Itoophiyaa - guyyaa tokkotti namni 100 koronaavaayirasiin qabame

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4950f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 100 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naayijeeriyaan yaalii haayidirooksiikiloorookiiniin itti fufuufi

    Ogeessa fayyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Naayijeeriyaan qoricha haayidirooksiikiloorookiniin Covid-19'f akka ta'uufi hin taane mirkaneessuuf yaalii gaggeessitu eega WHO'n sodaa nageenyummaatiin adda kute boodas itti fufuuf.

    Daayirektarri Ejeensiin Nyaataafi Bulchiinsaa fi To'annaa Qorichaa (Nafdac) Mojiisoolaa Adeeyeeye miidiyaa biyya keessatti akka himanitti sababa WHO yaalii taasisaa ture adda kuteef nuu hin galle jedhan.

    Piroofeesar Adeeyeeyeen akka jedhanitti qorichi kun mallattoo Covid-19 jiddu galeessaarratti bu'aa argamsiisee ture.

    Isaanis yaaliin laabiraatooriisaa ji'oota sadii hanga afur keessatti ni xumurama jedhan.

    Qorannoon dhiheenya kanaa akka ibsutti qorichi kun carraa dhukkubsattoota Covid-19 du'aaf saaxiluu guddaa qaba.

    Haayidirooksiikiloorookiiniin dhibee busaatiif nageenyummaansaa kan mirkanaa'ee yoo ta'u, dhukkubsattoota Covid-19'f ooluunsaa hin mirkanoofne.

  2. Tiwiitarri maxxansa Tiraamp irratti mallattoo akeekkachiisa haqummaa odeeffannoo kaahe

    Maxxansa Tiraamp

    Madda suuraa, Tiwiitara

    Maxxansi tiwiitaraa Pireezidant Doonaald Tiraamp dhaabbata Tiwiitaraan mallattoon haqummaa odeeffannoo kanaa akka ilaalamu gorsu irra kaahame.

    Tiraamp waayee filanno gama poostaan gaggeefamu wayita barreessan ''filannoon akkasii waliin dhahuun alatti gatii hin qabuu'' jedhan.

    Tiwiitar imaammata haaraa dhimma odeeffannoowwan dogongorsoo ta'an irratti baaseen maxxansoota haqummaan isaanii shakkisiisaa ta'e jalatti mallattoo akeekkachisaa kaaha.

    Tiraamp maxxansi isaanii kun akeekkachisa dhaabbaticha jala erga galee booda barrefama biraa maxxansaniin dirreen miidiyaa hawaasaa guddichi guutummaan guutuutti bilisummaa yaada ufii ibsachuu hacuucaa jira jedhan.Tiwiitar maxxansoota dogongorsoofi dhara ta'an irratti mallattoo akeekkachisaa gochuu kan eegale jalqaba ji'a kanaatti, hojii kana cimsee kan itti fufu ta'uus beeksiseera.

  3. Obboleessi pireezdaantii Seenegaal koronaavaayirasiin qabame

    Obboleessi pireezdaantii Seenegaal koronaavaayirasiin qabamuu isaa beeksiseera.

    Bulchaa Guyediyawaye kan ta’e Aliyoo Saal magaalaa gudditti Dakaaritti hospitaala Dalal Diyaam keessatti wal’aanamaa akka jiru hima.

    Haati warraa isaas koronaavayirsiin qabamte lamaanuu hospitaala tokkotti wal’aanamaa jiru.

    Marsariitiin oduu Leral jedhamu Tiwiitara gubbatti maxxanseera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  4. Kooriyaa Kibbaatti barattoonni miliyoonotaan mana barumsaatti deebi'uufi

    Kooriyaa Kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Roobii kana barattoonni Kooriyaa Kibbaa miliyoona lama ta'an mana barumsaatti deebi'uuf jiru.

    Biyyattiin barattoota bara barnootaa adda addaatti qoqqooduun barsiisaa jira. Gariin kan barnoota eegalan yoo ta'u miliyoona lama kan ta'an ammoo har'a eegalu.

    Kuni wayita biyyattiin baatii lamaan darban keessatti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii olaanaa ta'e galmeessiftetti.

