Addunyaan maalitti jirti?
Sa'aatiile darban odeessaaleen haaran gabaabumatti:
- Guutuu addunyaatti namoonni 37,000 ol yoo du'an, 800,000 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira.
- Ameerikaatti namootni vaayirasichaan qabaman 164,603, kan du'an ammoo 3,170 gahaniiru.
- Awurooppaa keessatti koronaavaayirasiin daran kan hubaman biyyoonni lamaan Italii fi Ispeen, lakkoofsi namoota haaraa qabamanii xiqqaachaa jira, abdiin jira jedhan.
- Italiitti lakkoofsi namoota qabamanii 101,739, kan du'an 11,591 yoo ta'u, Ispeenitti kan qabaman Chaayinaa caalee 87,956 gaheera, kan du'an 7,716.
- UK'tti lakkoofsi namoota qabamanii 22,454 yoo gahu kan du'an 1.411
- Miidhaan diinagdee jabaa keessaahuu naannoo Eshiyaa Paasifiik mudachuun 'waan hin oolle' jedhe Baankiin Addunyaa
- Jappaan namoota Ameerikaa, Kaanadaa, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa akkasumas biyyoota Awurooppaa irraa dhufanitti daangaa cufachuufi.
- Indiyaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii daran olaanaa galmaa'eera.
- Daandiin qilleensaa guddichi addunyaa kanaa 'American Airlines' deeggarsa mootummaa doolaara biliyoona 12 na barbaachisa jedhe.


