Hurufni Boombii ykn Jaan Meedaan gabaa kuduraafi muduraa ta'e
Hurufni Boombii ykn Jaan Meedaan magaalaa Finfinnee jiru gabaa kuduraafi muduraa ta'e.
Dirreen bal'aan kun amma dura jiddugala ispoortii akkasumas iddoo sirnoonni amantaa adda addaa itti raawwatamu ture.
Gabaan kuduraafi muduraa magaalaa Finfinnee 'Atikilti Taraa' jedhamee beekamuu namoonni humnaa ol kan itti heddummatan waan taa'eef yeroo gara Jaan Meedaa akka jijjiiramu kantiibaan magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uummaa himanii turan.
Gabaan kun gabaa kuduraafi muduraa ta'ee tajaajiluu eegalee jira.
Amansiisaa Ifaa suuraalee kanneen nuuf ergeera.