Chaampiyoons Liigii bara dhufuu seenuufi liigii sadarkaa gadiitti bu'uu diddaaf, taphoonni Piriimeer Liigii Inglizii xumura bara kanaa Dilbata hardhaa sa'aatii walfakkataatti taphatamu.
Maan Yunaayitid kan keessummeessan Leestar Siitii, akkasumas Cheelsiin ammallee Chaampiyoons Liigii galuuf morkatu.
Haga ammaa ka mirkaneesse Liivarpuuliifi Maanchistar Siitiidha.
Aston Viilaa, Waatiford fi Boornimaz keessaa lama gara diviziyoona gadiitti bu'u - kunis morkii cimaadha.
Kana malees morkiin Liigii Awurooppaarra hirmaachuuf jirus akkasuma - Wolvis fi Totanihaam sadarkaa 6ffaa argatanii xumuruuf carraaqu.
Jemii Vaardiin Kophee Warqee (Golden Boot) fudhachuuf waan deemu fakkaata. Badhaasni karra eegdootaaf kennamus (Golden Glove) eenyu akka fudhatu hin baramne.
Taphataan Maan Siitii Keevin de Biruyina, rekordii kubbaa mijeessee kennuu amma dura Tiyeerii Henriin qabame waliin gita yookaan ni cabsa jedhamee eegama.
Taphataan gareesaa ka tahe Deevid Siilvaa ammoo taphasaa xumuraa Pirimeer Liigii hardha taasisa.
KiIlabni Waancaa kaase dursee baramus, dhimmoota falmii armaan olitti ka'aniif, falmiifi diraamaa cimaa arguuf deemna.
Taphootni kurnan hunduu sa'aa walfakkaaturra - akka biyyaatti sa'aa 12:00 irratti taphatamu.