Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - amma dura namootni 14 koronaavaayirasii irraa bayyanatan

Qorannoo koronaavaayirasii namoota 247'f sa'aatii 24 darbe keessa raawwatameen, dabalataan namoonni sadi koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naannoon Tigraay namoonni naannicha seenan akka adda of baasan gochuu eegale

    Naannoon Tigraay dheengadda irraa eegalee imaltoota karaa buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa seenan gara wiirtuu adda baasanii tursan geessuu jalqabe.

    Guyyaa kaleessaa imaltoonni wiirtuu kana seenan 47 yoo tahan guyyaa 14f achi akka turanis himameera. Baasii isaanii hundas ofii kaffalatu jedhameera.

    Finfinnee dabalatee kutaa biyyatti garaagaraatti namoonni vaayirasichaan qabamuun erga himameen as imaltootni gara naannichaa deeman adda baafamaa hin turre.

    Haa tahu malee, manni maree naannichaa wal-gahii viidiyoodhaan taasiseen guyyaa kaleessaa irraa jalqabee imaltoota adda baasanii tursuu dabalatee labsiin yeroo muddamaa baatii sadiif akka dheeratu murteesseera.

    Labsii yeroo muddamaa naannichi labseen namni gara naannichaa deemu hundiwiirtuu adda baasanii tursiisuu mootummaan qopheesse keessa guyyoota 14f turuu qaba.

    Mootummaan Federaalaa torbee darbe keessa labsii yeroo muddamaa baatii shaniif turu labsuun ni yaadatama.

    Kunis murtoo naannoleen baasan waliin wal simee hojiirra oola jedhameera.

    • Labsiin Muddamaa Itoophiyaa maal dhorke?
  2. Sirilaankaan reeffa namoota Covid-19'n du’anii gubuun dirqama jette

    Sirilaankaan reeffa namoota koronaavaayirasiin qabamanii du’an gubuun dirqama jechuun labste.

    Haa ta’u malee, murteen kun hordoftoota amantii Islaamaa lakkoofsaan xiqqaa ta’aniifi biyyatti jiraatan hin gammachiifne.

    Kuni duudhaa amantii keenya dhiiba jedhaniiru.

    Gaazexaan ‘Za Hinduu’ jedhamu akka gabaasetti namoota torba biyyattii keessa koronaavaayirasiin lubbuu dhaban keessaa sadii musliima.

  3. Lammii Chaayinaa oolmaa hakimoota 'lubbuu isa baraaranii' deebisuuf kutate

  4. Ameerikaan ariitiin tarkaanfii fudhachuun 'lubbuu baraaruu dandeessi ture'

  5. Awustiraaliyaan hospitaalota lama cufte, namoota 5,000 ta'aniin adda of baasaa jette

    Bulchiinsi Awustiraaliyaa Tasmeeniyaan namoota koronaavaayirasiin qabamaniin kan walqabateef hospitaalota lama guutummaan cufte.

    Hojjettonni hospitaalota lama magaalaa Barnii argaman 1,200 akkasumas maatiin isaanii torban lamaaf adda of baasanii akka turan murtaa’eera.

    Kana jechuun akka miidiyaaleen biyyattii gabaasanitti hammi namoota akka adda of baasan murtaa'e 5,000’tti siqa.

    Dhukkubsattoonni hospitaalota Noorz Weest Rijinaal akkasumas Noorz Weest Piraayivet jedhamu keessa ciisaa turan hospitaala dhihoo jirutti geeffamu.

    Yeroos hospitaalonni lamaan ‘’sirriitti qulqulleeffamu’’ jedhameera.

    Namoota bulchiinsa Tasmeeniyaa keessatti vaayirasichaan qabaman 144 keessaa 60 hospitaalota lamaan irraa qabamuu hin oolle jedhameera.

    Qondaalli bulchinsichaa Piitar Gatwiin kana dura takkaa hawaasni akka kana godhu gaafannee hin beeknu jedhaniiru.

  6. Kooriyaan Kibbaa kanneen Ameerikaarra dhaqan hunda qorachuufi

    Kooriyaan Kibbaa namoota Ameerikaarraa dhaqaniif hunda guyyoota 3’f bakka isaan adda of baasanitti qorannoo koronaavaayirasii taasisuufi.

    Murteen kuni Wiixata ganama eegalee kan hojiirra oolu jedheera Giddugalli To’annoofi Ittisa Dhukkubaa Kooriyaa (CDCP), akka eejansiin oduu Yonhaap gabaasetti.

