Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Keessummeessitoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa sadii Covid-19’n qabamuun ibsame

Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Tawolda G/Maariyaam ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti sadan isaanii irratti vaayirasichi argameera. Dabalataan, dhaabbatichi erga baatii Amajjii as dolaara miiliyoona 500 sababa koronaavaayirasiin dhabuu ibse.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Jaak Maa meeshalee yaala COVID19 marroo lammataa Afriikaaf ergan

    Abbaan qabeenyaa Alibaabaa, Jaak Maa meeshaalee wal'aansaa koronaavaayirasiif oolu dabalataa Afrikaaf ergan.

    Hundeessaan Aliibaabaa akka jedhanitti doonii meeshaalee fayyaa koroonaavaayiras yaaluuf gargaaran gara Afriikaatti karaa eegalaniiru jedheera.

    Abbaan qabeenyaa lammii Chaayinaa kun Tiwiitarasaarratti akka jedhetti meeshaaleen fayyaa kunneen veentileetaroota 500, uffannaa of eeggannoofi gaachana fuulaa kuma 200, teermoomeetirii 2000, meeshaa ittiin saamuda fuudhan miliyoona 1 fi guwaantii ykn gilaavii harkaa kuma 500 fa'i.

    Meeshaaleen kunneen wal-ta'iinsa MM Abiy Ahimadifi dhaabbilee biroo waliin kan raabsamu ta'uus himaniiru.

  2. Namoonni koronaavaayirasiif addatti tursiifaman mirgi keenya sarbame jedhan

    Keeniyaatti qajeelfama ittisa koronaavaayirasii hojiirra oolchuuf jecha namoonni biyya alaatii gara biyyattii seenan akka addatti baafamanii tursiifaman mirga keenya sarbamaa jirra jechuun komatan.

    Namoonni bakka itti adda baafamanii tursiifaman keessa jiran kunneen,” akka namaattillee ilaalamutti hin jirru” jedhan.

    Lammileen Keeniyaafi biyyoota biroorra dhufan 2,000 ol ta’anhoteelotaafi bakka turtii mootummaan qopheessee keessa akka turaniif ajajaman.

    Iddoo namoonnikun tursiifamanitti, namoonnivaayirasichaan qabaman argamuun kan himameera.

    Kanarraa ka’uun mootummaan namoonni bakka turtii kanaa galfaman duraan torban lamaaf akka turan ta’ullee amma garuu torban lamaaf bakka sana akka turan taasifamaniiru.

    Namoota iddoo yeroof turan kana keessaa jiran muraasni akka hidhamtootatti ilaalamaa jirra, yeroon achii turrus dheereffamuunmaalif barbaachise? jedhanii gaafatu.

    Duraanis bishaaniifi saamunaallee hin argannuu jedhanii komataa turan.

    Ministirri Eegumsa Fayyaa Keeniyaa Mutaahii Kaagwee garuu,namoota achii tursiifaman qajeelfama cabsuu – shubbisa garee iddoo addatti tursifamanitti uumuu jechuun himatan.

    Keeniyaa keessatti namoonni 126 vaayirasii addunyaayaaddoo keessa galche kanaan qabamuun ibsameera.

  3. YOOYYAA! Bakka jirtanitti nagaan isiniif yaa ta'u!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa keenya kallattii kan guyyaa kanaa eegalleerra.

    Odeeffannoo biyya keessaafi kan biyyoota addunyaa maraa isin barsiisuufi akka addunyaan itti jirtu akka quba qabaattan isin gargaaru sonnee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa. Aaga Dhaga'aa!

  4. Xumurre!

    Gabaasa kallattii kan har'aa xumurree jirraa.

    Gadi dabarsaa gabaasaalee hunda argachuu dandeessu.

    Boru walitti dachaana, nagaan bulaa!

  5. Amma nu gahe, Keeniyaa - namoonni dabalataa 16 koronaavaayirasiin qabaman

    Namoonni dabalataa 16 sa'aatii 24 darban keessatti koronaavaayirasiin qabamuu isaanii Ministeerri Fayyaa Keeniyaa beeksise.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamani 142 gaheera.

    Amma dura walumaagalatti namoonni 4 yoo du'an 4 bayyanatanii jiru.

  6. UK’n lammiileeshee Indiyaa jiran gara biyyaatti deebisuufi

    UK lammiileeshee Indiyaatti ugguramanii jiran gara biyyaa akka galan gochuufi.

    Yeroo ammaa kanatti lammiileen biyyattii 35,000 ta’an Indiyaa keessa jiraatu jedhamee tilmaamama.

    Isaan keessaas lammiileen 20,000 Imbaasii Biriitish qunnamuun saffisaan biyyatti akka isaan deebisaniif gaafataniiru.

