Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n lubbuu dhabanii 11 gahe

Qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 5,034 taasifameen namoota 95 irratti vaayirasichi argamuun waliigalli namoota haga ammaatti qabamanii 1063 gahuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattiin odeessaalee isin biraan gahuutti deebineerra. Sa'aa kanarraa eegalee odeessaalee biyya keessaa fi alaa isinii dhiyeessina nu hordoofaa.

    Ooltii gaarii!

  2. Ogeeyyi fayyaa torba Somaaliyaatti butaman

    Ogeeyyi fayyaa  butaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Roobii darbe namoonni maaskii keewwatan minibaasiidhaan mandara Kaaba Moqdishuurraa 30km fagaattu qaqqaban.

    Namoonni kunis ogeeyyii fayyaa torbaafi nama biraa tokkos itti dabalanii ija hidhanii, harkasaanii duubatti hidhanii fudhatan.

    Uggurri kun kan raawwatame dhukaa’aan konkolaataa waraana Somaaliyaa tokkorratti qiyyaafate erga qaqqabee sa’aatii tokko booda ture.

    Haleella kana duuba eenyu akka jiru hin beekamne.

    Waajirri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Somaaaliyaatti argamuu uggura kana balaaleffateera.

    Kamisa darbe namoonni rasaasaan ajjeefaman saddeet reeffi isaanii argameera..

    Hidhattoonni al-Shebaab naannicha akka sochaanitu beekamus,haleellaa kana duuba hinbeekamne.

  3. Hogganaan paartii mormituu 'mana sagadaa hin deemiinaa, ni duutu' jedhe

  4. Hoospitaalli Naajeriyaa Covid-19 sodachuun dhukkubsattoota wal’aanuu dide

    Hoospitaala Naajeriyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammileen biyyatti dhibeewwan biroof wal’aansa dhabuun, vaayrasichi kan ajjeesu caala lubbuu dhabaa jiru jedhan dursaan to’annoo weerara vaayirasii biyyatti Boos Musxafaa.

    Hoospitaaloonni mootummaa fi dhuunfaa weerara vaayirasii sodaatanii dhukkubsatoota wal’aanuu diduun gaddisiisaadha jedhan.

    Qondaalli fayyaa biyyatti kun lakkoofsa namoota sababa kanaan du’aanii meeqa akka ta’an garuu hin ibsine.

    Hoospitaalonni muraasni meeshalee ofeggannoo koronaavaayirasiif barbaachisan dhabuun cufamaniiru jedhan.

    Naajeriyaatti namoonni 9,000tti dhiyaatan vaayirasichaan qabamaniiru.

    Ogeeyyiin garuu, qorannoo gahaan waan hinjirreef malee lakkoofsi namoota qabamanii kana caalaa jedhu.

  5. Oromiyaatti nama 8 dabalatee namootni haaraan 137 Covid-19'n qabaman

  6. Yuugaandaatti daldaltooti saalqunnamtii HIV waliin jiraatan qoricha addaan kutan

    daldala saalqunnamtii

    Madda suuraa, Getty Images

    Yuugaandaatti namoonni daldala saalqunnamtii bobba'aniifi HIV waliin jiraatan qoricha umrii dheeressuu fudhachaa turan addaan kutan..

    Sababii labsii yeroo muddamaatiin maamilotasaanii dhabuun, kan nyaatan dhabanii garaa duwwaatti qoricha hin fudhannu jedhan.

    Mootummaan biyyattii ji’a lamaa asitti namoota uggara sochii kanaan miidhamaniin muraasaaf soorata dhiyeessuun deeggara ture.

    Dubartiin daldala saalqunnamtiirratti hirmaattuufi HIV waliin jiraattu Jooliyaa Namiir jedhamtu baasiin maatiikoo ittiin bulchu argachuuf dambii kana nan cabsaa jetti.

    "Ijooolleekoo beelofne jedhan sooruun qaba, ganama wayita hirribaa ka'aan beelofne jedhanii na rakkisuu, deeggarsa hin qabani,"jetti.

    Haati daa’ima umrii ganna 30 kan biraanis qoricha umrii dheeressuu( anti-retroviral) garaa duwwaatti hin fudhadhu jettee addan kutte.

    Yugaandaatti tatamsa’inni vaayirasichaa akka biyyatti jiru harka 5.5 ta’us, namoota daldala saalqunnamtiirratti bobba’an keessatti harka 37 ni ta'a.

    Biyyattiin namoota daldala saalqunnamtiirratti bobba’aniirratti xiyyeefachuun hojii to’annoo hojjatteen tatamsa’ina vaayirasii HIV hir’isuun danda'amee ture.

  7. Namni shamarree Haayimaanoot ajjeesuun shakkame to'atame jedhe poolisiin

  8. Weerarri vaayirasii misooma Afrikaaf 'danqaa guddaadha' - AU

    Dargageessa Afrikaa Maaskii hidhate

    Madda suuraa, Getty Images

    Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa ammaa Siriil Raamafoosaan weerarri koronaavaayirasii galma misoomaa biyyootni guddataa jiraniitti 'danqaa guddaa' ta'uu himan.

