Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Addunyaarratti namoonni Covid-19 irratti argame miliyoona 2 gale

Akka gabaasa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee miliyoona lama galeera. Garuu lakkoofsi kun kana caaluu mala jedhu ogeessonni. Kanaaf ammoo sababiin, namoonni mallattoon irratti hin mul'atiin ykn mallattoo salphaa qaban waan hin lakkaa'amneef.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maaruwaan Felaanii wal’aansa xumuree hospitaalaa bahe

    Taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid Maaruwaan Feelaanii kana dura koronaavaayirasiin qabamee ture wal’aansa xumuree hospitaalaa bahe.

    Erga bahe boodas, ‘irra aaneera,’ jedhe.

    Taphataan idil – addunyaa Beeljiyeem torban sadiif hospitaala Chaayinaa keessaa wal’aansa argataa ture.

    Taphataan umrii 32 kuni kana dura Pirimiyeer Liigii gadhiisuun gara Chaayinaa imalee achitti taphataa jira. ‘’Yeroon itti galateeffannaa dhiheessu gahe. agram Onneekoorraa ogeessota fayyaa galateeffachuu nan barbaada,’’ jechuun Instagram isaa irratti barreesse.

    Feelaaniin kilaba isaa Shaandong Luneengillee galateeffate. ‘’Sirriitti na kunuunse,’’ jechuun hime.

    Miidiyaaleen Chaayinaa akka gabaasanitti Felaaniin hospitaala Jiinaan jedhamuufi infeekshinii wal’aanuun beekamutti wal’aansa argataa ture.

    Yeroo achi turettis viidiyoo isaa osoo ispoortii dalaguu agarsiisu hojjechuun miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisaa ture.

    Felaaniin gara Chaayinaa bara 2019 kan deeme yoo ta’u Pirimiyeer Liigii Ingilizii keessatti bara dorgommii 11’f Yunaayitidiifi Evartan waliin taphate.

  2. 'Abidda boba'aa jirutti beenzila akka naquuti' - hakiima Itoophiyaa Niwu Yoorki jirtu

    Hospitaala magaalaa Niwu Yoorki keessatti namoota koronaavaayirasiin qabaman yaalaa kan jirtu lammiin Itoophiyaa Dr Tsiyoon Fireewu ni dubbatti.

    Nuti hanga feenu dhaamsuuf tattaafannullee abidichi dabalaadhuma adeemaa jira jetti Dr Tsiyoon.

    Kanatti dabalataan ammoo namooti si waliin dhaamsuuf tattaafatan yoo abidichaan si biraa nyaataman argita jechuun waahiloonni waliin hojjettu hedduun vaayirasichaan qabamanii hojii keessaa bahaa akka jiran himti.

  3. 'Ameerikaan deeggarsa maallaqaa WHO'f gootu adda kutti' - Tiraamp

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, Ameerikaan deeggarsa Maallaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasiftu ni dhaabdi jedhan.

    Weerara vaayirasichaa sirnaan to'achuu dhabuu fi tatamsa'ina vaayirasichaa awwaaluu keessatti WHO qooda akka qabu xiinxalli taasifamuus himaniiru.

    Ameerikaan biyya kophaa ishee maallaqa guddaa WHO'f kennitudha.

    Bara darbe doolaara miliyoona 400 kennite - kun bajata biyyattii waliigalaa dhibbeentaa 15 jala siqa.

    "Osoo silaa WHO ogeeyyii fayyaa gara Chaayinaa erguun wanta achitti ta'aa ture bilisa ta'anii akka qoratan hojii isaa hojjeteera ta'e akkasumas Chaayinaan iftoomina dhabuu ishee dubbateera osoo ta'ee, osoo namni hedduun hin du'iin vaayirasicha achumatti to'achuun ni danda'ama ture," jedhan Tiraamp.

