UKn yaalii talaallii koronaavaayirasii dhala namaarratti torban kana keessa jalqabuuf

Talaalliin Yunvarsiitii Oksifoorditti hojjetamaa jiru bu'aawwan abdachiisaa agarsiisaa jira, jedhan ministirri fayyaa UK.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Taanzaaniyaatti vaayirasiin miseensa paarlaamaarrati argamuun sodaa uume

    Poolisii saanitaayizarii konkolaataa bbiratti iifaa jirtu

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Miseensi paarlaamaa Taanzaaniyaa COVID-19'n qabamuun sodaa uumeera

    Taanzaniyaatti miseensii paarlaamaa tokko koronaavaayirasiin qabamuu isaan booda, gaaffii mariiwwaan gaggeeffamaa jiran haa dhaabbatan jedhu kaaseera.

    Itti-aanaan Af-yaa'ii Tuuliyaa Aaksan eenyummaa miseensa paarlaamaa vaayirasiin irratti argame kana utuu hin ibsin, namni kun gara magaalaa guddoo biyyatti Dar es Salaam, bakka vaayirasiin kun itti baayyatee jiru, waan imalanii turanif achitti qabamuun isaanii hin oolle jechuun ibsaniiru.

    Mariin paarlaamaa torban sadii dura, bakka miseensonni xiqqoo argaminitti eegale. Yeroon marii kan gabaabfame yoo ta’u, falmiin tokko tokkos karaa bibilbila viidiyoon adeemsifamaa tureera.

    Dubbii himaan Joob Indugaaayi, yeroo weerara kanaatti hojiiwwan barbaachisoon biyyattii waan itti fufuu qabaniif hojii paarlaamaa dhaabuun sirrii hin ta’u jedhaniiru.

    Obbo Indugaayiifi Pireezdaant Joon Maagufuulii weerara kana biyyattii keessatti to’achuuf murteewwan ciccimoo akka sochii ugguruu fudhachuu didaniiru.

    Namootni siyaasaa tokko tokko garuu manni maree akka vaayirasicharraa qulqullaa’uufii miseensonni qoratamanii warri vaayirasiin kun irratti argame ammoo adda akka baafamaniif hojiin paarlaamaa yeroof dhaabbachuu qaba jedhu.

    Hogganaan paartii mormituu ACT fi miseensi paarlaamaa Zitoo Kaabwee, “ummataafi miseensota paarlaamaaf seerri adda addaa lama jiraachuu hin qabu.”

    “Jalqabumarraa eegallee mariiwwan paarlaamaa yeroof akka dhaabbataniif goorsaa turreerra. Kun yaaddeessaadha” jedhu.

    Miseensii paarlaamaa paartii mormituu irraa ta’an Upendoo Peeneezaa, kanaan dura weerara Koroonaavaayirasii to’achuuf magaalaan Daar es Salaam cufamuu akka qabu yaada dhiyeessanii ture.

    Weerarrri kun gara wallakkaa nannoolee biyyattiitti yeroo tamsa’ee jiru kanatti Taanzaaniyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamaniii 254 ga’ee namootni 10 ammoo lubbuun darbeera.

  2. Shamarreen Godina Jimmaatti Covid-19 irratti argame maalirra jirti?

  3. Xaaliyaanitti namoonni haaraan vaayirasichi irratti argamu hir'achuun abdii namatti horaa jira

    Namoota mana keessaa karaa foddaa bakkee ilaalaa jiran

    Madda suuraa, AFP

    Xaaliyaan keessatti erga guyyaa weerarri koronaavaayirasii mul’atee kaasee, lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamu yeroo jalqabaatiif hir’achuu isaa aanga’oonni biyyattii dubbatan.

    Kaleessa lakkoofsi namoota hospitaalaafi mana isaanii keessatti hordoffiin taasifamaaf jiru 108,237 kan ture yoo ta’u, lakkoofsi kun guyyaa dheengaddaarraa 20 hir’ateera.

    Aanga’oonni kunneen akka jedhanitti lakkoofsi kun xiqqaa ta’ullee mallattoo jijjiiramaa gaaridha.

    Sochii dhorkuun Xaaliyaanitti guyyoota 15f kan itti fufu yoo ta’u dhaabbileen daldalaa muraasni garuu banamaniiru.

