Itoophiyaatti sa'aa 24 darban namni Covid-19n qabame hin jiru

Itoophiyaan sa'aa 24 darban saamuda 2016 qoratte. Namoota saamudni isaanii qoratame keessaas namni vaayirasichaan qabame hin jiru jedhe Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Komoroos namni jalqabaa Covid-19n qabamuu gabaafte

    Komoroos

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyoota Afriikaa hanga ammaatti koronaavaayirasiin keessatti argamuun hinmirkanaa'iin lama keessaa tokko kan taatee Komoroos amma namni tokko qabamu kaleessa mirkneessite.

    Pirezidaantiin biyyattii Azaali Assowumaan akka jedhaniitti, namni dhukkibicha irratti argamee kunis imala isaa dhihenya Faransaayiitti taasiseen nama lammii biyya Faransaayi fi Komoroos qabuu waliin walitti dhufeenya kan qabuudha.

    ‘‘Guyyaa Ebla 30 harraattii nama koronaavaayirasiin qabame kan jalqabaa Gamtaa Komoroos keessatti argamuun labsa,’’ jechuun ture kaleessa pirezidaantiin biyyatti kaleessa marsariitii irratti ibsa kan maxxansa.

    Dhukkubsataa sababii qufaa, dhukkubbii qoonqoo, gubaa qaamaa fi argansuu irratti rakkachuun Ebla 23 Hospitaala El-Maaroof ciisee ture.

    Haalli fayyina isaas wal jalaan fooyyaa’aa jiraachu kan himamee yoo ta’u, aanga’oonnis namoota isaa waliin walitti dhufan adda baasuun hojjatamaa jiraachu pirezidaantichi hima.

    Komoroos biyya Afriikaa Covid-19 dhiyeenya keessatti argamee taatee jirti. Amma biyya Loosoottoo qofaatuu Arii Afriikaa keessaa daangaanshee Covid-19 hin sarbamiin jira.

  2. Tiraamp: Koronaavaayirasiin laabiraatoorii Chaayinaa keessaa bahuusaa ragaa argeera

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Koroonaavaayiras giddugaleessa qo’annoo vaayirasii Wuhaani keessa bahuusaa ragaa qaba jedhu Tiraamp.

    Dhaabbileen Basaasaa Ameerikaa garuu yaadasaanii faallessu.

    Ammas akkaatan weerarri kun itti jalqabe ifa mitii jedhu.Vaayirasichis kan namni tolche mitii jedhu.

    Chaayinaan yaada vaayirasicha namatu tolche, vaayirasichi laabiraatory keessa bahe jedhu fudhatama hin qabu jechuun waakkatti.

    Daarektarri dhaabbata Basaasaa Ameerikaa akkatti vaayirasiin kun eegale qorachaa jirra jedhanii turan.

    Kanaan dura Ministirri Dantaa Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon Chaayinaa akkaata ka’umsa vaayirasichaa ogeeyyiin akka dhaqanii qorataniif bana hin turre jedhanii qeequ.

    Chaayinaan yeroo sanattis yaadoota vaayirasichi giddugaleessa qo’annoo dhibeewwan daddarboo Wuhaan keessa miliqee bahuu hin hafne jechuun dhiyaatan bu’uura kan hin qabne jechuun fudhatama akka hin qabne beeksisaa turteetti.

    Erga vaayirasichii bifa weeraraan addunyaa walgahees lubbuu namoota 230,000 olii vaayirasichi galaafateera.

  3. "Waan isin jaalannuuf cidha keenyarratti hin argaminaa"

  4. Dargaggon Gubbaa Qorichaatti Covid19'n qabame eenyu, akkamiin qabame?

  5. Amma nu gahe, Itoophiyaan sa'aatii 24 keessatti nama 912 qorattee nama lamarratti vaayirasii agarte

    Sa'aatii 24 keessatti nama 912 qorannoon koronaavaayirasii taasifameef keessaa nama lamarratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Lamaanuu lammilee Itoophiyaa yoo ta'an biyyoota ollaa Keeniyaa fi Puuntilaandi irraa gara Itoophiyaa senanii Mooyyalee fi Jigjigaatti adda baafamanii turan.

    Dabalataan namoonni torba vaayirasicharraa bayyanataniiru jedha ibsi ministeerichaa.

    Namootni vaayirasicharraa bayyanata 66, kan vaayirasichaan qabaman ammoo 133 gaheera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  6. Jappaan Roobootiwwan Dhukkubsattoota COVID 19 harka fuudhu bobbaafte

    Roobootii Jappaan

    Madda suuraa, Reuters

    Jappaan namoota COVID-19’n qabamanii haalli fayyaa isaanii baayyee gaarii ta’e hoteelota guutuu biyyaatti qopheessite keessa akka turan gooti.

    Hoteelota keessatti turtii namoota kana to’achuuf akkasumas dhiibbaa narsootarra gahu xiqqeessuuf ammoo Roobootiiwwan fayyadamaa jirti.

    Hoteelota kanneen keessaa isa tokkotti roobootiin ija gurgudda ‘Pepper’ jedhama huccuu of eeggannoo hakiimonni uffatan seeraan guuttatee, dhukkubsattoota harka fuudhuuf qophaa’ee eega.

