Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota haaraa qabamanii hir'annaan biyyooti uggura sochii laaffisaa jiru

Biyyoota Awurooppaa weerara koronaavaayirasiitiin hedduu miidhaman akka Ispeeniifi Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota du'anii hir'achaa dhufeera. Kana hordofuunis biyyoonni kunneen uggura sochii laaffisuu eegalan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyatti lolaafi sigiga lafaan lubbuun namaa darbe

    Naannoolee Itoophiyaa hedduu keessatti rooba cimaan loolaafi sigiga lafaa uumameen lubbuun namoota afurii darbe, namootni dhibbaan lakkaa’aman ammo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

    Magaalaan kanaan caalatti miidhamte Dirree Dhawaadha.

    Gara kibba biyyittiittis roobni cimaa saatii dheeraaaf roobe sigaga lafaa uumuun namotni hedduu qe’ee isaanirra akka buqqa’aniif dirqisiiseera.

    Balaan kun kan dhufee yeroo biyyattiin weerara dhibee koronaavaayirasii ittisuuf sochiirra jirtutti.

    Afrikaa keessatti lakkoofsa uummataan sadarkaa lammaffaarra kan jirtu Itoophiyaatti hanga ammaatti namootni Covid-19’n qabaman 124 ta’us dhibeewwan biro deebi’anii ka’uun yaaddoo dabalaataa uumaniiru.

    Yeroo kanatti Itoophiyaan weerara hoomaa hawaannisaa ofirraa ittisuufis carraaqaa jirti.

  2. Gaanaan weerara COVID 19 ittisuuf hospitaala haaraa 90 ijaaruuf

    Pirezidaantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo weerara koronaavaayiras jalatti sirna eegumsa fayyaa biyyattii cimsuuf hospitaalota haaraa 90 ijaarsisuuf akka karoorfatan ibsan.

    Akka pirezidaantichi jedhanitti weerarri koronaavaayiras damee fayyaa kan dagatamee ture dadhabaa ta'uusaa saaxileera.

    Namoonni tokko tokko garuu hospitaala hamma kana akkamiin ijaarsisu gaaffii jedhu kaasaa jiru.

    Akka ibsa pirezidaantichaatti hospitaalonni 88 aanaaleerratti, ja'a sadarkaa naannootti, sadi ammoo giddu gala to'annoo dhibee daddarboo kan ta'an biyyattii keessa ni jiraatu.

    Gaanaa keessatti hospitaalonnii fi buufataaleen fayyaa sadarkaansaanii baay'ee gadi bu'oo fi muraasadha.

    Akka ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti reeshiyoon siree hospitaalotaa Gaanaa keessatti nama 10,000f siree sagal qofa.

    Dameen fayyaashee akkaan laafaa kan ta'e Gaanaan erga weerara koronaavaayirasiitii namoonni akka walitti hin heddummaanne cimsitee dhorkiteetti.

    Manneen barnootaas hanga yoonaa cufamanii jiru.

    Daangaan biyyattiis cufaadha.

  3. Finfinneetti namoonni 116 mana shiishaatti qabaman

    Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa naannoo Sameen Maazzagaajaa jedhamuun beekamutti namoonni 116 mana shiishaatti to'atamuu Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

    Namoonni kunneen eeruu uummataan kan to'ataman yoo ta'u labsii yeroo muddamaa weerara COVID 19 to'achuuf labsame cabsuun himataman.

    Erga labsiin yeroo muddamaa labsamee humnoonni nageenyaa bobba'anii kan jiran yoo ta'u sakatta'iinsa tasaa kaleessaa fi har'a poolisiin magaalaa Finfinnee gaggeesseen to'ataman.

    Hoteela Raaheel keessatti namoonni 35, Hoteela Tiliilii keessatti ammoo namoonni 81 eeruu ummataatin qabamaniiru.

    Haaluma walfakkaatun naannichumatti namoonni 18 kutaa dhiphoo takka keessatti osoo shiishaa xuuxanuu qabamaniiru.

  4. Ingilaanditti har'a namoonni 329 COVID-19'tiin du'an.

    Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa akka ibsetti guyyaa har'aa namoonni du'an 329 umuriin isaanii waggaa 29 fi 100 gidduu kanneen jiraniidha.

    Hanga Ingilaand keessatti dhibee COVID-19'n hospitaalatti kan du'an 18,749 ga'aniiru.

    Iskootlaand keessatti har'a namoonni 13 du'uun walii galatti lakkoofsi namoota du'anii 1,262 ga'aniiru.