    Dhaabbileen daldalaa akka mana kitaabaa, suuqiiwwan uffata daa’immaniifi meeshaaleen barnootaa yoo ta’an, namoonni walirraa fageenya isaanii eeggachuun tajaajila akka argatan aanga’oonni kunneen himaniiru.

    Xaaliyaan Ameerikaafi Ispeenitti aanuudhaan biyya weerara koronaavaayrasiitiin baayyee miidhamtedha.

  4. Ameerikaatti imaluu yeroof ni daangeessina-Tiraamp

    Ameerikaan namoota koronaavaayirasiin qabamaan hedduu qabaachuun  sadarkaa jalqabaarra jirti

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan namoota koronaavaayirasiin qabamaan hedduu qabaachuun sadarkaa jalqabaarra jirti

    Pirezedantiin Ameerikaa imala gara Amerikaatti taasifamu hunda yeroof weerara koronaavaayirasiif jecha dhorkaniiru.

    Pirezedantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp weerara koronaavaayirasii to’achuuf namnii kamiyyu gara Ameerikaatti akka hinseenne qajeelfama ajaju akka mallatteessan toora tiwitarasaanirratti barreessan.

    Toora tiwitarasaanirratti ‘’diinni ijaan hin mul’anneen nu haleelaa jira’’ jedhanii koronaavaayirasii waaman

    Itti dabaluunis, ajaja kana dabarsuun kan barbaachiseef fayyaa lammilee Ameerikaa qofaaf miti,carraa hojii lammilee Ameerikaas tiksuuf akka ta’ees ibsan.

    Ajajni Tiraamp kun halkan qixxee Wixatti bari’u dura ibsame. Gorsitoonni Tiraamp garuu imalli gara Ameerikaatti taasifamu akka adda citu barbaadus turan.

    Ammatti odeeffannoon bal’aa himame hin jiru garuu, ajajni pirezedant Tiraamp dabarsuuf jiran kan dhaga’ame, weerarri dhibichaa darbeera,biyyattin deebitee banamuu qabdi jechuun Waayita haawus wayita falmaa jirutti kana barreessan.

    Murtoon Tiraamp kun eenyuun kallattiin akka miidhu ammaaf hin baramne.

    Ameerikaan duraanu karaa daangaa Kanaadaa fi Meeksikoo imala hin barbaachifne amma walakkeessa ji’a dhuftuutti akka adda citu waliif galaniiru.

    Imallii biyyoota Awurooppaa fi Chaayinaarra gara Ameerikaatti taasifamu duran dhorkameera garuu barattootni ,imaltoonni hojiiwwan bizinasiif Ameerikaa dhaqanii fi viiizaa yeroo gabaabaan biyyatti seenan dhorka baherraa bilisa.

    Ameerikaatti namoonni 782,159 koronaavaayirasiin wayita qabaman, namoonni 41,816 vaayirasichaan lubbu dhaban.

    Labsii yeroo muddamaa labsamettii gargaaramuun karaa Ameerikaan Meeksikoo daangessituurraa godaantoti hin galmoofne biyyatti keessaa torban darbe baafamaniiru.

  5. Ameerikaatti lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 42,000 tare

    Nama maaskii keewwate - alaabaa US fuuldura

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaatti duuti Covid-19n walqabate 42,094 taheera - kunis akka addunyaatti isa olaanaadha.

    Lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniinis biyyattiin jalqabarra jirti - 784,000.

    Vaayirasichi kutaalee biyyattii garagaraatti faca'us, kutaaleen biyyaa uggura amma dura kaa'an kaasaa jiru, kaanis dhiyeenyatti kaasuuf karoorfataniiru.

    Kutaan biyyaa Kaarolaayinaa Kibbaa iddoowwan gabaa banuuf murteessite.

    Joorjiyaan ammoo manneen shaakala ispoortii (jiim) fi manneen rifeensaa JImaatarraa eegaluun akka banaman murteessite. Wiixata ammoo manneen nyaataafi siinimaawwan ni banamu jedhameera.

    Tenesiitti ammoo Caamsaa 1 irraa eegalee manneen daldalaa garri caalu ni banamu.

    Haatahu malee kutaalee biyyaa sadan kana keessa, murtoon waliirraa fageenya hawaasaa akkuma jirutti itti fufu.

    Kutaalee garagaraa biyyattii keessatti murtee ugguraa mootummaan fudhate irratti lammiileen bahanii mormaa turan.

