Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kabaja ayyaana Faasikaa yeroo weerara Koroonaavaayiras

Hordoftoota amantaa Kiriistaanaa biratti guyyaan har'aa ayyaana du'aa ka'uu Yesuus Kiristoosi. Silaa biyyi akkuma durii osoo turee Kiristaanonni bataskaanatti walitti qabamuun akkasumas maatiifi firri walitti gahee ayyaana kana kabaju turan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Niiw Ziilaandi COVID-19 irra aanne jette

    Muummittiin Ministiraa Niiw Ziilaandi Jaasiindaa Arderni ibsa guyyuu isaanii kan eegalan ‘‘warreen lubbuu dhaban hedduufi kanneen sabab Kanaan naasuu keessa seenan’’ yaadachuudhaani.

    Biyyaattiitti namoonni COVID-19’n du’an 12 yoo ta’an, ‘‘waa’ee tokkoon tokkoon isaanii bilbilaan natti himamee jira. Biyyoota muraasa kun itti raawwate keessaa tokko ta’uu malla’’ jedhani Aadde Arderni.

    Biyyi isaanii wanta biyyoonni muraasni raawwachuu danda’an gochuun tamsa’ina vaayirasichaa guutummaa guutuutti haala jedhamuun to’achuu dandeenyee jirra jedhaniiru.

    Tamsa’inni cimaan hawaasa biyyattii mara keessa akka hin jirre anga’oonni ni amanu, ammarra haala isaa yoo ilaalle namni qabame tokko giddu-galaan nama tokkoo gaditti vaayirasicha dabarsa jechuun hojii biyyi isaanii hojjatte faarsaniiru.

    ‘‘Kan addunyaa kaaniin yoo wal-bira qabnu, waan baay’ee ajaa’ibsiisu hojjanne’’ jedhani.

    Eebla 28 irraa kaasee dambiiwwan muraasni nifooyya’u kan jedhan Jaasiindaan, suuqiiwwan hojjattoota muraasa galchuun qulqulleessuufi banachuuf qophii eegalu, manneen barnootaas barattoota simachuuf niqophaa’u, garuu mana turuufi walirraa hiiquun ittuma fufu jechuun ibsani.

    Guyyichi isa yaadamerra achi hiiqe yaada jedhuuf, ‘‘aarsaan amma kaffallu numaafi, haguma yeroo dheeraa cufannee teenyu, deebinee rakkootti seenuurraa nuhambisa’’ jedhanii deebisani.

  2. Gabaasa kallattii keenna har'aa asumarratti xumurra!

    Gabaasaalee kallattii har'aa fi kaleessaa gara duubaa deemuun tartiibaan argattu.

    Hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan irra deebinee baga ittiin isin gahe jenna.

    Ayyaana Gaarii!

    Covid-19 irraa ofeeggadhaa | Fayyaa ta'aa!

  3. Uummata miiliyoona 11'f ventileetara jahaatama

    Ventileetara 60 ummata miiliyoona 11'f - Haayitiin biyyoota Ameerikaa keessaa biyya koronaavaayirasiidhaaf haalan saaxilamtedha.

    Ogeessa sirna hargansuu kan ta'e Isteefan Diraagoon akka jedhutti biyyattiin inumaawuu ventileetaroota 40'tti dhiyaatan qabdi; kanneen keessaa 20 hojjachuu dhabuu danda'u.

    Hamma ammaatti biyyattii keessatti namoonni 40 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, namoonni sadi du'aniiru.

    Ta'us garuu namoonni qabaman haalaan gabaafamuu dhabuu danda'a keessumaayyuu bakkeewwan akka baadiyyaatti.

    Waggoota 10 dura Haayitiin kirkira lafaatiin haalaan miidhamtee turte.

    Yeroo sanitti namoonni 200,000 ol yoo du'an miiliyoonaan kan laakka'aman immoo manasaanii dhabaniiru.

  4. Puutiin ergaa ayyaanaa dabarsan irratti vaayirasichi to'annoo jala jira jedhaniiru

    Hordoftoonni amanataa Ortodoksii Raashiyaa ayyaana Faasikaa sababa weerara koronaavaayirasiin Bataskaanonni cufamaniifi mana manasaaniitti kabajaa jiru.

    Mooskootti tajaajilli mana amantaa osoo namuu hin argamiin taasifameera. Paatiriyaakiin hordoftoota tajaajila gama TV hordofaniin kun kan godhameef "dhukkubbii hamaa" irraa isaan baraaruuf akka ta'e ibsaniiru.

