Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n lubbuu dhabanii 11 gahe

Qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 5,034 taasifameen namoota 95 irratti vaayirasichi argamuun waliigalli namoota haga ammaatti qabamanii 1063 gahuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Horaa Bulaa

    Tamsaasa kallattiin odeessaalee isin biraan gahuutti turre kan guyyaa har'aa kanumaan goolabneerra.

    Boru odeessaalee biyya keessaa fi alaa biroon tamsaasa kallattiin walitti deebina.

    Hangasiifuu ofeegaa - fayyaan faaya.

    Horaa Bulaa!

  2. Amma nu gahe, Itoophiyaatti sababa Covid-19n namoonni sadi lubbuu dhaban

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 2836f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 109 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

    Gama kaaniin ammoo namoonni sadi lubbuun dhabanii jiru.

    Namoota lubbuu dhaban keessaa shamarreen ganna 29, dubartii ganna 75 Finfinneerraa akkasumas, namni ganna 55 naannoo Kibbaarraa koroonaavaayirasiin lubbuu warra dhabanidha.Kanumaanis biyyattiitti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 11 gaheera.

    Namoota sa'aa 24 dabran keessa qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa:

    2 seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 13 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan bahe ni mul'isa.

    Namoonni 94 garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota vaayirasichi irratti argame waliin tuttuqqaa kan hinqabnedha jedhameera.

    Iddoo argamuun mirkanaa'een: 99 Finfinneerraa, shan Oromiyaarraa, 2 naannoo Tigiraay, sadii naannoo Hararii irraati.

    Lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 1172 taheera.

    Gama kaaniin ammoo, sa'aatii 24 dabre keessa namni tokko naannoo Tigraay irraa vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 209 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Haala Covid-19 Itoophiyaa
  3. Somaaliyaatti boombiin awwaalame imaltoota minibaasi ajjeese

    boombii awwaalamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Somaaliyaa naannoo magaalaa guddittii Moqadishootti erga minibaasiin boombii awwaalameerra ba’ee booda dhoowinsa uumameen yoo xiqqaate namootni 10 du’uu isaanii poolisiifi namootni ijaan argan himaniiru.

    Imaltoota kan keessaa hedduun isaanii miseensa maatii tokkoraa kan ta’aniifi gara awwaalchaa utuu deemanii boombii kanaan miidhamuu isaani Reuters gabaaseera.

    Gartuun dhooyiinsa kanaaf itti gaafatammumaa fudhate hin jiru.

    Ta’us garuu al-Shabaab yeroo hedduu daandilee ijoo irratti boombii ni awwaalu.

    Daandiin dhooyisi kun itti uumame – kan Moqadishuu irra gara km20 fagaatee jiru kun, kan yeroo hedduu konkolaattonni waraanaafi mootummaa itti fayyadamanidha.

    “Hanga ammaatti dhoyiinsichaan namootni ja’a du’anii kaan mada’aniiru… lakkoofsi namoota du’anii garuu dabaluu mala,” jechuun qondaalli poolisii Faraah Hassan Reuters’tti himaniiru.

  4. Dubartiin ganna 65 ulfa ta’uusaanii osoo hin beekin ilma dahan

    Addee Sinidduu

    Madda suuraa, Ethiopian News Agency

    Jiraattuu magaalaa Finfinnee kan ta’an dubartiin ganna 65 Aadde Sinidduu Sewunnet hanga guyyaa da’anitti ulfa ta’uu hin beekan ture jedha gabaasni Ejensii Oduu Itoophiyaa.

    Hojii gabaa keessatti kuduralee gurguruun kan bulan Aadde Sinidduu waggooti dheeraa dura sababa ulfi irraa ba’uun daa’ima godhachuu dhabuun, umuriin isaanii akka deeme dubbatu.

    Daa’ima da’anii dhungachuu akka danda’aniif yeroo dheeraaf erga kadhachaa turanifi boodarra abdii akka kutan himuun laguu erga arganillee yeroo dheeraa akka ta’e dubbataniiru.

    Caamsaa 16 irratti garaankoo nadhukkuba, na ciniina jechuun abbaa manaa isaanii hojii deemanitti bilbilaan himu.

    Abbaan manaa haati warraa isaani dhibee garaachaa akka qaban beekanis “waa na keessaa dhangala’aa jira” gaafa jedhan yaadda’uun oollaan gara buufata fayyaatti akka isaan geessaniif haala mijeessani.

