Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

UKn yaalii talaallii koronaavaayirasii dhala namaarratti torban kana keessa jalqabuuf

Talaalliin Yunvarsiitii Oksifoorditti hojjetamaa jiru bu'aawwan abdachiisaa agarsiisaa jira, jedhan ministirri fayyaa UK.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keeniyaatti namoonni COVID-19 qabaman 281 gahe

    Keeniyaatti sa’aatii 24 darban keessatti namoonni dabalataa 11 koronaavaayirasiidhaan qabamuusaanii Ministirri Fayyaa biyyatti ibseera.

    Namoota 11 kanneen keessaa lammiilee Keeniyaa Mombaasaa jiraatan yoo ta’an afur hafan immoo jiraattota Naayiroobiiti.

    Isaanis seenaa imalaa kan hin qabnedha. Namoonni kunneenis dubartoota shanii fi dhiira jaha akka ta’an ibsameera.

    Namoota dabalataa 11 keessaa torban namoota wirtuu mootummaan qopheessa keessatti adda baafamanii turaniidha.

    Umuriin namoota kanneenis 11-80 akka ta’e gabaafameera.

  2. Namoonni Ispeenitti koronaavaayirasiin qabaman 200,000 darbe

    Lakkoofsi namoota Ispeen keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 200,000 caaluu Ministeerri Fayyaa biyyattii ibse.

    Erga kaleessaa namoonni 400 ta’an du’uun isaanii gabaafameera.

    Hanga yoonaa lakkoofsi namoota vaayirasichaan du’anii 20,852 gaheera.

    Biyyi Ameerikaatti aansitee lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabaman hedduu qabdu Ispeenidha, akka ragaan Yunivarsiitii Joohns Hopjiikns ibsutti.

  3. Dhiigni namootaa COVID-19 irraa fayyan yaaliif ooluuf

  4. Amma nu gahe, Dirree Dawaatti daa’imman sadii irratti Koronaavaayirasiin argame

    Qorannoo sa’aatii 24 darban namoota 396'f taasifameen namoonni haaraa sadii koronaavaayirasiin irratti argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Akka ibsa Ministirri Fayyaa Liyaa Taaddasaa baasanitti, namoonni sadan kunneen Dirree Dawaa yoo ta’an ijoollee umuriin isaanii waggaa 11, 15 fi 18 ta’anidha.

    Namoota kunneen keessaa lama Jabuutiirraa dhufanii bakka adda baafamanii turan keessa kan jiran yoo ta’u, tokko garuu namoota dhibee kanaan qabaman waliin walitti dhufeenya kan qabudha.

    Walumaagalatti Itoophiyaatti namoonni Koronaavaayirasiin irratti argame 111 qaqqabeera.

  5. Naajeeriyaatti namooonni 86 haaraa Covid-19n qabanii 21 ammoo du'an

    Naayjeeriyaan namoota koronaavaayirasiin qabaman haaraa 86 fi kan du’an 21 gabaafteetti.

    Kun hanga ammaatti lakkoofsa isa guddaadha. Qoondaltonni akka jedhaniti lakkoofsi namoota qoramanii waan guddisaniif lakoofsi namni irratti argamus dabaleera.

    Afrikaa keessatti lakkoofsa ummataan tokkoffaa kan taate Naayjeeriyaa keessatti hanga ammaatti, namootni 627 vaayirasiichaan qabamnii 21 ammoo du’aniiru.

    Magaalaa guddiitti biyyattii Abuujaa, Laagoos, bulchiinsa Oguuniifi Kaanoon guttummatti sochii ugguranii jiru.

  6. Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf bilbila keessan akkamiin qulqulleeffattu?

  7. Jarman suuqiiwwaniifi manneen barnootaa banuu jalqabde

    Jarman keessatti turtii torbanoota hedduun booda sochiin haga tokko hayyamamaa jira.

    Biyyattiin namoota haaraa Koronaavaayirasiin qabaman hir’isuun torban darbe keessa tatamsa’inni vaayirasichaa yeroodhaaf to’annoo jala oolfameera jettee turte.

    Suuqiiwwan xixiqqoo, manneen kitaabaa, garaajiiwwaniifi kuusaawwan bishikiliitii hanga qajeelfama walirraa fageenya eeggachuu hojiirra oolchanitti akka banamaniif hayyamameera.

    Manneen barnootaa garri caalaan akkuma cufamanitti kan turan ta’ullee, kanneen ganna kana eebbifamaniifi yunivarsiitiiwwan akka qormaata jalqaban hayyamameeraaf.

    Kanarraa kan hafe tarkaanfiin sochii dhorku akkuma jirutti kan turu ta’a.

    Awustiraaliyaa magaalaan Siidinii ammoo bakkeewwan bashannanaa galaana qaraqaraa sadii turtii torban sadii booda banuufi.

