Koronaavaayirasiin 'dhibee sammuu guutuu addunyaa qaqqabsiisaa jira'
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) weerarri koronaavaayirasii dhibee sammuu guutuu addunyaatti qaqqabsiisaa waan jiruuf biyyoonni deggarsa fayyaa sammuu qaama ittisa weerara kanaa isa ijoo godhachuun socho'uu qabu jedhe.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Namoonni maaskii rabsan to'ataman

Madda suuraa, AFP
Lammileen Kaameruun miseensa paartii mormituu ta'an ja'a maaskii (golgaa afaaniifi funyaanii) fi alkoolii harka qulqulleessu (saanitaayizarii) magaalaa guddoo biyyattii Yaawundee keessatti namootaaf rabsuu isaaniitiif to'ataman.
Miseensonni paartii Warraaqsa Haaromsa Kaameruun (MRC) jedhamuu ja'an kunneen bakka gabaa Mokoloo jedhamu biyyattii keessatti gabaa isa guddicha ta'eetti kan qabaman.
Rogeeyyiin mormitootaa hidhaan kun kaayyoo siyaasaa of keessaa qaba jedhan.
Haata'u malee, poolisiin ammoo "duula seeraan alaa" waan gaggeessaniif to'ataman jedheera.
'Harargee Lixaatti dhibeen gifiraa daa'imman ajjeesaa jira'
Afriikaan Kibbaa of eeggannoodhaan uggura laaffisuuf

Madda suuraa, AFP
Pireezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiyiril Raamaafoosaa guyyoota dhufan keesatti suuqiiwwanii muraasaafi hojiiwwan daldalaa heddu irra deebiin banuudhaan uggura ni laaffisna jedhan.
Biyyattiin namoota vaayirasichaan qabaman 12,000 fi du'a 219 qabaachuudhaan Afriikaa keessaa biyya haalan miidhamte taateetti.
Obbo Raamaafoosaan mootummaansaanii balleessuu amananiiru.
Isaanis osoo uggura torbee saddeetii saniif ta'uu baatee yoo xiqqaate namoonni 80,000 ta'an vaayirasichaan qabamuu danda'u ture jedhan.
Jarmanitti erguma dhorkaan ka'ee tatamsa'inni vaayirasii 1,000tti to'atameera
Jarmanitti erguma dhorkaan ka'ee tatamsa'inni koronaavaayirasii 1,000tti to'atamuun lakkoofsi nama haaraa qabamee 933 ta'eera.
Yeroo ammaa walumaagalatti biyyattii keessatti lakkoofsi namoota qabamanii 172,239 yoo ta'u kan du'an ammoo 7,723 qaqqabeera.
Giraafiin gara gadii jiru kun akka agarsiisutti Jarmanitti lakkoofsi namoota du'anii jalqaba Bitootessaa irraa kaasee gadi bu'aa jira.
Biyyattiin uggura keessee turtes Ebla 20 irraa jalqabdee laaffisuu eegalteetti.
Jarmaniin biyyoota Awurooppaa ollaa jiran keessaa yeroo weerarri kun jalqabutti akka warra kaanii baayyee hin miidhamne.
Haata'u malee, yeroo uggurri dhawaataan kaafamaa jiru kanatti, tatamsa'inni vaayirasichaa deebiyee hammaachuu mala sodaan jedhu jira.

Madda suuraa, RKI
'Itoophiyaan Hidha Haaromsaa akka bishaaniin hin guutne waliigalteen dhorku hin jiru'
Akkam bultan hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

