Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 429 gahe

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3645f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 30 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biraaziil keessati lakkoofsi dhukkubsattoota Covid-19 kan UK caale

    Biraaziil

    Madda suuraa, AFP

    Lakkoofsi namoota Biraaziil keessatti koronaavaayirasiin qabamanii kan UK keessatti qabaman caale.

    Kanaanis yeroo ammaa Biraaziil US fi Raashiyaatti aanuun sadaffaarra jirti.

    Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 255,000 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 16,000 kan ta'an du'aniiru.

    Lakkoofsi namoota du'aniis ta'e kan qabamanii daran dabaluu mala jedhamee sodaatama.

    Biraaziil keessatti tarkaanfiiwwan facaatii vaayirasichaa ilaalchisuun fudhataman irratti qondaaltota biyyattii gidduutti garaagarummaatu jira.

    Mootummoonni naannolee uggura sochii uummataa hojiirra oolchuuf yoo jedhan Pirezidaantiin biyyattii Jair Bolsonaron ammoo kana hin fedhan.

    Tarkaanfiin akkanaan vaayirasicha caalaa miidhaa uuma jedhan.

  2. Tiraamp qoricha busaa akka fayyadamu beeksisuun isaa rifaatii uume

    Pirezedaant Tiraamp koronaavaayirasii ofirraa ittisuudhaaf qoricha busaa hayidirookiloorookiin jedhamu fudhachuu isaanii beeksisuun hedduu rifaasiseera.

    Saayintistoonni qorichi kun dhibee Covid-19 wallaanuudhaa akka gargaaru ragaan qabatamaan hin jiru jechaa jiru.

    Qorichi kun balaa biraaa akka agartuufi tiruu miidhuu danda’a jedhan ogeessonni.

    “Ani saayintistiidha. Waa’ee filannoofi ilaalcha siyaasaa keerraa giroo hin qabu, garuu hayidirookiloorookiniin hin fudhatiin. Miidhaa qaqqabsiisa. Ragaa amma jiruun dhibee Covis-19 irraa si hin fayyisu,” jedhe namni tokko erga tiwiiter irratti barreesseen.

    Baatii Bitootessaa keessa Tiraamp qoricha kana dhibee Covid-19 wallaanuuf gargaara erga jedhanii qorichi kun baayyee barbaadamaa ta’eera. Ta’us garuu gara boodaa deebiyee gadi bu’aa dhufeera.

    X

  3. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii mil.4.8tti dhiyaate

    Addunyaa

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii miliyoona4.8tti dhiyaate.

    Kanneen koronaavaayirasiin qabaman keessaa miliyoona 1.8 kan ta'an kan bayyanatan yoo ta'an, 318,465 kan ta'an ammoo du'aniiru.

  4. Dr Reek Maachaar dabalatee aanga'ooni Suudaan Kibbaa hedduun Covid-19n qabaman

  5. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?, Aaga Dhaga'aa Oolaa!

    Tamsaasa kallattii Caamsaa 19, 2020 kunoo jalqabneerra.

    Oduu gaggabaaboo oolmaa biyyaafi addunyaa isiniif qiqqixeessina.

    Itti dhiyaadhaa, waliifillee dabarsaa.

    Daraaraa jirbii

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Fifa'n maallaqa gargaarsa Covid-19'f ittisuuf oolu sasaabuuf dorgommii taasisuuf

    Taphoota kubbaa miilaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Federeeshiniin Kubba Miilaa Adunyaa Fifa'n maallaqa weerara koronaavaayirasii ittisuuf oolu sasaabuuf dorgommii kubbaa miilaa taasisuuf karoorfate.

    Pireezidaant Jiyaanii Infantino akka jedhanitti taphoonni kunneenis yeroo haalli fayyaa addunyaa mijataa ta'eedha jedhan.

    "Odeeffannoon dabalataa akka bakka, guyyaa, hirmaatotaa fi haala taphaa Fifa'n ifa ni godha," jedhan Yoori Joorkaa'eefin.

    Taphataan sarara jidduu duraanii Faraansaay dablataanis akkas jedhe: "Haala fayyaa fi seerota mootummaa fi dhaabbilee idil addunyaa ilaacha keessa galchuun kaoorfamaa jira."

    Kaayyoonsaa meeshaalee qorannoo Covid-19'f oolan, yaalii fi talaalliin nama hunda bira akka gahu taasisuudha.

  7. Balaa doonii DR Koongootti dhaqabeen namoonni 14 du'an

    Balaa doonii laga Koongoorratti dhaqabeen yoo xiqqaate namoonni 14 du'aniiru jechuun qondaalli biyyichaa BBC'tti himaniiru.

    Namoonni 36 kan baraaraman yoo ta'u barbaachi namoota lubbuun hafan biroos ittuma fufee jira.

