Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 Covid-19n lubbuu dhaban

Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 Covid-19n lubbuu dhabuu Ambaasaaddra Fitsum Araggaa miidiyaa VOAtti himaniiru

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa Kalattii

    Tamsaasni keenya kallattii Jimaataa har'aan kanneen isin biraan geenye keessaa muraasni kana:

    *Jibuutiin har'aas namoota haaraa 141 COVID-19 qabaman adda baafte

    *Weerarri Covid-19 Jarman keessatti to'atameera-Ministira Fayyaa

    * Konkolaattotni manaa magaalaa Finfinnee dabareen socho'uuf

    * Keeniyaatti namoota haaraa Covid-19n qabaman keessaa shan hojjetoota hoteelati

    * 'Afrikaatti xiyyeeffannoon wallaanuu caalaa ittisuu isaarratti taasifamaa jira'

    * Yaaddoo dhibee Koronaafi gabaa ayyaana Faasikaa

    * Afrikaa Kibbaatti karaa duwwaa leenconni dhuunfatan

    * Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 ta’an Covid-19’n ‘du’aniiru’

    Kan har'aa asumarratti Xumurama Bor ganama irraa ka'ee itti fufa nagaan turaa.

  2. Amala vaayirasichi agarsiisu haaraa maaltu barame?

  3. 'Ayyaana Faasikaa kana firriifi ollaan wal waamuu hin qabu' Dr. Liyaa Taaddesee

  4. Jibuutiin har'aas namoota haaraa 141 COVID-19 qabaman adda baafte

    Guyyaa kaleessaa namoota haaraa 156 Koronaan qabaman kan galmeessite Jibuutiin, har’aas namoota haaraa 141 COVID-19'n qabamu gabaaste.

    Biyyi Gaanfa Afrikaa lammiilee miiliyoona tokko hin caalle qabdu kun, hanga ammaa namoota vaayirasichaan qabaman 732 qabaachuun biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa biyya namootni baayyeen jalaa dhibaman ishee duraa taateetti.

    Hanga ammaatti namootni lama du’anii, kan bayyanatan ammoo 76.Sa'aatii 24 darban biyyattiin namoota 1,056 qoratteetti.

    Ibsa Ministeera Fayyaa Jibuutii

    Madda suuraa, Horn Diplomat

  5. Weerarri Covid-19 Jarman keessatti to'atameera-Ministira Fayyaa

    Ministirri Fayyaa Jarman Jeens Ispahaan weerarri koronaavaayirasii biyyattii to’atameera jedhan.

    Ministirichi kan kana jedhan erga daddarbuun dhibee kanaa hir’achaa dhufeeti.

    Akkuma kanaan dura jennee turretti jedhan Obbo Ispahaan lakkoofsi dhukkubsattoota fayyanii walitti fufinsaan namoota haaraa vaayirasiin kun irratti argamu caalaa jira. Kun ammoo tarkaanfiin sochii dhorkuu milkaa’eera jechuudha jedhan.

    “Weerarri kun, ar’a irraa kaasee, kan to’atamuu danda’uufi ittisuun danda’amudh,” jechuun ibsa miidiyaaf kennan irratti dubbatan.

    Itti dabaluunis, sirni kunuunsa fayyaa biyyattii “ hanga ar’aatti humnaa ol itti hin taane” jedhan.

    Lakkoofsi Ejensii To’annoo Dhibee Jarban maxxanse akka agarsiisutti sadarkaan daddarbii dhukkuba kanaa gara 0.7tti gadi bu’eera. Kana jechuun, namni koronaavaayirasii qabu tokko carraa nama tokkoon gaditti dabarsuu qofa qabaata jechuudha.

    Kanaan dura akka WHO ibsee turetti weerara kanaan namni koronaavaayirasii qabu tokko yoo xiqqaate nama sadiitti dabarsuu danda’a.

    Haata’u malee, lakkoofsi namoota du’anii ammallee dabalaa jira. Lakkoofsi hojjetoota fayyaa koronaavaayirasiin irratti argamus akkasuma dabalaa jira.

    Jarman tarkaanfii cimaa qorachuu irratti fudhatteen jajamaa turteetti.

    Akka lakkoofsa Yunvarsiitiin Joon Hopkiinsiin dhiyaatutti Jarman keessatti namoota 138,000 ta’an irratti Covid-19 yoo argamu kanneen 3,868 lubbuu isaanii dhabaniiru.

    Jarman toofataa ittisa koronaavaayirasiif jajamaa turteetti

    Madda suuraa, EPA

  6. Konkolaattotni manaa magaalaa Finfinnee dabareen socho'uuf, Konkolaattotni manaa magaala Finfinnee keessa jiran dabareen akka socho'an murtaa'ee dabarenis baheef.