    Pireezidaant Vilaadimiir Puutiin asiin dura Bataskaanatti Paatiriyaakota waliin kabaju ture. Amma garuu gama viidiyootiin ergaa dabarsaniiru.

    Puutiin "wantoonni hundi to'annaa jala" akka jiran mirkaneessaniiru. Dabalataanis Raashiyaan "qormaata" itti ergamee kana jalaa ni baati jedhan.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 43,000 vaayirasichaan qabamaniiru.

    Guyyaatti qorannoon namoota 100,000 taasifama - lakkoofsi namootaa vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira.

    Kana hunda booda namoonni muraasni seera dhoorkaa sochii cabsuun tajaajila irratti argamaa jiru.

  5. Ergaa Ayyaanaa hoogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

    Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Teedros Adihaanom Ayyaana Faasikaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsan.

    ''Kanneen har'a kabajjaniif, biyyakoo Itoophiyaa dabalatee Baga Geessan,'' jedhan.

    Qaamaan walirraa fagaattaniis haga weerrarri kun dhumutti qalbiin walbira dhaabbachuu hin dagatiinaas jedhan.

  6. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 108 gahe

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabran keessa namoota 667 koroonaavaayirasiif qorattee namoonni sadii (3) vaayirasichaaf pozatiiva tahuusaanii mirkaneessuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasa beeksisan.

    Sadan keessaa lama Saa'udii Arabiyaa fi Ameerikaarraa deebiyanii adda baafamanii kan turan wayita tahu, namni sadaffaan garuu gara biyya alaatti kan hin imallledha.

    Namni sadaffaan kun namoota vaayirasichi irratti argame waliin tuttuqqaa qabaachuufi qabaachuu dhiisuunshee qoratamaa jiras jedhameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota biyyattiitti Covid-19 irratti argamuun mirkanaa'ee 108 gaheera.

    Itoophiyaatti haga ammaa namoonni 16 vaayirasicharraa kan bayyanatana oggaa tahu, sadi ammoo lubbuun dabreera.

  7. Sheekonni Sawudii namoonni ji'a Ramadaanaa keessa salaataaf akka wal hin geenye jedhan

    Qaamni amantii guddaa Sawud Arabiyaa tatamsa'inna koronaavaayiras hir'isuuf, Musliimonni guutuu addunyaarra jiran ji'a Ramadaanaa keessa salaataaf akka wal hin geenye dhorkan.

    Manni Maree Hayyulee Olaanoo akka jedhetti "walitti qabamuun vaayirasichi akka tamsa'u waan godhuuf, walitti hin qabaminaa," jechuun Saudi Press Agency gabaaseera.

    Sawudi Arabiyaan Masjiida guddaa Makkaa dabalatee Masjiidota hedduu cufteetti.

    Gama biraatiin Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatolaa Khaameeni akka jedhanitti Musliimonni ji'a Ramadaanaa keessa soomuun irraa hin eegamu jedhan.

    Yoo soomuun fayyaa namootaarratti dhiibbaa uuma taanaan, irraa hin eegamu jedhan.

    Soomni nama Musliima ta'ee fi rakkinna fayyaa kan hin qabne, akkasumas umuriinsaa soomaaf gahe irratti dirqama.

  8. Wiirtuu yaala fayyaa Covid-19 Galma Barkumee

    MM Abiy Ahimad dhukkubsattoota COVD-19 akka ta'uuf jedhamee galma barkumetti wirtuu yaalaaf qophaa'e daawwachuusaanii miidiyaan biyya keessaa FBCn gabaaseera.

    Wiirtuun kun namoonni dhukkubichaan qabamuunsaanii mirkanaa'ee iddoo yaalii fayyaa itti argatan ni taha jedhameera.

    MM wiirtuu dhukkubsattoota COVID-19 1,000 ta'aniif yaala kenna jedhame kana daawwataniiru.

    Galmi barkumee dhukkubsattoota Koroonaavaayirasiif yaala kennuuf tajaajiluu akka danda'utti qophaa'uunsaa himameera.

    Yeroo ammaa kanatti sireen 360 kan qophaa'ee yoo ta'u, kan hafan immoo torbee tokko keessatti kan guuttaman ta'uu ibsameera.

    Wirtuu yaalaa kana keessatti siree yaala namoota haala dhukkubsatanii 40 fi kan bayyanachuuf yaala argataniif immoo siree 60 qabaata.

    Wirtuu yaala kana keessatti ogeeyyii fayyaa 700 dabalatee walumaa galatti hojjattoota 1,000 akka qabaatu kan himame.

  9. Mammaaksa Guyyuu BBC

  10. 'Wanta foddaa kootiin alatti natti mul'atu'

    Sababa COVID-19 jecha akkuma hedduu keennaa ogeettiin suuraa kaastu Jeemimaa Yoong mana keessa turti.