    Akka gabaasa miidiyaa biyya keessaatti dooniittiin humnaa ol namoota feetee qilleensaan kan rukutamtedha jedhan.

  8. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 429 gahe

  9. Awurooppaatti guyyaatti lakkoofsi namoota Covid-19’n du’anii hir’ataa dhufe

    UK’tti namootni guyyaa tokko keessatti koroonaavaayirasiin du’an 170 tahuu himame.

    Kun erga Bitootessa 24 yeroo biyyattiin uggura labsiteen as isa gadi aanaadha jedhame.

    Xaaliyaanii biyya Awurooppaa keessaa akka malee jalqaba irratti miidhamte keessatti ammoo guyyaa tokko keessatti namootni du’an 145 tahuu ibsame.

    Ispeen keessattis akkasuma namoota 87 qofatu sa’aatii 24 darban keessatti lubbuu dhaban.

    Kana irraa kan ka’es biyyootni Awurooppaa hedduun uggura labsanii turan laaffisaa jiru. Manneetiin dhugaatiifi manneen nyaataa banamuu jalqabaniiru.

  10. Chaayinaan koronaavaayiras eega bade booda qorannoon walabaa taasifamuu qaba jette

    Namoota uffata of eeggannoo uffatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Walgahiin Dhaabbata Fayyaa addunyaa gama viidiyootiin geggeeffamaa jirurratti hoggantoonni biyyoota hedduu waa'ee weerara koronaavaayiras irratti yaada kennaa jiru.

    Pireezidaantiin Chaayinaa Xi Shinping akka jedhanitti eega weerarri kun bade booda haala to'annoo vaayirasichaa irratti qorannoon walaba ta'e taasifamuu qaba.

    Pireezidaantiin Faraansaay Imaanu'eel Maakiroon gamasaaniitiin talaalliin Covid-19 yoo argame namni hunduu carraa talaallii argachuu qaba jedhan.

    "Weerarri kun hin badu taanaan nama hundaafuu yaaddoodha."

  11. UK'n Dhamdhamuu fi foolii fuudhuu dadhabuu mallattoo koroonaavaayirasiitti dabalte

    Nama baala fuunfachaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Nama baala fuunfachaa jiru

    UK’n Dhamdhamuu fi foolii fuudhuu dadhabuu mallattoo koroonaavaayirasii haaraa tahu mala jechuun mallattoolee kaanitti dabalte.

    Hanga ammaatti namni mallattoo qufaa fi ho’a qaamaa qabu akka adda of baasu gorfamaa ture.

    Haa tahu malee hakiimonni gurraa, funyaanii fi qoonqoo mallattooleen biros jiraachuu akka malan turban dura himanii ture.

    Kana dura ogeessonni UK’n sababa mallattoolee akka ho’a qaamaa fi qufa’uu qofa ilaalaa jirtuuf hanga ammaatti namoota 70,000 vaayirasichaan qabaman bira gahuu dhabdi jechuun akeekkachiisan.

  12. Amma nu gahe, Itoophiyaatti guyyaa tokkotti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii ol-anaan galmaa'e

    Hasxaa Ministtera Fayyaa

    Madda suuraa, MOH

    Itoophiyaan sa'atii 24 darban keessa namoota 1,775 koronaavaayirasiif qorattee namoota 35 irratti vaayirasichi argamuu mirkaneessite.

    Lakkoofsi kun qorannoo sa'aatii 24 keessatti taasifamaa turan keessa isa ol-aanaadha.

    Kanaanis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii walumaagalatti 352 ga'eera.

    Namoota haaraa qabaman 35 keessaa 17 dhiira, 18 ammoo dubartootadha.

    Hundi isaanii lammiilee Itoophiyaa yoo ta'an, umuriinsaanii waggaa 15 hanga 80 gidduudha.

    Namoota kunneen keessaa 29 maaalaa Finfinnee, tokko naannoo Oromiyaa, afur naannoo Somaaleefi tokko naannoo Amaaraa irraati.

    Namoota kaleessa magaalaa Finfinnee keessatti vaayirasicharraa dandamatan sadii waliin walumaagalatti hanga ammaatti namoonnii 116 vaayirasicharraa dandamataniiru.

    Konkolaachistoonni daangaa ce'anii konkolaachisaniifi lammiileen alaa namoota har'a vaayirasichaan qabaman keessatti argamu.

    Namoonni ja'a seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta'u,24 ammoo kanneen kanaan dura qabaman waliin hariiroo qabaachaa turan, namoonni shan garuu seenaa imalaas ta'e hariiroo homaatuu namoota qabaman waliin hin qaban.

  13. Pirezedaantiin Taanzaniyaa ilmi isaanii Covid-19n qabamee fayyuu dubbatan

  14. Ramafoosaan waa'ee seera walirraa fagaachuu cabsanii hidhamuu qoosan

    Pirezdaantiin Afrikaa Kibbaa, Siriil Ramafoosaan dubartoota lama ganama ispoortii hojjechaa turan waliin suura yeroo ka'anitti wa’ee seera walirraa fagachuu caabsuu irratti qoosuu isaanii vidiyoon waraabame tokko mul'ise.