    Konkolaattotni manaa magaala Finfinnee keessa jiran dabareen akka socho'an murtaa'ee dabarenis baheef.

    To'annoo COVI-19'f jecha labsii yeroo muddama labsame jalatti danbii raawwii geejibaa qophaa'erratti ibsi kennameera.

    Akka danbii kanaatti lakkoofsi gabatee konkolaattootaa inni dhumaa guutuufi zeeroo kan ta'e har'a kan socho'an yoo ta'u, kanneen lakkoofsi dhumaa hanquu ta'e ammoo bor socho'uu danda'u.

    Dabareen kun har'aa jalqabee ji'oota shaniif kan itti fufu akka ta'es ibsameera.

    Danbiin walfakkaatu haala qabatamaa nannoolee ilaalcha keessaa galchuun naannoolee kaan keessattis akka raawwatamu Ministeerri geejibee ibseera.

    Konkolaattotni manaa magaalaa Finfinnee dabareen socho'uufi

    Madda suuraa, Addis standard

  7. Keeniyaatti namoota haaraa Covid-19n qabaman keessaa shan hojjetoota hoteelati, Keeniyaatti namoota haaraa Koroonaavaayirasiin qabaman keessaa shan hoteela keessa hojjetu

    Ministirri Fayyaa Keeniyaa Mutaahii Kagwee namoota haaraa Koronaan qabaman keessaa shan namoota Hoteela keessa hojjetan akka ta'an beeksisan.

    Jimata har'aa ganama saamuda namoota 450 qorachuufi qorannoowwan dabalataa gaggeefamaa akka jiraniis dubbatan.

    Imaltoota idala addunyaa simachuun dhorkamuun dura kanneen biyyatti galan hoteelota garaagaraatti adda bahanii akka turan ta'uu yaadatanii, namootni shanan amma Hoteelota keessaa vaayirasichaan qabama hoteelota tajaajila kana kennan keessaa ta'un hin mirkanoofnee jedhan.

    Waliigalatti namootni vaayirasichaan qabaman 246 gaheera. Mootummaan dandeettii qorannoo laaboraatorii gaggeessuu isaa dabalaa akka jirus Mutaahiin miidiyaaleetti himaniiru.

    Keeniyaatti namootni Koronaan qabaman 246 gahan

    Madda suuraa, AFP

  8. 'Afrikaatti xiyyeeffannoon wallaanuu caalaa ittisuu isaarratti taasifamaa jira'

  9. Yaaddoo dhibee Koronaafi gabaa ayyaana Faasikaa, Biyyootni addunyaa hedduun ayyaana Faasikaa, sochii hawaasaa uggurameen yoo dabarsan, Itoophiyaatti garuu sochiin ho'an gabaa ayyaanaa mula'acha jira.

    Biyyootni addunyaa hedduun ayyaana Faasikaa, sochii hawaasaa uggurameen yoo dabarsan, Itoophiyaatti garuu sochiin ho'an gabaa ayyaanaa mula'acha jira.

    Amansiisaa Ifa magaala Finfinnee naannoo tokko tokkotti gabaa ho'aa ayyaana Faasikaa gorsa Ministeerri Fayyaa dabarsu booddeetti jedhe gaggeefamaa jiraachuu ija kaameraa isaatiin taajjabeera.

    Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddesee ayyaanaa kana of eeggannoo guddaan ayyaaneffachuun akka barbaachisu gorsaniiru.

    ''Akka durii ollaafi firri walwaamee osoo hin taane miseensota maatii waliin jiraannu qofa waliin ayyaana kabajnu ta'uu qaba'' jedhan.

    Jaalala waliif qabnu waliif eeggachuunhaa agarsiisnus jedhan.

    Sochiin gabaasa walirraa fageenya namoota gidduutti gorfamaa jiru eeguun haguuggii funyaaniifi afaanii fayyadamuun akka ta'us gorsaniiru.

    Ayyaana kan of to'annee of eeguun dabarsuun fuula duratti ayyanota hedduu kabajuuf murteessaadha jedhaniiru.

    Gabaa Ayyaanaa
    Gabaa Ayyaanaa
    Gabaa Ayyaanaa
    Gabaa Ayyaanaa
    Gabaa Ayyaanaa
    Gabaa Ayyaanaa
  10. Afrikaa Kibbaatti karaa duwwaa leenconni dhuunfatan

    Leencaa daandii guute

    Madda suuraa, RICHARD SOWRY/KRUGER NATIONAL PARK

    Afrikaa Kibbaattii koronaavaayirasiin namoota 34 ajjeesuun namoota 2,506 immoo qabeera.