    Manashee Landanitti argamuun alatti lafa xiqqoorratti ragaa kaayuuf hojjachaa turte.

    Suuraawwan yeroo manaa hojjachaa jirtutti kaafte kunooti.

  11. Namoonni ammallee waaqeffannaaf maaliif walitti qabamu?

  12. Konsartii 'Together At Home' irratti artistoonni bebbeekamoon hirmaatan

    Muuziqaa keessatti artistoonni bebbeekamoon konsartii hojjettoota fayyaa leellisuuf karaa foddaa TV'n dabrerratti hirmaatan.

    Leedii Gaagaa, Pool Maakaartinii fi Biilii Eelish artistoota 100 ol sagantaa kanarratti hirmaatan keessaati.

    Artsitoonni kunniin akkuma yeroo kaan barame waltajjiirraa osoo hin taane, ugguura koroonaavaayirasiif jecha manasaanii keessaa taphachaa turan.

    Miseensonni baandii 'The Rolling Stones' jedhaman iddoo garagaraa afur irraa taphatan.

    Sagantaan sa'aatii saddeetiif walitti fufiinsaan dhiyaachaa ture kun, seenaa hojjettoota fayyaa Covid-19 waliin wallaansoorra jiraniis dhiyeesseera.

    Artisitiin beekamtuun 'Lady Gaga' sagantaa kana 'xalayaa jaalalaa addunyaaf' jechuun moggaaste.

  13. MM Ispeen daa'imman biyyattiirraa uggura laaffisnaaf jedhan

    Daa'imman Ispeen eega Bitootessa 14 tatamsa'inna weerara koronaavaayiras hir'isuuf manatti ugguramaniiru.

    MM Pedro Sánchez seera kana Ebla 27 irratti "akka qilleensa fudhataniif" xiqqoo laaffisuuf jedhu.

    Kantiibaan Baarseloonaa Ada Colau kan mataasheefuu daa'imman qabdu, mootummaan daa'imman alatti akka taphataniif hayyamuu qabu jetti.

    Eega weerara koronaavaayiras ka'ee booda Ispeenitti namoonni 200,000 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.

    Ergaa Sambata galgala TV irratti dabarsaniin Aabba Saancheez, ''Ispeen yeroo haalaa rakkisaa taheefi ajjeechaa hamaa weerara kanaa dabarsiteetti,'' jedhan.

    Gaafuma kana duuti 565 galmaa'eera. Kunis lakkoofsa du'aa isa olaanaa turerraa kan hedduun gadi bu'edha.

    Mootummaan biyyattiis hojjettoota gosoota hojii daran barbaachisoodha hin jedhamne keessa hojjetan- kanneen akka ijaarsaa fi warshaalee namoota hojjetan gariin, Wiixata dabre akka hojiitti deebiyan heeyyameera.

    Haatahu malee, uggurri akka biyyaatti labsame ammatti hin jijjiiramu - ga'eessonni suuqii bahanii shamatachuufi manneen qorichaa dhaquuf, akkasumas kanneen hojii barbaachisoodha jedhaman hojjetan qofatu akka bahan heeyyamamaaf.

    Amma dura ijoolleen tasumaa manaa akka hin baane dhorkamanii turan.

  14. Covid-19 robootonni dhala namaa bakka akka bu’aniifi taasisuuf jiraa?

    Akkuma weerarri kun addunyaa rakkisaa jirutti namni waa’ee fayyidaa robototaa dagate dhiifamni godhamuufii danda’a ta’a.

    Gaariifis ta’ee hamaaf robotonni hojiilee dhala namaa hojjachuuf bakka bu’uuf ta’u jedhu ogeeyyiin. Akkasumas koronaavaayiras saffisaan tatamsa’aa jira.

    “Namoonni yeroo baay’ee walitti dhufeenyasaaniifi namni nu barbaachisa jedhu ta’us garuu COVID-19 isa kana jijjiireera,” jedhu namni dhimma roobotonni waggoota 10 keessatti diinagdee keessati ni hirmaatu jedhee kan barreesse Maartiin Foord.

    “COVID-19 fedhii namootaa jijjiiruufi deema akkasumas hojiilee awutoomaatikiidhaaf carraa gaarii uuma.”

    Dhaabbileen gurgurddoo fi xixiqqoon akka itti baay’innaan robootii fayyadamanii fi lakkoofsa namoota qaamaa bakka hojiitti argaman hir’isuuf hojjachaa jiru.