    Weerarichi galmawwan misoomaa akka barnootaa, fayyaa fi hiyyummaa hir'isuu biyyoota Afrikaa danqaa jira jedhan.

    Walgahii UN rakkoo diinagdee weerarichi fide irra aanurratti fuulleffaterratti kan dubbatan pireezidant Ramafoosaan, liqaan biyyoota guddatanii akka haqamu akkasumas, yeroo waggaa lamaatiif kafaltiin liqaa akka dhaabbatu gaafatan.

    Kora biyyoota G20 baati darbee irratti biyyoonni diinagdee gurguddaa qaban akka Chaayinaa biyyooti guddataa jiran yeroof liqaa kafaluu akka adda kutan taasisanii ture.

    Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guterees walgahiidhuma sanarratti dhaabbileen daldalaa liqeessan yeroo liqaa haquufi yeroo kafaltii dheeressuun biyyoota guddataa jiran akka deeggaran waamicha dhiyeessanii turan.

    MM Abiy Ahimad weerara koronaavaayirasii ittisuuf tumsii fi tarkaanfiin addunyaalessaa barbaachisaadha jchuun barruu beekamaa 'Financial Times' irratti barreessanii turan.

  9. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namootni haaraan 137 Covid-19'n qabaman

    Gabaasa Guyyuu BBC Koronaavaayiarsii

    Qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 5,015 taasifameen namoota 137 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Kanneen keessa 20 gara biyya alaatti imalanii kan turan yoo ta’u saddeet ammoo warra nama duraan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa qabanidha.

    Kan hafan 109 hariiroon nama qabamee waliin qaban adda hin bane.

    Namootni vaayirasichi irratti argame 109 Finfinnee, 1 Afaar, 17 Amaaraa, 2 Beenishaangul Gumuz fi 8 ammoo Oromiyaa keessatti.

    Namootni qabaman 86 dhiira, 51 ammoo dhalaa yoo ta’an umuriin isaanii ganna 4-75 jidduu jira jedhame.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa vaayirasichaan qabamanii 968 gaheera.

    Gama kaaniin namoonni vaayirasicharraa dandamatanii jaha jiru. Namni walumaagalatti dandamate 197 gaheera.

  10. Mooskootti lakkoofsi namoota sababa Covid-19 du'an irra deebiin qoratame

  11. Weerara haaraaf Covid-19'f qophaa’uu qabna jedhe WHO

    Dhukkubsataa fi ogeeyyii fayyaa

    Madda suuraa, Ge

    Koronaavaayirasiin “bade hin jiru”, akkasumas akkuma sochiin namootaa dabalaa deemutti weerara haaraaf of qopheessuu qabna jedha Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti gareen addaa Covid-19 irratti hojjatu.

    Dr Deevid Nabaaroon BBC’tti akka himanitti yeroo uggurri laaffifamaa deemutti namoonni wal irraa fagaachuu fi yeroo dukkubsatanitti namootarraa adda of baasuu qabu jedhaniiru.

    Hamma ammaatti guutuu addunyaarratti namoonni miiliyoona 5 caalan vaayirasichaan qabamaniiru.

    Ameerikaa, Biraaziilii fi Raashiyaan biyyoota namoonni heddu sababa Covid-19 du’an tokkoo hanga sadaffaa jiraniidha.

  12. Naayijeeriyaan Veentileetaroonni Tiraamp ergeera jedhan na hin qaqqabne jette

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Odeeffannoo Naayijeeriyaa veentileetara Pireezidant Doonaald Tiraamp ji'a arjoomuuf waadaa galanii turan akka isaan hin qaqqabne beeksise.

    Tiraamp torbee darbe Naayijeeriyaatti Veentileetara 1,000 ergeera jechuun dubbachuu isaanii duuba Ministirri Odeeffannoo biyya Afrikaa Lixaa kanaa Laayi Mohaammed lakki nu hin qaqqabnee kan jedhan.

    Osoo qaqqabee jiraatee uummataaf ifa goona turee jechuun waadaan Tiraamp galan kan hin raawwanne ta'uu himan.

    Tiraamp deeggarsa kana gochuuf kan waadaa galan Bitootessa 28 wayita Muhaammaduu Buhaarii waliin bilbilaan haasa'an ture.

    Kan deeggarsi waadaa galan ergamuu dubbatan ammoo torbee darbe Michigaanitti wayita bakka omishaa Ford daawwatan ture.

    Naayijeeriyaatti hanga ammaatti namootni Covid-19'n qabaman 8,915 yoo ta'an, kan du'an ammoo 259.

  13. Dorgommiiwwan ispoortiirratti wanti haaraan jiraa?

    Taphattoota kubbaa miilaa

    Madda suuraa, PA Media

    Piriimeer Liigiin Ingiliz Waxabajjii 17 ni jalqabama. Ta'us garuu deeggartoonni iddoo dorgomichaatti hin argaman.