  6. Deebineerra!

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona lamaafi walakkaatti siqeera.Kanneen 170,000 ol ammoo lubbuu dhabaniiru.

    Tatamsa'inna vaayirasichaa ittisuuf gorsi ogeeyyii fayyaafi mootummaa hojiirra oolaa jiraa?Mee naannoo keessan waan jiru nuuf qooda, namoonni hagam hubannoo qabu? Hagam of eeggannoo gochaa jiru?

    BBC Afaan Oromoo ammarraa eegalee odeessaalee koronaavaayiras waliin walqabatan kan biyya keessaafi alaa gabaasa kallattiin qabatee isinii dhiyaata.

    Dirree Sheek Huseen

    Madda suuraa, Getty Images

  7. Gaaritti bulaa!

    Tamsaasni keenya kallattii har'aa xumurame.

    Boru ganama walitti deebina.

    Gaaritti bulaa!

  8. Kantiibaan ‘odola koronaa’ aangoorraa ka’an

    Odola koronaa jedhamuun moggaafamte

    Jalqaba baatii Bitootessaa gareen kubbaa saaphanaa Miilaan irraa ka’e odola Istooniyaa Saareemaa jedhamtutti imaluun garee bakkas jiru waliin taphate.

    Torban lama keessatti garuu Saaremaan giddugala koronaavaayirasii taate.

    Kanaaf, namoonni achi jiraatan ‘odola koronaa’ jedhaniin.

    Yeroo ammaa kantiibaan magaalitti Maadi Kalaas koronaavaayorasiin babal’achuu isaaf itti – gaafatamummaa nan fudhadha jechuun aangoorraa ka’aniiru.

    Garee kubbaa saaphanaa as dhufee akka taphatu eeyyamuunkoo ‘’murtee dogongoraati’’ jedhan.

    Qondaalli kuni erga BBC’n odolli Saaremaa akkamiin giddugala koronaavaayirasii taate jedhee gabaasa hojjete guyyoota muraasa booda aangoo gadhiisan.

    Namni hospitaala keessa hojjetan BBC’f akka himanitti yeroo ammaa namni gara odolichaa imalus ta’e achiiti bahu hin jiru.

    Yeroo ammaa walakkaan jiraattota odolichaa vaayirasichaan qabamaniiru.

  9. Dr Teedroos Adihaanom: 'Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti iccitii dhoksinu hin qabnu’

  10. 'Aaanaa Adaamaatti dargagoonni torba bataskaana keessatti du'anii argaman'

  11. UKn yaalii talaallii koronaavaayirasii dhala namaarratti torban kana keessa jalqabuuf

  12. Amma nu gahe, Duuni Faransaay keessaa 20,000 caale

    Faransaay keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 20,000 caaluu Daarektarri Fayyaa biyyattii ibsan.

    Du’a hammanaas yoo ibsan ‘’nama dhukkuba’’ jedhaniiru.

    Hanga Wiixataatti, namoonni 20, 265 kan du’an yoo ta’u gara caalu hospitaala keessatti du’ani.

    Hanga yoonaa biyyoonni namoonni vaayirasii kanaan jalaa du’an 20,000 caaluu kan ibsan Ispeen, Xaaliyaaniifi Ameerikaadha.

  13. Dubartiin carraaqqii Mooriishiyas Covid-19 ittisuuf taasiftutti qooste to'atamte

    Poolisiin biyyatti dargaggeettii suuraa MM 'Pravind Jugnauth' kan isaan "oduu sobaati" jedhan qooduun qooste himateera.

    Dubartiin Rachinaa Senaawut jedhamtu suuraa MM hoggantoota akka Doonaald Tiraampi fi Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jinping waliin akkaata Moorishiyas weerara Covid-19 ofirraa qolatte mari'achuuf gama viidiyootiin wal gahii taa'uu qabu jechuun maxxansite.

    "[Hoggantoonni addunyaa] MM Moorishiyas akkaataa yaalii ajaa'ibaa fi malawwan biyyasaatti taasifamaa jiru gaafatu,'' jedha barreeffamni suuraarra jiru.

    Daayirektarri Wirtuu Seeraa fi Dimookiraasii kan ta'an ta'an Toobii Meendeel barreeffamni dubartii "kan qoosaatii" jedhan.