    Weelsi keessatti ammoo namoota saddeet har'a du'an dabalatee walii galatti namoonni 796 du'aniiru.

    Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan har'a ergaa hawaasaaf dabarsaniin lammiileen yeroo ugguraa kana obsaan akka dabarsan dhaamaniiru.

    Har'a uggura salphisuudhaan of eeggannoo hawaasa gochaa jiru dagachiisuun sirrii miti jedhan MM Booriis Joonsan.

    Booris Joonsan dhibee COVID 19 qabamanii erga bayyanatanii booda gara hojiitti deebi'aniiru.

  5. Yugaandaan walitti baayyachuu hir’isuuf yakkamtoota 800 gadhiifte, Yugaandaan walitti baayyachuu hir’isuuf yakkamtoota 800 ta’an dhiifamaan gadhiifte.

    Pirezdaantiin Yugaandaa Yoweerii Museveenii yeroo weerara Covid-19’tti manneen hidhaa keessatti walittii baayyachuu hir’isuuf jecha yakkamtoota 833 dhiifamaan gadhisaniiru.

    Maqaa yakkkamtoota 1000 ol Museveeniif dhiiyataan keessa yakkamtooti yakka xixxiqqaa hojjeetaniifi yeroo hidhaa irraatti murtaa’ee harka caalaa hidhaa dabarsaan jiru.

    Dubartoonni ulfaa, harmooliin hoosisaniifi maanguddonni dhiifama kanarratti dursa argataniiru.

    Ta’us garuu lakkoofsi kun baayinnaa yakkamtoo biyyaatti 63,000 ta’an irraa badaa hin hir’isu.

    Dubbi himaan Tajaajila manneen hidhaa Yugaandaa Firaank Bayinee garuu “Hir’isuuun hir’iisuma” jedhaniiru

    Akka BBCtti himanitti yakkaamtooti biyyatti walakkaa ta’an dhadachaa isaanii kan jalqabaa ykn immoo fixaa jiran waan ta’aniif dhiifama kanaaf carraa hin aragatani.

    Akka galmee interneetarra World Prison Brief’tti, manneen hiidhaa Yugaandaa human qabaachuu qaban dacha sadii caalaa hidhamtootaa qabatanii jriu.

    Yugaandaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 79 yoo ta’u 48 ammoo bayyaanataniiru. Hanga ammaatti manneen hidhaa keessatti namni koronaavaayirasiin qabame hin jiru.

  6. Xaaliyaanitti taphattoonni kubbaa miilaa shaakalatti deebi’uuf

    Taphattoonni kubbaa miilaa Xaaliyaan Caamsa 4 qophaa qophaadhaan akka garee isaaniitti ammoo Caamsaa 18 akka shaakalatti deebi’aniif hayyamameeraaf.

    Hayyamni kun kan kennamuuf danda’es erga ministirri muummee Xaaliyaan sababa weerara koronaavaayirasiif sochii dhorkuun labsamee ture dhawaataan kaasaa deemuudhaaf yeroo jalqabaatiif beeksisaniidha.

    Taphoonni Seeriii A Caamsaa 27 fi Waxabajji 2 gidduutti jalqabamuun Agayya keessa xumurama jedhamee abdatama.

    Paarkanni biyyattii keessattis deebiyanii banamuuf jiru.

    Xaaliyaan biyyoota Awurooppaa weerara koronaavayirasiin baayyee miidhaman keessaa tokko yoo taatu Dilbata darbe lakkoofsi namoota dhibee kanaan du’anii 260 yoo ta’u erga Bitootessa 14 lakkoofsa guyyaa guyyaan galmaa’aa ture keessaa isa baayyee gadi aanaadha jedhameera.

    Jarmanittis, Bondosliigaan bakka daawwattoonni hin jiretti ji’a itti aanu gaggeeffama jedhamee eegama. Kubbaan miilaa Ispeen garuu hanga waqtii Gannaa dhufuutti taphani akka gaggeeffamu carraan taasiftu gadi aanaadha, jedhanministirri fayya Salvaadoor Illaa.

    Neezerlaand taphni bara kanaa akka hafu Jimaata kan murteessite yoo ta’u Piriimer Liigiin Inglizii garuu taphni bara kanaa akka jalqabamuuf mootummaan UK haala karra cufame duubaan taphoonni gaggeeffamuun xumuramuu qaburratti qaamolee dhimmi ilaallatu mariisisa jira

  7. Kashalabboonni Elsalvaador weerara COVID 19 akka carraatti fayyadaman

    Elsalvaadoor keessatti kanneen gareedhaan gurmaa'anii yakka raawwachuun beekaman waqtii weerara koronaavaayirasii kana akka carraatti fayyadamuun daddabalanii yakka hojjechuu eegalan jedha mootummaan biiyyattii.

