Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota haaraa qabamanii hir'annaan biyyooti uggura sochii laaffisaa jiru

Biyyoota Awurooppaa weerara koronaavaayirasiitiin hedduu miidhaman akka Ispeeniifi Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota du'anii hir'achaa dhufeera. Kana hordofuunis biyyoonni kunneen uggura sochii laaffisuu eegalan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dubartiin koronaavaayirasiin duutee erga jedhamtee booda lubbuun argamte

  2. Niiwu Yoork manneen qorichaa keessatti qoratamuu hayyamuuf

    Ameerikaatti kutaan Bulchiinsa Niiwu Yoork manneen qorichaa keessatti koronaavaayirasiif qoratamuu hayyamuuf akka jirtu bulchaan kutaa kanaa himaniiru.

    Niiwu Yoork kutaa weerarri koronaavaayirasii haalaan miidhe kun manneen qorichaa 5,000 ta’an kaayyoo guyyaa tokko keesssatti namoota 40,000 qorachuutiif akka hayyamamuuf Andiriiwu Ku’oomoo dubbatan.

    Ameerikaatti hanga ammaatti namoota 938,000 ol ta’an irratti vaayirasichi argamuun isaa kan mirkane yoo ta’u du’aatiinis akkasuma biyya kamiyyu caalaa miidhamteetti.

    Namoota Ameerikaa keessatti koronaavaayirasiin du’an sadii keessaa tokko, kana jechuun 53,751 kan ta’an Niiwu Yoork keessattidha.

  3. "Paaspoortii immiyuniitii' hin kenniinaa' jedhe WHO

  4. MM UK Booris Joonsan hojiitti deebi'uuf

    Ministirri Muummee UK Booris Joonsan yeroo dhimmi sochii dhoorku biyyattii maal ta’uu akka qabu murteessuuf rakkisaa ta’ee jirutti hojiitti deebi’uuf.

    Akka gaazexaawwan UK'n hedduun isaanii mata-duree isaanii godhatanii barreessaa jiranitti MM Booris Joonsan Wiixata dhufu turtii boqonnaa erga koronaavaayirasiin qabamanii wal'aansaaf hospitaala turanii bahanii hojiitti deebi’u.

    UK'n lammileesheefi namoota biyya birootii gara biyyattii seenan torban lamaaf akka adda of baasanii turaniif karoorsaa akka jirtus himameera.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota akka haaraatti koronaavaayirasiin qabamanii ammallee waan jiruuf sochii dhorkame laaffisuun hin barbaachisu jechuun saayintistooni akeekkachiisaa jiru.

  5. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii Ebla 26, 2020 jalqabneerra.

    Oolmaa biyyaa, kan ollaafi addunyaa keessumaa koronaavaayirasii ilaalchisee toora kanaan isin biraan geenya.

    Waan quba qabaachuu qabdu jennuufi isin barsiisa jennee yaadnu isiniif dhiyeessina.

    Nu hordofaa.