Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje

Erga hojjettoonni gameeyyiin lama koronaavaayirasiin qabamanii as Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundinuu 'maaskii'akka uffatan ajajeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gilaavii kaawwachuun Covid-19 irraa nama ittisaa?

  2. Kilaboonni piriimer Liigii akkaataa taphni deebi'ee itti jalqaburratti har’a walgahu

    Kubbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kilaboonni Piriimeer Liigii walgahii murteessaadha jedhame gaggeefachuuf jiru.

    Aanga’oonni kilabootaa Wiixata walga’uun akkaataa taphni deebi'ee ittiin jalqabamuun danda'amuurratti ni mari'atu.

    Oduu walfakkaatuun:

    ·Taphattoonni kilabii Biraayitan sadii keessaa harki tokko kan ta’an, kornaavaayirasiin irratti argameera. Taphattoonni lama akkuma weerarri kun jalqabeen ture kan ivaayirasiin rratti argame.

    ·Gaggeessaan Foormulaa 1 mootummaa UK waliin dubbachuun akkaataa ittiin dorgommiin osoo koronaavaayirasiin miidhaa hin qaqqabsiisuun gaggeeffamurratti mari'ataa jiru.

    ·Akaakuuwwan ispoortii biroo yeroo dhorkamanii jiran kanattis dorgommiin guluuffii fardaa Firaansitti Wiixata har’aa jalqabama.

    Haa ta'u malee dorgommichi akka durii banaa osoo hintaane karra cufame keessatti kan gaggeeffamu ta'uun barameera.

  3. Awuroopaatti namoonni vaayirasichaan qabaman mil. 1.5 gahee

    Awurooppaatti namoon du'aniifi qabaman

    Madda suuraa, AFP

    Ameeriikaan namoota vaayirasichaan qabaman mil. 1.3 qabaachuun biyya addunyaa baayyee weerara kanaan miidhamte yoo taatu, waliigalli kan biyyooota Awuuroopaa ammoo lakkoofsa kan Ameerikaa caaleera.

    Awurooppaatti waliigalli lakkoofsa namoota Covid-19n qabamanii kana fakkaata:

    UK baayina namoota du’aanitiin kan duraa yoo taatu, Ispeen ammoo baayyina namoota vaayirasichaan qabamaniitiin hunda caalti.

    Iseen (namoota qabaman 224,350, fi kan dua’an 26,621)

    UK (namoota qabaman 220,449, fi kan dua’an 31,930)

    Italy (namoota qabaman 219,070, fi kan dua’an 30,560)

    Raashiyaan (namoota qabaman 209,688, fi kan dua’an 1,915)

    Firaans (namoota qabaman 177,094, fi kan dua’an 26,383)

    Jarman (namoota qabaman 171,879, fi kan dua’an 7,569 )

    Beeljiyeem (namoota qabaman 53,081, fi kan dua’an 8,656)

    Neezerlaand (namoota qabaman 42,826, fi kan dua’an 5,459)

    Haalli baayiina namota vaayirasichaan qabamaniifi du’aanii biyyaa gara biyyaatti garaa garummaa qaba.

    Kunis sababii biyyoonni qajeelfamoota ittiin galmeessaniifi qorannoo gaggeessan adda addaa waan hordoofaniif jedhameera.

    Odeeffannoon kunis kan Yunivarsitii Joon Hopkins irraa fudhatame yoo ta’u, kan biyyoonni ibsaniin tarii xiqqoo garaagarummaa qabaachuu mala.

  4. Naannoo Amaaraatti manneen barnootaa cufamuun gaa'ila umurii malee heddummeesse

  5. Chaayinaan magaalaa Covid-19 keessatti baballate jettu cufte

    Biyya Chaayinaa bulchiinsa Jiiliin magaalaa Shuulaaniitti weerarri vaayirasichaa baballachusaatiin biyyattiin magaalattii cufuu beeksifte.

    Magaalattiin bakka balaa guddaa qabu jedhamuun adda baafamtee jirti.

    Tibba darbe keessa bulchiinsa kana keessatti namoonni 11 vaayirasichaan qabamunsaanii kan barame yoo ta’u, jalqaba vaayirasichi kan irratti argamees dubartii mana qulqullina uffataa keessa hojjatu jedhameeratti.

    Dubartiin umuriin waggaa 45 kunis jalqaba abbaa warraashee, itti aansee obboollota ishee, akkasumas miseensoota maatii ishee vaayirasichaan qabsiisuun himameera.