    Haaluma Kanaan balaliin gara Landan taasifamu:

    • Mumbaayi irraa Ebla 9 fi 11
    • Niiw Deelii irraa Ebla 9 fi 11
    • Goo’a irraa Ebla 8, 10 fi 12

    Komishiinarri kan yeroo UK biyya Indiyaa kan ta’an Jaan Toompsan akkas jedhan: “Lammiilee UK Hinditti argamaniif torbeewwan darban ulfaatoo akka turan ni beekna.

    Ibsi kun abdii isinitti hora jedhee yaada keessumaayyuu lammiilee gargaarsa barbaadaniifi.”

  7. Somaaliyaatti daa'imman ganna 3 fi 4 gudeedamuun dheekkamsa uume

    Maatiin ijoollee durbaa ganna 3 fi 4 Somaaliyaatti gudeedamanii akka himanitti, ijoolleen kun mana barnootaa Afgoyii, Magaalaa Moqdishuu cinatti argamu otoo galaa jiranii dirqiin gudeedamani.

    Ijoolleen kuni waliisaaniif fira dhiigaati, ilmaan durbiiti.

    Maatiin ijoolleesaanii ollaa barbaadanii ijjibaatanii dhabanii, guyyaa lammaffaatti ijoollee kana lamaan qophaatti argan.

    Mootummaan Somaaliyaa ijoolleen kuni lamaan butamanii gudeedamuusaanii balaaleffate.

    Angaa'oonni biyyattis, Roobii darbe ijoollee lamaan gudeeduun namoota shakkaman hedduu qabanii hidhuu beeksisan.

    Dhiironni ijoollee kana butanii gudeeddaa irratti raawwatan meeqa akka ta'an hin ibsamne.

    Ogeeyyiin fayyaa ijoollee kana wal'aanaan akka himanitti, wal'aansa baqaaqsanii suphuu cimaatu isaan barbaachisa. Dhiyeenyatti Somaaliyaatti yakkii gudeeddii dabalaa jira.

  8. Amma nu gahe, Itoophiyaan namni jalqabaa koronaavaayirasiin du'uu beeksifte

    Itoophiyaan yeroo duraaf sababa dhibee COVID19'n namni jalaa du'uu gabaafte.

    Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa akka jedhetti dubartiin ganna 60 amma du'an A.L.I Bitootessa 19 mallattoon dhukkubichaa kan irratti argame.

    Hospitaala Eekkaa Kotobee seenanii hordofiin taasifamaafi erga tureen booda vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e Bitootessa 22.

    Eragsiis kutaa yaala warra akka malee dhibamanii (ICU) keessatti yaalama turanii, har'a Eebla 05 boqochuu isaanii Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taddasaa himaniiru.

    Gaddi jabaan nutti dhagaa'ameera kan jedhan Dr Liyaan maatii isaaniif jajjabanina hawwaniiru.

    Hawaasni osoo hin rifatiinof eeggannoo gochuu akka qabus dhaamaniiru.

  9. Mootittiin Ingilaand har'a TV irratti uummata biyyaatti dubbatu

    Mootittiin Ingilaand har’a TV irratti bahanii uummatatti dubbatu jedhamee eegama.

    Wayita taateewwan gurgudda biyya raawwatan qofa kan mootittiin bahanii dubbatan. Kan har'aa kuni waggota 68 keessatti si’a afraffaaf ta’uusaati.

    Asiin dura:

    1991: Yeroo UK’n Waraana Galoo’tti makamtu namoonni bakka jiranitti kadhannaa akka taasisaniif waamicha dhiheesanii turan.

    1997: Guyyaa jala bultii sirna awwaalchaa intala mootii Diyaanaa masaraa Baakiinghaam irraa dubbii taasisanii turan.

    2002: Dabalataanis tamsaasa addaa irratti sirna awwaalchaa haadha isaanii TV irratti as bahanii turan.

    Dubbii har'aa kanaan uummatni biyyattii naamusaan akka socho'an akkasumas of eeggannoo barbaachisu akka godhan dhaamsa dabarsu jedhameera.

  10. Amma nu gahe, Ispeen keessatti lakkoofsi namoota COVID-19 du’anii hir'ataara

    Ispee keessatti sa’aatii 24 darbaniitti namoonni 647 yoo du’an lakkoofsa namoota hamma ammaatti du’anii gara 12,418'tti ol guddiseera.

    Lakkoofsi kunis baay’inna namoota torbee darbe du’anii waliin wal qabamee yoo ilaalamu xiqqaadha. Kunis isa kaleessaa kan 809 tureen namoota 135’n gad bu’eera.

  11. MM dhimma COVID19 paartilee mormituu waliin marii eegalan

    MM Abiy Ahimad dhimma weerara koronaavaayirasii ilaalchisee hooggantoota paartilee morkattootaa waliin marii guyyoota lamaa eegaluu isaanii himan.

