Gaaritti bulaa!
Tamsaasni keenya kallattii guyyaa har'aa kanumaan xumurame.
Waan nu hordoftanif ulfaadhaa.
Gaaritti bulaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Tawolda G/Maariyaam ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti sadan isaanii irratti vaayirasichi argameera. Dabalataan, dhaabbatichi erga baatii Amajjii as dolaara miiliyoona 500 sababa koronaavaayirasiin dhabuu ibse.
Tamsaasni keenya kallattii guyyaa har'aa kanumaan xumurame.
Waan nu hordoftanif ulfaadhaa.
Gaaritti bulaa!
Yuugaandaan dhuma ji’a kanaatti manneetii barnootaa deebiseen bana jennnaan lammiileen biyyattii miidiyaa hawaasummaa fayyadaman yaada garaagaraa kennaa jiru.
Ministirri Barnootaa biyyattii Jaaneet Museeveenii manneetii barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa gaafa Ebla 27 deebi’anii banamu jedhaniiru.
Tarkaanfiin koronaavaayirasiin akka hin tatamsaanee fudhatame dhuma baatii kanaatti barnooti akka jalqabu nu gargaara jedhan.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa biyyattii immoo murtoon kun ariifateera sababiinsaa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira jedhu.
‘’Sochii hundumaa guutummaatti cufuun itti fufuufi dhiisuun mirkana yeroo hin taaneefi Covid-19 mo’achuun keenyillee haala hin beekamne keessatti manneetii barnootaa banuun hin ariifannee?’’ jechuun gaafatu fayyadamaan tiwiitaraa Ernast Kiyoongaa.
Kaanimmoo, tarkaanfiin mootummaan tatamsa’ina vaayirasichaa dhaabuuf fudhate namoonni haaraan akka hin qabamne ni gargaara jedhan.
‘’Yaada kana ifa nuu gochuu keessaniif galatoomaa, kuni barattoota Yugaandaa maraaf odeeffannoo barbaachisaa dha,’’ jetti Ambroosee Otiim immoo.
Akka gabaasa yunivarsiitii Joohn Hopkinsitti lakkoofsi namoota Ameerikaa keessatti koronaavaayirasiin du’anii 10,000 caaleera.
Yeroo ammaa lakkoofsi namoota Ameerikaa keessa du'anii 10, 335 kan gahe yoo ta’u 350,000'tti kan siqan immoo dhukkuba kanaan qabamaniiru.
Mootummaan Ertiraa galgala kana akka beeksisetti lammiileen dabalataa lama koronaavaayirasiin qabamaniiru.
Lamaanuu, dubartii umrii 61 fi dhiira umrii 35, bakka addatti akka turan taasifamanitti qoratamanii akka irratti argame ibsameera.
Lamaan keessaa tokko osoo balaliin hin dhorkamiin dura gara biyyaatti kan deebi’anidha jedhameera.
Lakkoofsi waliigalaa biyyattiitti namoota vaayirasii kanaan qabamanis 31 gaheera.
Koronaavaayirasiin waan akkamiiti jechaa jirtu taanaan, saayintistoonni Inistitiyuutii Teekinoolojii Maasaachuseet (MIT) caasaa vaayirasichaa gara muuziqaatti geeddaranii isinitti agarsiisu.
Sagaleen muuziqichaa hubannoo nam-tolchee (Artificial Intellegence)'dhaan kan hojjetamedha.
Waa’een vaayirasichaa maayikirooskooppiidhaan hanga yoonaa hin mul’anne akka mul’atu gochuun qorattoota gargaara jedheera yunivarsiitichi.
Pirofeesar Maarkas Biyuuheelarfi gareen isaanii sochii caasaa vaayirasiichaa akka qorataa jiru ibsan.
‘’Sochii vaayirasichi taasisu kana hubachuun qoricha tolchuudhaafillee murteessaa dha,’’ jedhan.
Ingilaand keessa namoonni 403 du’u Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) Ingilaand beeksise.
Kanaanis, lakkoofsi waliigala dhukkuba kanaan Ingilaand keessa du'anii 4,897 gaheera.
Umriin namoota du’anii 35 hanga 106 gidduuti.
Namoota 403 du’an keessaa 15 rakkina fayyaa biraa hin qabani ture jedhameera.
Lakkoofsi kuni hanga Dilbata galgala sa'aatii lamaatti walitti qabamedha.
Harmeen leenjisaa Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa dhukkuba koronaavaayoirasiin qabanii lubbuun isaanii dabarte.