    Ogeessoti fayyaa buufata fayyaa naannoo Garjii Dil Firee jiran, dhukkubbiin itti dhaga’amaa jiru miixuu ta’uusaa Aadde Sinidduuf ibsuun maaliif haga ammatti hordoffii fayyaa akka hin arganne yeroo gaafatan ‘ulfa ta’uukoo hin beeku’ jechuun deebisaniirufi.

    Yeroo kanattii gara Hospitaala Zawuditutti kan dabarfaman Adde Siniduu mucaa dhiiraa nagaan ofkalaniiru.

    Oduun dubartiin ganna 65 kun umurii kanatti daa’ima da’uun isaani ollaafi fira isaanii hedduu ajaa’ibsiiseera.

    Haati manaa isaanii ulfa ta’uu akka hin beekne kan dubbatan Obbo Habtaamuu Galaan, osoo hin yaadiin abbaa ilmaa ta’uu isaanitti gammaddoo ta’us Ejensii Oduu Itoophiyaaf ibsaniiru

  5. Lammileen Arjantiinaa uggura mormuun daandiitti bahaniiru

    Mormitoota Arjantiinaa

    Madda suuraa, Reuters

    Lammileen Arjantiinaa dhibbaan lakka’aman uggura koroonaavaayiras biyyattii cimaa tahe mormuun daandiitti bahaniiru.

    Angawoonni biyyattii uggura ji’oota lamaan dura kaa’an akka kaasan gaafatan.

    Mormitoonni magaalaa Bonas Ayiras fi magaalota birootti bahan pireezidantiin biyyattii Albartoo Farnaandeez abbaa irreedha jechuun morman, manneen daldalaas akka banaman gaafatan.

    Kanneen muraasa tahanis mallattoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanofne kanneen akka netiwoorkiin 5G Covid-19 fida jedhan qabatanii turan.

    Biyyattiitti haga ammaa namoonni 500 tahan vaayirasichaan ka du’an yoo tahu, kanneen 16,000 tahan ammo qabamuun isaanii mirkanaa’eera.

  6. Mammaaksa Guyyuu BBC irraa

    Makmaaksa Guyyuu BBC irraa

    Hiikni mammaaksa kanaa isiniif maali?

    Guca hidhaa kana keessa jiruti fayyadamuun mammaaksa keessan nuuf ergaa https://bbc.in/2XkSoNE

    #mammaaksaguyyuubbc

    Mammaaksa Guyyuu
  7. Loos Anjalasiitti sababa mormiitiin gidduugalli qorannoo Covid-19 cufaman

    Mormiitoota

    Madda suuraa, Getty Images

    Sababii ajjeechaa Joorji Filooyiidiin kan Miiniyaapoolis keessatti qondaala poolisiin raawwatameen wal qabatee guutuu Ameerikaatti mormiin gaggeefamaa jira.

    Loos Anjalas keessattis qondaltoonni wiirtuuwwan qorannoo Covid-19 cufaniiru. Kantiibaan Loos Anjilas Eeriik Gaarkeet gaazexessitootatti akka himaniitti osoo of eegannee gaariidha jedhaniiru.

    Itti dabaluunis: ‘‘Amma yeroon ka itti gara manaa galamudha. Yeroo nagaan jiruu deebii'i karaa nagaatiin moormi.’’ jedheera.

    Mormii gaggeeffamu to’achuufis Ameerikaa guutuutti magaaloota hundattuu uggurrii sa’aatii kaa’ameera. Bulchaan Miinesotaa Tiim Waalz ammo mormiitoonni akka maaskii kaawwataniifi waliirra feenyeenya isaanii akka eeggataniif waamicha taasisaniiru.

    Buchaan Niiw Yoorki Andireew Kumoo jibba sanyummaa Ameerikaa keessaa ajjeechaa Joorji Filooyiid waliin wal qabatee kanas tiwiitara irratti akka barreessaniin, du’a lammiilee Ameerikaa kan maaddisaanii Afriikaa ta’ee irra caalaa koronaavaayirasiin du’uutiin walitti qabsiiseera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  8. Itoophiyaan 'daangaa ce’uun haleellaa taasifteef' Sudaan deebii gaafatte

  9. Masjiidni beekamaan al-Aqsaa baname

    Sababa koronaavaayirasiin ji’oota lamaaf cufame kan ture maasjidi al-Aqsaa Jerusaaleem amantoota deebisee simachuu eegaleera.

    Masjidi kun masjiidota Makkaafi Madiinaatti aanee amantaa Islaamaa kessatti bakka qulqullaa’aa isa sadaffaadha.

