Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 Covid-19n lubbuu dhaban

Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 Covid-19n lubbuu dhabuu Ambaasaaddra Fitsum Araggaa miidiyaa VOAtti himaniiru

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Carraafi yaaddoo jaalalaa yeroo karra cufatanii jiran keessa

  2. Abbaan amantii waaqeffannaaf namoota walitti qabe ajjeechaan himatame

    poolisoota maaskii godhatan

    Madda suuraa, HINDUSTAN TIMES

    Hogganaan garee amantii Islaamaa Tablighi Jamaat jedhamu Muhaammad Saad Khaandaalvii, sagantaa masjida keessa qopheesse akka haqu ergaa dabreef dide.

    Kanumaanis Magaalaa Niw Deeliitti namoota sagantaa amantiif masjidaatti walitti qabamani turan 1,023 irratti koronaavayirasiin argame.

    Sagantichi akka adda citu poolisiin yeroo lamaaf akeekkachisuus fudhachuu didaniis turan.

    Sirna amantii kanarratti namoonni biyya hambaarra dhaqanii hirmaatanis turaniiru.

    Saganticha booda kutaalee biyyaa Indiyaa 17tti namoonni vaayirasichaan qabamansagantichas wajjin hidhata qabaachuun mirkana’e.

    Hoggaanaan gartuu kanaa Muhaammad Saad Khaandaalvii beekaa namootaajjeesuufwalitti qabe jedhamuun himannaan yakka irratti dhiyaatera.

    Aabba Saad fi gareen isaanii Tablighi Jamaat himannaa irratti dhiyaate haalaniiru.

  3. Imaanu'eel Maakroon: To'annoo COVID-19 irratti Chaayinaa jajuun 'gowwummaadha'

    Imaanu'eel Maakroon

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Maakroon akkaataa Chaayinaan COVID-19 itti to'atte gaaffii keessa galchaniiru

    Imaanu’eel Maakroon yaadni kennan Chaayinaan qabannaa Koroonaavaayiras irratti taasifte shakkii jiru dabalee jira.

    Malli Chaayinaan tamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf itti fayyadamte laafina biyyoota Lixaa saaxileeraa? Jedhamuun gaaffii gaafatamaniif, biyyoota ifa ta’aniifi kanneen dhugaa hacuucan wal-bira qabuun waan hin taanedha jedhaniiru.

    ‘‘Garaagarummaan kun akka jirutti, murteewwan fudhataman fi haala Chaayinaan amma itti jirtu yoo ilaallu, biyyattiin weerara kana haala fooyya’aan to’attee jirti jechuun gowwummaadha’’ jechuun Financial Times’tti himanii jiru.

    ‘‘Waan beeknu hin qabnu. Wantoonni nuti hin beekne uumamanii akka jiran ifadha,’’ jedhan.

    Yaadni isaanii kun kan dhufe Chaayinaan Wuhaanitti lakkoofsi namoota lubbuun darbanii %50 ol-ka’aa dha erga jetteen boodadha.

  4. Kantiibaan dhorkaa kaa'ame cabsuun osoo dhuganii qabaman adabamani

  5. Haalli mana hidhaa Filippiins yaaddoo uume

    Mana hidhaa Maanillaa, Filippiins keessa
    Ibsa waa'ee suuraa, Mana hidhaa Maanillaa, Filippiins keessa

    Mana hidhaa biyya Filippiins namni akkaan walitti tucha’e keessa koronaavaayirasiin yoo seene balaa guddaa fidaatti sodaatame.

    Manneen hidhaa biyyatti humnaa ol namni keessa guuteera.

    BBC’n bara 2018 Maanillaa yeroo daawwateetti kanneen hidhaman sireerra ciisanillee akka hin qabne taajjabeera.

    Namuu lafarra yookiin barcumarra ciisa.

    Koreen Qaxxaamura Biyyaa Idil- addunyaa (ICRC) BBC’tti akka himetti koronaavaayirasiin mana hidhaa kanneen keessa seennaan balaa hamaatu uuma.