Kilabichi akka beeksisetti harmeen umrii 82 Doloors Saalaa jedhaman magaalaa Baarseloonaa keessatti du’ani.
‘’Yeroo ammaa kilabii Siitii waliin namni walitti dhufeenya qabu hundi ergaa jajjabinaa Peep, maatii isaafii hiriyyoota isaatti akka ergu,'' jechuun kilabichi gaafateera.
Biyyi Ispeen Xaaliyaaniitti aantee dhukkuba addunyaa waliin gahe kanaan namoota hedduu dhabdedha.
Hanga yoonaa namoonni 13,000 ol lubbuu dhabaniiru.
Torban darbe, Gaardiyoolaan tattaaffii Ispeen koronaavaayirasii ittisuuf taasistu deeggaruuf yuuroo miiliyoona tokko (birrii miiliyoona 35 ol) arjomanii turan.
Ameerikaan koronaavaayirasiif ittisuuf Hindiif doolaara miiliyoona 3 (birrii miiliyoona 90 ol) arjoomte.
Hindiitti Ambaasaaddariin Ameerikaa Keeneez Jastar dhaabbileen Ameerikaa USAID fi kanneen biroo illee weerara kana loluuf Hindii waliin hojjetu jedhan.
''Koovid-19 dhibee fayyaa hawaasa addunyaa yaaddessaa jiru yoo tahu tumsi mootummaa fi dhaabotaa furmaata fida’’ jedhan Jastar.
Maallaqni Ameerikaa irraa argamu kunis hojiiwwan USAID fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, tajaajila fayyaa kennan gargaaruuf oola.
Pireezidaantiin Gaanaa Naanaa Akufoo Addoon mootummaan isaanii gatii bishaanii ji’oota sadan dhufanif akka kaffalu ibsan.
Harka saamunaadhaan dhiqachuun maloota dhukkuba koronaa ofirraa ittisan keessaa isa ijooti.
Kanumaafi mootummaan biyyattis bishaan akka garaa akka argamu kan gochaa jiru. Gaanaatti namoonni 214 dhukkubichaan yoo qabaman shan immoo du’aniiru.
Torbe darberraa kaasee biyyattiin magaalota Akraa,Teemaa fi Kumaasii guutummaan guutuutti cufteettti.
Pirezidantiin biyyattii ergaa elevizyiniin dabarsaniin dhaabota bishaanii fi ibsaa dhiyeessan akka addaan hin kunneefi itti fufiinsaan akka dhiyeessan gaafatan.
Okkoteewwan pilaastikii bishaanii gurguddoon immoo namoota harka qalleeyyiif ni dhiyaatus jedhameera.
Ogeessotni fayyaa namoota vaayrasichaan qabaman wal’aanan immoo mindaan isaanii ni dabalamaa gibira ji’a sadii irraas bilisa tahu
Du’aatiin sababii koronaavaayirasitiin guyyaa guyyaatti Ispeeniitti mudatu walitti aansee guyyoota afraffaaf gadi bu’uun himame.
Lakkoofsi namoota haaraa du’an guyyaa Wiixataa motummaan himamee 637 yoo ta’u kan guyyaa Dilbataa immoo 674 ture.
Kunis, erga Bitooteessa 24 asi lakkoofsa gadaanaadha jedhameera.
Biyyattiitti du’aatii inni guddaan kan Kamisa mudate 950 ture.
Ammatti biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 4,273 gaheera.
Qondaaltonni ammo dhumarrattis vaayirasichi biyyattii kessatti dabaluun danda’a jechuun amanu.
Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa imala gara magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiitti taasifamuufi magaalattiirraa alatti taasifamu dhorkan.
Murteen kuni lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin biyyattii keessa qabamanii 158 gahuun isaa erga ibsamee booda dhagahame.
Murteen kuni bulchiinsota magaalaa akka Mombaasaafi, Kilifiifi Kiwaalees akka dabalatu Uhuruu Keeniyaattaan ergaa ummataaf har’a dabarsaniin ibsaniiru.
Imalli gara Naayiroobiitti taasifamu har’a galgala sa’aatii 1:00 irraa eegala jedhameera. Kan bakkeewwan biraa garuu gaafa Roobii akka eegalu ibsame.
Bulchinsoonni Keeniyaa arfan kunneen lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamanii %96 of keessaa qabatu.
Murteen kuni guyyoota 21 jechuunis torban sadiif tura jedhameera.
Kana dura, torban dura eegalee Keeniyaan namni galgala sa’aatii 1 eegale akka hin sochoone dhorkuun ishee ni yaadatama.