    Dhiibbaa #COVID-19 Itoophiyaa irraan gahuufi tarkaanfiiwwan dabalataa mootummaan fudhatu ilaalchisee akka mari'atan himaniiru.

    Sababa walirraa fagaatanii wal gahicha gaggeessuun barbaachiseef marichi hoggantoota paartilee siyaasaa hirmaachisu dhabuus barreessanii jiru.

    Marii kanarraa bu'aan gaariin akka argamu abdii qabanis himanii jiru Dr Abiy.

  12. Amma nu gahe, Sudaan Kibbaa namni jalqabaa koronaavaayirasiin qabamuu gabaaste

    Dubartiin ganna 29 biyyatti keessatti yeroo duraaf vaayirasichaan qabamuun ishee mirkanaa'e kun Guraandhala 28 Neezarlaandis irraa Finfinnee qaxxamurte Jubaa galte.

    Kana hordofuunis mootummaan biyyattii lammileen of eeggannoo akka godhan kan dhaame yoo ta'u galgala sa'aatii 2(8PM) hanga barii sa'aatii 12(AM) socho'uun akka hin danda'amne labsee jira.

    Manneen dhugaatii fi kilabiiwwan cufee, jiddugalawwan gabaa nyaataan ala waan dhibii gurguranis akka cufaman ajajeera.

    Manneen nyaataas warra qe'eetti fudhatanii galan qofa keessummeessu jedhe ibsi waajjira pireezidantii itti aanaa biyyattii baase.

    Sudaan Kibbaa biyyoota Afrikaa amma dura vaayirasichi keessatti hin argamne keessaa tokko turte.

    Kanneen ammallee hin vaayirasichi argamuu hin gabaasiin jiran Leseettoo, Saa'oo Toomeefi Piriinsiippee fi Komoroosi.

  13. Amma nu gahe, Itoophiyaa - namooti COVID19'n qabaman 43 gahan

    Itoophiyaan dabalataan namoonni shan CVID19'n qabamuu mirkaneessite.

    Sa'aatii 24 darban namoota 59'f qorannoon taasifamee keessaa namoonni shan vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera jedhe Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa.

    Namoonni sadi lammii Itoophiyaa, tokko lammii Eertiraa tokko ammoo lammii Liibiyaati.

    Hundi isaanii Finfinneerraa kan argaman yoo ta'u, 4 gara biyya alaa kan imalan tokko ammoo seenaa imalaa kan hin qabneefi nama amma dura vaayirasichaan qabamuunmirkanaa'e waliin qunnamtii kan qabudha.

    Namootni vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e kunneen daanga umurii 26-60 jidduu kan jiran yoo ta'u shan keessaa tokko dubartiidha.

    Amma dura Itoophiyaan walumaagalatti namoota 1843 qofaaf qorannoo COVID19 kan goote yoo ta'u lakkoofsi kun kan biyyoota kaanii waliin yoo madaalamu daran xiqqaadha.

  14. Amma nu gahe, Itoophiyaa - namni shan dabalataan koronaavaayirasiin qabaman

  15. Poolisooti Tuniiziyaa nama manaa bahu hordofuuf roobootii bobbaasan

    Magaalaa guddoo Tuniiziyaa Tuunisitti seera biyyattin tatamsa'iina koroonaavaayirasii to'achuuf baafte akka raawwachiisaniif poolisoonni roobotii bobbaafaman.

    Roobootiin kun namoonni rukkatanii/heddummatanii karaa gubbaa deemnaan itti goree, maaliif karaarratti baatanii? jechuun gaafata.

    Kanaafuu, namoonni kun waraqaa eenyummaasaanii fi dookimentii biraa yoo qabaatan kaameraa roobotii kanaatti agarsiisuuf dirqama qabu - qondaaltonni kaamera kanaan ilaalanii mirkaneessu.

    Tuniiziyaan vaayirasiin kun biyyatti keessatti namoota 18 ajjeefnaan,namoonni akka biyyaa hin baane erga labsitee torban lama darbeera- waantota bu'uura akka qorichaaf soorataa bitachuuf malee namni manaa hin bahu.

    Biyya Kaaba Afrikaatti argamtu kanatti namoonni 430 ol sababa dhibee Covid-19'n harganuu dadhabanii yaalaama jiraachuutu himame.

  16. 'Sababa Covid-19n miidhaan mana keessaa dabalaa dhufe' - WHO

    Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as miidhaan mana keessaa dabalaa dhufuusaa Direektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos adihaanoom himan.

    Koronaavaayirasiin mudatee erga miseensoonni maatii hundi mana keessa turuu eegalanii as biyyoota tokko tokkoorra gabaasawwan dhufaa jiran miidhaan mana keessaa dabalaa jiraachuu mul'isa jedhan Dr Teedroos.