    Namootni dhibbaan lakka’aman – kan hedduun maaskii uffatanii turan – balbala maasjidichaatti gariin lafa dhungachaa 'Rabbi guddaadha' jechuun sagalee dhageessisaa turani.

    Boodarras obsa isaanif kan isaan galateeffatan daarektarri masjiidicha Omaar al-Kiswaaniin simatamaniiru.

    Suuraaleen yeroo masjidichi baname agarsiisan muraasni kunooti.

    maasjidi al Aqsaa

    Madda suuraa, Reuters

    maasjidi al Aqsaa

    Madda suuraa, Reuters

    maasjidi al Aqsaa

    Madda suuraa, Reuters

  10. Hindiin lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman dabalus uggura laaffisuuf

    Namoota imalarra jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Hindiiin lakkoofsi namoota guyyaa guyyaan Covid-19n qabamanii dabalaa jiraatulleen, uggura laaffisuuf murteessuu beeksiifte.

    Haaluma kanaanis Waxabajjii 1 irraa kaasee reestooraantootiifi hoteloonni, jidduu galli gabaafi eddoowwan amantaa ni saaqamu jedhameera.

    Adeemsa uggurra kaa’amee ture laaffisuuf sadarkaa sadiin itti adeemamu kanaanis kan ammaa kun tarkaanfii isa jalqabaatii jedhameera.

    Torbanootaan booda ammoo manneen barnootaafi koolleejoonni saaqamuu eegalu. Haa ta’u malee naannoolee weerarri Covid-19 cimaan keessatti mullateetti ammalleen uggurri cimaan hojiirra kan oolfamu ta’uu himameera.

    Karoorri uggura laaffisuu Hindiin taasisaa jirtu kunis erga guyyaa tokkootti lakkoofsi olaanaa namoota vaayirasichi irratti argame 8,000 galmaa'e boodadha.

    Waliigalatti wayita ammaa kanatti namooti 174,500 ta’an vaayirasichaan qabamaniiru.

    Uggurri guutummaa baatiiwwan lamaan dura mootummaan biyyattii kaa’ee turees lubbuu lammiilee kuma 37 -78 ta’u akka baraare himama.

    Haa ta’u malee ugguricha haala sanaan akka itti fufu taasisuun biyya ummata biiliyoona 1.3 qabdu keessatti, haala eegamuun caalaa dinagdee biyyattii kan miidhuudhaa jedheera ibsi motummaan baase.

    Haa ta’u malee ammalleen uggurri sochii naannoolee baayyeen vaayirasichaan miidhamaniif hin miidhamiin jidduu taasifamurratti kaa’amee kan itti fufu ta’u himameera.

  11. Deebineerra

    Tamsaasa kallattiin odeessaalee isin biraan gahuutti deebineerra.

    Sa'aa kanarraa eegalee odeessaalee biyya keessaa fi alaa isinii dhiyeessina nu hordoofaa.

    Guyyaa gaarii!

  12. Lammiileen Jarman gara Chaayinaatti deebi’uu eegalan

    Suuraa Jarman

    Madda suuraa, AFP

    Dureewwan hojii, hojjattoonnifi maatiin lammiilee Jarmanootaa 400 ta’an balaliinsa xiyyaara chaartariitiin gara Chaayinaatti deebii’aa jiru.

    Chaayinaa keessattis dhaabbileen idil-addunyaa adda addaa amma saaqamuu eegalaniiru.

    Balaliinsi jalqabaas Jimaata darbee namoota 200 lama fe’uun eegale jechuun maddi oduu Jarman ARD jedhamu gabaaseera.

    Kana malees Kamisha dhufaa ammo balaliinsi gara Shagaayiitti ni taasifama jedhamee eegamaa jira.

    Biyya Chaayinaa Keessa dhaabbilee Jarman 5,200 ol ta’aniitu argama. DHaabbileen kunneenis hojjattoota miliyoona tokko ol akka qaban himama.

    Chaayinaa Kaabaatti Itti gaafatamaan dhimmoota daldala Jarman Jeensi Hildabiraat akka jedhaniitti ‘’hawaasni daldaltoota Jarman hojjattoota isaanii gara CHaayinaatti deebiisuu akka barbaadan nan beekan’’ jedhaniiru.

  13. Biraaziliitti namoonni haaraan 26,928 Covid-19'n qabaman

    Dubartii maaskii kaawwatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyya Biraaziliitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniifi du’anii guyyaa guyyaan garmalee dabalaa jira.

    Guyyaa tokkichatti namoonni 26,928 haaraa vaayirasichaan qabaman yoo ta’u, kunis lakkoofsa waliigala biyyattii keessa vaayirasichaan qabamanii 465,100 gahe.

