Covid-19 qabamuu mirkaneessite.

    Ministeerri fayyaa biyyattii sa’aatii 24 darban keessatti namootni 216 dhibee kanaan du’uu isaani gabaaseera, kanaanis lakkooofsi waligalaa namoota Covid-19n du’anii 15,700 ga’eera.

    Yeroo lakkoofsi namoota Koronaavayirasiin qabamanii Ebla keessa hir’iseetti Iraan qajeelfama dhorkii laaffistee turte.

    Maasjiidoti, gabaafi paarkiiwwan hawaasaa banamanii imalli bulchiinsota gidduu jirus deebi’ee eegale.

    Jalqabarratti weerarri kun magaalaa Qom fi magaala gudditti Teehraan keessatti baayyatee kan ture yoo ta’u, tatamsa’inni amma garuu gara kibba-lixa biyyattii, keessummaa magaalaa daangaa Iraaqirra jirtu Kuzestan keessatti hedduummachuun isaa ni mul’ata.

    Pirezidaant Hasan Rohaanii lammileen Iraan geejjibaa uummataafi bakka namootni itti baayyatanitti haguuggaa afaanifi funyaani yk maaskii akka uffachuu qaban himaniiru.

    Anga’ooti Teehran ammoo walitti qabama namootaa fi bakkeewwan daldalaa tokko tokko irratti deebisanii dhorkii kaa’aniiru.

  5. Kooriyaa Kaabaatti 'namni Covid-19n shakkame jalqabaa' argame

  6. Awustiraaliyaatti guyyaa tokkotti duuti olaanaa galmaaye

    Awustiraaliyaan erga weerrarri koroonaavaayirasii eegalee as guyyaa har'a (Dilbata), yeroo jalqabaaf du'a olaanaa galmeessite.

    Namoonni 10 vaayirasichaan wayita du'an, lakkoofsi namoota qabamaniis dabalaa jira jedhame.

    Kutaan biyyaa Viktooriyaa, kan Magaalaan Melborn keessa jirtu, wiirtuu weerara kanaa taatee jirti jedhameera.

    Har'a qofa namoonni 459 qabamaniiru, kaleessa ammoo 357 qabamuun isaanii gabaafamee ture.

    Biyyattiitti haga ammaa namoonni 155 vaayirasichaan yoo lubbuu dhaban, lakkoofsi namoota qabamanii 14,000 gaheera.

    Tatamsa'inna vaayirasichaa ittisuuf jecha, magaalaan hawaasni Oromoo keessa jiru, Melboorn uggura torban lammaffaa keessa jirti.

    Magaalaa namoonni miiliyoona shan keessatti argaman kanatti, maaskii godhachuun dirqama taheera.

  7. Daawwattuun kaansarii gaazexeessituu TV'rratti adda baaste

  8. Tuniziyaan Ministira Muummee haaraa muudde

    Pireezdaantiin Tuniziyaa Qiyaas Sayiid, ogeessa seeraa ganna 46, Hicheem Mechiichii yeroof ministira muummee haaraa gochuun muudaniiru.

    Mechichiin kanaan dura ministira biyya keessaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

    Biyyattiin daldalli turiziimii kufuun weerara koronaavayirasiin erga hammaate booda rakkoo dinaagdee keessa seente jirti.

    Aabba Mechiichii mootummaa akka hin hundeessaniif jiini tokko kennameeraaf.

    MM duraanii biyyattii Elyes Fakhfakh jalqaba ji’a kanaatti odeeffannoo maallaqa qisaasuun isaanii ba’ee booda aangoo erga gaadhiisanii booda Meechiichiin bakka bu’aniiru.

  9. 'Naannoo mana jireenyaa Daawud Ibsaa humni hidhate buufatee jira'

  10. Obomboleessi Haannaa jedhamu US, Teeksaas dhahe

    Obombooleettii rooba cimaafi buubbee makatee Teeksaas dhahee jiru lubbuu namootaaf yaaddessaa ta’uusaa anga’oonni US akeekkachiisan.