    Pirezidaantiin biyyattii Naayib Bukeelee akka dubbatanitti gareen kun wayita poolisiin fuulasaa gara hojii ittisa koronaavaayirasiitti deebisetti bilisummaa waan argataniif hojiisaanii daranuu cimsataniiru.

    Jimaataa fi Sambata darbe keessatti yakka gareen kun raawwateen namoonni 50 caalan erga ajjeefamanii booda poolisii fi humnoonni nageenyaa biyyattii humna fayyadamuun seera akka kabachiisan ajajaniiru pirezidaanti Naayib Bukeelee.

    Erga koronaavaayirasiin addunyaa weeraree Ameerikaa Kibbaa keessatti kanneen gareen qindaa'anii yakka raawwatanii fi qoricha sammuu namaa hadoochu daldalan carraa kana fayyadamuun gara hawaasaatti seenaa jiru.

  8. Ministirri haqaa Laayibeeriyaa Covid-19n qabaman

    Ministerri haqaa Laayibeeriyaa koronaavaayirasiidhaan qabamuu aanga’oonni fayyaa biyyatti himan.

    Akka ibsa kanaatti Ministirri haqaa biyyattii Firaank Muusaa Deen COVID-19 qabamuun amma magalaa Monrooviyaan alatti hospitaalaatti wallaanamaa jiru.

    Obbo Firaank Muusaa midiyaa biyya keessaatti Dilbata akka himaniitti, koronaavaayirasiin qabamuusaanii hogganaa Inistituyuutii Fayyaa Hawaasaa biyyaa irraa itti himame.

    Itti dabaluunis “Abdii qaba,” jechuun dubbachusaanii gaazexaan biyyattii tokko gabaaseera.

    “Haakimoonni Hospitaala '14 Millitary' keessa jiran kan gahumsa ol’aanaa qabanii fi waan isaan irraa eegamu godhaa jiraniidha.

    Yaadadha, vaayirasichi biyyoota guddatan dabalatee yaaddoo guddaa uumeera.

    “Yeroo kanatti namni waa’ee vaayirasii kanaa waan hunda beekuu hin jiru. Gorsa kennamu hojiirra oolchuu qabna keessumaayyuu waliirraa siiquu.” Obbo Deen guyyoota lama eega qondaalli mootummaa tokko isaa waliin walgahii irra ture tokko du’e booda koronaavaayirasiidhaan kan qabaman.

  9. 'Inni tokko fayyaa tahuun isa kaaniifi' - Artsit Hamalmaal Abaata

  10. Keeniyaatti namoon koronaavaayirasiin irratti argame 363 gahe

    Keeniyaatti namoonni koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa'e kan ar'aa saddet dabalatee walumaagalatti 363 gaheera.

    Namoota dhuukkuba kanaan qabamunsaanii biyyattii keessatti mirkanaa’e keessaayis 114 kan ta’an bayyanataniiru jechuun Minitirri Fayyaa biyyattii beeksise.

    Haaluma walfakkaatuunis namoonni 14 vaayirasichaan lubbusaanii dhabaniiru.

  11. Yaaddoo deessuu tibba kornaa garaatti baachhuufi dahuunii

    Dubartiin garaatti baattuu tokko hanga ofkaltutti yaadda’uun kanuma jiruudha.

    Garuu bara koronaavaayirasiin itti babalate kana keessatti ammo yaaddoon haadhoolii garaatti baatanii caalaa cimu himama.

    UK’tti dhaabbanni Dahumsa Da’imman Biyyaaleessaa maatiifi dubartoota garaatti baatan hedduu dubbisuun hubateetti, hedduunsaanii dhaabbilee wallansa fayyaa dhaquuf vaayirasiin akka hin qabamne yaaddoo keessa jiru.

    Haatii Megaan Bungaay jedhamtuuf ulfa baatii saddeetti ta’uuf jirtu tokko jettuutti, sababii koronaavaayirasitiin degarsa maatiifi hiriyyaalleen dhabdee jirti.

    Akkasumas Shelly Hamiton kan yeroo jalqabaatiif mucaa godhette, deessee warri ishee osoo mucaa ishee hin hammatiin baatii tokko guutuunsaa baayyee nama gaddisisa jette jirti.