    Kana haa jedhan malee garuu Amajjii keessa Tiraamp ofuma isaaniiti "carraaqqii gochaa jirtuu fi iftoomina isheef" Chaayinaa jajanii turan.

    Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guterees deeggarsa WHO irraa adda kutuuf yeroon isaa amma miti jedhan.

  4. Buliin Nagaa?

    Akkam jirtu? Fayyaa keessani?

    Gabaasi kallattii keenya kan Eebla 15, 2020 asirraa eegala.

    Gabaasa kaleessaa Eebla 14 armaan gaditti argattu.

    Gaarii Oolaa!

  5. Keeniyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamanii 216 gahe

    Keeniyaan hanga ammaatti qorannoo Koroonaavaayiras hanga ammaatti taasifte 8827 keessaa namoota 216 irratti vaayirasichi jiraachuu mirkaneessiteetti.

    Lakkoofsi kunsa’aatii 24 darban namoota qoratamanii vaayirasichaan qabaman saddeetis ni dabala. Hanga ammaatti namootni 41 dhibee kanarraa yoo fayyan namootni 9 ammoo du’aniiru.

    Keeniyaa keessatti Vaayirasichi kaawuntiiwwan ykn kutaale bulchiinsa biyyaa hedduu keessatti tamsa’e jiraachuun yaaddoo ta’eera.

    Manaa manatti sakattaa mallattoowwan vaayirasii kanaa gaggeessuuf qophaa’as jirti.Keeniyaan hanga ammaatti qorannoo Koroonaavaayiras hanga ammaatti taasifte 8827 keessaa namoota 216 irratti vaayirasichi jiraachuu mirkaneessiteetti.

    Lakkoofsi kunsa’aatii 24 darban namoota qoratamanii vaayirasichaan qabaman saddeetis ni dabala. Hanga ammaatti namootni 41 dhibee kanarraa yoo fayyan namootni 9 ammoo du’aniiru.

    Keeniyaa keessatti Vaayirasichi kaawuntiiwwan ykn kutaale bulchiinsa biyyaa hedduu keessatti tamsa’e jiraachuun yaaddoo ta’eera.

    Manaa manatti sakattaa mallattoowwan vaayirasii kanaa gaggeessuuf qophaa’as jirti.

  6. Qophiin ayyaana Faasikaa of eeggannoon taasifamuu qaba

    Ayyaana Faasikaa sababaffachuun sochiin daldalaa godhamuufi qalmi raawwatamu of eeggannoo guddaa barbaachisa jedhame.

    Qophiin ayyaana Faasikaaf godhamuu tatamsa’ina koronavaayiras haala hin hammeessineen akka gaggeefamu of eeggannoowwan godhamuu qaban irratti Ministeerri Fayyaafi kan Daldalaafi Indaastiriis waliin ibsa kennaniiru.

    Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa sochiin daldala ayyaanaa kun of eeggannoo guddaa fi haala walirraa fageenya namaa eegeen akka raawwatu dhaaman.

    Bittaa horii qalmaa ilaalchisee vaayirasichi nama irraa gara beeladaatti darbuu waan maluuf amalli bittaa horii qaqqabuun raawwatamaa ture osoo hafee gaarii akka ta’us gorsaniiru.

    Foon dheedhii nyaachuun akka hafuu qabus gorsaniiru.

    Ministeerri Daldalaa gama isaani hanqini dhiyeessii omishaalee barbaadamanii akka hin jiraanne hojjechaa akka jiru beeksise.

    Dhiyeessiin gabaaf barbaachisu gahaan waan jiruuf shamattootni sardama malee of eeggannoon akka socho’an dhaamameera.

  7. Maaskiin miiliyoonaa ol ta’u Itoophiyaa gale, Meeshaaleen waldhaansaa Dhabbatni Fayyaa Addunyaan (WHO) biyyoota Afrikaaf erge Finfinnee gahan.

    Gargaarsi meeshaalee fayyaa to’annoofi yaala koroonaavaayirasiif ooluufi Dhabbata Fayyaa Addunyaan (WHO) biyyoota Afrikaaf arjoomame Finfinnee gale.