    Gareen mirga namoomaa kanneen dhukkubsatan akkasumas dullooman akka gadhiifaman gaafateera.

    Kanaanis, bakki kaaniif ni bal'ata yaada jedhuuni.

    Dhimma kana irratti murteessuuf Manni Murtii Olaanaa biyyattii har’a walgaha.

  6. Bulchaan magaalaa Kaartum bakkaa kaafaman

    Sudaan boru eegalee Labsii Yeroo Muddamaa Kaartumiifi Obduramaanitti labsiteetti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan boru eegalee Labsii Yeroo Muddamaa Kaartumiifi Obduramaanitti labsiteetti

    Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook bulchaa magaalaa Kaartuum seera haaraa bahe morman bakkaa kaasan.

    Bulchaan magaalitti hordoftonni manneen amantaa koronaavaayirasii akka hin tatamsaane hir’isuuf akka walitti hin dhufne isa dhorkame mormaniiru.

    Janaraal Ahimad Abdun Hammad Mohaammad hordoftoonni amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa gaafa Sambataa eegalee akka walitti hin qabamne seera dhorku hojiirra hin olchuu jedhan.

  7. Argaa-dhageettii jaarrolee Booranaa fi Koronaavaayiras

  8. Bakka ummanni socho’u keessa tufun Hindiitti yakka ta’e

    Ministirri Hindii bakka ummanni keessa socho’utti tufuu dhorkan.

    Alatti tufuun koronaavaayirasii ni tamsaasa jedhaniiru Ministirri Dhimma Keessaa biyyattii.

    Wanti kuni garuu haaraa miti. Magaalaaleen seeraa akkanaa baasaniiru. Garuu, hojiirra hin oolle.

    Amma garuu Ministirri Dhimma Keessaa sadarkaa federaalaan dhorkeera.

    Kana jechuun dhiibbaa guddaa fida jedhamee eegama.

    Nama yakka kana dalageef bulchinsoonniifi magaalaaleen adabbii guddisaniiru.

    Namni osoo tufuu qabame Magaalaa Mumbaayitti ruuppii Hindii 1,000 (birrii 424) adabama.

    Magaalaa guddoo biyyattii Delhiitti kanneen alarra tufan immoo dachaadhaan ruuppii 2,000 (birrii 850’tti siqu) adabamu jechaadha.

    Gareen kanneen kana raawwatan adamsus ni hundaa’a jedhameera.

    Biyyi Hindii hanga Caamsaa 3’tti namni manaa akka hin baane dhorkiteetti.

    Ergasii booda kanneen magaalaa keessa kana godhan ni to’atamu jedhameera.

  9. Suuraan fincila Sudaan irratti kaafame badhaasa idil-addunyaa injifate

    Dargaggoota walitti qabamanii sirbaan morman

    Madda suuraa, Yasuyoshi Achiba

    Ibsa waa'ee suuraa, Fincilli Sudaanitti geggeeffame Omaar Al-Bashir angoorraa buuseera

    Suuraan fincila guddaa Sudaanitti bara darbe geggeeffamerratti ka’e badhaasa idil-addunyaa beekamaa injifate.

    Mata-duree ‘Straight Voice’ jedhu kan qabu suurichi, ogeessa suuraa AFP Yaasuyooshii Achiibaa’n kaafame.

    Humna dargaggoofi aartii sirriitti mul’isa jechuun murteessitoonni jajanii jiru.

    ‘‘Yeroon kun battala mormii naga qabeessa turtiikoo keessatti itti argedha,’’ jechuun ogeessi suuraa kana kaameeraa irratti hambifate kun dubbata.

    ''Dargaggeessi kun osoo rasaasa hin dhukaasin, dhakaa osoo hin darbatin walaloo qofaan mormu agarra, kun ammoo abdii kan namatti horudha,’’ jechuunis dabalee hima.