    Akkuma Chaayinaa Kooriyaan Kibbaallee isa namoota alarraa dhufaniin hammi namoota vaayirasichaan qabaman waan dabalaa jiruuf yaaddofteetti.

    Ragaan torban lamaan darbe akka agarsiisutti, hamma namoota vaayirasichi iratti argame keessaa walakkaan biyya amma giddugala weerara vaayirasichaa taate Ameerikaarraa dhufan.

  7. Weerarri COVID19 yoom dhumata?

  8. Lakkoofsi Chaayinaan gabaaste maal hima?

    Gaazexessaan BBC Roobi Biraant Shaangaayi irraa akka gabaasetti lakkoofsi isaa xiqqaadha garuu hammi isaa takkaatti ol ka’e.

    Kunimmoo, Chaayinaaf gaarii miti.

    Gabaasa mootummaarratti yoo hundoofne namoonni haaraa 108 vaayirasichaan qabamuun isaanii torban shan caalu keessatti isa guddichadha.

    Akka gabaafametti, dabaluu isaaf sababni ijoo lammiileen Chaayinaa hedduu biyyatti deebi’uu isaaniiti.

    Namoota haaraa vaayirasichi irratti galmaa’ee keessaa guutummaatti jechuu haala danda’amun isaan irratti argame.

    Namoota qabaman keessaa walakkaan bulchiinsa Kaaba biyyattii Heyilongjiyaang qubatan.

    Kunneen kanneen daangaa Raashiyaa ce’ani Chaayinaa seenan fidanii dhufanidha.

    Chaayinaan imala idil-addunyaa kamuu gara biyyaa taasifamu dhorkitus namoonni haaraa vaayirasichaan akka hin qabamne taasisuu hin dandeenye.

    Bulchiinsa biyyattii vaayirasichai itti eegale Hubeeyitti hammi namoota vaayirasichaan qabamanii baay’ee xiqqoodha garuu ammas namni du’aa jira.

    Namni lama du’u gabaafameera.

    Kuni, isa bulchiinsichi nagaa qaba jedhanii sochii dhorkame dhiisuun waldhiiba.

  9. Firaansi fi Italiitti duuti hir'ataa jira

    Biyyoota Awurooppaa akka malee koronaavaayirasiin hubaman keessaa lama Firaansi fi Itaaliin duuti hir'achaa jiraachuu gabaasan.

    Italiitti guyyaa darbe nama 431 kan du'e yoo ta'u, torbee lamaan darbe keessatti lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti du'anii isa gadi aanaadha.

    Aanga'oonni weerarri vaayirasichaa fiixee tuqee darbaa jira jedhan.

    Firaans keessattis lakkoofsi namoota du'aniis ta'e kan warra akka malee dhibamanii hir'ataa jira jedhame.

    Dilbata kaleessaa namni du'e 315 qofa.

    Biyyi biraa weerara vaayirasiichaan daran hubamte Ispeen keessatti garuu lakkoofsi namoota sababa COVID19'n du'anii dabaleera.

    Dilbata guyyaa tokkotti namoota 600 oli kan du'e.

    Mootummaan biyyattii ammallee yeroo hamaan nu dura jiraachuu mala jechuun akeekkachiisee jira.

  10. Chaayinaatti hammi namoota koronaavaayirasiin qabaman dabale

    Chaayinaan yeroo torban jaha keessatti lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin guyyaatti qabamaniifi guddicha ta’e gabaaste.

    Biyyattiin gaafa Dilbtaa namoonni haaraa 108 vaayirasichaan qabamuu beeksisteetti.

    Namoota 108 keessaa 98 namoota alarraa biyyattii seenan irraa vayirasichi kan argame yoo ta’u imaltoonni vaayirasichaan qabaman akka hin tatamsaasne sodaatameera.

    Magaalli biyyattii giddugala vaayirasichaa taate turte Wuhaan reefu jalqaba torban darbee ture torban 11 booda karra kan banatte.

    Biyattiin gaafa Dilbataa namni du’uullee gabaste.

    Kanaanis, hammi namoota du’anii 3,341 gaheera.

    Namoonni mallattoo hin agarsiisne 61 galmaa’aniiru.

    Chaayinaan garuu kanneeniin vaayirasiichaan qabamaniiru jettee hin lakkooftu.

  11. Dachaane!

    Deebineerra. Akkam bultan?

    Gabaasi kallattii dhimma weerara koronaavaayirasii fi taateewwaan gurguddoo biroo Itoophiyaa fi guutuu addunyaa kan Eebla 13 bara 2020 asirraa eegala.

    Suuraa marsaalee hawaasaa irraa arganne kanaan haa eegallu.