Ollaan Itoophiyaa Keeniyaan sa’aatii 24 keessatti namoonni dabalataa 16 koronaavaayirasiin qabamuu har'a beeksifteetti.
Dabalataan, namoonni lama koronaavaayirasiin du’uu Pirezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaattaa ibsaniiru.
Kanaanis, lakkoofsa namoota dhukkuba kanaan du’anii jaha gaheera.
Lakkoofsi namoota qabamanii immoo 158 kan gahe.
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii 44 gahuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Sa’aatii 24’n darbe keessatti qorannoo laabiraatorii namoota 164 irratti taasifameen namni tokko vaayirasichaan qabamuun mirkana’eera jedhe.
Dubartii ganna 65 magaalaa Dukam jiraatanirratti vaayirasiin kun argame.
Dubartiin kun biyya hambaatti kan hin imallee fi namoota qabaman wajjinis tuttuqaa qabaachuun kan hin mirkanoofnedha.
Dubartiin kun dhukkuba biraaf hospitaala seenanii mallattoon COVID19 erga irratti mul’atee booda qorataman.
Ammatti iddoo namoonni haalaan dhukkubsatan yaalamanitti addaattii yaalamaa jiru.
Afrikaa Kibbaatti misirroonni, luba tokkoofi amaamota 40 waliin seera mana turuu labsame cabsuun cidha gaggeeffataa turan poolisiin to’atamuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Jarri kun seera cimaa biyyattiin weerara koronaavaayirasii ittisuuf baafte cabsuun cidha isaanii gaggeefataa turan.
Namoonni cidha sanarra turan hundinuu buufata poolisii dhiyoo sana jiru kan geeffaman yoo ta’u Wixata har’aa mana murtiitti dhiyaatu.
Afrikaa Kibbaatti namoonni koronaavaayirasiin qabman 1,655 kan qaqqabe yoo ta’u 11 du’aniiru.
Sababa kanaanis biyyattiin seera dirqama mana ooluu baayyee cimaadha jedhame hojiirra oolchaa jirti.
Akka viidiyoon TV Afrikaa Kibbaa eNCA jedhamu agarsiisutti misirroonni uffata misirroo isaanii akkuma uffataniin konkolataa poolisiirra duubaan taa’anii gara buufata poolisii geeffaman.
Naannoon Sabaa, Sab-lammootaafi Ummattoota Kibbaa sirreeffamtoota 12,000 ol ta’aniif dhiifamni taasifameefii mana amala sirreessaatii akka bahan gochuu Abbaa Alangaa Waliigalaa Nannoo Kibbaa waabefachuun FBCn gabaaseera.
Abbaan Alangaa Naannichaa Obbo Muluusaw Zawudee ibsa kennaniin murtee manni maree naannichaa dabarseen manneen amala sirreessaa naannicha keessa jiran keessaa sirrreefamtoonni jijjirama amalaa fidaniifi naamusa gaarii horatan gadi dhiifamaniiru jedhan.
Sirreeffamtoota gadi dhiifaman keessaa 8,911 tatamsa’ina dhibee kanaatiin balaa qaqqabuu malu hir’isuudhaaf jecha haala adda ta’een akka gadi dhiifaman taasifameera jedhan Abbaan Alangaa kun.
Sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef akka gadi dhiifaman ta’e kunneen yakka biraa keessatti hirmaatanii yoo argaman dhiifamni taasifameef haqamee irra deebiin akka gaafatamuu danda’anis ibsameera.
Magaalaa Finfinneetti walitti dhiheenya namootaa xiqqeessuuf jecha boru irraa kaasee taaksiin kan durii irraa walakkaan baayyina namootaa xiqqeessanii akka fe’an murtaa'uu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Kanaafuu, tajaajilamtoonni ammoo gatii imalaa dachaan kaffalu jedhameera.
Akaasumas tajaajilli awutobisii Anbassaafi Shaggar ammoo dabala kaffaltii tokko malee namoota 30 qofaa akka deddeebiisan murtaa’uu Waajjirrichi himera.
Guyyoota dhiyoon asitti haalli biyyoota Awurooppaa weerara koronaavaayirasiin baayyee miidhaman lamaan - Ispeeniifi Xaaliyaan keessatti mul’achuu jalqabe Ameerikaa keessattis bakka dhibeen kun itti hammaate ‘tasgabbaa’uu mala’ abdii jedhu itti horeera.