    Suuraan balaa daandii xiyyaaraa itoophiyaa irratti namoota luubbuun darbaniif dubartoota gaddan mul’isu ogeessa Mulugeetaa Ayyanee jedhamuun kaafame warreen ciccimoo shan jedhaman keessa seenuu danda’eera.

    Fincilli Sudaan bara darbee biyyattii yeroo dheeraaf kan bulchan Omaar Al-Bashir Eebla keessa angoorraa buusuun niyaadatama.

    Dubartoota biyyee facaasaa boo'an

    Madda suuraa, Mulugeta Ayene

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin namoota balaa daandii xiyyaaraa Itoophiyaan du'anii bakka sana deemuun gadda ibsachaa turani
  10. Wuhaan lakkoofsa namoota Covid-19'n du’anii dachaan dabaluun sirreessite

    Chaayinaa

    Madda suuraa, AFP

    Chaayinaatti magaalaan koronaavaayirasiin itti ka’e Wuhaanitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan lubbuu dhaban dachaan dabale.

    Kana dura namoonni 1,209 akka du’an kan gabaastee turte magaalittiin amma 3,869 akka ta’an ibsite.

    Kanaanis, %50’n dabale jechuudha.

    Gaazexessaan BBC Roobi Biraant lakkoofsi waliigalaa kan dabale kanneen hospitaala ala du’an itti dabaluufi gabaasni dubatti harkifate dhaqqabe waan jiruufi jedheera.

    ‘’Ta’us, lakkoofsa waliigalaa biyyattiin vaayirasiichaan du’an gabaaste irratti wanti kuni shakkii dabala,’’ jedheera gaazexessaan keenya.

  11. Nagaa bultanii?, Ya deebine

    Guyyaan har'aa 'Jimaata Fannoo,' guyyaa Iyyesuus Kiristoos itti fannifame jedhamuun amantoota Kiristaanaa biratti yaadatama.

    Hordoftoonni amantii Kiristaanaa mara baga guyyichaan geessan.

    Guyyicha akkamiin dabarsaa akka jirtan nutti himaa.

    BBC Afaan Oromoo ammarraa eegalee odeessaalee koronaavaayiras waliin walqabatan kan biyya keessaa fi alaa gabaasa kallattiin qabatee isinii dhiyaata.

    Oolmaa gaarii.

  12. Saamu'eel Etoo lammilee biyyasaa 100,000 gargaaruuf

    Saamu’eel Etoo sochii weera koronaavaayrasii ittisuudhaaf taasifamu deggaruudhaaflammileen biyyaa isaa 100,000 ta’an akka gargaaru beeksise.

    Taphataan beekamaa lammii Kaameruun kun namoota kanneeniif wantota barbaachisoo ta’an dhiyeessuun yeroo hamaa kana keessa akka darban gochuuf murteesse.

    Etoon biyya isaa keessatti dhaabbata tola-ooltummaa kan qabu yoo ta’u, “maatii magaalota afur keessa jiran 50,000 ta’aniif saamunaa, saanitaayizarii, nyaatallee dhiyeessuufii akka jiru himeera.

    Dabalataanis, konkolaachistoota taaksii 50,000 ta’aniif maaskii afaaniifi funyaan ittiin aguuggatan akka rabsuuf waadaa galeeraaf.

    “Kun rakkoo hamaa nama mudatedha waan ta’eef qulqullina keenya sirnaan eeggannee maaskiiwwan afaaniifi funyaan keenya ittiin aguuggannu dhiyeessuun tatamsa’ina vaayirasichaa duuba deebisuu ni dandeenya,” jechuun dubbate.

    Kaameruunitti sochiin magaalwwaan ulaa galaanaa kan dhorkaman yoo ta’u sochiiwwan ispoortii kamiyyu dhorkamaniiru.

    Kaameruunitti namoota 850 irratti Covid-19 kan argame yoo ta’u kanneen keessaa namoonni 17 lubbuu dhabaniiru.