Madda suuraa, Getty Images
Ammarraa eegallee odeesaalee biyya keessaafi alaa isin biraan geenya.
Tatamsa'ina koronaavaayiras irraa of eeguuf tarkaanfiwwan fudhataman keessaa inni tokko walirraa siiquudh.
Keessumaayyuu bakkeewwan namoonni itti baay'atanitti yoo xiqqaate tarkaanfii nama guddaa lama walirraa fagaachuudha.
Naannoo isin jirtanitti walirraa fagaachuu akkamitti hojiirra oolchaa jirtu?
Yaada keessan nuu qooda fuula keenyaa bbcnews.com/afaanoromoo mil'achuu hin dagatinaa.
Bakka nagaa oolaa!
Tamsaasni kallattii Caamsaa 13, 2020 kan haganaati
Hordoftoota keenyaa hanga takkaa boqonnee walitti deebinutti nagaan turaa.
Bakka Gaarii Jiraadhaa!
Namoonni mil.30 sababa weerara vaayirasiitiin hiyyummaa hamaaf saaxilamu'

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kufaatiin dinagdee sababa weerara koronaavaayirasiin mudachuu malu guddaa ta'uu akeekkachiise.
Weerarri vaayirasichaa barana namoota miliyoona 30 hiyyuummaa hamtuu keessa buusa jedha gabaasichi.
Harki guddaan Afrikaa keessatti namoota hedduu hiyyummaa keessa buusuuf jira.
Biyyoota dureeyyii dinagdeesaanii harka shaniin ni kuffisa jedhamee eegama.
Waliigalatti bu’aa dinagdeen waggoota afran darban argame doolara tiriliyoona 8.5tti tilmaamu addunyaa dhabsiisuuf jira.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti qondaalli olaanaan dhimma dinagde Ellihot Haaris,Ciminniifi dandeettiin biyyoonni dhibichaarra bayyanachuu carraa hojiifi galii namoota dhibichaaf saaaxilamanii dandeetti badiirraa tiksuurratti akka hunda’u kaasaniiiru.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa silipparriin akka hin gurguramne dhorkee qeeqama jira

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Afrikaa Kibbaa silipparriin (kophee banaa) akka hin gurguramne dhorkee qeeqama jira.
Dambiin uggura haaraa biyyattiin baafte gosaa uffataa suuqiitti gurguramaniifi kanneen hin gurguramne adda baasuu isaaf dubbii kaaseera.
Dambii kana keessatti kopheen gurguramuu danda’a, yoo slipparii hin taane jedha.
Paartiin mormituu bulchiinsa sirna Gamtaa-Sooviyeet duraaniitin wal madaalchisan.
Paartiin biyyatti bulchu ANC’n dambiiwwan uggura sochii weerara vaayirasiin walqabatee labsame akka laaffisu hawaasni dhiibaa taasisaa jira.
Paartiin mormituu 'Democratic Alliance' bakka bu’uun yaada kan kennan Diin Maakfersan, yaadni akkasii maraatummaadha, fayidaas hin qabuu,‘’ jedhanii qeeqan.
Weerarri vaayirasichaa murtoo abbaa irrummaa ministeeronni biyyaattii fala jedhanii dabarsanirratti garaagartee yaadaa uume.
Garaagartummaan yaadaa kunis dhugaatii alkooliifi tamboo ugguruuf dambii baheerrattis mudateera.
Afrikaan Kibbaa dingadee sababa weerara dhibee kanaatiin qorre kufaatirraa baraaruuf dhama'uutti jirtaattus, lakkoofsi namoota vaayirasichaan miidhamanii dabalaadhuma jira.
Mootummaan kophee banaa dabalatee uffata waqtii Gannaa kana qorra namarraa ittisuu hin dandeenyedha jedhee yaadudha kan dhorkes.
Rogeessi siyaasaa Pirezedanti Joorji Wihaa qeeqee hidhame