    Yeroo dhukkubsattootni dhufan harka fuudhee, turtii keessan asiin maaskii godhadhaa, attattamaan akka bayyanattan abdiin qaba jedhees itti dubbata.

    Ergaawwan dabalataa akka ‘’tamsa’inni dhibee kanaa dafee akka to’atamu nan kadhadha, Onnee keenyaan walitti siiqnee rakkoo kana keessa waliin haa dabarru’’ kan jedhus ni dubbata.

    Roobootii kanaan dabalataan Hoteelota Tookiyoo keessa jiran birootti ammoo roobootiiwwan hojii qulqullinaa akka hojjetan bobbaafamaniiru.

    Ministeerri Fayyaa Jappaan namoota COVID-19 qabamanii mallattowwan dhibee kanaa salphaa qabaniif kutaalee Hoteelaa 10, 000 qopheesseera.

    Ammatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 14,000 ol yoo ta’u kan du’an ammoo 448 .

  7. Singaappoor kanneen covid 19 irraa bayyanatan doonii keessa jiraachisuuf

    Doonii Singaappoor

    Madda suuraa, AFP

    Singaappoor hojjettoota biyya alaa covid-19 irraa bayyanatan doonii akka manaatti fayyadamanii keessa akka jiraatan gooteetti.

    Dooniiwwan lama hojii kanaaf adda ba'anii buufata akka turan murteessiteetti.

    Akkuma iddoo biraa dooniiwwan kunneen keessattis walirraa hiiquu, adda of baasuu fi of eeggannoowwan biroon vaayirasicha ofirraa ittisuuf gorfaman hojiirra oolu.

    Iddoon qorannoo vaayirasichaas bakka dooniiwwan kunneen buufatanitti dhiyaatanii qophaa'aniiru.

    Singaappoor keessatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman irra jireessaan kanneen biyyoota alaarraa gara biyyattii imalanii achi jiraataniidha.

    Hojjettoonni biyyoota alaa vaayirasichaaf saaxilaman hedduunsaanii manneen waliinii kan walirraa hiiqanii jirachuuf hin mijanne keessa kanneen turaniidha.

    Erga namoonni kunneen gara dooniitti dabarfamanii as bakki isaan jiraachaa turan adda baafamee koronaavaayirasiirraa akka bilisa ta'uuf qoratamaa jira.

    Biyya guutummaatti magaalaa taate Singaappoor keessatti namoonni namoonni dabalataa 932 qabamuun walumaa galatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 17,000 caaleera.

  8. IMF Itoophiyaaf deeggarsa yeroo balaa kenne

    Fandiin Maallaqaa Idila Addunyaa(IMF) Itoophiyaan dhiibbaa dinagdee sababa weerara COVID-19 ishee mudate akka dandamattuuf deeggarsa yeroo balaa doolaara miiliyoona 411 raggaase.

    Dhaabbatichi, sababa weerara kanaan diinagdeen Itoophiyaa dadhabaa jira waan ta'eef deeggaramuu qabaa jedheera.

    Dhiibbaa diinagdee weerarri kun biyyootarraan gahu laaffisuuf dhaabbatichi sirna liqii fi dhala irratti fooyya'iinsa kan godhe yoo ta'u Itoophiyaan qajeelfama haaraa kanarras fayyadamtuu taatii jedheera.

    Qajeelfamni haaraan 'Catastrophe Containment and Relief Trust (CCRT)' biyyoota hiyyeeyyii sababa weerara kanaan miidhaman dandamachiisuuf qophaa'e.

    Ministirri muumme Abiy Ahimad deeggarsa IMF kanaaf galata qaban tiwitara gubbaatti barreessaniiru.

    Waldhaansoo COVID 19'n qabne keessatti nu cinaa waan dhaabbataniif galata qabduu jechuun hooggantuu dhaabbatichaa Kiristaaliinaa Joorji'eva galateeffatan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  9. ''Deebiin biyyoonni addunyaa covid-19'f kennaa jiran nama rifaasisa'' UN

    Antooniyoo Guterees

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees, weerara koronaavaayirasii ittisuuf hojiin biyyoonni addunyaa hojjechaa jiran kan nama ajaayibsiisu osoo hin taane kan nama rifaasisuudha jedhan.

    Dhugaa dubbachuuf lubbuu namaa akka kanatti darbaa jiraachuun nama dhukkubaa jedhan.

    Qondaalli kun gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin ,''dhibee balaafamaan kun waliif tumsuu kan barbaadu ta'ee osoo jiruu addunyaan garuu walitti dhufuurra gargar deemuu fi quba walitti qabuutti gorte,'' jedhan.

    Kunimmoo addunyaan kun daranuu dhibee kanaan akka miidhamtu haala mijeessa jedhan.

    Atakaaroon Chaayinaa fi Ameerikaa gidduutti uumames rakkoo hooggansa bilchaataa ta'uu ibsan.

    Silaa yoo xiqqaate biyyoonni jajjaboon akkanaa hariiroosaanii cimsanii dhibee kana qolachuutu irra ture jedhan.

