Maaruwaan Felaanii wal’aansa xumuree hospitaalaa bahe
Taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid Maaruwaan Feelaanii kana dura koronaavaayirasiin qabamee ture wal’aansa xumuree hospitaalaa bahe.
Erga bahe boodas, ‘irra aaneera,’ jedhe.
Taphataan idil – addunyaa Beeljiyeem torban sadiif hospitaala Chaayinaa keessaa wal’aansa argataa ture.
Taphataan umrii 32 kuni kana dura Pirimiyeer Liigii gadhiisuun gara Chaayinaa imalee achitti taphataa jira. ‘’Yeroon itti galateeffannaa dhiheessu gahe. agram Onneekoorraa ogeessota fayyaa galateeffachuu nan barbaada,’’ jechuun Instagram isaa irratti barreesse.
Feelaaniin kilaba isaa Shaandong Luneengillee galateeffate. ‘’Sirriitti na kunuunse,’’ jechuun hime.
Miidiyaaleen Chaayinaa akka gabaasanitti Felaaniin hospitaala Jiinaan jedhamuufi infeekshinii wal’aanuun beekamutti wal’aansa argataa ture.
Yeroo achi turettis viidiyoo isaa osoo ispoortii dalaguu agarsiisu hojjechuun miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisaa ture.
Felaaniin gara Chaayinaa bara 2019 kan deeme yoo ta’u Pirimiyeer Liigii Ingilizii keessatti bara dorgommii 11’f Yunaayitidiifi Evartan waliin taphate.