Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Addunyaarratti namoonni Covid-19 irratti argame miliyoona 2 gale

Akka gabaasa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee miliyoona lama galeera. Garuu lakkoofsi kun kana caaluu mala jedhu ogeessonni. Kanaaf ammoo sababiin, namoonni mallattoon irratti hin mul'atiin ykn mallattoo salphaa qaban waan hin lakkaa'amneef.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chaayinaan lammiileen biyya alaa ammallee simatamu jette

    Lammiileen Chaayinaa hedduu lammiileen biyya alaa biyyattii seenan weerara koronaavaayirasii lammaffaa nutti kaasu jedhanii yaadda’u.

    Lammiileen biyya alaas to’annoo cimaa Chaayinaa mormuun adda of baasuu didu akkasumas alatti maaskii godhachuu yeroo didan mul’ata.

    Miidiyaan mootummaa Chaayinaas lammiileen biyya alaa hojiirraa ari’aman akka jiran, kan biyyatti deebifamanilee akka jiran gabaasaa ture.

    Qollifachuun baay’ate jennaan garuu lammiileen biyya alaa ‘’ni simatamu’’ jechuun ibse.

    Inumaa, lammiilee Chaayinaa sobaan lammiilee biyya alaa seera cabsan jedhanii akka gabaasan hime.

    Yeroo ammaa magaalaa Shaangaayitti tajaajila bilbilaa Afaan Ingiliziin qixeessuun lammiileen alaa dhufan seera haaraa bahe baruf, akkasumas maaskii gaafachuu danda’u.

    Waraqaa Afaan Ingiliziin qophaa’es qondaaltonni lammiilee biyya alaaf qooduu egalaniiru.

    Kunis, lammiilee biyya alaa ‘’Chaayinaa keessa dalaganiifi 500,000’tti siqan,’’ gargaara jedhanii yaadu.

  2. Koronaavaayirasiin akkamiin indastirii nyaataa addunyaa jeeqaa jira?

  3. Donaald Tiraamp Faawuchi ari’uuf hin yaadne jedhan

    Pirezidantiin Yunaayitid Isteetis Donaald Tiraamp gorsaa fayyaa isaanii, Dr Antoonii Faawuchi ari’uf yaada hinqabu jedhan.

    Garee ittisa koronaavaayirasii biyyattii kan hogganaa jiran Dr Faawuchiin duratti osoo dursa wanti dhorkamu dhorkamee jiraate lubbuu nama hedduu oolchuun danda’ama ture jedhanii turan.

    Kaleessa ripportarootatti kan dubbatan Donaald Tiraamp gorsaa isaanii waliin ‘’jalqabumaa eegalee’’ waliigaltee gaariirra akka jiran ibsan.

    Dr Faawuchin miidiyaaleetti yeroo dubbatan Donaald Tiraamp tatamsa’ina dhukkubichaa hir’isuuf waan gahaa hin goone waan jedhu akeekanii dubbatanii turan.

    Garuu, yeroo namoonni waliirraa akka fagaatan gorsan Donaald Tiraamp akka isaan dhagahan himu.

    Ibsa miidiyaaleef gaafa Wiixataa kenname irratti Pirezidantiin US bulchiinsi isaanii hojii gaarii akka hojjete agarsiisuuf viidiyoo taphachiisanii turani.

  4. Afrikaan Kibbaa koroonaavaayirasii mo’achaan jira jette, Afrikaan Kibbaa koroonaavaayirasii mo’achaan jira jette

    Afrikaan Kibbaa lola weerara koroonaavaayirasii irratti milkaa’aan jira jette.

    Akka biyyaalessaatti sochiin guutummaan guutuutti cufamuun booda mallattoowwan dhukkubichaa to’achaa jiraachuu himti.

    Koreen dhimma kanarratti mootummaa mariisisu ibsa kenneen tatamsa’inni vaayirasichaa akka malee ta’uu danda’u, to’achuun nuuf milkaa’era jedheera.

    Biyyattiin karaa addaa irra jirra jetti - ragaan torban lamaan darbanii agarsiisuun, biyyi kamiyyuu lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman hir’isuun akka keenya hin milkoofne.

