Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kabaja ayyaana Faasikaa yeroo weerara Koroonaavaayiras

Hordoftoota amantaa Kiriistaanaa biratti guyyaan har'aa ayyaana du'aa ka'uu Yesuus Kiristoosi. Silaa biyyi akkuma durii osoo turee Kiristaanonni bataskaanatti walitti qabamuun akkasumas maatiifi firri walitti gahee ayyaana kana kabaju turan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaatti namootni COVID-19 qabaman 100 ol darban

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa qorannoo laabraatoorii sa'aa 24 darban keessa hojjete 659 keessaa nama 9 irratti vaayirachi argameeraa jedhe.

    Ji'a tokkoofii torban tokko dura namoota jalqabaa COVID-19'n qabaman kan beeksifte Itoophpiyaan kan hara'aa dabalachuun namootni 105 ta'an vaayiraichaan qabamaniiru.

    Namoota haaraa qabaman keessa tokko jiraattu magaalaa Jimmaa yoo taatu 3 magaalaa Dirre Dhawaadha.

    Namoota sagalan kana keessaa jaha seenaa imala kan qaban yoo ta'u, sadii ammoo namoota vaayirasichaan qabaman waliin kan tuttuqqaa qabaniidha jedhameera.

  2. Murtoo Tiraamp fi gorsa ogeeyyii fayyaa wal faalleessu

    Pirezedantiin Ameerikaa kutaaleen Ameerikaa sochiin namoota itti daangeffame deebi'e banamuu qaba jedhu, ogeeyyiin fayyaa garuu ammas namoonni mana turuu qabuu jedhanii gorsaa jiru.

    Ameerikaan biyya koronaavaayirasii hunda caala miidhe ta’uun sadarkaa jalqabaarra jirti.

    Kamisa darbe qofa sa’aatii 24 keessatti namoota 4,591 du’an dhabde.

    Waliigalatti namoonni 36,000 du’aniiru, namoonni 700,000 ta’an vaayirasichaan qabamaniiru.

    Kutaaleen Ameerikaa baayeen cufamuun namoonni hojii idilee isaanii dhaabuun dinagdees akka miidhu namoonni himan mormiif bahaniis jiru.

    Pirezidantiin Ameerikaa sababii weerara mudateen tarkaanfiin namoota mana isaanii tursiisuuf bahan ‘baayee hammaate jechuun qeeqan.

    Qondaalonni fayyaa biyyatti garuu tooftaan dhibicha itti to’atamu ta’udha gorsuu.Labsiin sochii namoota daangessuu kaafamuun weerara dhibicha hammeessaas jedhu.

    Tiraamp garuu kutaalee Virjiniyaa, Michigaanii fi Minisoota

    Keessatti tarkaanfii fudhame akka laafuu qabu ibsan.

    Namoonni hiriira bahanii dambiiwwan dhorkaaf bahan sochii isaanii danqamuu fi sochii dinagdeesaaniis miidhuu morminaa jedhu.

  3. 'Du'a duuba du'aa ka'uun, dukkana duuba ifti akka jiru beekna' -MM Abiy Ahimad

    Ergaa isaanii yaada bu'uura Ayyaanni Faasikaa(du'aa ka'uu Yesuus Kiristoos) ittiin kabajamu waliin walfakkeessuun dhaaman Kanaan ''dhukkubaa duuba gammachuun, du'a duuba du'aa ka'uun, dukkana duuba ifti akka jiru beekna'' jedhan.

    Addunyaan guutuun weerara Koroonaavaayirasiin raafamaa jiraachuu, biyyoota gurguddoo meeshaa waraanaa malee jilbeeffachiisuu fi kumoota hedduu galaafachuu isaa yaadataniiru.

    Dhibbaa hanga ammaatti weerarri kun Itoophiyaarraan gahaa jiru caala akka hin hammaanne hunduu waltumsuun akka duulu waamicha dhiyeessan.

    'Oduun du'aa darbee du'aa ka'uun, oduun dukkanaa hafee kan ifaa, wanti dhukkubbii hafee kan gammachuu yeroon itti dubbannu fagoo miti.''

    Wanta gochuu qabnu yoo goone yeroon rakkinaa ni gabaabbata kana hin goonu yoo ta'e garuu ni dheerataa jedhan.

  4. Magaalaa Chaayinaa weerarri vaayirasii jalqaba mul'atetti namoota du’an 50% dabale

    Magaalaan Chaayinaa iddoo weerarrii koronaavaayirasii argametti lakkoofsi namoota du’anii harka walakkaan dabale.

    Lakkoofsi namoota du’anii 1290 tti ol dabale.

    Qondaaltonni biyyatti lakkoofsa namoota hoospitaalaan alaatti fi manasaaniitti du’anii ragaan funaanametu ittidabalamee jedhani ibsan.

    Chaayinaan garuu duraanu weerara vaayirasichaa dhoksuu fi gadi xiqqeessite ibsuudhaan qeeqamti, biyyattiin garuu, kan dhoksitee akka hin jirre waakkatte.

    Ragaan irra deebi’ame bahe erga biyyaattin lakkoofsa namoota du’anii hin gabaasne qabdii jedhamee qeeqani irratti dhiyaate booda ture.

    Waligalatti Chaayinaatti lakkoofsi namoota du’an 4600 ol guddate-harki caalaan kutaa Hubeeyi kessatti galma’e.

    Magaalaan Wuhaan jiraattoota mil 11qabdu ji’ootaaf cuftee turuun dhiyeenya banamte, uggurri tures irraa hir’ifameera.

    Ragaan yuunvarsiitiin Hopkiins baase akka mul’isutti, Chaayinaan namoota vaayirasichaan qabaman baay’ee qabaachuun addunyaarraa sadarkaa 7 qabatte.

    Namoota covid -19'n qabaman 84,000 qabaachuun ibsameera.

    Weerara dhibicha jalqabaarraa haala biyyatti itti qabdee ilaalchisuun gaaffiin irratti dhiyaata jira.

    Magaalaa Chaayinaa Wuhaanitti namni vaayirasii haaraa addunyaa weerare kanaan qabame jiraachuun isaa si’a duraaf Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiti Mudde 31, bara 2019 gabaafame.

  5. ''Afrikaattii namootni 300,000 COVID-19'n dhumuu malu''- UN, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniii Afrikaa keessatti namootni 300,000 ta'an covid-19 du'uu maluu jedhe.

    Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniii Afrikaa keessatti namootni 300,000 tan covid-19 du'uu maluu jedhe.Kanneen miiliyoona 30 ta'an ammoo dhiibbaa diinagdeerraa kan ka'e hiyyummaatti gad ba'uu maluu jechuun akeekkachiise.

    Komishiniin Dinagdee Dhaabbatichaa kan Afrikaa wabii nyaataa aardittiif maallaqni dooolaara biiliyoona 100 ta'u ni barbaachisaa jedha.

    Hanga ammaatti lakkoofsi namoota COVID-19'n Afrikaa keessatti qabamanii 20,000 kan hin caalle ta'us ji'oota dhufan keessatti miiliyooona 10 gahu danda'a tilmaama jedhu kaaheera.

    Aardii Afrikaa keessatti tokko sadaffaan lammiilee bishaan gahaa kan hin qabne ta'uuniifi 60% kan ta'an ammoo jireenyaa magaala walitti sissiiquun itti baayyatu keessa waan jiraataniif Koronaan loluuf haalli jiru rakkisaa ta'aa jedheera dhaabbatichi.