    Bulchaan kutaa biyyaa kanaa Gireeg Abboot bulchiinsota 32’f akeekkachisaa balaa kennuun, weerarri koronaavayirasii hojii lubbuu baraartootaa irratti dhiibbaa uumuu mala jedhaniiru.

    Buubbeen saffisa saatii tokkotti km90’n deemu kun manneen irraa baaxii buqqisaa jira.

    Obomboleessi kun sadarkooti shanan jira keessaa sadarkaa tokkoffaa isa laafaarra jira.

    Gama biraan ammoo obomboleessi Daaagilas jedhamu buubbee hamaafi, rooba lolaa cimaa fidu danda’a jedhamu waliin gara Hawaayiiitti adeemaa jiraachuu akeekkachisi ba’eera.

  11. Furdinni garmalee carraa Covid-19n qabamuu ni dabala jedhan qorattoonni

  12. Yooyyaa!, Ya walitti dachaane!

    Gabaasni keenya kallattii ammarraa eegalee isinii dhiyaata.

    Yeroo yeroon fuula kana 'refresh' tolchuun odeesssaalee biyya keessaa fi alaa bikka tokkotti ni argattu.

    Dhiyaadhaa!

  13. Afriikaatti ogeeyyii fayyaa 10,000 Covid-19 qabaman

    Afriikaa keessatti eega weerarri koronaavaayiras mul'atee as ogeeyyiin fayyaa 10,000 ol Covid-19 qabamaniiru jedhan Dr Ambrose Talisuna Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa.

    Dr Talisuna WHO'tti gorsaa Afriikaa yoo ta'an haalli kun "baay'ee yaaddessaadha" jedhaniiru. Isaanis biyyoonni fi dhaabbilee biroo waliin ta'anii fayyummaa ogeeyyii fayyaa mirkaneessurratti akka waliin hojjataniif waamicha dhiheessaniiru.

    WHO "danbii ittisaa fi to'annaa dhibee raabseera" jedhan. Akkasumas ogeeyyii fayyaa 50,000 oliif leenjii kennuusaa ibsaniiru.

    Isaanis biyyoonni ogeeyyii fayyaasaaniitiif meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa (PPE) dhiheessuu fi dhiibbaa hojii hir'isuudhaan ogeeyyii fayyaa baraaruu danda'u jedhaniiru.

  14. Hoogganaan dhibeewwan daddarbo Ameerikaa '' dorsifmaaan jira'' jedhan

    Ameerikaa keessatti ogeessii dhibeewwan daddarboo beekamaa fi gorsaa mootummaa kan ta'an Dr. Antooniiy Faawich maatiin isaanirraa doorsifni hamaan gahaa akka jiru CNN'tti himan.

    Sababni doorsisa kanaa ammoo weerara Koronaavaayirasi to'achuuf hojiilee hojjechaa jiran irraa kan ka'e ta'uu dubbatan.

    Hangi ergaawwan e-mail jibbaan guutamaniifi doorsifni na gahaa jiruu gaarii mitii jedhan.

    ''Ani dhimma fayyaa hawaasaarratti xiyyeeffadhee waanin hojjedhuuf namootni jireenya isaanii gidduu waanan galaa jiru kan itti fakkaatee dhugumtti aaran hedduun jiru.''

    Weerarri Covid-19 US keessatti hamaachuu wayita eegalu Pireezidant Tiraamp waliin ibsa kennaa kan ogeessi kun boodarra dhaamsa Pireezidant Tiraamp faallaa ogeeyyiin fayyaa jedhan ta'een waldhabdee keessa galanii turan.

    Dr. Faawuch ''dorsiifni amma irraa gahaa jiru akkaan cimaa, narras, haadha warraa koo, fi ijoollee koo dubaraarras gahaa jira'' jedhan.

    ''Dhugumatti kun USA dha?'' jedhanii gaafachuuf dirqamuus dubbatu.

