Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota haaraa qabamanii hir'annaan biyyooti uggura sochii laaffisaa jiru

Biyyoota Awurooppaa weerara koronaavaayirasiitiin hedduu miidhaman akka Ispeeniifi Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota du'anii hir'achaa dhufeera. Kana hordofuunis biyyoonni kunneen uggura sochii laaffisuu eegalan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chiiliin waraqaa eenyummaa 'vayirasiirraa bilisa' jedhu kennuufi

  2. Poolisiin Afriikaa Kibbaa haleellaa Masjidarratti raawwatameef dhiifama gaafate

    Poolisiin Afriikaa Kibbaa taatee miseensi poolisii Musliimota jamaaadhaan seera walitti qabamuu dhorku cabsuun Masjiida turan irratti raawwatameef dhiifama gaafate.

    Taateen kun gaafa Dilbataa bulchiinsa Mipumalaangaa keessatti kan raawwate yoo ta'u, namonni 24 to'annaa jala oolfamaniiru jedha gabaasni AFP.

    Birgaader Viishnuu Naayidoo akka jedhanitti yaanni miseensi poolisii waa'ee Rasuulallah Mohaammad irratti kenne "fudhatama hin qabu" jedhan.

    Isaanis "namni tokko yaada akkanaa kennuun fudhatama kan hin qabnedha" jedhan.

  3. Ispeen baatii tokkoo asitti yeroo jalqabaatiif du'a gadaanaa galmeessite

  4. Niwuziilaandi 'lola koronaavaayirasii injifadhe' jette

    MM Niwuziilaandi Jasiindaa Ardarni amma booda osoo hin beekamiin vaayirasichi namarraa namatti hin darbu, 'lolicha injifanneerra' jedhan.

    Biyyattiin har'a irraa eegaluun uggura sadarkaa biyyaatti labsitee turte kaasuu eegalti.

    Direktarri Waliigalaa Fayyaa biyyattii Dr Ashlii Biluumfiild biyyattiin 'galma dhabamsiisuu' milkeessiteetti jedhan.

    Kana jechuun garuu namni haaraa qabamu hin jiru jechuu miti, "namootni qabaman eenyu akka ta'an, eessaa akka dhufan ni beekna jechuudha" jedhan.

    Biyyattii keessa walumaagalatti namootni qabaman, 1,500 xiqqoo caala. Kana keessaa dhibbeentaa 80 kan ta'an bayyanatanii jiru.

    Namootni sababa vaayirasichaan du'an 19.

  5. Jarman'tti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamaniin hir'atus maaskii godhachuun garuu dirqama

    Biyya Jarman keessatti namoonni haaraa 1,018 koronaavaayirasiidhaan qabaman.

    Lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamanii kunis kan torbaan darbe irraa xiqqaa ta'us; yeroo baay'ee guyya Sanbattan irra gabaasni ibsamu ni barfata.

    Walumaa galatti namoonni 155,193 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, isaan keessaa harki lama sadaffaan bayyanataniiru.

    Biyyatti keessatti namoonni 110 haaraan du'uun du'a sababa koronaavaayirasiin galmaa'ee waliigalatti duuti gara 5,750'tti gaheera.

    Jarman torbee darbe uggura sochii kan laaffistuu jalqabde yoo ta'u, har'a garuu yeroo gara alaa bahamu maaskii godhachuun dirqama taasiftee jirti.

  6. Italiin uggura sochii laaffisuufi

    Italiin uggura sochii weerara koronaavaayirasii to'achuuf torbee torba dura labsitee turte laaffisuuf karoora baafatte.

    Kuni kan ta'e erga biyyattiin lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti du'anii isa gadi aanaa galmeessifteen booda.

    Dilbata kaleessaa Italiitti namni du'e 260 qofa, kuni erga weerarri vaayirasichaa mudatee isa gadi aanaadha. Lakkoofsi namoota du'anii waliigalaa 26,644 gaheera.

    Dhorkaawwaan adda addaa kaa'aman Caamsa 4 irraa eegalee ni laaffifamu, namoonnis osoo walitti hin heddummatiin maaskii uffatanii firoota isaanii akka daawwatan ni hayyamama jedhan MM Juseeppee Koontee.

    Paarkiiwwan ni banamu, manneen barnootaa garuu hanga Fulbaanaatti cufamanii itti fufu.

    Namoonni naannoo ofii isaanii keessa socho'uu danda'u, Sochiin ispoortiis ni eegala.