    Haata’u malee, dubartiittiin seenaa imala homaa kan hin qabne ta’uun barameera.

    Magaalichatti bakkeewwan ummanni itti walitti qabamu kan cufame yoo ta’u, tajaajjilli geejjibaas akka dhaabbatu taasifamuun ummanni mana keessa akka ture godhameera.

    Bulchiinsi kunis ollaa Kooriyaa Kaabaa kan hanga harraatti nama vaayirasichaan qabame tokkolleen hin galmeessiin biratti kan argamtuudha.

    Namoonni hedduunis Koriyaa Kaabaatti hanga ammaatti namni vaayirasichaan qabame hin jiru odeeffanno jedhu hin fudhatan.

    Vaayirasii
  6. Loltoonni Hindiifi Chaayinaa 'daangaa irratti walitti bu'an'

  7. UStti namoonni Coivd-19n duu'an 80,000tti siqeera

    Namoota reeffa oofaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaatti sa’aatii 24 darbe qofaatti namoonni 776 ta’an sababii Covid-19n hiidhata qabuun du’usaanii barame.

    Lakkoofsi kun namoota biyyattii keessatti sababii weerara kanaatiin du’anii 79,526 akka raga Yunivarsitii Joon Hopkins irraa argametti.

    Dhiheenya kana keessaa guyyaan namoota 1,000 hanga 2,500 ta'an vaayirasichaan qabamaa ture.

    Ameerikaan biyyoota addunyaarra jiran kamiyyu caalaa biyyaa namoonni vaayirasichaan qabaman hedduun keessatti argaman taateetti.

    Kunis sababii baayyina lakkoofsa ummatasheefi qorannoo hedduu gaggeessaa jiraachuseetiin ta'uu mala jedhameera.

    Kanaafuu, wayita ammaa kanatti namoota 1,329,260 vaayirasiin kan qabame yoo ta’u, kunis kan Xaaliyaaniifi Iseepiin dacha shan ta’uuun himameera.

  8. Tamsaasa kallattii Caamsaa 11, 2020

    Toora odeeffannoo gaggabaaboo ittiin isin biraan geenyu tamsaasa kallattii amma jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!

    Ciree

    Madda suuraa, Getty Images

  9. Tamsaasi kallattii Ebla 10, 2020 kan kanaa gaditti tarreefaman qabata

    Tamsaasa kallattii kan Ebla 11, 2020 ammoo haara galfannee walitti ya deebina.

    Warra raftan yeroo hirriba gaarii, warri dubbiftanillee dhiyaadhaa jenne!!

    Fakkii nama rafuufi kitaaba dubbisuu

    Madda suuraa, Getty Images

  10. UK keessatti ‘Sochiin dhorkame laaffifamnaan du’aatiin 100,000 caaluu mala’

    Baabura

    Madda suuraa, AFP

    Gorsaan mootummaa UK tarkaanfiin sochii dhorkuu dafee kan laaffifamu taanaan hanga dhuma bara kanaatti namoonni 100,000 ol ta’an du’uu danda’u jechuun akeekkachiisan.

    Ministirri muummee Booriis Joonsan Dilabata har’aa galgala kana biyyattiif haasaa taasisuuf jedhamee eegama.

    Haasawaa isaanii keessaa ammoo tokko “adeemsa (roodimaappii” dhorkaan ittiin kaafamudha.

  11. Uggurri dubartoota saalqunnamtiin bulanirratti dhiibbaa fide

  12. Ispeen ji’a lama keessatti du’aatii gadi aanaadha jedhame galmeessite

    Namoota manneen daldalaa dura dhaabbataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Ispeen yeroo sochii dhorkamee turame keessaa yeroo ba’aa jirtu kana keessatti du’aatii ji’a lama keessatti gadi aanaadha jedhame galmeessisteetti.

    Ministeerri fayyaa biyyattii akka gabaasetti sa’atii 24 darban keessatti namoonni du’an 143 yoo ta’u, walumaagalatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19'n du’anii 26,621 qaqqabeera.

    Bitootessa 18 booda du’a gad-aanaa galmaa’e ta’ee galmaa’eera. Lakoofsi guyyaa tokkotti du’an inni guddaan kan Ebla 2 irra namoonni 950 ta’an du’aniidha.