    Saamu'eel Etoo
  13. Humnoonni nageenyaa Naajeeriyaa COvid-19 caalaa namoota ajjeesaniiru

    Ittisa tatamsa’ina koronaavaayirasiif jecha qajeelfamni sochii dhorkuu erga hojiirra booda humnoonni nageenyaa Naayeeriyaa qajeelfamicha hojiirra oolchuuf jecha tarkaanfii fudhataniin Covid-19 kan ajjesee caalaa namoota ajjeesaniiru jechuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa beeksiseera.

    Naajeeriyaatti hanga ar’aatti COvid-19n namoonni 12 kan du’an yoo ta’utarkaanfii poolisiin qajeelfama manaa bahuu dhorkuu hojiirra oolchuuf fudhateen ammoo namoota 18 ajjeeseera.

    Komiishinichi akka jedhetti komiiwwan 100 ol kutaawwan bulchiinsaa 24 keessaa akka dhiyaataniif ibsee,Leegoos, Abujaafi Oguun keessatti argamu jedheera.

    Naajeeriyaatti sochiin torban lamaaf dhowwame dhiyeenya kana dheereffamuun isaa ni yaadatama.

    Komishiniin kun akka jedhetti toraa bilbila irratti bilbiluun viidiyoowwan mirgoonni isaanii akka sarbamu agarsiisan erguu isaaniillee ibsaniiru.

    Baayyinni ummataa miliyoona 200 yoo ta’u hanga ammaatti namoota 407 irratti vaayirasiin irratti argameera.

    Loltoota Naayijeeriyaa

    Madda suuraa, Getty Images

  14. UK fi Niiwu Yoork turtii sochii dhorkuu dheeresan

    UK'n tarkaanfii sochii dhorkuu ittisa tatamsa’ina koronaavaayirasiif keessa akka dheeratu murteessite.

    Ministirri Dhimma Alaa Doominiik Raab akka jedhanitti tarkaanfiin kun yoo xiqqaate toban sadiif dheerata.

    Doominiik Raab ulaagaa ittiin sochii dhorkuu kana keessaa ittiin bahamus ibsaniiru.

    Ameerikaatti kutaan bulchiinsa Niiwu Yoorkis tarkaanfii sochii dhorkuu hanga Caamsaa 15tti akka dheeratu murteesseera.

    Bulchaan Niiwu Yoork Andiriiwu Kuwoomaa akka jedhanitti yoom akka kutaan bulchiinsichaa deebiyee banamu ogeessotatu murteessa.Murteen kun ammoo “siyaasas”“miiras” miti jedhan.

    Magaala Niiw Yoork

    Madda suuraa, Getty Images

  15. Jibuutiin guyyaa tokkotti namootni 156 qabaman

    Jibuutiin sa'aatii 24 darban qorannoo laabraatorii gaggeessite 494 keessaa namootni 156 koroonaavaayirasiin qabamanii jiraachuu mirkaneessite.

    Biyyi ollaa Itoophiyaa kun hanga ammaatti namoota 6,430 qoratte keessa namootni 591 vaayirasii kanaan qabamuu mirkaneessiteetti.

    Namootni lama yoo du'an kan bayyanatan ammoo 73.

  16. Gabaa ayyaanaafi waliirraa hiiquu hawaasummaa

  17. Jiilli Ogeeyyii fayyaa Chaayinaa Finfinnee gale, Ogeeyyiin Fayyaa Chaayinaa duula Itoophiyaan Koroonaavaayiras to’achuuf gaggeessutu deeggaruuf Finfinnee galan.

    Ogeeyyiin Fayyaa Chaayinaa duula Itoophiyaan Koroonaavaayiras to’achuuf gaggeessutu deeggaruuf Finfinnee galan.

    Jiilli Ogeeyyii fayyaa 12 of keessaa qabu kun guyyaa har’a Finfinnee buufata xiyyaaraa Boolee yeroo gahan Ministira Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddasaan simatamaniiru.