  8. Jaak Maa'n deggersa meeshaalee wallaansaa marsaa sadaffaaf Afrikaaf rabsuufi

    Abbaan qabeenyaa Alibaabaa Jaak Maa, gargaarsa meeshaalee wallaansa dhibee Koronaavaayirasiif oolan biyyoota Afriikaaf kennu marsaan sadaffaa jalqabuuf akka jiru beeksise.

    Meeshaan marsaa sadaffaaf kennamuuf jiru kun maaskii miliyoona 4.6, uffata qaamaa guutuu ogeessota fayyaafi meeshaalee ittiin qoratan kuma 500, veentileetaroota 300, akkasumas kanneen biroo keessatti argamu, akka Jaak Maa fuula tiwiitera isaarratti barreessetti.

  9. Gaanaan qorannoo Koronaavaayirasii hedduu gaggeessiteen booda uggura keessee turte kaafte

    Pirezidaantiin Gaanaa Akufoo-Adoo lammiileen biyyattii bakkeewwan muraasaatti akka socho’aniif wayita hayyamanittii haguuggii afaaniifi funyaanii kaawwachuu akka hin daganneef akeekkachisaniiru.

    Sochii lammilee haa hayyamtu malees daangaalee saaquuf ammalleen torban lamaaf cufaadhuma akka turan jetteetti.

    Magaala guddittii biyyattii Akiraa dabalatee, magaaloota Kumaasiifi Temaa keessatti hanga ammaatti namoonni kuma tokko ol Covid-19n qabamunsaanii mirkanaa’eera.

    Namoonni sagal ammoo sababiidhuma koronaa kanaan lubbuunsaanii darbeera.

    Haata’u malee, manneen barnootaa ammalleen cufaa yoo ta’an, namoonni baayyinaan walitti qabamuun hin hayyamamu.

    Biyyattiin qorannoo kuma jahaa olii kan gaggeessite yoo ta’u, namoota parsantaa 1.5 ol ta’urratti vaayirasichi argamuu himameera.

    Namoonni vaayirasichaan qabamuun isaanii himame irra caalaanis lammiilee biyyaa biraa ykn kanneen namoota biyya alaarraa dhufan waliin hidhata qaaniidha jedhameera.

  10. Hordoftoonni amantaa Islaamaa baatii somaa Ramadaanaa hin baramneef qophaa’aa jiru

    Baatiin Ramadaanaa eegaluuf guyyoota muraasa qofaatuu hafe. Islaamtoonni addunyaarratti argamanis baatii qulqulluu kana uggurawwan dhorkaa sochiifi waliirraa faggaachuu ilaalchisee biyyoonni ka’an kana waliin attamiin akka dabarsan yaadaa jiru.

    Baatiin Ramadaanaa guyyaa somaan olamee kan galgala maatiifi miseensoota amantaa Islaamaa biraa waliin walittii qabamuun waliin maaddiin itti nyaatamuun dabarfamuudha.

    Hedduunis waliin ta’uun kadhata alkanii ‘Taraweeh’ jedhamu taasisuuf masijiidatti dabarsu ture.

    Haata’u malee, Ramaddaanni bara kanaa kan duriitiin adda. Biyyoota hedduu keessattis, aanga’oonni kadhannaan baatii Ramadaanaa manatti akka gaggeefamuuf ajaja dabarsaniiru. Akkasumas ummanni akka qajeelfamoota waliirraa fagaadhaa jedhuuf abomamaniifis waamicha taasisan.

    Torbanoof, Makkaan namoota alee ta’uun mullataa jirti.

    "Onneen keenya bohaa jirti’’ jedhuu Ali Mullaa Masijiidda guddicha Makkaatti irraa kan ta’an yoo haala itti dhagahamu ibsaniitti.

    ‘’Masijiiddi qulqulluu Makkaa guyyaa, alkaniifi yeroo hunda namootaan guutee beekna turree. Amma garuu akkana ta’u isaatti keessoon kiyyaa baayyee hubameera,’’ jedhan.

  11. Koroonaavaayirasii masaraa mootummaa Afgaan keessatti

    Hojjeettooti masaraa mootummaa pirezdaantii Afgaanistaan hedduun koronaavaayirasiin qabamuu isaanii midiyaaleen gabaasaniiru.

    Kanaan dura lakkoofsi namoota vaayirasicha qabanii 20 jedhamus, Dilbatarra gaazexaan 'New York Times' gara 40'tti guddachuu isaa gabaaseera.

    Kanarratti mootummaan Afgaan yaada hin keennine, Pireezdaant Ashiraaf Gaanii ammoo vaayirasicha qabaachuufi dhisuun isaani hin baramne.

    Maanguddoo ganna 70 kan ta’an Gaaniin bara 1990 keessa dhibee kaansariin gariin garacha isaani akka dhaban ni himama.

    “Masaraa mootummaa keessatti namoonni 20 ta’an COVID-19'n qabamanii jiru. Ta’us garuu naasuu akka hin fidneef jecha dhoksamee jira,” jechuun anga’aan tokko Sanbata AFP'tti himeera.