    Ammatti biyyoota Afrikaa kan caalaa miidhamte taatetti.

    Weerara dhibichaa to’achuuf namootni akka manasaanii turan erga ajajjee torban muraasni lakkaa’ameera, ammas torban lamaaf dheereffameera.

    Namoonni karaarraa dhabamnaan garuu bineensonnii daandiitti bahaa jiru.

    Paarkiin biyyaalessaa Kiruugar Afrikaa kibbaatti argamu duraan turiistoota hedduutu daawwannaaf karaa dhiphisa ture.

    Bitootessa 25 irraa kaase garuu cufameera

    Paarkichi Afrikaa keessaa iddoo bineensonni kunuunfamaanifi adamoon seera qabeessi itti eeyyamu ture.

    Weerara koronaavaayirasii torban darban namoota manatti hambise garuu, bineensonni bilisummaasaanii akka gonfatan eeyyameef jedhame.

    Sanyiin adurree gurguddaan kunkonkolaataaf namoonni daandicha dhiphisaa turan daandiirraa dhabamuu hubannaan karaa gubbaa tarree galee ciisaa ooluu eegalan jedhame.

    Sanyii adurree gurguddoo karaa cufan eegdota bineensota adamoo seeran alaarraa tiksanitu Roobii darbe bilbila moobayilaatiin suura kaasan.

    Kanaan dura Magaalaa Weels jedhamutti akkuma leencotaatti re’oonni karaa dhuunfachuun himamee ture.

  11. WHO: Deeggarsi USA adda citun Covid-19 ni hammeessa

    Ogeettii fayyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan deeggarsa addaan kutuun weerara koronaavaayirasii hammeessuu akka danda’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akeekkachise.

    Dhaabbatichi akka ibsetti, Ameerikaan tumsa maallaqaa addaan kutte jennaan dandeettiin biyyoonni weerara koronaavaayirasii to’achuuf qaban caalatti laaffisa.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp dhaabbaticharraa deeggarsa maallaqa kutuuf murtoon dhiyeenya dabarsan kongireessi biyyattin kan ragga’u yoo ta’e, to’annoo dhibeewwan akka HIV-AIDS, Pooliyoo fi Busaa caalaatti miidhuuf jira.

    Biyyoota Afrikaa 12 keessatti weerarri pooliyoo ammas hin to’atamne.

    Ameerikaan waggoota lamaan darban doolara mil 151 dhaabbatichaaf ramadde.

    Ta’us, maallaqa kana keessa doolara mil 50 qofaa dhaabbatichi kan fudhate.

    Kanaafuu, biyyi maallaqa guddoo biyyoota biraa caalaa arjoomtu addaan kutuun hojii dhaabbatichi ardii Afrikaatti raawwatu haalaan miidha.

    Afrikaatti namoonni 17,000 koronaavaayirasiin qabamuun wayita ibsametti, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa doolara Ameerikaa miliyoona 300 ji’oota ja’an dhufatti ramadee ture.

  12. Poolisiin Niiw Jerzii mana kunuunsa maanguddootaatti reeffa 17 arge

    Reeffi Ambulaansiitti yoo galu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaa manneen maanguddoonni itti kununfamanitti lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii dabalaa jira

    Eeruu namootarraa argateen manneen kunuunsaa gurguddoo keessaa tokko kan ta’etti sakatta’iinsa taasiseen reeffi namoota 17 bakka kuusametti poolisiin argateera.

    Namoonni 68 mana dandamannaa kana keessatti kan du’an keessaa, 26 Kooroonaavaayirasiin qabamuun mirkanaa’eera.

    Poolisiin akka eerametti daasii jalatti reeffa hin argine, garuu manni reeffaa giddu-galichaa danaazaadhaan dhiphatee ture jechuun poolisiin ibseera.

    Niiw Jerziitti namoonni 71,000 ta’an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, 3,100 ammoo lubbuu dhabanii jiru.

    Dhuma torbee darberra boorsaa reeffaa 25 manni kununsaa kun anga’oota naannichaa gaafatee ture.

    Wiixatarra namni maqaa hin himne reeffi daasii jalatti kuufamee jiraachuu eeruu kenne.

    Yoo sakatta’amu garuu mana reeffa afuriif qophaa’e keessatti 17 argame.

    Namoonni kunneen hundi sababa COVID-19’n du’uun isaanii garuu hin mirkanoofne.

    Dhukkubsattoonni 76 fi hojjattoonni 41 gamoowwan lamaan gidduu jiran Koroonaavaayiras akka qaban barameera.

