Itoophiyaan sa’aatii 24 darbe 65 qorattee hunduu COVID-19 irraa bilisa ta’an

Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatorii namoota 65 taasisuus nama koronaavaayirasiin qabame hin arganne jedhe. Lakkoofsi warra Koronaavaayirasiirraa bayyanatanii 3 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamani guyyoota iiti aanan miliyoona guuta - WHO

    Dr Teedroos Adhaanoom

    Madda suuraa, Getty Images

    Direektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adhaanoom lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii guyyoota itti aanan miliyoona seena jedhan.

    Wayita ammaa lakkoofsichi 935,800 ol kan darbe jira.

    Yaadadha lakkoofsi kun kan amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e qofa, humna qorannoo biyyoota irratti hundaa'ee lakkoofsichi daran kanaa ol akka ta'u tilmaamama.

  2. Yooyyaa!

    Akkam jirtu, fayyaadha?

    Gabaasa kallattii dhimma koronaafi taatewwaan gurguddoo biroo addunyaafi biyya keessaa eegallee jirra.

    Nu faana bu'a!

    Walirraa fagaadhaa, Fayyaa keessan eeggadha, Lafa nagaa oolaa!

    Irreecha bara 2019

    Madda suuraa, Getty Images