    Haaluma walfakkaatuunis sa’aa 24 darbe keessatti namoonni 1,124 yoo du’an, hanga ammaattis biyyattiin namoota 27,878 dhabdee jirti.

    Kunis kan biyya Ispeen akka caalu himama.

    Gama birootiin ammoo qorattoonni tokko tokkos, qorannoonni biyyatti keessatti bakka hunda waan hinjirreefu lakkoofsi dhugaa kan himamuun dacha 15 ta’u danda’a jechuun akeekkachiisu.

    Piresidaantiin biyyattii Jaa’iir Bolsonaar garuu du’aatii lammiileefi yaaddoo ka’aa jiruu kuffiisuun, maaskiilleen osoo hinkaawwannee marii ummataa gaggeessaa jiru.

  14. Itoophiyaatti namootni haaraan 95 Covid-19'n qabaman

    Gabaasa haaraa sa'aa 24

    Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 5,034 taasifameen namoota 95 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Kanneen keessa 30 seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta’an, 4 ammoo warra nama duraan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa kan qabamanidha.

    Kana malee namoonni harra qorannoon vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee 61 seenaa imala biyya alaas ta’e kan nama kana dura vaayirasichaan qabame waliin hidhata hinqabneedha jedhameera.

    Namootni qabaman kunneenis umuriin isaanii ganna 15 -80 jidduu kan argamuudha jedhameera.

    Kanaanis biyyattii keessatti lakkoofsi namoota waliigalaa vaayirasichaan qabamanii 1,063 gaheera.

    Namoonni harra vaayirasichaan qabamnunsaan adda baafame kunneen keessaa 56 magaalaa Finfinneetti kan jiraatan yoo ta’u, sadii naannoo Tigraayi, 22 Naannoo Ormiyaa, shan Naannoo Amaaraafi tokko Affaa, sadii Hararii, lama Dire dhawaafi sadii naannoo SOmaalee irraa jedhameera.

    Gama kaaniin namoonni 11 vaayirasicharraa dandamatanii jiru. Walumaagalatti namni dandamate 208 gaheera.

  15. US hariiroo WHO addaan kutuushee Jarman qeeqxe

    Jarman pireezidaant Tiraamp hariiroo Ameerikaan WHO walii qabdu addaan kutuu isaaniif qeeqxee.

    Ministirri Fayyaa Jeens Isaah murteen kun "gaddisiisaadha" akkasumas Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiif kufaatiidha jedhan.

    Ameerikaan biyya dhaabbatichaa deeggarsa maallaqa guddaa taasiftuudha. Bara 2019 biyyattiin dhaabbatichaaf deeggarsa maallaqaa miiliyoona 400 taasiftee jirti.

    Pireezidaant Tiraamp Chaayinaan weeraricha to'achuu dhabuusheetiif WHO'n tarkaanfiin fudhate hin jiru jechuudhaan himatu.

  16. Qorattootni Humna Qilleensaa Naayijeeriyaa Veentileetara haara kalaqan

    Veentileetara haaraa  kalaqame

    Madda suuraa, Humna Qilleensaa Naayijeeriyaa

    Inistitiyuutiin Teeknoolojii Humna Qilleensaa Naayijeeriyaa Veentileetara (meeshaa hargansuu namaa gargaaru) haaraa qe'eedhumatti kalaqan.

    Hogganaan garee qorattoota hojii kalaqa kanaa Osichinaakaa Ubadiikee Veentileetaroonni kun waldhaansa dhibee Koroonaavaayiras qofa osoo hin taane dhukkuboota sirna hargansuu birootiifillee ni ooluu jedhan.

    Galteewwan maashina kan hojjechuuf itti fayyadaman hunduu kan naannootti argaman akka ta'ellee himan.

    Erga weerarri Covid-19 gara Afrikaa tamsa'uun dhagaahamee fi faayidaan veentileetarri waldhaansa dhibee kanaarratti qabu guddaa ta'uun hubatame, kalaqoonni adda aardichatti mul'achaa jiru.

    Naayijeeriyaatti hanga ammaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamnii 9,000 akka ta'e mootummaan ibseera. Hata'u malee hangi namoota qoratamanii xiqqaa ta'uurraa kan ka'e lakkoofsichi kana caaluu akka danda'u shakkama.

  17. Dhaabbanni ‘SpaceX’ irra deebiidhaan imala gara hawaa yaaluufi

    Namoota lama

    Madda suuraa, NASA

    Dhaabbatichi astiroonota Nasa lama gara Orbiitii erguuf yaaliin Roobii taasise milkaa’uu dhabuusaatiif yeroo lammaaffaatiif yaaluuf jedha.