Madda suuraa, Menipakei Dumoe/Facebook
Rogeessi siyaasaa beekamaa Laaberiyaa Pirezedantii biyyattii Joorji Wihaa feesbukirratti qeeqee hidhame.
Rogeessi siyaasaa maqaan isaa Menipaakii Dumoyi jedhamu mootummaa karoora harka qal’eeyyii weerara vaayirasiin miidhaman $25m baasuun sooruuf wixinee dandeessisu dhiyeesse fuula Feesbuukirratti qeeqe.
Toora feesbuukiisaarratti akkas jedhe barreese: "Ruuzii borsaan hiramtu hin barbaannu. Harka qalleeyyiin magaalaa Monoroviyaa qawwee kilaashi fudhachuu qabna akka hoogganaan keenya nu hubatuuf," jechuun barreesse.
Poolisiin biyyattii jechoota hamtuu fayyadamtee pirezedantii qeeqxe, sodaa nageenya uumte jedhanii hidhan.
Rogeessi kun garuu, cigoon haasa’e, kallattiin qawwee fudhanna hin jennee jechuun falmatee ture.
Roogeessi siyaasaa kun duraan hiriira mormii jajjabaa lama Wihaarratti qindeessuun beekamaa ture.
Koronaavaayirasiin 'dhibee sammuu guutuu addunyaa qaqqabsiisaa jira'
'Hospitaalonni Taanzaaniyaa namoota koronaavaayirasiin qabamaniin dhiphachuu mala'

Madda suuraa, AFP
Hospitaalonni Taanzaaniyaa namoota koronaavaayirasiin qabamaniin dhiphachuu mala jechuun imbaasiin Ameerikaa biyyattii keessa jiru akeekkachiise.
Mootummaan Taanzaaniyaa garuu akka hin malle olkaafamee ibsame jechuun waakkate.
Pirezedantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuulii,muddamni weerarrivaayirasichaa qaqqabsiise olkaafamee waan himameef, lakkoofsa namoota qabamanii himuu dhiifne jedhan.
Haata’u malee, Imbaasiin Ameerikaa garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabaluu akka danda’u akeekkachiseera.
‘’Mootummaan lakkoofsa namoota qabamanii wayita hin ibsinetti, lakkoofsi namoota qabamanii dachaan dabala, ’’jechuun akeekkachisa.
Imbaasichi akka ibsutti, hospitaalli magaalaa guddoo biyyattii Dara es Salaamitti argamu weerara vaayirasichaan muddama keessa seeneera.
Imbaasichi garuu ragaa kana dhugoomsu dabalataan hin ibsine.
Pirezedant Joon Magufuuliin amantootni sagantaa kadhannaa masjidaafi waldaa kiristaanaarraa akka hin hafne waamicha dhiyeessa turan.
‘Namoonni kadhatan vaayirasicha ni balleessu,’’ jedhanii dubbatu.
Tibbana vidiyoon sirna awwaalcha tokkorratti warabame, tooftaa to’annoo dhibichaarratti mootummaan biyyattii hordofe gaaffii keessa galcheera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, tarsimoo mootummaan biyyattii to’annoo vaayirasichaarratti qabateetti akka yaaddoo qabu beeksiseera.
Amma xumura ji’a Eblaatti garuu biyyattii keessatti namoonni 509 qabamuun kan gabaafame yoo ta’u, namoonni 21 vaayirasichaan du’aniiru.
Torban darbe keessa pirezedantiin biyyattii Magufuuliin waan hin baratamne dubbatanii turan.
Sumudni bineensotaafi fuduraalee akka paappayaa, re’ee fa’aarratti qorannoo laabiratorii biyyattii keessatti gaggeeffame vaayirasichaan qabamuusaanii agarsiise jedhanii dubbatan.
Sana booda giddugaleessa laabiratorii kana cufsiisuun, hogganaa giddugala qorannoo kanas hojiirra gaggeessuu isaanitu yaadatama.
Lammiileen Itoophiyaa Liibaanos jiran rakkoo cimaa keessa jirra jedhu
Dargaggeessa suuraalee duriitti 'lubbuu horu'
Biyya Afrikaa xumuraarratti koronaavaayirasiin seene