    Ministirri muummee biyyattii Pedroo Saancheez Sanbata darbe akka jedhanitti bakki baayyina ummataa %51 qabatu Wixata irraa jalqabanii uggura kaasuu marsaa afuriin itti deemamu kan ‘marsaa duraan’ jalqabu jedhan.

    Magaalawwan Maadiriid, Baarseloonaafi kanneen biroo weerara kanana jabaa rukkutaman keessatti garuu ulaagaa tarkaanfiiwwan uggura kaasuu ammatti hin guutan waan ta’eef, marsaa duraa keessa galuudhaaf isaaniif yoo xiqqaate torban tokko isaan gaafata.

  13. Aanga’aan Chaayinaa rakkoon uumame sababa dadhabinsa sirna fayyaa ta'uu amanan

  14. Akkamiin akka Kooriyaan Kibbaa weerara Covid-19 to’achuu dandeesse

    Kooriyaan Kibbaa Kanaan dura biyya weerarri Covid-19 itti hammaate turte. Haata’u malee, akkamitti tekinoolojii fayyadamuuniifi osoo guutummaan guutuutti uggura hin kaa’iin qorachuudhaan weerara kana dura itti dhaabbatee milkoofteef hedduuu jajamaa jirti.

    Biyyi qabeenyaan UK waliin walqixa qabdu kun, tooftaa qorachuufi faana dhahuutiin yeroo dhibeen kun biyyattii keessatti tatamsa’eerraa kaastee hojii milka’aa hojjetteetti.

    Kaameraa CCTV jedhamuufi ergaa barreeffamaa akeekkachiisaa walitti fiduun namoota dhiyeenyatti warra dhibee qaban bira gahan beeksisuufi adamsuutiin adda baafataa ture.

    Dilbata ar’aa ammoo erga dhorkaa walirraa fageenyaa ture laaffistee guyyoota muraasa booda, Kooriyaa Kibbaatti namoonni haaraa 34 qabamuun gabaafameera.

    Kun torbanoota hedduun booda isa baayyee guddaadha.

    Namoonni haaraa qabaman kun mana shubbisaa halkanii magaalaa guddittii biyyattii, Si’ol keessatti nama tokkorraa akka itti darbe himama.

    Kooriyaa Kibbaatti lakkoofsi namoota du’anii 256 ta’eera.

    Magaalaa Si'ol keessatti mana shubbisaa cufame

    Madda suuraa, Getty Images

  15. Akka itti US Covid-19 dura dhaabbachaa jirtu ‘qindoomina hin qabu'- Obaamaa

  16. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni haaraa 29 Covid-19n qabaman, Namoota 29 Covid-19 irratti argame keessaa 21 Finfinneetiidha

    Qorannoo laaboraatooraa sa'aatii 24 darban keessa namoota 2,171'f taasifameen dhibeen koronaavaayirasii namoota 29 irratti argamuu isaa ministeerri fayyaa beeksiseera.

    Namoota vaayirasichi irratti argame kessaa 21 Finfinnee, torba naannoo Somaalee yoo ta'an, tokko ammoo Oromiyaa Adaamaadha.

    Namoota har'a koronaavaayirasiin irratti argame keessaa 21 namoota kanaan dura dhibee kanaan qabaman waliin walitti dhufeenya kan qaban yoo ta'an, 8 ammoo seenaa imala biyya alaa warra qabanidha.

    Walumaa galatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argame kan har'aa dabalatee 239 yoo qaqqabu, kan dhibee kanarraa bayyanatan ammoo kan ar'aa 2 dabalatee 99 gaheera.

    Haxaa ministeera Fayyaa

    Madda suuraa, MOH

  17. Akka itti US Covid-19 dura dhaabbachaa jirtu ‘qindoomina hin qabu'- Obaamaa

    Pirezidaantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezedaantiin duraanii US Baaraak Obaamaa, dhaaltuu isaanii Daanaald Tiraampiin hojii weerara koronaavaayirasii ittisuuf taasisan cimsanii qeeqan.

    Bilbilaan dhuunfaatti akka dubbatanitti, akka itti US balaa weerara kanaa dhura dhaabbatte "guutummaatti kan qindoomina hin qabnedha," jedhan.

    Baraak Obaamaa dorgommii pirezedaantummaa filanno Sadaasa dhufu gaggeeffamu keessatti itti aanaa isaanii duraanii Joo Baayideniin deggaruu keessatti gahee guddaa bahachuu akka fedhan CNNtti dubbatanidha.