    Imala gara hawaa taasisuuf Roobii karooraftee ture sababa haalli qilleensaa mijataa hin taaneef ture kan hafe.

    Haalli qilleensaa guyyaa Sanbataa gaarii miti. Ogeeyyiin raga haala qilleensi jijjiiramuu danda’a jedhu.

    Abuurraa hawaa kanaaf xiyyeeffannaan guddaan itti kennameera. Sababni isaas dhaabbanni hawaa US yeroo jalqabaatiif dhaabbata hawaa dhuunfatti fayyadamuudhaan imala yoo taasisu isa jalqabaa ta’a.

    Imalli kun kan milkaa’u yoo ta’e Haarleeyi fi Beehkeen balalii sa’aatii 19 taasisu.

    Isaanis gara dachitti deebi’uusaaniin dura ji’a tokkoo hanga afurii ‘International Space Station’ (ISS) irra ture jedhamee eegama.

  18. Mormii ajjeechaa Filooyid balaaleffatuun, mormitootni Poolisii waliin walitti bu'an

    Niwyoork

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaa magaalota adda addaa keessatti ajjeefamuu lammii Ameerikaa hiddi isaa Afrikaa ta'eef mootummaan haqa akka kennuuf mormii gaggeefamuun , mormitootni poolisii waliin walitti bu'an.

    Miniyaapolis

    Madda suuraa, Getty Images

    Magaalota akka Niiw Yoork, Los Aanjalas, Chikaagoo, Denveer, Hiyuusten, Loosvill, Fooneeks, Kolombiyaafi Meemfiis keessatti mormitootni Poolisii waliin walitti bu'aniiru.

    Atlaantaa

    Madda suuraa, Reuters

    Jimaata galgala magaalaa Waashingitan DC Waayita Haawoos fuula duratti namootni suuraa Filooyid qabatan walitti qabamuu eegalan. Jecha Filooyiid osoo dubbatuu du'e, afuura baafachuu hin dandeenye, jechaas sagalee isaanii dhageessisaa turan.

    Atlaantaatti ammoo gamoowwan diigamaniirru, konkolaattotni Poolisiis ibiddaan gubataniiru. Mormitootni hedduun dhiyeenya waajira CNN'tti walgahan.

    Waayit Haawus

    Madda suuraa, EPA

  19. Maqaleetti rasaasa milishaarraa dhukaafameen lubbuun darbe

    Magaalaa Maqalee

    Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

    Naannoo Tigiraay magaalaa Maqaleetti rasaasa milishaarraa dhukaafamee lubbuun dubartii tokkoo darbuu poolisiini ibseera.

    Taate kunis kaffaltii hojiirratti walii galuu dhabuun akka uumame ibsameera. Walii galtee dhabuunsaanii hammaate milishaa dhukaasa banee dubartii tokko ajjeesuu BBC’n odeeffateera.

    Lubbuun dubartii rasaasan rukutamtee battalumatti darbeera.

    Namni dhukaase sun eega ishee ajjeese booda ofirratti dhukaasuudhaan miidhameera.

    Innis yeroo ammaa kanatti Hospitaala Riiferaala Ayidaritti waldhaansa baqaqasanii yaaluu taasifameefi to’annaa poolisii jala akka jiru ibsameera.

  20. Gaazexessaan CNN osoo mormii Miniyaapoliis gabaasuu qabame gadhiifame

    Gaazexesssaa CNN

    Madda suuraa, CNN

    Mormii ajjeefamuu Joorji Filooyid Miniyaapolisirraa gabaasaa kan ture gaazessaan CNN poolisiin qabamee ture gadhiifame.

    Omaar Jimeneez Jimaata ganama kallattiin osoo gabaasaa jiruutii harki isaa hidhamee kan fudhatame.

    Piroodusarriifi ogeessii kaameraa isa waliin turan illee qabamanii turan.

    Poolsiin bakka dhaabatanii gabaasaa turanii akka siiqan gaafatee waan siiquu didaniif qabaman.

    Gaazexessaaf waahillan isaa kun himatni osoo irratti hin banamiin gadhiifaman.

    Bulchaan Mineessootaa Tiim Waalz gochaa hojjetoota CNN kanarratti raawwatameen ''fudhatama kan hin qabne'' jechuun ibsanii dhiifamas gaafataniiru.

    CNN hidhaa kanaan heera biyyaa kan sarbe jechuun komate.