Taanzaaniyaatti vaayirasiin miseensa paarlaamaarrati argamuun sodaa uume
Taanzaniyaatti miseensii paarlaamaa tokko koronaavaayirasiin qabamuu isaan booda, gaaffii mariiwwaan gaggeeffamaa jiran haa dhaabbatan jedhu kaaseera.
Itti-aanaan Af-yaa'ii Tuuliyaa Aaksan eenyummaa miseensa paarlaamaa vaayirasiin irratti argame kana utuu hin ibsin, namni kun gara magaalaa guddoo biyyatti Dar es Salaam, bakka vaayirasiin kun itti baayyatee jiru, waan imalanii turanif achitti qabamuun isaanii hin oolle jechuun ibsaniiru.
Mariin paarlaamaa torban sadii dura, bakka miseensonni xiqqoo argaminitti eegale. Yeroon marii kan gabaabfame yoo ta’u, falmiin tokko tokkos karaa bibilbila viidiyoon adeemsifamaa tureera.
Dubbii himaan Joob Indugaaayi, yeroo weerara kanaatti hojiiwwan barbaachisoon biyyattii waan itti fufuu qabaniif hojii paarlaamaa dhaabuun sirrii hin ta’u jedhaniiru.
Obbo Indugaayiifi Pireezdaant Joon Maagufuulii weerara kana biyyattii keessatti to’achuuf murteewwan ciccimoo akka sochii ugguruu fudhachuu didaniiru.
Namootni siyaasaa tokko tokko garuu manni maree akka vaayirasicharraa qulqullaa’uufii miseensonni qoratamanii warri vaayirasiin kun irratti argame ammoo adda akka baafamaniif hojiin paarlaamaa yeroof dhaabbachuu qaba jedhu.
Hogganaan paartii mormituu ACT fi miseensi paarlaamaa Zitoo Kaabwee, “ummataafi miseensota paarlaamaaf seerri adda addaa lama jiraachuu hin qabu.”
“Jalqabumarraa eegallee mariiwwan paarlaamaa yeroof akka dhaabbataniif goorsaa turreerra. Kun yaaddeessaadha” jedhu.
Miseensii paarlaamaa paartii mormituu irraa ta’an Upendoo Peeneezaa, kanaan dura weerara Koroonaavaayirasii to’achuuf magaalaan Daar es Salaam cufamuu akka qabu yaada dhiyeessanii ture.
Weerarrri kun gara wallakkaa nannoolee biyyattiitti yeroo tamsa’ee jiru kanatti Taanzaaniyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamaniii 254 ga’ee namootni 10 ammoo lubbuun darbeera.