  12. Attamiin manumatti maaskii tolfachuu dandeessu?

  13. Namoota koronaavaayirasiirraa fayyanirratti qorannoo taasisuun itti fufeera

    UK'tti ogeessi fayyaa ol-aanaa Edwaard Harger biyyattii keessatti dhiiga namoota koronaavaayirasiin qabamanii fayyanirratti gaggeefamuun vaayirasicha maal akka fakkaatu qorannoon taasifamu akka itti fufu dubbatan.

    Qorannoon kun kan taasifamu namoonni dhibee kanarraa fayyan qaamni isaanii dandeettii dhukkuba kana ofirraa ittisuu uummataniiruu laata kan jedhu baruudhaaf kan gargaarudha.

    Qorannoon kun haala milkaa’aa ta’een yoo xumurame dhukkubni kun toa’atamuu baatullee namoonni dhukkubicha karaa uumamaatiin dandeettii ofirraa ittisuu uummatan gara hojiisaaniitti akka deebiyaniif dhorkaa sochiirraa bilisa akka ta’an isaan gargaaruu mala.

    “Qorannoo kanaan mallattoowwan abdachiisoo ta’an mul’achaa jiru garuu dhibbaa dhibbatti bu’aa amansiisaadha jedhameera gahuudhaaf wantonni nu hafan jiru,” jedhan Harger yeroo raadiyoo tokkotti dubbatan.

    “Qorannoo gaggeessaa jirru sadarkaa sadarkaa sadarkaadhaan adeemsisaa kan jirru yoo ta’u adeemsi isaas milkaa’aadha. Yeroo dhiyoo keessatti oduu gammachiisaa akka dhageenyus abdachaa jirra,” jedhan.

  14. Saayintistiin Keeniyaa Covid-19 qoratu bakkaa kaafamuun komii kaase

    Saayintistiin buleessi Keeniyaa koronaavaayirasii qorachuun beekamu, sadarkaa irraa gadi buufamuun jaallewwan ogeessota fayyaa isa dheekkamsiisuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiru.

    Ministeerri Fayyaa Keeniyaa akka jedhetti garuu Dr. Joowel Lutomiyaah kan sadarkaa irraa akka gadi bu’an taasise bu’aawwan qorannoo vaayirasichaa beeksisuurratti boodatti harkifachuu isaafi dhimmoota bulchiinsaan waliin walqabateen.

    Dr. Joowel, itti-gaafatamaa wiirtuu qorannoo ta’anii tajaajilaa turan. Amma garuu saayintistii qorataa gita jedhamu kennameef akka itti-gaafatamummaa isaarraa kaafamu taasifameera.

    Jaalleewwan isa waliin hojjetan ammoo doktorichi hojiirraa kan akka ka’u taasifame sababii wiirtuu qorannoo koronaavaayirasiitiif deggarsa maallaqaafi meeshaaleen barbaachisan akka dhiyeessuuf irra deddeebiin gaafachuu isaatiif jechuun miidiyaatti dubbataniiru.

    Gaazexaa biyyattii Dayilii Neeshin jedhamuutti kan dubbatan saayintistiin tokko akka jedhanitti Dr. Joowel mootummaan ogeessota fayyaatiif meeshaaleefi uffata dhibee kana ittiin ofirraa ittisisani kan hin guutneef yoo ta’e qorannoo hin taasisu jedheera.

    Hojjetoonni wiirtuu qorannoo sanaas meeshaaleen barbaachisoo ta’an akka hin guutamiiniif dubbatu.

  15. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni Covid-19 irraa bayyanatan 50 qaqqabe

    Namoota har’a bayyanatan 9 dabalatee walumaagalatti Itoophiyaatti kanneen koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e keessaa 50 bayyanachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Ministeerichi sa’aatii 24 darban keessa qorannoo namoota 943 irratti taasiseen lammii Ingiliiz dhalataa Itoophiyaa ta’e tokko qofaarratti vaayirasichi argamuu mirkaneesseera.

    Namni umuriin isaa ganna 45 ta’e kun biyya Inglizirraa deebi’ee bakka adda itti baafamanii turan keessa turuun beekameera.

    Itoophiyaan walumaagalatti hanga ammaatti namoota 14,588 irratti qorannoo koronaavaayirasii gaggeessiteetti.

    Kanneen keessaa 124 irratti vaayirasichi argameera.

  16. Talaallii koronaavaayirasiif addunyaan maaliif gara Indiyaatti fuula naanneffatte?

  17. Koronaavaayirasiin Ramadaana keessa 'hammaachuu mala' jette Pakistaan

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii baatii Ramadaanaa keessaa akka malee dabaluu mala jechuun Paakistaan akeekkachiiste.