    Biyyoonni kaan akka Siwiizarlaandifi Ispeenis uggura sochii laaffisuuf akka jiran beeksisanii jiru.

  7. Hakiimoonni Kubaa ittisa Covid-19tiif Afrikaa Kibbaatti imalan

  8. MM UK Booriis Joonsan har'a hojiitti deebi'u

    MM UK Booriis Joonsan erga Covid-19 qabamuun wal'aanamaa turanii baatii tokkoon boodaa Wiixata har'aa hojiitti deebi’uufi.

    Joonsan erga Ebla 5 hospitaala galaniin booda, halkan sadiif kutaa warri haalaan dhukkubsatanii wal'aansa addaa barbaadanii keessatti yaalaman keessa turan.

    Wayita Landaniitti hospitaala ‘St Thoma’ keessa turanitti ‘tarii haalichi’ karaa hin eegamne deemuu danda’a jedhanii ture.

    Ministirri Dhimma Alaa Doominik Raab kan bakka Booris Joonsan bu’anii turanis, hanga Ministirri Muummichaa ‘’deebi'utti baayyee hamileen eegaa jiru’’ jedhaniiru.

    Joonsan amma sa’aatii guutusaanii hojiitti deebi’uun, osoo ministirootaafi qondaaltoota olaanoo waaliin wal hin argiin duras walgahii idilee kaabinee Covid-19 ganamaa ni hoogganu.

    Garuu ibsa Wiixata ganamaa ni hoogganuufi ni dhiisuu ammallee hin baramne.

  9. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasni keenya kallattii taateewwan biyya keessaafi guutummaa addunyaa weerara koronaavaayirasii ilaalchisee jiru ittiin isin biraan geenyudha.

    Odeeffannoo wayitaawaafi barsiisaa ta'e keessaa ni argattu.

    Aaga Dhaga'aa Oolaa!

  10. Jaak Maa ittisa Covid-19fi maqaa Chaayinaa tolchuuf dhimmaa jira

    Dureessi Chaayinaa akkaawuntii Tiwiitarasaa ji’a darbe keessa kan banate ittisa Vocid-19 irratti dhimmee hojjechaa jira.

    Maxxansaaleen isaa hundi gargaarsa meeshaalee fayyaa inni biyyoota adda addaatiif taasise irratti kan xiyyeefataniidha.

    “Addunyaa tokko, qabsoo tokko!” Jaak Maan ergaawwansaa jalqabaarratti kan maxxansedha. “Wal taane ni dandeennya!”jedhe ergaa biraatiin.

    Dureessi kun gargaaras meeshaalee fayyaa biyyoota 150 oliitiif taasifame duuba nama jirudha.

    Meeshaaleen gargaarsaa inni dhiyeessu keessaa maaskii fuulaafi veentileetaroota biyyoota hedduuf inni gumaache keessatti argamu.

    Qeeqxonniifi deeggartoonni Jaak Maa muraasni waan inni hojjataa jiruisaaniif ifa miti.

    Amalli nama gargaaruusaa kun fuulasaa gaarii kana Paartii Koministii Chaayinaatti mul’isee laata?

    Yookiin paarticha keessatti faayida piroopogaandaadhaaf dhuunfaasaatiin taphataa jira laata?

    Innis biyyootaaf yero deeggarsa taasisu seera dippiloomaasii Chaayinaa hordofa.

    Ta’us garuu hojiinsaa kun hoggantoota paartiilee siyaasa biro biyyattii keessatti argaman waliin daandii wal xaxaa keessa isa galcha.

  11. Lakkoofsi namoota haaraa qabamanii hir'annaan biyyooti uggura sochii laaffisaa jiru

  12. Israa'eel suuqonni muraasni akka banaman hayyamte

    Israa'eel dhaabbileen daldalaa muraasni akka hojitti deebi'aniif kan hayyamte yoo ta'u, manneen barnootaas banuuf yaadaa akka jirtus ibsiteetti.

    Haaluma kanaan suuqonni daandiirra jiran akka banamaniif hayyamameera.

    Supparmaarkeetiifi bakkeewwan gabaa garuu cufaa akka ta'anitti itti fufuu jedhameera.

    Jijjiramoonni eega lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufeen booda taasifaman irra deebiin jijjiiramuu akka danda'an qondaltonni beeksisaniiru.