    Gorsaan olaanaa mootummaa Piroof Abduul Kariim dursanii tarkaanfii fudhachuuniifi torbee lamaaf guutummaan guutuutti sochii dhorkuun vaayirasicha akka to’annu nu taasiseera jedhan.

    Kanaanis guyyaatti nama haaraa vaayirasichaan qabaman 65 qofatti gadi bu'eera jedhan.

    Piroof Kariim otoo tarkaanfiin dursee hin fudhatamne tahee silaa lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii, keessumaa hawaasa harka qalleeyyii tahan keessatti akka malee dabala ture jedhan.

    Afrikaan Kibbaa yeroo duukaa fiiguun hojjettoota 20,000 ol leenjisuun namoota qabaman akka adamsan taasifte.

    Karaa itti deemaa jirru addadha garuu ammas wal’aansoo jabaatu nu eeggata jedhan.

  5. Tiraamp uggura sochii kaasuuf 'aangoo guutuun kan kooti' jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp weerara koroonaavaayirasii biyyatti keessatti jabaateef labsii namoonni akka manaa hin bane dhorke kaasuuf aangoon guutuu akka qaban dubbatan.

    Bulchiinsi Tiraamp Caamsaa 1 sochii guutuu biyyattiitti ugguramee jiru banuun biyyattii sochii idileetti deebisuuf yaada qaba.

    Uggura sochii kutaaleen biyyattii mata mataan labsan pireezidantiin kaasuuf aangoo qaba gaaffii jedhu gaazexeessitoota irraa dhiyaateef yoo deebisan, "namni tokko pireezidantii gaafa ta'u aangoo guutuu qaba" jechuun deebisan.

    "Murteen kan pireezidantii Ameerikaati, kana ammoo bulchitoonni kutaalee biyyattiis ni beeku," jedhan.

    Heerri mootummaa Ameerikaa garuu aangoo nageenyaa fi tasgabbii uummataa eeguu kutaalee biyyaa/naannoleef kenne.

    Ogeeyyin seeraas pizedantichi fayyaa hawaasaa eeguuf labsii kutaaleen Ameerikaa naannoosaaniitti labsan kaasuu hin danda’uu jedhu.

    Kutaaleen Ameerikaa 40 ol naannoo isaaniitti dambii namoonni akka mana turaniif ajaju baasanii labsaniiru.

    Ameerikaan iddoo weerarri vaayirasichaa itti hammaateefi namooti 23,608 lubbuu dhabuun namoonni 682,619 immoo vaayirasiichan qabaman taate.

  6. MM Masrii warreen hakima Covid19’n duute lafa awwaalchaa dhorkan balaaleffatan

  7. Yaaliin talaallii Covid-19 4ffaafi 5’ffaan Chaayinaatti eegaluufi

    Miidiyaan mootummaa Chaayinaa akka gabaasetti yaaliin talaallii dabalataa lama namarratti yaalamuuf jedha.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhiheenya akka ibsetti akka guutuu addunyaatti talaalliin 70 ol qophiitti jira.

    Kanneen keessaa sadii sadarkaa yaalii kilinikaa (clinical testing) kan gahe yoo ta’u kana jechuunis namarratti yaalama jechaadha.

    Sadan keessaa lama Ameerikaatti kan qixaa’aa jiran yoo ta’u sadaffaan Chaayinaatti. Inni amma Chaayinaatti gabaafame 4ffaafi shanaffaa jechuudha.

    Sadarkaa yaalii kilinikaa gahuuf ariifannaan taasifamu sadarkaawwan keessa darbu qaban arifannaan darbeera yookiin darbameera jechaadha.

    Ta'us, ripportarri keenya Jeemis Gaalaager jalqaba ji’a kana akka ibsetti talaalliin fuuladuratti waan hafu miti.

    ‘Osoollee yaaliin kuni milkaa’e, kanneen oomishan hanga walakkeessa bara 2021’tti oomishuu waan eegalan miti,’ jechuun barreesse.