    Waayiti Hawuus jecha Obaamaa kanaatiif deebii wayita kennanitti ammoo Doonaald Tiraamp tarkaanfii ''kan yaadamuun ol ta'e' fudhachuun ''lubbuu lammiilee Ameerikaa baraaree jira,'' jedhan.

    Obaamaan akka jedhaniitti garuu adeemsi irra caalaan haala itti mootummaan koronaavaayirasii ittisaa jiruu dadhabaadha.

    Adeemsi mootummaa balaa biyya mudate ittisuurra ani bu'aa attamiin adeemsa kana keessaa argadha kan jedhu irratti akka xiyyeeffate himan.

    Kana malees, Obaamaan himannaa yakkaa Gorsaa Nageenya Biyyaalessa duraanii Mikaa'eel Filiin irratti banamee ture dhiisuuf taasifame baayyee balaaleeffataniiru.

  18. 'Humni kamiyyu ijaarsa hidha haaromsaa dhaabsisuu hin danda'u'

  19. UK'n saamuda Covid-19 50,000 qorannoof US tti ergite

    Saamuda wayita fudhataniitti

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan UK sababii rakkina laaboraatorii torban darbee mudatee tureen koronaavaayirasii qorachuuf saamuda namoota 50,000 UStti ergamuu amane.

    Qajeelchi fayyaa biyyattii akka himeetti, saamuda gara biyya birraatti erguun qorachiisuun tarkaaffiiwwn rakkina tibba kanatti mudatu ittiin hiriifamu keessaa tokkoodha.

    Haaluma kanaanis saamudoonni kunneen xiyyaara dhunfaatiin gara Ameerikaatti ergamusaa ‘The Sunday Telegraph’ gabaaseera.

    Bu’aaleen qorannoos erga UK keessatti irra deebiin ilaalamanii booda dhukkubsattootaaf dafanii akka beeksifaman taasifama jedhameera.

    Dubbii himaan Qajeelcha Fayyaafi Kunuunsa Hawaasummaa akka jedhaniitti, hidhatawwan qorannoo vaayirasii Biriteen baballisuun adeemsa neetwarkii laaboraatorii ‘gutummaatti haaraa’ ta’ee ijaaruu ture.

    Kanaafuu, filmaatiiwwan kan akka saamuda biyya biraatti erguun qorachiisuu kunis ‘tarii wayita rakkinni mudatuutti’ itti fayyadamuun kan karoora keessa tureedha jedhaniiru.

    Mullanni kunis erga kaayyoo mootummaan guyyaatti saamuuda 100,000 ni qoranna jedhee walitti aansuun fiixaan bahuu dadhabeen booda.

    Guyyaa kaleessaatti sa’aatii 24 keessatti namoota 96,878 qoratamee. Kunis kan jiyyaa Jimaataa 97,029 tureen gadiidha jedhameera.

    MM biyyatii Boorsii Joonsa ammoo dhuma baatii kanaatti guyyaatti saamuuda 200,000 fi isaan ol deebuuf karoora qabaachuu himanii ture.

  20. Booriis Joonsan sirna akkeekachiisa Covid-19 jalqabuuf

    Booriis Joonsan

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Ingilaandi sirna akeekkachiisa Covid-19 kan vaayirachisa adda basuuf gargaaruu hojiirra olchuuf.

    Kanas MM biyyattii Dilbata harraa ni beeksiisuu jedhamee eegama.

    Sirni kunis sadarkaa balaa koronaavaayirasii tokkoo hanga shaniitti adda akka baasuutti kan hojjatameedha.

    MM biyyattii Boorsii Joonsan harra karaa TVn tarkaanfiiwwan uguuraa maal irratti akka argamu ilaalchisuun ummataaf ibsa akka kennan eegama.

    MM kunis akeekkachiisa dhaadannoo haaraa ‘‘mana turaa, vaayirasicha to’adhaa, lubbuu baraaraa,’’ jedhuu ummataaf akka ifa taasisan eegamu.

    Innis uggurrii Bitooteessa 23 hojiirra olfamuu eegale yoom akka jijjiiramu guyyaa akka himaniif ni eegaman.

    Sirni amma hojiirra olfamuu kunis yeroof Ingilaandi qofaa keessatti hojjiirra kan oolfamu yoo ta’u, bulchiinsoonni biraas akka sirna mataasaanii tolfataniif mootummaan isaan waliin hojjataa jira jedhameera.