    Seera sochii dhoorku haaraa kanaan manneen nyaataa tajaajila nyaata gara manaa fudhatamee deemamu (take away) akka qopheessaniifis ta'e geessuun akka kennan hayyamameera.

    Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 15,398 vaayirasichaan yoo qabaman 199 immoo du'aniiru.

  13. Musliimonni sochii dhorkame keessatti Ramadaanatti jiru

  14. Amma nu gahe, Itoophiyaan namoota 13,645f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti

    Kan sa’aatii 24 darbe keessatti namoota 957 ta’aniif taasifte dabalatee Itoophiyaan walumaagalatti hanga ammaa namoota 13,645f qorannoo koronaavaayirasii taasisuu ministeerri fayyaa beeksiseera.

    Qorannoo sa’aatii 24 darabn keessatti taasifame kanaanis lammiin Itoophiyaa magaalaa Jigjigaa jiraatu tokko qabamuun isaa mirkanaa’eera.

    Namnni umuriin isaa waggaa 30 ta’e kun Puntilaand irraa kan deebi’eef bakka itti adda of baasanii turan keessa akka ture gabaafameera.

    Walumaa galatti Itoophiyaatti namoonni COvid-19 qabaman 123 yoo ta’an, kan ar’aa 12 dabalatee namoonni 41 dhibee kanarraa bayyanataniiru.

    Namoonni wallaansa argachaa jiran 77 yoo ta’an, dhibeen itti cimee kutaa wallaansa addaa keessa kan jiran garuu hin jiru.

    Ministeerri Fayyaa ibsa guyyaa guyyaan baasu kanaan, hawaasni namoota koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa’e waliin walitti dhufeenya qabu jedhee shakkukaraa toora bilbilaa 8335 ykn 952ykn naannoo jiraatan keessatti toora bilbilaa bilisaan qophaa’etti bilbiluun akka beeksisaniif gaafateera.

    Dabalataanis sababii gara garaan walitti qabamuu dhiisuun, harka yeroo hundaa saamunaan dhiqachuun, harka walfuudhuu dhiisuuniifi walirraa fageenya eeggachuun tatamsa’ina dhibee kanaa akka ittisnuuf yaadachiifna jedha ibsi Ministeera Fayyaa.

  15. Sa'ud Arabiyaa seeroota sochii dhorkamee ture laaffiste

    Sa'udiin tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf jecha sochii dhorkamee ture tokko tokko Dilbata ar'aa irraa kaastee laaffisteetti.

    Uggurri sochii dhoorku kan sa'aatii 24f kaawwamee ture amma namoonni bilisaan ganama sa'aatii 3 irraa hanga galgala sa'aatii 11'tti socho'uu danda'u.

    Guyyaa Roobiirraa jalqabee suuqonniifi warshaalee muraasni hojiitti ni deebi'u.

    Seeronni ammatti laffifaman kunneen ji'a Ramadaanaa keessa torbee lamaaf kan turudha.

    Seeronni kunneen garuu bakkeewwan walirraa fageenyi hin eegamne kan akka jiimiifi manneen nyaataa hin ilaallatu.

    Magaalonni Makkaafi Madiinaa garuu uggura sochii keesssa turu.

    Biyyattii keessatti hangaa ammatti namoonni 16,000 ta'an COVID-19 yoo qabaman namoonni 136 ta'an immoo du'aniiru.

  16. Wuhaan keessatti dhukkubsattoonni COVID-19 hundi hospitaalaa bahaniiru

    Magaalaa Chaayinaa koronaavaayirasiin jalqabe itti mul'atetti hospitaala keessaa dhukkubsataan hunduu bahuu isaanii qondaltonni ibsan.

    Dubbi Himaan Komishiinii Fayyaa Biyyaalessaa kan ta'an Mii Feeng dhukkubsataan haalaan dhukkubsatee ture gaafa Jimaataa "fayyeera" jechuun ripportarootatti himaniiru.

    Dabalataanis magaalattii keessatti namni haaraan vaayirasichaan qabame hin jiru jedhaniiru.

    Erga weerarri kun ji'a Muddee jalqabee kaasee Chaayinaa keessatti namoonni 82,816 ta'an vaayirasichaan yoo qabaman, 4,632 ammoo du'aniiru.

    Wuhaan keessatti namoonni 46,452 yoo qabaman kan walii galaa guutummaa Chaayinaa keessaa %56'dha.