  8. Miseensa Paarlaamaa seera Covid-19 ittisuuf bahe cabse Keeniyaatti hidhani

    Xumura torban darbe tarkaanfii koronaavaayirasii ittisuuf murtaa’e kanneen cabsan Keeniyaatti to’ataman.

    Kunneen ayyaana Du’aa Ka’uu kan faranjootaa sababeeffachuun manneen dhugaatii keessa osoo dhugani kanneen argamaniifi kaanis keessa jiru.

    Kanneen hidhaman keessaa Miseensi Paarlaamaafi qondaaltonni biroo ni jiru.

    Keeniyaatti hanga ammaa koronaavaayirasiin namni 9 kan du’e yoo ta’u 200 ol immoo vaayirasichi irratti argameera.

    Poolisiin akka jedhetti eeruu hawaasa irraa argateen akka hidheefi kanas akka itti fufu ibse.

  9. 'Ekeraan' hojiirra oolmaa walirraa fageenyaa to'achuuf gargaaraa jira

  10. Itoophiyaatti weerarri awwaannisaa nama mil. 1 beelaaf saaxile jedhe UN

    Sababa weerarri awwaannisaa ooyiruu qonnaa lafa bal'aarra jiru mancaaseef Itoophiyaa keessatti namoonni miliyoona tokko beelaaf saaxilamaniiru deeggarsa nyaataa barbaadu jedhe Dhaabbati Nyaataa fi Qonnaa UN.

    Weerarri awwaannisaa kun oyiruu qonnaa heektaara 200,000 ta'u irra caalaa bisingaafi boqqoolloon uwwifamee ture mancaaseera jedha dhaabbatichi.

    Keeniyaa fi Somaaliyaanis weerara kanaan kan miidhaman yoo ta'u, xiyyaara fayyadamuun qoricha farra awwaannisaa biifuun oyiruu qonnaa eeguuf yaalaa turan.

    Sababa koronaavaayirasiin balaliin dhorkamuun yaalii kana hanga tokko danqeera.

    Yugaandaatti ammoo loltuun bobbaafamee qoricha akka biifu taasifame.

    Namoonni miliyoonni tokko sababa weerara kanaan beelaaf saaxilamuu ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa amma dura homaa hin jenne.

  11. Ostiriyaan suuqiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman deebistee banaa jirti

    Biyyi kun Kibxata har’aas dhorkaawwan tatamsa’ina koroonaavaayiras to’achuuf kaa’aman laafisuutti jirti.

    Suuqiiwwan xixiqqoo sadarkaa sadarkaan banuun sochii diinagdee iddootti deebisuufi dha.

    Haa tahu malee qajeelfamooti walirraa fagaachuu, mana turuufaa akkuma jiraniin itti fufu.

    Biyyattiin kana kan murteessite biyyooti Awurooppaa biroos dhorkaawwan kaasuu jalqabnaani.

    Ispeeen lammiileen ishee hojiitti akka deebi’an yoo taasiftu, Deenmaark immoo manneetii barnootaa ijoollee bantee jirti.

    Xaaliyaan biyya koroonaavaayirasiin namoota 20,000 jala ajjeese yoo taatu, dhaabota muraasa qofa hojiitti deebisuuf murteessitee jirti.

    Pireezidaantiin Firaans Emaanu’el Maakroon garuu biyyattiin hanga Caamsaa 11tti cufamtee turti jedhaniiru.

    Tarkaanfiin hanga yoonaa fudhanne vaayirasicha saffisa isaa hir’ise malee nu hin moosifnee jedhan.

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa vaayirasichi biyyoota Awurooppaa keessatti suuta tatamsa’aa jiraachuu fudhatus dhorkaawwan kaasuu irratti garuu akeekkachiiseera.

    Daarektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanom dhorkaawwan dafanii kaasuun ‘’vaayirasichi deebi’ee akka ka’u taasisuu mala,’’ jedhan.

    Ostiriyaan biyyoota Awurooppaa dursanii tarkaanfii fudhatan keessaati, kanaanis tatamsa’ina vaayirasichaa gadi buusuun danda’ameera jedheera mootummaan.