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Afrikaa keessaa xumuraarratti,Lesoottoon nama koronaavaayirasiin qabame argamuu mirkaneessite.
Namni vaayirasichaan qabame tokko qorannoo namoota Afrikaa Kibbaafi Sa’ud Arabiyaarra deebi’an 81 irratti gaggeeffame keessatti argame.
Lesoottoon biyya Rippaabilika Afrikaa Kibbaa namoota vaayirasiin qabe 11,350 qabduun guutummaatti marfamtee argamtudha.
Otoo sochiin namoota gara biyyoota olla giddu addaan hin citiin akkamitti vaayirasichi biyyattii hin seeniin ture kan jedhu gaaffii uume ture.
Lammileen biyyattii kuma dhibban lakkaa’aman Afrikaa Kibbaa keessa hojjatu.
Sodaa vaayirasichaaf lammileen biyyattii gara biyyattiitti deebi’uurra Afrikaa Kibbaa keessa turan.
Biyya sirna eegumsa fayyaa cimaa hin qabne kanatti vaayirasichi seenuun ba’aa dabalataa ta’usaa ministirri faayinaansii biyyattii dubbataniiru.
Saamuda qorannoos gara Afrikaa Kibbaatti ergiti.
Biyyattiin saamuda 597 funaante keessa 295 vaayirasicharraa bilisa, 301 ammoo firiin qorannoo ibsamuuf adeemsarra jiru.
'Onesmos ana biratti iddoo guddaa qaba - hojii koo jalqabaatis'
Itoophiyaatti dargaggootni ganna 15-24 gidduu jiran Covid-19'n caalaa qabaman”
Itoophiyaatti dargaggota umuriin isaanii ganna 15-25 gidduu jiran koronaavaayirasiif caala saaxilamoo ta'u ragaan Inistiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa mul’ise.
Ragaan Institiyuutii Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa irraa argame akka mulliseetti, Itoophiyaatti namoota Covid-19'n qabaman keessaa kanneen umuriinsaanii 15-24 jidduutti argamurratti caalaa.
Baayina namoota qabamaniifi umuriisaanii kan itti aanuu fakkaata:
•Waggaa 5 gadii – nama 1
•Waggaa 5-14 - namoota 7
•Waggaa 15-24- Namoota 91
•Waggaa 25-34- Namoota 75
•Waggaa 35-44- Namoota 43
•Waggaa 45-59- Namoota 26
•Waggaa 60-isa ol-Namoota 18
Waliigalatti, namoota 261 vaayirasichaan qabame.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Covid-19 ittisuuf daangaawwan biyyoota ollaarratti tarkaanfii akkamiitu fudhatamaa jira?
Nijeer masjidaa fi waldaa kiristaanaa har'a deebistee bante

Madda suuraa, Getty Images
Weerara koronaavaayirasii to’achuuf iddoowwan waaqeffannaa ji’oota lamaatti dhiyaataniif cufaa turan har’aa jalqabee akka banaman Nijeer eeyyamte.
Biyyattiin uggura sochii labsitee turte laaffisaa jirti.
Qondaalonni biyyattii uggura sochiii laaffisuun kan barbaachiseef haalli weerara dhibicha wayyaa’usaatiin ta’u ibsan.
Amantoonni iddoo waaqeffannaa dhaqan ammas of eeggachuu qabu. Maaskii keewwachuu,harka dhiqachuu fi waliirraa hiiquun isaaniirraa eegama.
Yoo weerarri vaayirasichaa deebi’e hammaate mootummaan iddoo waaqeffannaa deebise cufuuf akeekkachisa baasera.
Sagantaan waaqeffannaa otoo hin eegalamiin dura qorichoonni iddoo waaqeffannaa kanatti ni biifamu.
Labsiin yeroo muddamaa magaalaa guddoo biyyattIi Nihaamiy irraas kaafameera.
Ta’us,buufatni xiyyaaraa, hoteelonni fi daangaa biyyatti cufaadha.
Nijeer namoota 854 vaayirasichi irratti mul'ate qabdi.
Biyyi Seneegaal haaluma walfakkaatuun iddoowwan waaqeffannaa kaleessa deebiste banuudhaan, sa’aatii uggura sochiis hir’ifteetti.