  17. Musliimonni sochii dhorkame keessatti Ramadaanatti jiru

    Musliimonni guutuu addunyaarra jira Ramadaana bara kanaa haala adda ta'een dabarsaa jiru. Biyyoonni tatamsa'inna koronaavaayiras hir'isuuf masjiidonni cufaniiru, namoonni baay'innaa akka walitti hin qabamne dhoorkamaniiru.

    Kunis Musliimonni biiliyoona 1.8 ta'an yeroo aduun baatuu hanga seentutti nyaatarraa, dhugaatiirraa, xuuxuurraa, akkasumas saal-qunnamtiirraa of qusataniidha.

    Yeroo baay'ee maatiifi hirriyyoonni sooma hiikuufi salaataaf jecha walitti qabamu.

    Bara kana garuu ji'a qulqulluu kana manasaaniitti dabarsaa jiru.

    Ramadaanni kalaandarii Islaamaa keessatti ji'a sagalaffaa yoo ta'u, gaafa Kamisaa jalqabe. Biyyoota koronaavaayiras haalan miidhe keessatti miira gaddaatiin kan Ramadaana kana dabarsaa jiran.

    Masjidni Iyyaruusalaam keessatti argamu Al-Aqsaan walakkaa ji'a Bitootessaa kaasee cufamaadha, akkasumas ji'a Ramadaanattis hin banamu.

    Magaalaan qulqullu Islaamaa Makkaanis weerara kanaan miidhamtee jirti.

    • Ramadaana baranaa keessatti wantoota jijjiiramuu malan shan
    • Ramadaana: sa'aatiiwwan soomanaa biyyoota garagaraatti
    • Ramadaana ilaalchisee ilaalchota qeeqaman jahan
  18. Ispoortiin yoom akka jalqabamuurratti korri taa'amuuf

  19. Maatiin sababii Covid-19'n waliin manatti deebii'uun turuun jaalala cimsa moo ni boreessaa?

  20. Ispeentti ijoollee hanga tokko bilisummaan akka socho'an taasisuuf

    Yeroo mootummaan Ispeen walakkeessa Bitootessa keessa uggura sochii labsu namni hundi mana turuu hin jibbine ture.

    Miguel Sánchez ganna 15 fi jiraataa Madriid yoo ta’u gara mana barnootaa deemuu dhabuusaatiin baay’ee gammadee ture.

    Torbee jaha boda guyyaa tokkollee osoo manaa hin bahini turee booda yoom manaa bahuu akka danda’u hawwuu jalqabe.

    Uggurri sochii kun laaffatee ijoolleen ganna 14 gad jiran yeroo duraatiif manaa bahuu danda’aniiru.

    Kana jechuunis obboleessi Miguel, Jaime manaa bahuu danda’a. Miguel garuu hin danda’u.

    ‘Hiriyyootasaa yaadeera’

    “Isa aarseera, sababni isaas “osoo obboleessi kiyya bahuu danda’uu ani maaliif hin bane,”jedha jetti haatisaanii Kiristiinaa Karraaskoo barsiistuun sadarkaa tokkoffaa.

    Miguel yeroo dheeraa mana keessatti hojiilee mana barnootaa hojjachuun dabarse. Yeroo boqonnaasaatti ammoo obboleessaasaa waliin filmii ilaaluufi geemii taphachuun dabarse.

    “Hiriyyootasaa arguu barbaadeera, ala bahee ijoollee umuriisaa waliin taphachuu barbaada,”jetti haati. “Miguel mucaa gaariidha ta’us garuu dargaggeeyyiin guyyaa gaarii fi gaarii hin taanellee ni qabaatu.”

    Ijoollee Ispeeniif maaltu jijjiirame?

    Haalli haaraa uggura sochii biyyattii kun ijoollee ganna 14 gad ta’an miiliyoona 6.3 ta’aniifi ganama sa’aatii 3 irraa hanga galgala 3’tti guyyatti sa’aatii tokkof manaa akka bahan hayyamaaf.

    Ta’us garuu fageenya kiiloomeetira tokko hin caalle kan deemuu danda’an.

    Saayikilii oofuu,iskeeboordii faatii kan hayyamaman yoo ta’u paarkii hawaasaa garuu cufaadha.Mootummaanis haala amma hayyame kana hanga walakkaa Caamsaatti laaffisuu danda’a.

    Ogeeyyiin xiinsammuu hayyama mootummaa ijoollee xixiqqoof kenne kana jaalataniiru.