Mammaaksa guyyuu BBCrraa
Mammaaksi keenya har'aa kana jetti:
Isinillee hidhaa kana hordofuun, guca (form) dhumarra jiru guutaa - mammaaksa naannoo keessanitti mammaakaman nuuf ergaa.
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) weerarri koronaavaayirasii dhibee sammuu guutuu addunyaatti qaqqabsiisaa waan jiruuf biyyoonni deggarsa fayyaa sammuu qaama ittisa weerara kanaa isa ijoo godhachuun socho'uu qabu jedhe.
Mammaaksi keenya har'aa kana jetti:
Isinillee hidhaa kana hordofuun, guca (form) dhumarra jiru guutaa - mammaaksa naannoo keessanitti mammaakaman nuuf ergaa.
MM Abdallaa Hamdook ibsa Kibxata kennaniin "yaada waliigaltee gulantaa jalqabaa mallatteessuu hin fudhadhu, sababni isaa ammoo ammallee dhimmootni teeknikaa fi seeraa furamuu qaban jiru" jedhan akka 'al Arabiyaan gabaasetti.
MM Abiy Sudaan waliigaltee jalqabaa kan Itoophiyaa hidhicha bishaan guutuu dandeessisu akka mallatteessitu MM Abdallaa gaafachuu gabaase.
MM Abdallaan "waliigaltee waa hunda hammaterra gahuuf qaamoleen marti maritti deebi'u qabu" jedhan.
Itoophiyaan waliigalyeerra gahamuu baatus hidha kana bishaan guutuu eegaluuf Adoolessa eegaa jirti.
Masrii fi Sudaan Hidhi Haaromsaa Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu dhiyeessii bishaanii isaanii akka jalaa hin miine sodaa qabu.
Biyyoonni sadan marroo adda addaa mari'atanus waliigaluu hin dandeenye.
Sudaan mariiwwan amma duraatiin ejjennoo Itoophiyaa deeggaraa turte.
Kubbaaniyyaan miidiyaalee hawaasummaa jajjaboo keessaa tokko ta'ee fi magaalaa Saan Firaansiiskoo maadheffate 'twitter' hojjettoonni isaa yoo fedhan bara baraan akka manaa hojjetan hayyame.
Hojjettoonni dhaabbatichaa 5,000 ta'an erga weerarri koronaavaayirasii eegalee mana taa'anii hojjechaa turan, yooma vaayirasichi badellee manaa hojjechuu itti fufuu danda'u jedhe dhaabbatichi.
Hoogganaa Olaanaa kubbaaniyyaa kanaa kan ta'an Jack Dorsey, ji'oota darban wayita hojjettoonni manaa hojjetaa turanitti hojjechuun akka danda'amu waan mirkaneeffanneef itti fufuu dandeenya jedhan.
Kanaafuu hojjettoonni sadarkaa fi ga'een hojiisaanii iyyamuuf yoomiyyuu mana taa'anii yookiin fageenyarraa hojjechuu danda'u jedhan.
'Twitter' addunyaarratti waajjiraalee 35 qaba.
Kubbaaniyyaawwan biroon kanneen akka Facebook fi Google gamasaaniin hojjettoonni isaanii bara kana keessa ji'oota hafan fageenyarraa hojjechuu danda'u jedhaniiru.
Gabaasi kallattii dhimma Koronaavaayirasii fi taateewwan gurguddoo biyya keessaa fi alaa kan Caamsaa 13 bara 2020 asirraa eegala.
Gabaasaalee kallattii guyyoota darbanii asii argattu.
Lafa nagaa oolaa! Of eeggadha!