    Kuni biyyattiin namoonni masjiidatti wal gahanii salaatuu akka danda'an erga hayyamtee torbee tokko booda dhagaahame.

    Ogeeyyiin fayyaa biyyattii dhorkaawwan laaffifamuu hin qaban, vaayirasichi yoo hammaate sirna fayyaa biyyattii duraanuu daddaaqamaa ture caalaatti unkuteessa jechuun mormaa turani.

    Paakistaan keessa amma dura namoonni 12,500 ol vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 269 du'aniiru.

  18. Daandiin Qilleensaa Ruwaandaa miindaa hojjattootaa hir'ise

    Daandiin Qilleensaa Ruwaandaa mindaa hojjattootaa hir’isuun maaliif akka barbaachise ibsa kenneen, ‘akkuma daandiiwwan qilleensaa adunyaarra jiraniitti’ weerara Covid-19’n hedduu miidhamnee waan jirruufi jedheera.

    Daandiin qilleensaa Afriikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa bakkawwan 26’tti kan balali’u ta’us, Bitootessa 19 irraa kaasee weerara kana dhaabuuf jecha mootummaan biyyattii balallii akka dhaabu taasisee jira.

    Miindaa hir’isuun kan barbaachise hojjattoota ari’uurra wayya jenneetu jedhe dhaabbatichi.

    Paayilatoonniifi hojjattoonni hin barbaachifne hojii akka dhaaban taasifamuunis akka itti fufu ibsa hojjattoota isaaf kennetti kaampaaniin kun beeksiseera.

    Tarkaanfii haaraa Kanaan hojjattoonni miindaa xiqqaa argatan %8 irraa kaasee hanga warreen olaanaa argatan %65 akka irraa kutamu murteesseera.

    Murteen kun hedduu rakkisaa ta’us filannoo isa gaarii dha jechuun dhaabbatichi xalayaa hojjattootaaf ergeen ibsee jira.

    Miindaan irraa kutamuun oduu haaraa itti ta’uu baatus hammi irraa kutamuuf jedhu garuu akka rifachiiseen keessummeessituun qilleensarraa tokko BBC’tti himteetti.

    ‘‘Badaa nama gaddisiisa, yeroo kanatti waan hammaataa eegaa turre. Waggoota afur dhaabbata kana keessatti hojjadhetti kun waqtii baay’ee rakkisaa ta’edha’’ jette.

    Ruwaandaan kaleessa namoonni haaraan saddeet (8) vaayirasichaan qabamuu beeksiftee kan jirtu yoo ta’u, waliigalaan namoonni 191 qabamuun, 92 bayyaannatanii jiru. Amma yoonaatti namni lubbuu dhabe hin jiru.

  19. Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii miiliyoona 3'tti siqe

    Lakkoosfi namoota koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa'ee guutuu addaunyaarratti miiliyoona 3'tti siiqaa jira jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkiins.

    Yeroo ammaa kanatti addunyaarratti namoonni 2,971,831 vaayirasichaan yoo qabaman, 206,542 ammoo du'aniiru.

    Ameerikaan 965,910 qabaachuun jalqabarratti yoo argamtu, Ispeen ammoo 226,629 qabaachuun lammaaffaarra jirti.

    Lakkoofsi dhugaa addunyaarra jiru isa gabaafamee ol ta'uu danda'a. Sababni isaas, biyyoonni haalan gabaasaafi qorannoo gahaa taasisaa hin jirreef.

  20. Chaayinaatti barattoonni barnootaatti deebii’aa jiru

    Manneen barnootaa Shangaayiifi Beejiing keessatti argaman tokko tokkoo saaqamu eegalan.

    Barattoonnis torbanoota hedduun booda Wiixata har'aa barnootaatti deebii’aa jiru.

    Akkasumas, Shangaayi keessatti barattoonni barnoota sadarkaa lammaaffa xumuruuf baatii muraasni qofti hafe barnootaatti deebii’aniiru.

    Beejiingii keessatti ammoo qormaanni sadarkaa lammataa kennamuuf jira.

    Manneen barnootaa bulchiinsoota biyyattii kan biraa keessatti cufamanii turan banamaa jiru.

    Magaalaan Wuhaan bakka vaayirasichi irraa ka’e jedhamuuttis torbee dhufu irraa kaasee menneen barnootaa kan banaman ta’uu himame.

    Magaalaa Haangizuu keessatti barattoonni fageenya hawaasummaa isaanii eegaachuu akka danda’aniif kooffiiyyaa dheerina meetira tokkoo qabu kaawwatanii mullataniiru.