    • Dorgommiin Seeriyaa Xaaliyaanis Waxabajjii 20 akka jalqabu ministeerri ispoortii biyyattii ibsaniiru. Liigichi Bitootessa 9 adda citus taphatoonni garuu ji'a kana gara leenjitti deebi'aniiru.
    • Maaraatooniin Boostan seenaa waggoota 124 keessatti yeroo adda citu kun kan jalqabaati. Dorgommichi jalqabarratti Ebla 20 gara Fuulbaana 14'tti kan jijjiirame yoo ta'u, kaantiibaan Boostan Maartii Waalsh sababa sodaa fayyaa hawaasaatiin dorgommichi hin taasifamu jedhaniiru.
    • 'Humnoonni mootummaa lammilee nagaa ajjeesuu ragaa qabatamaan qaba'

    • Itoophiyaan Lammiilee ishee Libaanositti danqaman 600 ol biyyatti deebisuu eegalte

      Lammiilee Itoophiyaa Libaanos irraa deebi'an

      Madda suuraa, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

      Hojii garaagaraa hojjechuuf biyya Libaanoos kan turaniifi sababa weerara Covid -19’n hojii isaanii dhabanii rakkoof saaxilamanii Itoophiyatti deebi’uufis fedha qabaachuu kan himan keessaa lammiileen 333 Kamisa kaleessaa biyyatti deebifaman.

      Lammiileen kun gara biyyatti yoo deebi’an buufata xiyyaaraa Booleetti aanga’aoota mootummaa olaanoon simannaan taasifameeraaf.

      Sanbata Xiqqaa boruus lammiileen 320 ta’an dabalataan Libaanos irraa fedhii isaanii gara biyyatti akka deebi’an Ministeerri haajaa Alaa Itoophiyaa beeksiseera.

      Mootummaan Itoophiyaa baasii lammiilee kanaa guutummaan guutuutti kan dand'e ta'uus ibseera.

      Lammiileen kun gariin isaanii geejiba gara biyyatti isaan deebisuuf doolaar 500 oliin tikeeta muratanii balaliin dhibuu isaan rakkachaa akka turan BBC’tti himanii turan. Kanneen Tikkeeta muratanii tures mallaqni isaanii deebi’uu Ministeericharraa hubachuun danda’ameera.

      Lammiileen kun akkuma biyya gahaniin bakka adda bahanii akka turan qophaa’eef keessa guyyaa 14’f erga turanii booda qorannoon Koroonaavaayiras erga fudhatanii booda gara maatii isaaniitti akkamiin akka makaman ministeerichi qaamolee kaan waliin hojjechaa akka jiru ibseera.

      Mootummaan Itoophiyaa rakkoo lammiileen isaa biyyoota garaagaraa keessatti danqamanii fi fedha biyyatti deebi’uu qaban gara biyyatti akka deebi’an Ministeera Haajaa Alaa jalatti koree hundeessee socho’aa akka jiru ibseera

    • Indiyaatti namoonni du'an isa kan Chaayinaa caale

      Namoonni sababa Covid-19 Indiyaatti du’an isa kan Chaayinaa caala jedha gabaasni ministirri fayyaa Indiyaa.

      Lakkoofsi namoota Indiyaatti du’anii 4,706 yoo ta’u kan Chaayinaa immoo 4,638.

      Walumaa galatti Indiyaa keessatti namoonni koronaavaayirasiidhaan qabaman 160,000 ol yoo ta’u kunis torbee muraasa dura kan Chaayinaa caaleera.

      Uggurri biyyattiin labsite hanga Waxabajjii yookiin Adoolessaa turuu danda’a jedhu ogeeyyiini.

    • Kooriyaa kibbaatti manni barumsaa irra deebiin cufame

      Kooriyaa Kibbaa

      Kooriyaa Kibbaatti manneen barnootaa 200 ol banamanii guyyaa muraasa keessatti deebi'anii cufaman. Kunis Lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii waan tasa ol ka'eefi.

      Sa'aatii 24 darbe keessatti biyyattiin nama haaraa vaayirasichaan qabame 56 galmeessite. Kuni ji'a lama keessatti isa olaanaadha.

      Yaaddoo kan uume garuu namoonni kunneen kan argaman iddoo namni hedduun tuuta'ee jiraatutti ta'uu isaati.

      Barataan haati isaa naannoo kanaa taate tokko vaayirasiin qabamee argameera.

      Paarkonni fi muuziyamiiwwan ni cufamu uummannis akka walitti hin qabamne irra deebiin gaafatamaa jira.

      Biyyattiin jalqabumarraa kaastee uggura sochii hin labsine. Nama hedduu qorachuu fi warra qabaman waliin hariiroo kan qaban jala bu'anii hordofuun tooftaa ittisaa itti fayyadamaa turtedha.

      Tarkaanfiiwwn walirraa fagaachuu kaanis namni fedhii isaan kan raawwatu malee dirqama hin turre.

      Amma lakkoofsi nama qabamee dabalaa jiraachuun irra deebiin yaaddoo uumeera.

    • Yooyyaa!, Deebineerra

      Gaabasa kallattii keenya kan Jimaata Caamsa 29, 2020 asirraa eegala.

      Gabaasaalee guyyoota muraasa darban kallattiin isin biraan gahaa turre asii dubbisaa.

      Iddoo nagaa oolaa!