    Biyyattii keessa hanga yoonaa namooti 14,000 vaayirasichaan yoo qabaman 368 immoo lubbuun darbee jira.

    Torbee kana keessa suuqiiwwan isquweer kiloomeetirii 400 irra jiran akka banaman kan hayyamamu yoo tahu, kunis kuusaawwan meeshaalee mana ittiin bareechaniifi wiirtuuwwan biqilootaa ni dabalata.

    Dukkaanawwan, wiirtuuwwan daldalaa fi manneeetiin rifeensaa Caamsaa tokkoo qabee kan banaman yoo tahu reestooraantiifi hoteelonni immoo walakkeessa ji’a dhufuu keessa banamu jedhameera.

    Kunis haalli fayyaa akka hayyamu ilaaluuni jedheera mootumman biyyattii.

  12. Lammiileen Afrikaa 100 ol Chaayinatti koronaavaayirasin qabaman

    Magaalli Chaayinaa Guwaanzhu akka jettetti dhalattoonni Afrikaa 111 magaalattii jiraatan koronaavaayirasiin qabamaniiru jechuu ishee Shinuwaatu gabaase.

    Erga Ebla 04 egalee kan Afrikaarraa dhaqaniifi 4,500 kan ta’an qoratamaniiru. Isaan keessaa 19 kan vaayirasichi irratti argame alaa dhufani jedhani qondaaltonni.

    Isa Chaayinaan namoota Afrikaarraa dhaqan dirqamaan qorachaa jirti jedhame garuu biyyattiin balaaleeffatteetti.

    Kan biyyoota Afrikaa gara garaarraa dhaqan manaa akka baafamaniifi dirqamaan akka adda of baasan godhamu gabaasaaleen himu.

    Lammiileen Afrikaa BBC’n dubbises kanuma himani.

    Resturaantiifi bakkeewwan kaan seenuu akka dhorkamanillee dippilomaatonni akkasumas mootummoonni Afrikaa muraasa himuun komii kaasaa turani.

    Bulchiinsi Chaayinaa Guwaangdong garuu Afrikaafi Chaayinaan obbolaa gaarii akka ta’an itti fufu jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaas ‘’lammiileen biyya alaa hunduu qixuma ilaalamu’’ jechuun dubbataniiru.

  13. Indiyaan uggura sochii hanga Caamsaa 3 dheeressite

    Ministirri Muummee Indiyaa Nareendiraa Moodii uggura sochii sadarkaa biyyaalessaatti labsan hanga Caamsaa 3 bara 2020 dheeressuu himan.

    Erga naannolee biyyattii waliin mari'annee murtee kanarra geenye jedhan.

    Namoonni akka manaa hin baaneefi, qajeelfama mootummaan kennu cimsanii hojiirra akka oolchan MM Moodii gaafataniiru.

    Uggurri sochii jalqaba guyyoota 21'f biyyattiin labsite lammilee biyyattii hiyyeeyyii ta'an akka malee miidhuun gabaafamaa ture.

  14. 'Sababa namoota koronaavayirasiin qabaman dhoksinuuf hin qabnu'

  15. Guutuu addunyaatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman mil. 2 galuufi

    Lakkoofsi namoota addunyaarratti koronaavaayirasiin qabamanii jalqaba miliyoona tokko guutuuf weerarichi eegalee baatii sadi itti fudhatee ture.

    Lakkoofsi kun yeroo torbee lama hin guunnetti dachaan dabaluun miliyoona lama galuuf jira.

    Ammatti lakkoofsi namoota qabamanii 1,920,000 darbeera, kan du'an ammoo 120,000 oli.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasicharraa bayyanatanii 453,000 oli.

    Ragaan kan Yuunivarsiitii Joohns Hopkins.

  16. Yooyyaa!

    Akkam bultan?

    Gabaasi keenya kallattii dhimma weerara koronaavaayirasii fi taateewwaan gurguddoo biroo guutuu addunyaa kan Eebla 14 asirraa eegala.

    Qaamaan walirraa fagaadhaa, Fayyaa keessan tikfadha.

    Odeeffannoo sirriif ammoo BBC Afaan Oromoo daawwadha.

    Ooltii gaarii!