Ispeeniifi Xaaliyaan keessatti namoonni koronaavaayirasiin qabamaniifi du’an guyyaan gadi bu’aa dhufuu isaa gabaasni ni agarsiisu.
Biyyoota kunneen keessatti suuta suutaan haalli foyyaa’aa dhufuun isaa ammoo tarkaanfiin karra cufachuufi manaa bahuu dhorkuu hojjeteera jechuudha jedhu namoonni.
Ispeen Dilbata kaleessaa namoonni du’an kan guyyaa duraan turerraa 135 hir’achuun 674tti gadi bu’eera. Kun ammoo torban darbe keessa du’aatii isa gadi aanaadha.
Mootummaan Ispeen labsii yeroo muddamaa Bitootessa 14 labsee ture caalaa itti jabeessuun akka itti fufu taasiseera.
Xaaliyaanis raga namoonni qabaman gadi bu’aa dhufuu dhiyeenya argateen abdii of eeggannoon ilaalamuu qabutu jira jedhama.
Saatii 24 darban keessatti namoonni 525 dhibee kanaan yoo du’an, kun ammoo erga Bitootessa 19 lakkoofsa gadi aanaadha jedhameera.
:p>
Qeerransi umrii gannaa afurii Ameerikaatti koroonaavaayirasiin qabuunsaa qorannoon mirkanaa'e.
Iddoo bineensoonni itti eegaman Biroonz Zuu jedhamu Niiwu Yoorkitti argamu keesatti koronaavaayirasiin namarraa bineensatti darbe.
Qeerransi dhaltuun maqaa Naadiyaa jedhamuun waamamtu kun bineensa jalqabaa dhibee Covid-19'n namarraa itti darbe ta'uun isaas ibsameera.
Giddugalessii tursiisa bineensotaa Biroonz Zuu jedhamuufi Niiwu Yoorkitti argamu akka ibseetti, firiin qorannoo kun laabiraatoorii Ihowaa jiruun mirkaneeffame.
Qeerransa kanatti vaayirasiin kun kan darbe nama isaan kunuunsuu eenyumman isaa ammaaf hin baramnerraa ta'uusaatu amanama.
Qeerransi kun sanyii adurreewwaan gurguddaa 6 wajjiin kan jiraatu yoo ta'u, qufaa gogaa akkuma namaatti qufaasisuu eegalera.
Dabalata asii dubbisaa: Qeerramsi koronaavaayirasiin qabame
Waldaan Haakimoota Naayijeeriyaa mootummaa biyyattii haakimoota 18 yaala koronaavaayiras irratti biyyattii akka gargaaraniif fiduuf karoorfame qeeqeera.
Waldichi akka jedhetti haakimoota hojii dhabeeyyiiyookiin gahuumsa gad aanaa qabaa qaban kan biyyattii keessa jiranitti fayyadamuu wayya jedheera.
Dabalataanis haakimoonni Chaayinaa aadaa biyyattiin waliin wal simuun isaan rakkisuu danda’a yookiin immoo bu’aa bayiin Naayijeeriyaakeessatti hojjachuu isaan rakkisa jedhameera.
Gaafa sanbataa mootummaan haakimoonni kunneen muxannoosaanii akka itti Chaayinaan weerara kana irra aante nuu qooduuf jedheera.
Akkasumas haakimoonni kunneen qabsoo vaayirasichirratti taasifamuuf itti gaafatamummaa fudhatu jedhu mootummaan biyyattii haaleera.
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan koronaavaayirasiin qabamuun isaanii erga mirkanaa'ee guyyoota 10 booda qorannoof hospitaala galu waajjirri isaanii hime.
Gara hospitaala Landan kan geeffaman aanga'aan kun ho'a qaamaa dabalatee mallatooleen dhukkubichaa irraa baduu waan didaniif gorsa haakimoota isaan 'og-eeggannoof' akka ta'e himameera.
Booriis Joonsan ammallee mootumaa hoganuu kan itti fufan yoo ta'u walgahiin dhimma koronaavaayirasii Wiixata ganamaa garuu ministirri haajaa alaatu dursa.
Qorannoon idilee erga taasifameefi booda hospitaalaa ni bahu jedhamee eegama.
Booriis Joonsan Bitootessa 27 vaayirasichaan qabamuun isaanii erga mirkanaa'een duuba adda of baasanii mana isaaniitii hojjechaa turan.
Jimaata darbe viidiyoo 'twitter' irratti gadi dhiisaniin mallattoon dhukkubichaa qabaatanillee wayyaa akka qabaniifi adda of baasanii manaa hojjechuu akka itti fufan dubbatanii turan.