    Miidhaan kun irra hedduu abbaa warraa fi haadha warraa ykn hiriyyaa waliin jiraataniin mana keessatti haleellaa raawwatamu jedhan.

    Kanaafuu, biyyoonni sochii ittisa koronaavaayirasii taasisan keessaatti tajaajila miidhaa mana keessaa akka dhimma bu’uuraa tokkootti fudhachuun akka hordofan waammicha taasisaniiru.

    ‘‘Miidhaa mana keessaatti rawwatamuuf dhiifamni taasifamu kamuu hin jiraatus,’’ jedhan.

    Warra rakkina akkasii keessa darbaniif ammoo gargaarsaaf maatii ykn hiriyaa isaan gargaaru danda’aniitti akka dubbataaniifi qaamoolee naannoo isaaniitti dhimmicharratti hojjatan akka qunnamaniif yaadachiisaniiru.

    Dr Teedroos itti dabaluunis, battalumatti mana gadhiisanii bahuun lafa barbaachisaa ta’eetti ammoo, bakka dhaqamu dursa akka adda baafatan yaadachiisaniiru.

  17. Teeknoolojiin bilbilaa 5G dhuguma koronaavaayirasii tamsaasaa?

    Yaadadhugaa ta'uun isaa hin mirkanoofne (conspiracy theory) teeknoolojiin bilbilaa 5G koronaavaayirasii tamsaasuuf gargaara jedhu saayintiistonni balaaleffatan.

    Odeessaaleen 5G'n koronaavaayirasii tamsaasa jedhu tibbana fuulawwan 'Facebook', 'Youtube' fi 'Instagram' hordoftoota heddu qabaniin maxxanfamanii qalbii namoota hedduu hawwatanii jiru.

    Yaadonni kunneen:

    • Kan duraa 5G'n humna ittisa dhibee qaama keenyaa ykn madiinummaa miidha, kunis carraa namoonni vaayirasichaan qabamuu ni dabala kan jedhudha.
    • Kan lammataa immoo teeknooloojii 5G fayyadamuun matuma isaanuu vaayirasichi ni daddabarsa kan jedhudha.

    Yaadonni lamaanuu 'guutumatti fudhatama hin qaban' jedhu hayyoonni.

  18. Narsii Oromoo Ameerikaatti dhibamtoota COVID19 yaalaa jirtu

  19. Uk'tti daa'imni ganna shanii koronaavaayirasiin du'e

    UK keessatti daa’ima ganna shanii dabalatee namoonni dhibbaan lakka’aamanitu lubbuu dhabe.

    Sambata lakkoofsi namoota du'anii 708'n dabalee walumaagalatti lakkoofsi namoota du’anii 4300 ol darbeera.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamani 42,500 gahuu ragaan yuunivarsiitii Joons Hopkiins ni mul'isa.

    Ministirri Kaabinee biyyatti Maayikil Goov ‘’maatii daa’ima ganna shanii sababii vaayirasichaan lubbuu dhabe cinaa jirraa’ jedhan.

    Haalli qilleensaa ho’aa adeemus garuu, namoonni mana akka turan waamicha dhiyeessan qondaalii kun.

    Kana malees hafuursituu dhukkubsattoota harganuu dadhaban gargaaraan dhiibbaan lakka’aman oomishamanii akka alarraa galfaman dubbatu.

    Minisirrii Muummee UK Booris Joonsan otoo hin hafne, vaayirasichaan qabamamanii addaatti fo’amanii jiru.

  20. Afrikaan akkam jirti?

    Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'ani laanuma dabalaa jira.

    Amma dura namni 8,600 ta'u vaayirasichaan kan qabame yommuu ta'u, 810 irraa bayyanatee 383 lubbuu dhabeera.

    Aljeeriyaa biyya namoota du'an hedduu qabaachuun dursitu, amma yoonaa nama 130 dhabde. Kan vaayirasichaan qabaman ammoo 1251 gahanii jiru.

    Masrii keessatti kan du'e 71 kan qabame 1070, Morokoo kan du'e 59 kan qabame 919, Tiniiziyaa kan du'e 18, kan qabame 553 Burkinaa Faasoo kan du'e 16 kan qabame 318.

    Afrikaan Kibbaa lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin 1585 qabaachuun dursaa jiraattullee namni jalaa du'e 9 qofa.

    Biyyattiin tarkaanfii jabaa gudhachuun vaayirasicha to'achuun leellifamaa jirti.

    Leseettoo, Sudaan Kibbaa, Saa'oo Toomeefi Piriinsiippee, Komoroos biyyoota Afrikaa amma dura vaayirasichi keessatti hin argamne.