    Abbaan fardaa kun farda isaaf maaskii waan tolcheef fakkaata. Yoo manaa baatan yoo dandeessan maaskiin yoo hin taane ammoo wayyaadhuma qabdaniin funyaaniifi afaan keessan haguuggachuu hin dagatinaa.

    Lafa Nagaa Oolaa, Fayyaa keessan eeggadha!

  12. Obbaasne!

    Gabaasa kallattii kan har'a asumarratti obbaasne.

    Boru deebina, nagaan nuuf turaa!

  13. Amma nu gahe, MM UK Booriis Joonsan hospitaalaa bahan

    MM UK Booriis Joonsan koronaavaayirasiin qabamanii guyyoota sadiif kutaa yaala addaa (ICU) hospitaala Seent Toomaas magaalaa Landan erga turanii booda hospitaalaa bahuu waajjirri isaanii hime.

    Vaayirasichaan qabamanii guyyaa 10'nitti hospitaala kan seenan Booriis Joonsan Dilbata darbe ture.

  14. Indiyaatti waldhabdee uumameen harki poolisii cite

    Kaaba Puunjaabitti poolisiin namoota seera uggura sochii cabsuun jeeqaa turan dhoorkuuf osoo yaalu harki isaa citeera.

    Waahillan isaa lamas haleellaa kanaan miidhamaniiru.

    Taateen kunis konkolaataan keellaa poolisiitti humnaan seenuusaatiin kan raawwateedha.

    Namoonni konkolaataa keessa turan konkolaataa keessaa bahuun poolisoota irratti haleellaa raawwataniiru.

    Qondaalli poolisii Punjaab Diinkaar Guuptaa akka jedhanitti namoonni kunneen albee fi gajaraa qabatanii turan jedhan.

    Namoonni haleellaa kana waliin hidhata qaban sadi to’annaa jala oolfamaniiru.

    Dhoorkaa sochii namoota biyyattitti labsame hojiirra oolchuf jecha kutaa biyyattii adda addaattis poolisiirratti haleellaan raawwateera.

  15. Sababa koroonaavaayrasiin oomishni qorichoota sobaa daran dabalaa jira

  16. Amma nu gahe, Keeniyaatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 197 gahan

    Sa'aatii 24 darbe namoota 766'f qorannoo Koronaavaayirasii taasisuu Ministeerri Fayyaa Keeniyaa hime.

    Kanneen keessaa namootni jaha koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'eera jedhe Ministeerichi. Kunis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamnii 197'n gaheera.

  17. Hospitaalonni Awustiraaliyaa lama hojjettoonni hedduun koronaavaayirasiin qabaman cufamuufi

    Awustiraaliyaa Tasmeeniyaatti hospitaalonni lama hojjettoonni hedduun koronaavaayirasiin qabaman torbee lamaaf cufamuufi.

    Hospitaala lameen keessa tatamsa'ina baayirasichaa olaanaatu jira jedhame.

    Hospitaalichi cufamee hojjettoonni 1000 ol adda of baasanii turu jedhan aanga'oonni biyyatti.

    Tasmeeniyaa keessa namoota vaayirasichaan qabaman 133 keessaa 49 hospitaala keessatti qabamuu hin oolle jedhama.

  18. Ispeenitti sa’aatii 24 darban duuti dabale

    Ispeen keessatti Dilbata namoonni COVID-19 qabaman 100’n dabaleera.

    Ministirri Fayyaa biyyattii namoonni 619 du’usaanii himeera.

    Gaafa Sanbataa namoonni 510 yoo du’an, lakkoofsi kun guyyoota sadiif walitti fufiinsaan hir'achaa ture.

    Biyyattii keessatti namoonni du’an 16,972 gara 16,353’tti ol guddateera.

  19. Amma nu gahe, Itoophiyaan sa'aatii 24 darbe 286 qorattee lama COVID19n qabamuu mirkaneessite

    Sa'aatii 24 darban qorannoo koronaavaayirasii namoota 298'f taasifame keessaa namootni lama dabalataan vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e jedhe Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa.

    Kunis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii 71'tti ol buteera.

    Namoonni vaayirasichaan qabaman lamaanuu dubartoota ganna 24 fi 35 yoo ta'an tokko Dubaay tokko ammoo Tarkii irraa gara biyyaa deebi'anii adda baafamanii turan.

    Walumaagalatti Itoophiyaan amma yoonaa namoota 3,863'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

    Namoota vaayirasichaan qabaman 71 keessaa 3 yoo du'an 10 bayyanatanii jiru.

  20. Sodaa koronaavaayirasiif sanyii qamalee 'karra cufatan'