    Sa'aatii 24 darban namootni 40 vaayirassichaan qabamuutu gabaafame.

    Chaayinaatti aanuun jiddugala weerara vaayirasichaa kan turte Kooriyaan Kibbaa tamsa'ina dhukkubichaa to'achuun milkoofteetti.

    Haa ta'u malee dagannaan miilana uumame lakkoofsi deebi'ee akka ka'u taasisaa jira.

  5. Afrikaan Kibbaa manneen sagadaa deebistee banuuf

    Namoota wlaitti qabamuun sagadaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Manneen amantaa Waxabajji 1 akka vaayirisichi hin tamsaanetti of eeggannoon akka banaman pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiyril Raamaafoosaan himan.

    Waldaalee, Masjiidota, fi manneen amantaa kaan yeroo banaman walirraa fageenya namoota sagadaaf deemanii mirkaneessuu qabu jedhan.

    Bal’ina mana waaqeffannichaa irratti hundaa’uun hanga namoota 50tti walitti qabamuun sagantaa hordofuu danda’u.

    Waaqeffattootni hundi ammoo maaskii ykn haguuggii fuulaa kaawwachuun sanitayizerii harka qulqulleessuuf oolus qabachuu qabu.

    Pirezidaantichi kadhannaan biyyaaleessaa Caamsaa 31 akka gaggeeffamus himaniiru.

    Siiyril Raamaafoosaan gaggeesitoota amanataa uummata barsiisaafi gorsaa turanis galateeffataniiru.

    Afrikaa Kibbaatti hanga ammaatti namootni 24,264 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru.

  6. Balaliin biyya keessaa Indiyaa deebi’ee eegaluun booda imalaa irratti Covid-19 argame

    Imalaan Indiyaa balaliii biyyaa keessaan gara magaalaa Koyimbatoretti imale irraatti erga Covid-19 argame qofatti adda baafamee jira.

    Ji’oota lama booda balalii biyyaa keessaa Wiixata deebi’ee eegaleen namoota imalan keessa namni kun isa tokkodha.

    Hojjattoonni daandii qilleensaa IndiGo guyyoota 14 hojii kan dhaaban yoo ta’u imaltoota biro balalii sanarra turanis haala kana beeksisaa jirra jedhuun dhabbatichi midiyaa biyyattiif ibseera. Dabalataanis namni vayirasichi irratti aragame dabalatee imaltoonni hundi haguuggaa afaaniifi fudhaanii (maaskii) fi gilaavii godhatanii akka turan ibseera.

    Ministeerri geejjibaa qilleensaa Indiyaa Wiixataafi Kibxata kanarra namootni 41,000 ol ta’an tajaajilaa geejjiba qilleensa akka fayyadaman midiyaalee biyyattiif ibsaniiru.

    Ta’us garuu Wiixata balaliiwwan dhibbaan lakka’aman tasa waan haqamaniif bufataalee xiyyaaratti hirrirrii dheeraafi jeequmsi uumamee ture.

    Indiyaa keessatti hanga ammaatti namootni 140,000 ol vaayirasichaan qabamanii 4,167 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

    xiyyaara

    Madda suuraa, Getty Images

  7. Ameerikaan Kibbaa 'jiddugala haaraa weerara koronaavaayirasii' taate

    Laatiin Ameerikaatti ammaan tana namni guyyuu vaayirasichaan qabamu kan Ameerikaas ta'e kan biyyoota Awurooppaa caalee jira.

    Kanaanis 'jiddugala haaraa weerara vaayirasichaa' taate jedhe Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO).

    Biyyootni Ameerikaa Kibbaa akka malee vaayirasichaan miidhaman:

    Namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'an hedduu qabaachuun Biraazil biyya hedduu miidhamte dha.

    Nama miliyoonaa keessaa meeqa akka du'e yoo ilaalamu garuu Ikuwaadoor jalqabarra jirti.

    1. Ikuwaadoor (miliyoona keessaa nama du'e 182)

    2. BIraazil (116)

    3. Peeruu (115)

    4. Chiilii (42)

    5. Boliiviyaa (22)

    6. Kolombiyaa (15)

    7. Guyaanaa (14)

    8. Arjantiinaa (11)

    9. Uraagaay (6)

    10. Firench Gayaanaa (3)

    Ragaan akka marsariitii 'Worldometers', kan ragaa koronaavaayirasii mootummoonni himan walitti qabuuti.