    Meeshaalee fayyaa waldhaansaa Finfinnee qaqqaban keessa maaskii fuulaa miiliyoona tokko ol ta’uufi meeshaan hargansuu namaa deeggaru Veentileetar jedhaman ni argamu.

    Meeshaaleen kun Finfinneerraa gara biyyoota Jibuutii, Eertiraa, Somaaliyaafi Taanzaaniyaa achiis gara biyyoota birootti raabsamu jechuun dubbii himaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Rooyitarsiif himaniiru.

    Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Moahammaat, Afrikaa keessa hanqinni meeshaalee waldhaansaa fi ittisaa waan jiru gargaarsi kun akkaan barbaachisaadha jedhan.

  8. Jiraataan magaalaa Adaamaa Covid-19 Irraa bayyanatan maal jedhu?

  9. Shaaruuk Kahaan meeshaalee of eegannoo ogeessota fayyaa arjoomuuf, Shaaruuk Kahaan meeshaalee of eegannoo ogeessota fayyaa arjoomuuf

    Taatoon Hindii beekamaa Shaaruuk Kahaan meeshaalee of eeggannoo ogeessota fayya arjoomuf.

    Shaaruuk ogeessota naannoo lixa Mahaaraashatraa jiraniif meeshaalee of eeggannoo 25,000 biteen kenna jedhe.

    Taatoon beekamaa umuriin ganna 54 Shaaruuk weerara koroonaavaayirasii ittisuuf deeggarsa garaagaraa inni taasisaa jiruun ji'a darbe ijoo dubbii miidiiyaalee biyyattii tahee ture.

    Dhangaa dhiyeessuu hanga waajirasaa dhukkubsattoota Covid19 gad-lakkisuuttille gaheera.

    Shaaruuk taatoo Booliwuud fuulli isaa hin irraanfatamne kun fiilmiiwwan 90 ol irratti dalageera.

    Indiyaatti koroonaavaayirasiin namooti 339 lubbuun darbeera.

  10. Haakima Itoophiyaa wal'aansoo Chaayinaan COVID-19 waliin taasifte dhiheenyatti hordofaa ture

  11. Weerarri gifiraa deebi'ee dhalachuu danda'a, Weerarri gifiraa deebi'uu mala jechuun ogeessonni akeekkachiisan

    Qondaaltonni Weerarri gifiraa sababii koronaavirasiin deebi'ee dhalachuu danda'a jedhan.

    Kunimmoo talaalliiwwan yeroo isaanii eeggatanii kennamaa waan jireefi jedhan.

    Dhaabbati Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu'aan dhiimma daa'imanii UNICEF daa'imman miiliyoona 117 taha biyyoota 37 keessatti qaamni isaanii dhukkuba kanneen akka gifiraa akka dandamatuuf qophii hin taane.

    Biyyoota Awurooppaa talaalliin hin kennamne hedduutti weerarri garaagaraa mudachaa ture.

    UK'n illee gifira irraa bilisa baheera isa jetteen faalla tahuu dandeessi sababiinsaa biyyattii keessatti dhukkubni daddarbaa garaagaraa waan mudachuu jiruufi.

    UKtti dhukkuba mallattoonsaa qufaa,ho'i qaamaa dabaluufi hoqsisuu tahe kanaaf ijoolleen talaallii bilisaan argachuu danda'u jedhameera

  12. MNO tajaajila geejiba magaalaarratti murtoo haaraa dabarse

    Mootummaan Naannoo Oromiyaa Tatamsa’ina vaayirasii Koronaa to’achuuf jecha tajaajila geejibaa magaala keessaarratti murtoo dabarsee ture fooyyessuu beeksise.

    Pireezidantii Itti aanaan MNO obbo Addisuu Araggaa fuula feesbuukii isaaniirratti akka barreesanitti murtoon Mootummaan Naannoo murteessee ture amma kan fooyyessuun barbaachiseef labsii yeroo muddamaa akka biyyatti labsame waliin akka wal simuufi jedhan.

    Mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii geejiba magaala keessaa dhorkee kan ture yoo ta’u, sirreefama amma godhame kanaan garuu tajaajilli geejiba magaala keessaa akkaataa dambii labsiin yeroo muddamaa jedhuu fi qajeelfama Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa baaseen hojii eegaluu jedhaniiru obbo Addisuun.

  13. Koronaavaayirasiin dhiirota umuriin isaanii ganna 50 ol ta'an caalaa miidhaa?

  14. Sochiin konkolaataafi namootaa jiraattota Mooyyaleef sodaa ta’eera

  15. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namootaa Covid19n qabamanii 82 gahe

    Sa'aa 24 dabran keessa namoonni 447 vaayirasichaaf kan qorataman yogguu tahu, kanneen keessaa namoonni 8 vaayirasichi irratti argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Namoota saddeet kana keessaa namoonni afur biyyoota alaarraa kan deebi'an yogguu tahu, tokko ammoo gara biyya alaa kan hin imalledha.

    Namoonni sadi garuu biyya alaarraa dhufuufi dhiisuu wanti ibsame hinjru. Tahus jarreen sadi kun namoota amma dura vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin walitti dhiyeenya ykn tuttuqqaa kan qabanidha jedhameera.

    Itoophiyaatti haga ammaa namoonni 14 vaayirasicharraa kan bayyanatan yookis ka dandamatan yogguu tahu, lammileen sadi ammoo lubbuun dabreera.

  16. Biyyi Afrikaa tokkkitti kubbaa miilaa eeyyamaa turte yaada jijjiirte

    Biyyi Afrikaa tokkittiin bara koronaavaayirasiin tatamsa’e liigii kubbaa miilaa adda hin kunne Burundii turte.

    Biyyoota xumurarratti koronaavaayirasiin biyya isaanii seenuu ibsan muraasa keessaa tokko kan taate biyyi kuni amma yaada jijjiirteetti.

    Federeeshiniin kubbaa miilaa biyyattii taphni biyya keessaa akka dhaabbatu murteesseera.

    Kunis, koronaavaayirasiin biyyattii seenuun erga gabaafame torban lama booda.

    Duratti garuu federeeshinichi maloota taphattoonni koronaavaayirasii ofirraa ittisan lafa kaa’eera jechuun tapha akka adda hin kunne ibsee ture.

  17. Sudaan, Kaartum keessa namni akka hin sochoone dhorkuufi

    Magaalli guddoo Sudaan Kaartum gaafa Sambata dhufurraa eegalee koronaavaayirasii ittisuuf torban sadif namni akka hin sochoone murteessite.

    Dubbii Himaan mootummaa Fayisal Saalih murteen kuni magaalaa Omdurmaanillee dabalata jedhan.

    Biyyattiin xumura torban darbe namoota haaraa 10 irratti vaayirasicha argachuu ibsite.

    Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa namoota qabamanii 29 yeroo gahu afur du’aniiru.

    Torban sadiif namni akka hin sochoone yeroo taasifamu manni dhugaatiifi kuusaan qorichaa yeroo muraasaaf qofa banama.

    Hangamif akka ta’e mootummaatu dhihootti ifa godha.

    Kanneen mindeeffamanii hojjetan kanneen hojii murteessaa hojjetan alatti osoo kaffalamuufi torban sadiif boqotu.

    Yeroo namni akka hin sochoone jedhamu harka qalleeyyiin akkamiin akka gargaaraman mootummaan ifa gochuuf jedha.

    Sudaan baatii darbe ture namni halkan akka hin sochoone kan murteessite.

  18. Chaayinaan nama daangaa cabse harkaan qabef birrii 23,000 kanfaluufi

    Kana dura lakkoofsi namoota Chaayinaatti koronaavaayirasiin qabamanii dabaluun gara caalu namoota alaa seenan waliin akka walqabatu gabaasne turre.