    Dhaabati Fayyaa Addunyaa(WHO)'n ammas xiyyeeffannaa guddaa kennuu qaba jedhan, biyyoonni addunyaas maallaqa dhaabbata kanaaf ramadan akka deggersaatti ilaaluu qabu osoo hin taane akka dirqama isaanirraa eegamuutti fudhachuu qabu jedhan.

    Akka fakkeenyaatti isa Pirezidaanti Tiraampi deggersa WHO'f taasisan addaan kutan kaasuun.

    Addunyaarratti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 3.2 caalan kan qabaman yoo ta'u miiliyoona 1 kan caalan ammoo dandamataniiru.

  10. Hojjettootni basaasaa Ameerikaa Koronaan 'nam tolchee' miti jedhan

    Komiiwwan Pireezidantiin Ameerikaa irra deddeebiin Chaayinaarratti kaasaa turan weerara kana daftee addunyaaf hin ibsine kan jedhu ta'us, Vaayirasiin kun nam tolcheedha jechaas turan.

    Laaboraatorii Wuhan Institute of Virologykeessaa vaayirasii oogummaa namaan hojjetamee miliqedha yeroo jedhaniis dhagaahamaniiru. Qaamoleen yaada akkasii qaban biroonis jiru.

    Haata'u malee odeeffannoo kana dhaabbatni basaasaa kallattiin ta'uu baatus mormaa ture.

    Akka 'US intelligence community' ibsa isaa Kamisaa keessatti kaaheen Koroonaavaayiras nam-tolchee miti, haaromfamee kan hojjetame(genetically modified) miti.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  11. Daa'imman Afgaanistaan miiliyoona torba ta'an beelaaf saaxilaman

    Daa'ima Afgaanistan

    Madda suuraa, Getty Images

    Afgaanistaanitti sababa Koronaavaayirasiin gatiin nyaataa dabalee waan jiruuf daa’imman miiliyoona torba ta’an beelaf saaxilamaniiru jedhame.

    Dubbii himaan ‘Save the children’ biyyattiin balaa beelaa, dhibee fi du’aan rukutamteettii jedhanii, Hawaasni idila addunyaa akka birmatuuf gaafatan.

    Tokko sadaffaan lammiilee biyyattii daa’imman miiliyoona 7.3 ta’an dabalatee hanqina nyaataa akka qaban dubbatan.

    Dhaabbayni Biyyoota Gamtoomanii gabaassa dhiyeenya baaseen biyyatti tarree biyyoota beelaaf saaxilamanii keessatti eeree ture.

    Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) addunyaan weerara beelaan miidhamuu maltii jedhee ture.

    Afaanistaan lola Ameerikaan Taalibaan irratti bantee hordofee waggoota digdaamaaf waraanaan hammaamaa waan turteef sirna fayyaa dadhabaa qabdi.

    Tamsa’ina Koronaan walqabatee magalaa guddoon biyyattii Kaabuul sochiin akka hin jiraanne kan cufame yoo ta’u magaalaalee biroo gidduuttii sochiin godhamus adda citeera. Daldalli xixiqqaas hedduu daangeffameera.

  12. Afriikaa Kibbaatti sochiin uummataa deebi'aa jira

    Namoota walirraa bitaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Afriikaa Kibbaatti uggurri sochii uummataa torban shaniif ture har'a irraa eegalee hir'ataa akka deemu mootummaan dubbate.

    Dhaabbileen daldalaa fi manneen nyaataa hojiisaaniitti ni deebi'u, maatiinis qe'eesaaniitii gadi ba'anii socho'uu danda'u jedha ibsi mootummaa.

    Ta'us garuu mootummaan ammallee hidhattoota dabalataan daandiirratti bobbaasuu fi sa'atii uummanni ala turuu qabu murteessuurratti cicheera.

    Dhugaatii alkoolii daldaluun garuu akkuma dhowwametti jira.

    Afriikaa Kibbaatti namoonni 100 caalan Covid-19'n du'aniiru.

    Sochii uummataa ugguruunis diinagdee biyyattii daran hubeera.

  13. Farreen jarmootaa (disinfectants) Covid-19 irraa nu fayyisuu?

  14. Yooyyaa!

    Deebineerra!

    Akkam bultan? Nagaa qabduu?

    Gabaasa kallattii dhimma weerara koronaavaayirasii irratti fuulleffate kan Caamsaa 01 bara 2020 asirraa eegala.

    Oduu gaariin haa eegallu, addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayiraii irraa guutummaatti fayyanii miliyoona tokko taree jedha ragaan Yuunivarsitii Joons Hoopkiins.

    Namoota vaayirasichaan qabaman 3,257,088 keessaa 1,014,761 dandamatanii jiru.

    Namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii dafee waan gabaafamuufi, kan bayyanatan ammoo ariitiin waan hin mirkanoofneef malee namoonni dandamatan kanaa ol ta'uu malu jedhama.

    Ragaa Yuunivarsitii Joons Hopkiins asii ilaalaa.

    Gabaasa kallattii guyyoota darbaniif ammoo as cuqaasaa.

    Oolmaa Gaarii!