    Human Rights Watch akkasumas Yuunivarsiitiin Joon Hopkiins gabaasni Veenzuweelaan dhiyeessitu kan daran xiqqaa ta'e hin amanamu jedhani jiru.

  8. Deebineerra!

    Akkam bultan?

    Gabaasi kallattii keenya kan Caamsaa 27, bara 2020 asirraa eegala.

    Gabaasaalee guyyoota darbanii gadi daddabarsuun dubbisuu dandeessu.

    Fayyaa keessan eeggadha, lafa nagaa oolaa!

  9. Zimbaabween namoota 40,000 dambii yeroo muddamaa cabsan hiite

    Zimbaabwee

    Madda suuraa, EPA

    Zimbaabween namoota 40,000 dambii yeroo muddamaa cabsan jettee hidhuu beeksifte

    Gaazexessitoonni biyyattii mootummaan namoota hidhee dararaa jiraachuurratti af-gaaffi hojjata turan lama seera cabsitan jedhaman warra hidhaman keessatti argamu.

    Pooolisiin biyyattii namoota seera cabsanii jedhaman maallaqaan adabuu, hiidhufi kaan isaanimmoo akeekkachiisuu hima.

    Namoonni hidhaman harki caalu manarraa 5km fagaatanii deemanii dambii yeroo muddamaa cabsaniiru jedhamanii hidhaman.

    Namoonni kaan maaskii keewwachuu dhiisan, kanneen kaan ammoo iddoo bizinasii isaanii deebisanii banan.

    Daldallii xixiqqaan dhorkamuun garuu namoota miliyoonatti lakka’aman madda galii dhabsiiseera.

    Zimbaabweetti namoonni vaayirasichaan qabamuun ibsame lakkoofsi isaanii xiqqaadha.

    Baayinni isaanii 56, isaan keessaa 25 wayita bayyanatan,namoonni afur lubbuu dhabaniiru.

    Torban darbe pirezedantiin biyyatti Zimbabweetti weerarri vaayirasicha hammaachu danda’a jechuun turtii labsii yeroo muddamaa dheeressaniiru.

  10. Hakiimni Masrii Covid-19n du’uu hordofuun doktoroonni mootummaa himatan

    Hakiima Masri

    Madda suuraa, AFP

    Hakiimni Dr. Waaliid Yeehihaa jedhamu hojiirratti koronaavaayirasiin qabamee duunaan Waldaan Hakiimotaa mootummaa himatan.

    Mootummaan du’a hakiima kanaaf guutummaatti itti-gaafatamuu qaba jechuun Waldichi himateera.

    Masiriitti doktoroonni 19 amma Wiixata darbeetti meeshaalee of-eeggannoof barbaachisan dhabuun du’uusaaniifi 350 kan ta'an ammoo vaayirasichaan qabamuu Waldaan Hakimotaa komateera.

    Lakkoofsi ogeeyyii fayyaa hojiirratti vaayirasichaan qabamuun du’anii biyyatti keessatti dabaluunis yaaddoo uumeera.

    Ministeerrii fayyaa biyyatti meeshaleen of-eggannoo gahaan ogeeyyiif hiramuu kaasuun, akkaataan du’a hakiima Waaliid Yeehihaa akka qoratame ibsamuu waadaa seene.

    Waldaan ogeeyyii fayyaa biyyatti dhiba’ummaa ministeera fayyaa Masriitiin jedhanii himachuusaanii hordofuun Pirezedantiin biyyatti Abdulfatta al-sisii akka qoratamu ajajuusaani miidiyaaleen biyyatti himaniiru.

    Biyyoota Arabaa hunda caala uummata baay’ee kan qabdu Masirii keeessatti vaayirasichi namoota 17,967 qabe keessaa lubbuu namoota 783 ajjeeseera.