  15. Raashiyaatti sa'aatii 24 darban namoonni haaraa 5,000 ol Covid-19 qabaman

    Raashiyaatti sa'aatii 24 darban namoonni haaraa 5,871 koronaavaayirasiidhaan qabamuusaanii Rooyitars ibseera.

    Kanumaan wal qabatee sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 146 sababa Covid-19 lubbuunsaanii darbeera.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 806,720 koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 13,192 ammoo du'aniiru.

    Addunyaarratti namoonni miiliyoona 15.7 Covid-19 yoo qabaman 640,253 du'aniiru jedha ragaan Yuunivarsiitii Joon Hoopkiinsi.

    Ameerikaa, Biraaziil fi Indiyaan biyyoota lakkoofsa namoota Covid-19 qabaman miiliyoona 4.1, miiliyoona 2.2 fi miiliyoona 1.3 wal duraa duubaan qabaachuudhaan biyyoota addaunyaarraa sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffatti argamaniidha.

  16. Yuunivarsiitiin Finfinnee yeroo duraatiif barattootaa bakka isaan qaaman hin argamnetti eebbise

    Yuunivarsiitiin Finfinnee yeroo duraatiif barattootaa isaa 5,600 ol ta'an bakka isaan qaamaan hin argamnetti (virtual) eebbise.

    Sirna eebbaa kanaratti argamuun eebbifamtootaan baga gammaddan kan jedhan Pireezidantiin Itoophiyaa Aadde Saahilawarqi Zaawdee sababa Covid-19'n galma guddaa barame keessatti sirna eebbaa keessan gaggeessuun danda'amuu baatus baga gammaaddan jedhaniiru.

    Eebbifamtootarraa biyyii fi uummatni itti gaafatama eegu akka qabu yaadachiisan.

    Eebbifamtootni bara kanaa Yuunivarsiitichaarraa har'a eebbifaman kanneen kallattifi onlaayinii barnoota isaanii hordofaa turan ta'uu EBC'n gabaaseera.

    Kanneen eebbifaman keessaa 2,270 kan ta'an Koroonaavaayiras Itoophiyaa galuu isaa dura waraqaa qorannoo eebbaa isaanii dhiyeessanis jedheera.

    Sirni TV biyyaalessaa EBC irratti kallattiin darbaa ture.

  17. Hiriira Hawaasa Oromoo biyyoota alaa jiranii

    Hawaasni Oromoo biyyoota addunyaa garaagaraa irraa jiraatan erga Art. Hacaaluu Hundeessaa ajjeefamee hiriira mormii gaggeessan itti fufanii jiru.

    Hiriironni mormii guyyaa kaleessaa fi har’aas keessatti gaggeefamaa jiru keessaa:

    Awustiraaliyaa Paarzitti, Ameerikaa Wiskoonsin fi Siyaatiil,

    Kaanaadaatti ammo magaalaaleen akka Edmoontan fi Torontoo ni argamu.

    Magaalota kana keessatti hiriirii mormii godhamaa jiru erga ajjeechaa Art. Haacaaluu booda kan jalqabaa miti.

    Hiriirtotni ajjeechaan Art. Haacaaluu haqa haa argatu, hidhamtootni siyaasaa hundi haa hiikamn akkasumas MM Abiy Ahimad aangoo gadhiisuu qabu kan jedhan gaaffiiwwan hiriirtotarraa dhagahamaniidha.

  18. Haangariitti gaazexessitootni 70 ol ta'an walabummaa hojii dhabne jedhanii hojii gadhiisan

    Gaazexessitootni miidiyaa biyya Haangarii Index jedhamuu 70 ol ta'an bilisummaa hojii dhabne jechuun hojii gadhiisan.

    Biyyattii keessatti miidiyaalee walaba ta'an keessa kan hojiitti ture miidiyaa gama marasariitiin hojjetu kana ture.