    Robootonni dabalataanis hojiilee namoonni manatti hojjachuu hin dandeenyeef nama bakka bu’uun akka hojjatan taasifamaa jiru.

  15. Ayyaanni Faasikaa addunyaarratti akkamitti kabajamaa jira?

    Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa keessattuu kan Ortodoksii ayyaana hordoftoota biratti bakka guddaa qabu kabajaa jiru – ayyaana Faasikaa.

    Biyyoonni Awuroppaa, Baha Giddu galeessaa fi Afriikaa tajaajiloota mana amantaatti kennamu sodaa COVID-19 irraa kan ka’e manasaaniitti akka taasisan himaniiru.

    Joorjiyaa keessatti garuu hordoftoonni amantichaa tajaajila Bataskaanaarratti argamuu danda’aniiru.

    Ayyaanni Faasikaa addunyaarratti akkamitti kabajamaa jira?

    Raashiyaa

    Namoonni akka gara Bataskaanaa hin deemne dhoorkamaniiru. Hordoftoonni amanticha tajaajilarratti hirmaachuuf baay’ee galgala ture kan garas deemani.

    Bara kana tajaajilli bakka qeesonni argaman qofatti taasifamaa jira.

    Yukireen

    Magaalaa gudditti Kiyeev keessatti poolisoonni namoonni baay’inaan akka walitti hin qabamneef dhiheenya bataskaanaatti bobbaafamaniiru.

    Giriik

    Biyyattii keessatti qondaaltonni haala jiru hubachuuf dirooniitti fayyadamaa jiru.

    Masriitti Phaaphaasiin Igiit Tawaadiroos II tajaajila guyyaa Jimaataa kaaba-baha Kaayirootti bakka namoonni baay’een hin jireetti taasisaniiru.

    Roomaaniyaa

    Asittis namoonni tajaajiloota amantaa argachuuf manaa akka hin baanee dhorkamaniiru.

    Buulgaariyaan magaalaa guddittii Soofiyaa keessatti sochii namoota sa’aatiidhaan daangessitee jirti.

    Bataskaanoonni Sarbiyaa fi Moonteenegiroo hordoftoonni ayyaanicha manasaaniitti akka kabajaniif dhaamaniiru.

    Bataskaanni Kaaba Masidooniyaa namoonni gara bataskaanaa akka hin dhufnee humnaan hin dhoorku jetteetti.

  16. Baga Ayyaana Faasikaan isin gahe!

    Hordoftoota amantaa Kiriistaanaa biratti guyyaan har'aa ayyaana du'aa ka'uu Yesuus Kiristoosi.

    Silaa biyyi akkuma durii osoo turee Kiristaanonni bataskaanatti walitti qabamuun akkasumas maatiifi firri walitti gahee ayyaana kana kabaju turan.Kan baranaa garuu weerara koroonaavaayirasii irraan ka kahe, waldaaleen karra cufachuun namuu mana ofiitti akka kabajatu taheera.

    Hordoftoonni amantichaa guyyicha akkamiin kabajaa jirtu?

    Gabaasni keenya kallattii har'aa eegaleera - dhiyaadhaa

  17. ''Giddugaleessa gabaa seenu na dhoowwan'' - lammii Itoophiyaa Chaayinaa jiraattu.

    Lammiilee hidda dhalata Afrikaa qaban dhiibban lakka’aman kutaalee Chaayinaa garaagaraa iddoo jiraataan keessa moggaatti fo’amne jedhanii himatu.

    Sababni ijoon dhiyaate koronaavaayirasii sodaadha.

    Lammileen biyyoota Afrikaa garuu, cunqursaa sanyumaa jedhanii himatan.

    Midiyaalee hawaasaarratti paasportiinharkaa fudhatamuu, iddoo waa bitatan akka hin seennes kan dhorkaman jiraachuu himatu.

    Lammiin Itoophiyaa Chaayina jiraattu maqaan ishii akka dhahamu hin barbaanne, paasportiin harkaa fuudhatamu BBC tti himte.

    ‘Sababa narkaa fudhataniif natti hin himne embaasii Itoophiyaatti iyyaannaan naaf deebisanii’ jette.

    Sanyummaan addatti nu fo’ani jette himatte.

    Hiriyaan ishiis haaluma walfakkaatuun, taaksii imaluuf wayitan konkolaata seentu qabamtee ,bakka namoonni dhibichaan shakkaman keessa tursifamanitti ergamu himte.

    Lammiileen Naajeeriyaa vaayirasiichaan qabaman lama miliqanii baduun hordofuun, lammileen Afrikaa kanneen biroo bakki jiraatanii fi iddoon itti daldaniis jalaa cufamuun xumura ji’a kanaatti dhaga’ame.

