Itoophiyaa - lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 29 gahe

Sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo namoota 68'tiif taasifameen namooti sadi dabalataan vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'uu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras- wantoota beekuu qabdan

  2. Chaayinaan namoota mallattoo vaayirasichaa hin mul'isne lakkaa'uu eegalte

    Roobii irraa eegalee namoota mallattoo koronaavaayirasii hin mul'isne (asymptomatic) garuu vaayirasichaan qabaman lakkaa'uu eegaluu ishee Chaayinaan beeksifte.

    Namootni mallattoo hin mul'isne akkasii guyyoota 14'f adda baafamanii tursiifamu.

    Yeroo Chaayinaan uggura sochii laaffisaa jirtu kanatti namootni vaayirasicha qaban garuu mallattoo hin mul'isne namoota hedduu faaluu danda'u sodaa jedhuuni tarkaanfiin kun kan eegale.

    Amma dura biyyattiin namoota vaayirasicha qaban garuu mallattoo hin mul'isne 1367 adda baasuu ishee beeksiftee jirti.

    Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamaniifi du'anii hir'ataa jira.

    Kibxata namootni haaraa qabaman 36 qofa ture. Nama tokkoorraa kan hafe hundi biyyoota alaarraa garas kan seenanidha.

  3. Biyoonni Afrikaa maalitti jiru?

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota Afrikaa keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 5720 yoo gahu namoonni 197 du'anii jiru.

    Biyyoonni 5 lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman hedduu qaban:

    Afrikaa Kibbaa - 1353, kan du'e nama 3

    Aljeeriyaa - 716, kan du'e nama 44

    Masrii - 710, kan du'e nama 46

    Morookoo - 602, kan du'e nama 36

    Tuniiziyaa - 362, kan du'e nama 10

    Biyyoonni akka Seeraaliyoon fi Burundii ammoo reefi namni jalqabaa vaayirasichaan qabamuu mirkaneessan.

  4. Koronaavaayirasiin 'qormaata guddaa waraanaa addunyaa lammataa booda mudate'

    Antooniyoo Guterees

    Madda suuraa, EPA

    Weerarri koronaavaayirasii qormaata guddaa waraanaa addunyaa lammataa booda addunyaa mudatedha jedhan barreessaa olaanaan dhaabbata biyyoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees.

    Kufaatii "yero kamiyyuu waliin hin madaalamne fiduu danda'a" jedhan.

    Gabaasi miidhaa hawaas-diinagdee weerarichaa irratti qophaa'e wayita dhiyaatu ture kana kan jedhan.

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 860,000 yoo gahu kan du'an ammoo 42,000 ol taree jira.

    Ameerikaa keessatti namoonni 4000 du'aniiru - kan Chaayinaa keessatti du'aniin oli.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammoo 188,000 oli.

    UK'tti namooti 1,789 yoo du'an, ispeen lakkoofsa du'aa olaanaa kan ta'e 849 galmeessiftee jetti.

  5. Akkam bultan?

    Gabaasa kallattii dhimma Koronaavaayirasii fi taateewwan biroo biyya keessaa fi alaa isin biraan geenyu eegallee jirra.

    Nu hordofaa.

    Gabaasa kallattii keenya kaleessaa asii argachuu dandeessu: Filannoon Itoophiyaa yeroo hin murtaa'iniif achi butame

    Walirraa hiiqaa, fayyaa keessan eeggadha!

    Oolmaa gaarii!

    Abbootii Gadaa Booranaa

    Madda suuraa, Getty Images