    Kanaanis, gama bulchiinsi Chaayinaa Heyilongjiyaang gama daangaa Raashiyaani.

    Sababa kanaan, mootummaan Chaayinaa daangaa magaalaa Suwifenihe cufeera.

    Kanaanis, lammiileen Chaayinaallee akka ofirra deebi’an ta’eera.

    Gama biraatiin immoo magaalaa bulchiinsaa kan taate Harbiinittimmoo kanneen qubatan guyyoota 28’f akka adda of baasan murtaa’eera.

    Ammammoo akka miidiyaan mootummaa gabaasetti, bulchiinsi Heyilongjiyaang kanneen daangaa cabsanii seenan nama gabaasef badhaasa qophesseera.

    Kanneen cabsanii galan gabaasef yuwaanii 3,000 (birrii 14,000) akkasumas kan harkaan qabef yuwaanii 5,000 (birrii 23,000 ol) nan kaffala jedheera.

    Mootummaan Chaayinaa gaafa Dilbataa namoonni dabalataa 108 akka vaayirasichaan qabaman gabaasee ture. Kunis, torban jaha keessa isa guddicha jedhameera.

    Kaleessammoo, namoota dabalataa 89 irratti argame. Kanneen keessaa 86 namoota ala dhufanirraan galmaa’e jedhameera.

  19. Taayiwaan nama haaraa shan qofa gabaaste, hunduu alaa dhufan

    Milkaa’inni Taayiwaan ammallee akkuma itti fufeetti jira.

    Gaafa Wiixataa namoota haaraa shan irratti koronaavaayirasii argachuu kan ibsite Taayiwaan namoonni hunduu alaa dhufani.

    Tokko Ameerikaa irraa kan dhufe yoo ta’u afran hafan doonii Filooridaa koronaavaayirasiin hubamteen imalanii turan.

    Walumaa gala, biyyattiitti namoota 393 irratti koronaavaayirasiin kan argame yoo ta’u 109 bayyanataniiru.

    Jaha immoo du’aniiru.

    Odolli Taayiwan kuni torban darbe inumaa waldorgommii kubbaa miilaa fi beez booli keessummeessiteetti.

    Sababni ijoo Taayiwaan itti milkoofte jalqabumaa imala dhorkuu, namoota wal tuqan faana dhahuufi kan alaa dhufan hundi akka adda of baasan gochuudha.

    Biyyattiin torban darbe Daarektara Fayyaa Addunyaa waliin wal dhibdee keessa turte.

    Dhaabbatichi biyyattiin miseensa dhaabbatichaa ta'u baattus milkaa’ina ishee kana hubachuuf qorattoota garasitti akka ergu kana dura ibsee ture.

  20. Keekii maaskii haguuggataniifi maaskii bifa babbareedoo

    Addunyaan guutuun weerara koroonaavaayiras waliin wal'aansoorra wayita jiru kanatti hunduu ogummaa qabuun gumaachaa jira.

    Artistoonni muuziqaa, fakkiifi kanneen biroon ergaa dabarsu.

    Warri keekii tolchanis keekii gubbaa ergaawwan vaayiraii kana to'achuuf gargaaraniin midhaassu.

    Suuraalee addunyaarraa isinii filanne kanneen isin affeerre:

    Indiyaa uggura jala jirtutti artistoonni hubannoo uumuuf daandiirra 'graffiti' kaasan.

    Modeelli Viyetnaam keessaa kun maaskii dizaayinara uffataa Do Quyen Hoa midhaassite uffachuun agarsiiste. Maaskiiwwaan namoota akka hawwataniif haalluuwwaan garagaraan midhaaffaman.

    Artistiin Paalastaayin Hammaam Mosallaam, maaskii daa'immanii gubbaa fakkii babbareedaa garagaraa kaasuun midhaassa.