    Lammiin Naajeeriyaa koronaavaayirasin qabame tokkos narsii tokkorraan miidha qaqqabsiisuu midiyaaleen Chaaayinaa gabaasuu hordofuun, sakatta’insi lammilee Afrikaarratti jabaachuu himameera.

    Lammilee Afrikaa magaalaa Guwaanzhuu jiraataan 4,500 jiraatan keessaa 111 irratti vaayiraasiin kun mul’ateera.

  18. Jappaanitti COVID-19 sirna fayyaa biyyattii laamshessuu mala jedhame

    Jaappaanitti tamsa’inni COVID-19 akkaan dabaluurraa kan ka’e sirni fayyaa laamsha'uu malaa jechuun ogeeyyiin akeekkachiisan.

    Kutaan yaala tasaa namoota yaala atattamaa barbaadaniin sardamaa jiraachuurraa kan ka’e, ambulaansiin dhukkubsataa COVID-19 qabatte hospitaalota 80 erga waliin geesse booda hospital itti dhukkubsataa kana simatu argatte.

    Gara jalqabaa weerara vaayirasii kanaa to’attetti jaedhamtee kan tute Jaappan Sanbata xiqqaa lakkofsi namoota vaayirasichaan hanga ammaa qabamanii 10,000 darbeera.

    Namootni 200 ol ta’an du’aniiru, magaalli guddoon biyyattii Tookyoon ammo magaala akkan miidhamte taateetti.

  19. Keeniyaatti namootni matta'aa kennuun bakka adda bahanii turan keessaa miliqan

    Keeniyaan COVID-19 to'achuuf bakka adda bahanii turuuf qopheessite keessaa namootni matta’aa kennuun miliqan jiraachuu beeksifte.

    Mootummaan namoota matta’aa fudhatee namoota miliqsee fi kanneen miliqan seeraan akka gaafatu beeksiseera.

    Magaalaa Naayiroobii rraa gara maagalota birootti achii gara magaala Naayiroobitti imalli kan dhorkame ta’uus namootni reeffa gaggeessa kan jiran fakkaachuun Konkolaatan osoo imalanii qabamaniiru.

    Saanduqa reeffaa duwwaa fe’anii osoo deemanii namoota qabaman keessaa konkolaachisaan qoratamee vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’eera.

    Sa’aatii 24 darban saamuda 1,015 kan qoratame yo ta’u namoota 16 irratti vaayiraichi argame waliigalatti namootni vaayirasichaan qabaman 262'tti guddateera.

    Namootni vaayirasichi irratti argame kunnin bakka adda baahuun turamu keessa ka hin galleefii seenaa imalaas kan hin qabneedha jedhameera.

    Hanga ammaatti dhibee kanarraa kan fayyan 60, kan du’an ammo 12 gahaniiru.

  20. Konsartii addaa ‘Addunyaa tokkittii‘jedhu

    Konsartiin muuziqaa addunyaa tokko jedhu ogeeyyii weerara koronaavaayirasii dura dhaabbatan deeggaruuf qopha'e. Sangantaan konsartii kanaas kallattiin karaa intarneetiifi TV dhiyaachuuf jira.

    ‘Wajjin mana turra‘konsartii jedhamu kanarratti aartistoota beekkamoo 100 ol ta’anitu hirmaata.

    Sagantichirratti seenaa dhugaa ogeeyyii fayyaa qabsoo vaayirasii kana dura goranii ni himama.

    Konsarticha waanti adda taasisu, artistoonni manasaanii irraa kallattiin dhiyaatanii weellisu.

    Maallaqni sagantichaan walitti qabamu sagantaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa deeggaruuf oola.

    Sagantichi sa’aatii 8‘f kallattiin kan tamsa’u yoo ta’u Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Global Citizen movement walta’iinsaan qopheessan.

    Konsartichi akkaatan itti dhiyaatu kan duraan beekamurraa adda.

    Weellistuu beekamtuu Leedii Gaagaa qindeessuurratti qooda kan qabdu yoo taatu, iddoo tokkotti argamuun aartistootaa dirqama miti ‘jettee.

    Kana malees, konsartichi dhiyeessurratti namoonni TV Ameerikaarratti agarsiisaa dhiyeessuun beekamtii guddaa horatan kanneen akka Istifeen Kolbert, Jiimii Kimeel, Jiimii Faalkan fi Opeera Wiinfirey fa’aa akka qoodasaanii bahanitu eegama.

    Sagantichi kutaa lamaan guutuu addunyaatti akka daawwatamutu eegama.