    Gulaalaa olaanaan sabaa himaa kanaa Kibxata darbe aangoorraa kaafamuun gaazexessitoota dheekkamsiiseera.

    kaayyoon isaas hojimaata miidiyichaa keessa galuun walabummaa hojii keenya sarbuudha jedhan.

    Sa'aa muraasa keessattis hedduun magaalaa guddittii Budaapeestitti bahuun bilisummaan miidiyaa akka eegamu hiriira bahuun gaafataniiru.

    Hojii gaggeessaan dhaabbatichaa jji'a darbe keessa hojii ogummaa isaaniirratti dhiibbaan qaaqqabaa jiru haamaa ta'uu akeekkachiisaa ture.

  19. Afriikaa Kibbatti hidhamtoonni 69 mana hidhaatii miliqan

    Afriikaa Kibbaa magaalaa Malmeesbaarii keessatti hidhamaan hidhamtoonni 69 akka miliqan godherratti qorannoon taasifamaa jira.

    Hidhamtoota 69 keessaa 61 deebi'anii kan to'ataman yoo ta'u saddeet ammallee akkuma miliqanitti jiraachuusaanii Waajjirri Qorannoo Yakkaa ibseera.

    Hidhamtoonni sababa manni hidhaa guuteef akka miliqan waajjirichi himeera. Hidhamtonni kunneenis asiin dura yeroo dhaddachaa gara mana murtii geeffaman miliquusaanis himeera.

    Lammiileen biyyattii isaan qabuuf yaalii tokkollee akka hin taasifne akeekkachiifamaniiru.

    "Taateen kuni yeroo poolisoonni hidhamtoota sochii qaamaa hojjachiisan kan raawwateedha. Yeroo sanitti wirtuun hidhamtootaa 451 fi poolisoota hojiirra turan 20 qaba ture," jedhe wirtuun ibsa baaseen.

    "Hidhamtoonni miliqan kunneenis baay'ee waan ta'aniif poolistootarraa furtuu fuudhuu kutaalee waliif banan. Isaanis gama balbala seensaatiin miliqan.

    Taatee kanaanis poolisoota sagal irratti miidhaan xiqqaan gaheera."

    Dubbi himaan waajjirichaa Logan Maisty akkas jedhan: "Gareen poolisootaa miilaa fi konkolaataan barbaacha taasisan of keessatti qabachuun hidhamtoota miliqan heddu irra deebiin to'annaa jala oolchuu danda'eera."

    Qorannoon akkaataa hidhamtoonni itti miliqan ammas taasifamaa jira.

  20. Lammiin Singaapoor US'tti Chaayinaaf basaasaa akka ture amane

    Lammiin Singaapoor US Chaayinaaf odeeffannoo basaasaa jiraa jechuun hiite yakka ittiin himatameen badiin irratti argame.

    Jun Wei Yeo kan ittiin himatame hayyama gorsaa siyaasa jechuun kennameef fayyadamuun tika mootumma Chaayinaaf odeeffannoo sassaabuu akka ta'e aanga'oonni US ibsaniiru.

    Gama kaaniin qorattuu Chaayinaa Ameerikaa jiraachaa biyya ishee waliin hariiroo dhokataa qabdi jedheen to'achuus mootummaan Ameerikaa beeksiseera.

    Chaayinaan Qoonsilaan ishee Hiiyusten jiru cufamuu isaa hordofee isheenis Qoonsilaa Ameerikaa Kibba-Lixa biyyattii Cheengdutti argamu cufteetti.

    Hariiroon biyyoota lamaanii duraaniis morkiin kan guutame ta'uus dhiyeenyammo Ameerikaan Chayinaa annaa kalaqa sammuun himachaa jirti.

    Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiiyoon Qoonsilaan Chaayinaa Hiiyusten kan cufame sababa hanna kalaqaan ta'uu himan.

    Dubbii himaan moootummaa Chaayinaa ammoo ''soba borcamaa jibba Chaayinaarratti hundaa'edha'' jedha.