    Vidiyoo kanarratti yeroo dubartoonni kun suuraa waliin ka’uuf gaafatanitti “utuu hin hidhamiin,” jedhe deebiseef boodarra yeroo waliin kolfu ni dhaga’ama.

    Sana booda Ramafoosaan “Sin waliin hidhamuu na wayya,” jedhe.

    Dubartoonni kun seera walirraa fagaachuu osoo hin kabajiin pirezdaanticha bira dhaabbatanii suura ka’an.

    Ibsi mootummaa seerri walirra fagaachuu yeroo ibsu “harka wal fuudhuu dhiisuu, wal haammachuufi wal xuquu kamuu, akkasumas walirraa meetira lama fagaachuudha,” jedha.

    Afrikaa Kibbaa seeraa sochii ugguruu salphisaa jirti.

    Namootni Tiwitaraa irra jiran hedduun pireezdaantichi suuraa fudhachuuf walii galuu isaafi seera walirraa fagaachuu kabajuu dhisuu isaaf qeeqaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  15. Hidha Haaromsaa Itoophiyaafi sodaa koronaavaayirasii

  16. Pirezedaantiin Chaayinaa kora Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irratti haasaa taasisuuf, Daarektarri WHO weerara Covid-19 ilaalchisee deebii kennamerratti ibsa ni kennu

    Pirezedaantiin Chaayinaa Zhii Jiinpiing k

    Madda suuraa, AFP

    Pirezedaantiin Chaayinaa Zhii Jiinpiing kora Dhaabbta Fayyaa Addunyaa (WHO) har’a gaggeeffamuuf jiru irratti haasaa taasisuuf jiru.

    Pirezedaantichi sababa weerara koronaavaayirasii sochii idil-addunyaa dhorkameen kora kana irratti qaamaan argamuu baatanille, viidiyoodhaan haasawaa baniinsaa ni taasisu jedhamee eegamaa jira.

    Chaayinaan erga weerarri kun biyashee keessatti dhalateen booda WHO fi biyoota addunyaa saffisaan hin beeksifne kan jedhu biyyoota tokko tokkorrraa himannaan irratti dhiyaataa jira.

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa dhimmi kanarratti qorannoo taasisuuf yeroon isaa amma miti jechuun Wixata darbe irra deebiin beeksisanii ture.

    Korri kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, sagantaawwan gurguddoo qabaman keessaa Daarektarri WHO weerara Covid-19 ilaalchisee deebii kenname ibsa kennu.

    Kana malees, dhimmi filannoos ni jiraata.

  17. Talaalliiwwan akkamiin hojjetu?

  18. Kaamboodiyaan ‘vaayirasii irraa bilisa’ taate

    Kaamboodiyaan ‘vaayirasii irraa bilisa’ taate.

    Sanbata darbe kana keessa dhukubsataan Covid-19 inni dhumaa hospitaalatti wal’aanamee ba’eera.

    Kaamboodiyaatti namootni 122 qabamanii kan turan yoo ta’u, namni lubbuu dhabe garuu hin jiru.

    Namni vaayirasicha qabu amma jiraachuu baatus, aanga’oonni murteewwan manneen barnootafi daangaa cufuu kaa'ame ammaaf akka hin kaasneefi hordoffii akka itti fufan beeksisaniiru.

    miseensa amantaa budihaa

    Madda suuraa, EPA

  19. Qorichi busaa dhibee covid-19 ittisuuf hagam fayyada?

  20. Madda koronaavaayirasii qorachuurratti biyyoonni 100 wal-ta'an

    Nama qorannoo gaggeessaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Madda koronaavaayirasiifi akkaataa tatamsa'inasaarratti gaaffiin ka'aa ture biyyoonni hedduurraa deggersa argate.

    Biyyoonni hedduun dhimmicha adda durummaan kan dursitu, Awustiraaliyaa, deggeranii wajjin ka'aniiru.

    Biyyoonni 100 ta'an walta'uun yaadni kun yaa'ii fayyaa addunyaa har'a taa'amuuf jedhurratti akka dhiyaatuuf tumsaniiru.

    Yaadi isaan qabatanii dhiyaatan kun madda vaayirasichaa ifatti hin eeru.

    Garuu abbaa dhimmaa kan ta'e Dhaabbati Fayyaa Addunyaa iddoo ka'umsaa fi facaatii vaayirasichaa akka adda baasu gaafata.

    Yaadi madda koronaavaayirasii adda baasuuf eegalame kun Chaayinaa qoodeera.

    Chaayinaan kanaan dura yaada kanaan dhiibbaa siyaasaati ittiin jechuun fudhachuu diddee turte.