    Ogeeyyiin Fayyaa Chaayinaa kun turtii isaanii kanaan muuxannoo Chaayinaan to’annoo Koronaavaayiras irratti horatte ogeyyii fi dhabbilee fayyaaf ni qooduu jedhameera.

    Chaayinaa jila Ogeeyyii Fayyaa kan biros gara biyya Afrikaa biro Burkinaafaasoottis ergiteetti.

    Dubbii himaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa biyyi isaanii biyyootni Afrikaa weerara Koroonaavaayiras to’achuuf sochii taasisan akka deeggartu himaniiru jechuun Fana Broodkaastiing gabaaseera.

    Ministeerri Teknoolojiifi Innoveeshinii Itoophiyaa torban darban darbe Chaayinaan dawaaa aadaa sadarkaawwan jalqabaa koroonaavaayiras yaaluuf itti fayyadaman Itoophiyaaf erguuf waliigaluu ishees beeksisee akka ture ni yaadatama.

    Jila Ogeeyyii Fayyaa Chaayinaa

    Madda suuraa, Fana Broodkaastiing

  18. Dubartii gosa koronaavaayirasii isa jalqabaa argatte

  19. Ministirri biyya Afrikaa tokko dhugaatii alkoolii bitachuu isaaf himatamuuf

    Biyyi Afrikaa hanga ammaa Koronaavaayiras keessatti hin galmoofne Loseettoon ministira ishee alkoolii bitate himachuuf.

    Poolisiin Loseettoo Ministeera biyyatti dhorkaa namni akka manaa hin baane kaahamee booddeetti jedhee dhugaatii alkoolii osoo bitatuu argame nan himadhaa jedhe.

    Loseettoon akkuma biyya olla ishee Afrikaa Kibbaa yeroo sochiin dhorkame kana keessatti gurgurtaan dhugaatii alkoolii akka hin gaggeeffamne dhorkitetti.

    Ministeerri Poolisii fi Nageenya Hawaasaa biyyattii LehloohonoloMoraamotsee, dhorkaa dhugaatii alkoolii bituufis gurguuruufis kaahame daddarbuun qoratamuu eegalaniiru.

    Viidiyoon kaameraa CCTV irraa argameefi Ministeerichaa dhugaatii qaruuraa lama osoo bitanii mul’isu namoota hedduun qoddatamee jira.

    Biyyittiin hanga ammaatti nama Koroonaavaayirasiin qabaman tokko galmeessitee hin beektu, garuu ammoo biyya namootni 2,500 ol ta’an vaayirasichaan qabaman keessa jiran Afrikaa Kibbaan guutummaan guutuutti marfamtee biyya jirtuudha.

  20. Manneen turmaata reeffaa Gaanaa 'humnaa ol taane' jedhan

    Lammileen Gaanaa sirna awwaalchaa haalaan adda taheefi gatii baayyee baasu qopheessuun beekamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Gaanaa sirna awwaalchaa haalaan adda taheefi gatii baayyee baasu qopheessuun beekamu

    Gaanaatti erga namoonni walitti qabamuu dhorkamee as namoonni akka kanaan durii sirna awwaalchaa dhuunfaa godhachuu dhiisan.

    Kanumaafis manni reeffi keessa turu haalaan humnaa ol tahaa jiru jedhamu.

    Namoonni miseensi maatiin jalaa du’e haga uggurri kun kahutti eegnee sirna awwaalchaa miidhagaa gaggeessina jechuun reeffa ol kaa'aa jiraachuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiru.

    Warri manneen reeffaa keessa hojjetan, iddoon turtii kun akkasiin guutee hin beeku jedhan.

    Haalli kunneen manneen reenfaa haalaan cinqeera jedhameera – fakkeenyaaf hooggantoonni Hospitaala Paantaang jedhamuu, amma booda reeffa namaa fuudhuu dhaabuuf jenna jedhaniiru.