    Moorishiyas keessatti hamma ammaatti namoonni 328 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

    Ta'us garuu namni biraa qabamuu erga ibsuu dhaabdee guyyoota shan ta'eera.

  14. Pirezidantiin Biraazil uggura mormuun warra hiriira bahanitti makaman

    Bolsonaaroon yeroo hiriira bahan osoo qufa'an mul'ataniiru, maaskiis hin godhanne

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Biraazil uggura mormuun warra hiriira bahanitti makaman

    Pirezidantiin Biraazil Jaayil Bolsonaaro namoota uggurri koronaavaayirasii ittisuuf murtaa’e mormuuf daanditti bahanitti makaman.

    Yeroo hiriira bahanis maaskii hin godhanne. Yeroo qufa'anis mul'ataniiru.

    Ta’us, qeeqamaa jiru.

    Bulchaan Biraazil kuni bulchitoota naannolee uggura kaa’an waliin waldhabaniiru.

    Qondaalli kuni torban darbe dhimmuma koronaavaayirasii irratti waldhabani jennaan ministeera Fayyaa biyyattii aangoorraa kaasaniiru.

    Murteen uggura kaa’uu ‘’abbaa – irrummaadha’’ jedhaniiru Bolsonaaroon.

    Hanga Dilbataatti Biraazil keessa namoonni 38,000 ol koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Kunis Laatin Ameerikaa keessa isa guddicha.

    Namoonni 2, 400 ol immoo du’aniiru

  15. US, Kaanaadaafi Meeksikoon daangaan ji’a dabalataa biraaf akka cufamu waliigalan

    Daangaan Ameerikaa, Kaanaadaafi Meeksikoon waliin qaban guyyoota dabalataa 30’f cufamee akka turu waliigalan.

    Yeroof Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa ta’un kan dalagan Chaad Wold akka jedhanitti imala murteessoof garuu daangaan hin cufamne.

    Daangaan kunneen jalqaba Bitootessa 21 cufaman.

    Ameerikaan yoo xiqqaate godaantota 6,300 ta’an gama daangaa Meeksikoo baasteetti.

    Kunis, seera koronaavaayirasii ittisuuf bahe fayyadamuuni.

    Kanneen kana qeeqan immoo seerichi godaantota adamsuuf malee fayyaa hawaasaa eeguuf bahe miti jedhaniiru.

  16. UK keessatti ogeeyyiin fayyaa 70 sababa Covid-19 du'u xinxalli BBC mul'ise

    Ogeeyyii fayyaa UK sababa COVID-19 du'an

    Eega weerarri koronaavaayiras jalqabee as UK keessatti yoo xiqqaate ogeeyyiin fayyaa 70 du'uusaanii BBC'n xiinxala gaabasota hojjetaa turerraa hubate.

    Isaan keessaa hammi ogeeyyii fayyaa gurraacha, Eeshiyaa fi saboota xixiqqoo irraa dhufan yeroo ilaalamu kaanirraa guddata.

    Kunis, hamma du'an keessaa %42 dha.

    Namoota du'an keessaa 60 hojii fi sanyiisaanii adda baasuu danda'ameera.

    Hojjattoota Tajaajila Dayyaa Biyyaalessaa(NHS) shan keessaa tokko saboota xixiqqoorraa dhufan.

    NHS ogeeyyii fayyaa miiliyoona 1.2 qaba.

    Akka qorannoo Fayyaa Hawaasaa Ingilaanditti namoonni gurraacha ta'an, Eeshiyaarraa dhufanii fi saboota xixiqqoorraa ta'an dhukkubootaaf haalaan saaxilamu.

  17. Ingilaand keessatti namoonni dabalataa 429 hospitaalatti du'an

    Namoonni dabalataa 429 sababa koronaavaayirasiin hospitaalota Ingilaanditti du'aniiru.

    Tajaajjilli Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) Ingilaand akka jedhetti namoonni 348 ta'an guyyaa Sambataafi Dilbataa kanneen hafan immoo achi dura duran jedhe.

    Lakkoofsi haaraa kunis lakkoofsa namoota Ingilaanditti hospitaala keessatti du'anii gara 14,829'tti ol guddiseera.

    Weels keessatti namoonni dabalataa 9 yoo du'an lakkoofsi namoota achitti du'anii 584 gaheera.