    Maatiin namoota lubbuun darbees osoo hin du’in dura haala namoonni kunneen itti turan nutti himamaa hin turre jechuun komatanii jiru.

    Konkolaataa poolisii mana fuuldura dhaabbatee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Manni kununsa Andoovar kun rakkoo isa mudate anga'ootatti beeksisee ture
  13. Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 ta’an Covid-19’n ‘du’aniiru’

  14. Amma nu gahe, Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Covid-19'n qaban 96 gahe

    Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Covid-19 qaban 96 akka gahe Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse.

    Sa'aatii 24 darbe qorannoo 842 irratti taasifameen namoota 4 irratti vaayirasichi akka argame ibsameera.

    Afur keessaa tokko Dubaay irraa kan dhufe yoo ta'u lama nama vaayirasichaan qabame waliin xuxxuqqaa qaba jedhame.

    Tokko garuu lafa vaayirasicha fidde waan hin baramneef qoratamaa jirti jedhameera.

    Namoota vaayirasichaan qabaman keessaa lama Finfinnee lama immoo Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaariifi Addis Qidaamidha.

    Lakkoofsi Itoophiyaan har'a sa'aa 24 dabran keessa qoratte - 842, haga ammaa isa olaanaadha.

  15. Himannaan Tiraamp WHO irratti kaasan sirruma turee?

  16. Chaayinaan 'homaa wanta dhokse' hin qabu jette

    Chaayinaan weerara koronaavaayirasii biyyattii keessa dhalate hin dhoksine jette.

    Kuni erga lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin Wuhaanitti du’anii kana dura ibsamerraa lakkoofsi erga sirreeffameen booda kan dhagahame.

    Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Zhaawo Liijiyaan dhimma kana irratti yaada kennaniiru.

    Kuni haqummaa akka qabaatu wanta hojjetameefi akka idil-addunyaatti waan barame jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

  17. Dargaggeessa tuttuqqaa harkaa malee meeshaa harka ittiin dhiqatan kalaqe

  18. Afriikaa Kibbaatti lakkoofsi du’aatii COVID-19’n galmaa’e dabale

    Ogeettii fayyaa huccuu COVID-19 ittisu kaawwatte

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Afriikaa Kibbaatti namoonni 95,000 ol qoratamanii 2,605 irratti vaayirasichi argameera

    Afriikaa Kibbaatti namoonni dabalataa 14 lubbuu isaanii sababa Koroonaavaayirasiin darbuun, lakkofsa du’aatii gara 48’tti ol-guddisee jira.

    Kutaaleen biyyatti Liimpooppoofi Keeppi Bahaa yeroo jalqabaaf du’aatii keessummeessuu Ministirri Fayyaa Afriikaa kibbaa Ziweelii Imkihiizee ibsaniiru.

    Hanga yoonaatti namoonni 2,605 Afriikaa kibbaatti vaayirasichaan qabamanii jiru.

    Biyyattiin hanga dhuma Eeblaatti sochii hunda dhorkitee kan jirtu yoo ta’u, namoota 95,000 ol irratti qorannoon COVID-19 geggeeffameera.

    Afriikaan Kibbaa biyyoota seera jajjaboo dabarsan keessaa tokko yoo taatu, alarra fiiguu, alkooliifii tamboo gurguruu, saree ofii waliin asiif achi demuu akkasumas yoo dirqii ta’e malee manaa ba’uun dhorkaadha.

    Kana kabajuu baannaan adabbii cimaa yookaan mana hidhaaf nama saaxila.

  19. Gareen Buufata Hawaa Idil-addunyaa dachee weeraramteetti deebi’an

  20. Lammiileen Tuniiziyaa Koroonaavaayirasiin poolisoota faaluuf turan to’ataman

    Miseensota poolisii Tuniiziyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ergama poolisoota Koroonaavaayirasiin faaluu qabdu jechuun poolisiin Tuniiziyaa lammiilee lama to'ateera

    Ministeerri dhimma biyya keessaa Tuniiziyaa akka ibsetti, dhiironni lama, tokko shororkeessummaan kan shakkame, miseensota poolisii vaayirasichaan faaluuf yaaluun shakkamanii to’atamuu beeksisee jira.

    Shororkeessaan dhiheenyatti mana hidhaarraa ba’e namoonni vaayirasicha qaban poolisootatti akka qufa’aniif kakaasaa ture jechuun ministeerichi ibseera.

    Namni inni kaan ammo ta’e jedhee bakka hundatti akka qufa’u itti himamuu isaa qorannoo poolisii naannoo isaatiin irratti taasifamerratti dubbateera.

    Dhugaatti yoo Koroonaavaayiras qabaateef qorannoon taasifameefii jira.