    Suuraan fuula Tiwiitara masaraa mootummaa gubbaatti Kamisa maxxanffame yeroo Obbo Gaaniin karaa viidiyoo wal-ga’ii gaggeessan agarsiisus boodarra yeroo pirezdaantiin kun anga’oota Iraan waliin fageenyarraa ta’us fuulaa fuulatti yeroo haasa’an suuraa agarsiisu gadhiisaniiru.

    Sanbatarratti ragaan mootummaa Afgaan irraa ba’e gutummaa biyyattitti namoonni 933 vaayirasichaan qabamanii 33 ammoo akka du’an agarsiisa.

    Sirni fayyaa biyyattii sababa waraanaan waan miidhameefi qorannoof maddi ga’aa waan hin jirreef lakkoofsi kun xiqqaa fakkaata.

    Dabalataanis vaayirasiin kun lammilee Afgaan Bitootessa keessa Iraan irraa deebi’an 150,000’tti tatamsa’uu hin oolu sodaan jedhu jira.

  12. Qorichi busaa wallaansa dhibee Covid-19'f akka ta’u waliigalame

    Kampaaniin Faarmaa Noovaariitsi qoricha busaa hayidirookiloorookiin jedhamu akka wallaansa dhibee Covid-19'f dhukkubsattoota 440 hospitaala jiraniif akka kennamuuf US waliin waliigaluu isaanii 'Swiss drugmaker' dubbateera.

    Qorichi kun waggoota dheeraaf dhukkuba busaa wallaanuudhaaf hojiirra oolaa kan ture yoo ta’u, dhibee Koronaavaayirasii fayyisuu mala jedhamuun Pirezidaantii Ameerikaa doonaaldi Tiraampiin beeksifamaa tureera.

    Haata’u malee, qorichi kun dhibee kana wallaanuudhaaf akka oolu karaa saayinsaawaan wanti mirkanaa’e hin jiru.

    "Gaaffii addaa qorichi kun dhukkuba Covid-19 ni fayyisa kan jedhu deebisuun barbaachisaa akka ta’e ni hubanna,” jedhe kampaanichi.

    Laaboraatooriin guutummaa addunyaarra jiran dhibee kananaaf qoricha fayyisu ykn talaallii haaraa koronaavaayriasiif argachuuf hedduu ariifataa jiru.

  13. Niiw Ziilaandi COVID-19 irra aanne jette

    Muummittiin Ministiraa Niiw Ziilaandi Jaasiindaa Arderni ibsa guyyuu isaanii kan eegalan ‘‘warreen lubbuu dhaban hedduufi kanneen sabab Kanaan naasuu keessa seenan’’ yaadachuudhaani.

    Biyyaattiitti namoonni COVID-19’n du’an 12 yoo ta’an, ‘‘waa’ee tokkoon tokkoon isaanii bilbilaan natti himamee jira. Biyyoota muraasa kun itti raawwate keessaa tokko ta’uu malla’’ jedhani Aadde Arderni.

    Biyyi isaanii wanta biyyoonni muraasni raawwachuu danda’an gochuun tamsa’ina vaayirasichaa guutummaa guutuutti haala jedhamuun to’achuu dandeenyee jirra jedhaniiru.

    Tamsa’inni cimaan hawaasa biyyattii mara keessa akka hin jirre anga’oonni ni amanu, ammarra haala isaa yoo ilaalle namni qabame tokko giddu-galaan nama tokkoo gaditti vaayirasicha dabarsa jechuun hojii biyyi isaanii hojjatte faarsaniiru.

    ‘‘Kan addunyaa kaaniin yoo wal-bira qabnu, waan baay’ee ajaa’ibsiisu hojjanne’’ jedhani.

  14. Ameerikaatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n du'anii kuma 41 caale

    Ragaan Yunvarsiitii Joon Hopkiinsirraa irraa argame akka mul'isuutti, Ameerikaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin wal qabate du'anii 41,000 ol ta'eera.

    Yunivarsitiin Ameerikaa erga weerrri kun dhuma bara darbee biyya Chaayinaatti mudatee kaasee ragaa funaanaa jiru akka himeetti, guutummaa Ameerikaatti namoonni 746,000 ta'an vaayirasichi irratti argamuu mirkanaa'eera.

    Kun kanaan osoo jiruu Pirezedaanti Doonaald Tiraamp ammoo lammilee Ameerikaa miliyoona 4.18 ta'an koronaavaayirasiif qorachuu isaanii dubbatan.

    Ammallee qorannoo kana "saffisaan" babal'isuun namoota miliyoonota hedduun qorachuu akka qaban ibsan.

    "Qorachuudhaan biyyi nitti dhiyaatu hin jirus," jedhan Pirezedaant Tiraamp.

    Bulchiinsoota biyyaattii keessaayis Niiw Yoorki hunda caalaa miidhamteetti.

    Ameerikaatti gaggeessitoonni kutaawwan bulchiinsaa isaanii sababa weerara dhibee kanaatiin cufamee jiru deebiisanii akka bananiif dhiibbaa olaanaan wayita taasifamaa jiru kanatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin walqabateen du'anii kuma 41 caaleera.