  18. Namichi jaalallee isaa duuba konkolaataa dhoksee imalaa ture hidhaa bu’e

    Namichi jaalallee isaa duuba konkolaataa dhoksee imalaa ture hidhaa bu’e

    Madda suuraa, Faith Mazibuko/Twitter

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa osoo biyyi ugguratti jirtuu nama jaalallee isaa duuba konkolaataattaa qabee imalaa ture qabuu beeksise.

    Bulchiinsa Guwaateng irraa Feeyiz Maazibuko akka ibsanitti dubartiin kuni gaafa Jimaataa qabamte.

    Ishiinis akkuma namichaa hidhamuu ibsan.

    Jaalalleewwan lamaan dhimma kana irratti hanga ammaa hin dubbanne.

    Afrikaan Kibbaa torban sadiif uggurarra turte. Booda kanammoo qondaaltonni uggurri kuni hanga xumura Eblaatti akka turu murteessan.

    Kanneen hojii murteessoo hojjetan malee namni socho’uu hin danda’u.

    Biyyoota Afrikaa keessaa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman keessaa kan Afrikaa Kibbaa guddicha.

    Hanga ammaatti 3,000 gaheera.

  19. Namoonni 'faalama qilleensaaf saaxilaman balaa COVID-19'f saaxilmoodha'

    Nama gaarii dhiibaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhetti namoonni yeroo dheeraadhaaf faalama qilleensaatiif saaxilaman carraa infeekshinii hamaa COVID-19 qabamuunsaanii olaanaadha jedhe.

    Qondaalli BBC'tti dubbatan akka jedhanitti ardiilee akka Eeshiyaa, Afrikaa fi Laatiin Ameerikaa sochii weerara kanaarratti taasisaa jiranitti ilaalcha kanas yaada keessa akka galchaniif ni gargaaru.

    Magaalota saaxilamummaansaanii olaanaa ta'e adda baasaa akka jiranis dubbataniiru

    Sababiin isaas dhukkubni kun kan qaama sirna hargansuu waan ta'eefi.

    Qilleensi faalamee fi du'aatiin akka hariiroo qaban qorannoon lama yeroo dhihoo taasifame mul'iseera.

    Isaan keessaa tokko qorannoo Yuunivarsiitii Harvaardiin taasifame yoo ta'u qorannoon kunis duuni Ameerikaa bakkeewwan qilleensi faalametti baay'ee akka ta'e agarsiisa.

    Isaan akka jedhanitti osoo weerarri kun hin dhufin dura paartikiloonni xixiqqoon qilleensatti dabalaman waggoota keessatti du'a sababa COVID-19'n dhufu %15'n dabala.

    Qorattoonni biroo waan dabalataa mirkaneessuuf qorannoon biroo taasifamuu qaba jedhu.

    Akka gabaasaa WHO'tti sababa faalama qilleensaan waggaatti namoonni miiliyoona 7 ta'an ni du'u.

  20. Wuhaan keessatti namoonni Covid-19 irraa 'fayyan' jedhaman gad bu'aa jira

    Akka istaatisiksiin Komishiinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaa mul'isutti Wuhaan keessatti namoonni baay'een osoo hin fayyin fayyaniiru jedhamuusaanii ibsa.

    Gaafa Jimaataa namoonni fayyaniiru jedhaman 47,300 ta'us lakoofsi agarsiisu garuu gara 46,359'tti gad bu'eera.

    Kanaan walqabatee lakkoofsi namootaa Covid-19 irraa bayyanatan akka guutuu Chaayinaatti gad bu'eera.

    Gaafa Jimaataa namoonni 77, 944 bayyanataniiru jedhamus amma garuu gara 77, 084'tti gad bu'eera.

    Jimaata bulchiinsi Wuhaan lakkoofsa namoota haaraa qabamanii fi du'anii akka dabale ibsuun namoonni dabalataa 1,290 ta'an akka du'an ibse.

    Odeeffannoo yeroodhaan kennuu dhabuun sababa dhukkubsattoonni muraasni manatti du'aniifi, hospitaalatti yaalamanii odeeffannoonsaanii gara giddu galeessaatti hin ceeeneefi yookiin dogoggora gabaasaati jedheera.

    Akka odeeffannoo Komishiinii Fayyaa Biyyaalessaatti ji'oota sadan darban keessatti namoonni hanga 941 ta'an dogoggoraan fayyaniiru jedhamuu akka hin oolle agarsiisa.