  11. Covid-19n qabamuufi dhiisuu keenya akkamiin adda baasna?

  12. Atakaaroo lafa qonnaan bultoota Finfinneerraa 'saamame' jedhamee

  13. UKn qoricha 'remdesivir' dhukkubsattoota Covid-19'n yaaluuf akka kennamu hayyamte

    'remdesivir'

    Madda suuraa, Rooyitars

    UK'n qoricha farra vaayirasii 'remdesivir' dhukkubsattoota koronaavaayirasii yaaluuf akka kennamu hayyamte

    Qorichi yeroo dhukkubbii namoota vaayirasichi qabee gabaasuudhaan akka dafanii bayyanataniif fayyada.

    Remdesivir farra vaayirasiiti, jalqaba dhibee Iboolaa yaaluuf hojjatame.

    Tajaajilli fayyaa biyyoolessaa UK namoota Covid-19n qabaman yaaluuf akka oolu hayyameera.

    Hospitaalota filataman keessatti wal’aansaaf oolchuuf ragaan quubsaan jiraachuu to’attoonni dhimma qorichaa biyyatti himaniru.

  14. Dorgommii aartii 'aartiistota jajjaboo horachuuf kaayyeffate'

  15. Ministirri Puuntilaand koronaavaayiraasiin du'an

    Ministirri Naannoo, Qonnaafi Jijjiirama Haala Qilleensaa Puuntilaand Somaaliyaa Ismaa’el Diriyee dhibee Covid-19f gara Moqdishuutti geeffamuun yaalama turan du'an.

    Pirezedantiin Puuntilaand Obbo Diriyyeen du’uusaanii toora tiwitara isaanirratti gadda itti dhaga'ame ibsaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  16. Maaskii banaa uuruu mul'isuuf fayyadamuun barbaachisaa ta'aa jira

  17. Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota labsii yeroo muddamaa cabsan 900 ol himadheera jedhe

    Obbo Addisuu Araggaa

    Madda suuraa, Obbo Addisuu Araggaa

    Sadarkaa Pireezidantii Itti-aanaatti hoogganaan kilaastara hawaasummaa obb Addisuu Araggaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa ittisaafi to'annoo Covid-19'f jecha labsii yeroo muddamaa labsame namoota hin kabajne 1,600 ol seera jala olcheera jedhan.

    Kanneen to'ataman kan keessaa ammoo 933 kan ta'an irratti himatni banamee hidhaan salphaaf iadabbiin maallaqaa darbuu himan.

    Dhaabbilee daldalaa 20,834 seeraan ala daballii gatii godhanii argaman irrattus tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa akka fudhatame beeksisan.

    Gama tajaajila geejibaatiinis konkolaattota qajeelfamoota bahan hin kabajne 27,345 keessaa konkolaattootni 263 hidhaamaniiru jedhan.

    Adabbiin kun qarshii miiliyoona 19 ol akk ta'us himaniiru.

    Waayee weerara Covid -19 Oromiyaa keessatti duula hubannoo uumuu fuulaa fuulatti godhameen namoota miiliyoona 35 ol ta'anif hubannoo uumuun akka yaalames dabalanii ibsaniiru.

  18. Naannoo Tigraay mormiin jiraa? Wanti ta'e maali?

  19. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namni dabalataa tokko Covid-19n lubbuu dhabde

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3410f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 46 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

    Gama kaaniin ammoo dubartiin ganna 32 Finfinnee taate tokko, kaleessa galgala lubbuun darbee jira.

    Kanumaanis biyyattiitti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii jaha gaheera.

    Namoota sa'aa 24 dabran keessa qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 29 dhiiroota yommuu tahan, 17 ammoo dubartoota.

    Kanneen keessaa 34 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 4 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan bahe ni mul'isa.

    Namoonni 8 garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota vaayirasichi irratti argame waliin tuttuqqaa kan hinqabnedha jedhameera.

    Lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 701 taheera.

    Gama kaaniin ammoo, sa'aatii 24 dabre keessa namoonni saddeet (Jaha Finfinneerraa, lama naannoo Kibbaa) vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 167 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Biyyattiin haga ammaa namoota 87,264 irraa samuda fudhachuun qorannoo Covid-19 taasiftee jirti.

    Haala Covid-19 Itoophiyaa
  20. WHO qoricha busaan Covid-19 wal'aanuuf yaalii taasifamu maaliif dhorke?