Preezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Haji Umar Idriis rakkoolee addunyaarratti mul’atanii jiraniif sababni ijoo cubbuu dhala namaa akka ta’e himan.
Kanaaf, “Furmaatnis namni cubbuurraa of qusachuudha” jedhan.
Itti-aansun ammoo namni of eeguu qaba,” kan jedhan Paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Abuna Maatiyaas bakka bu’uun ibsicharratti kan argaman Dr Abuna Aragaawiiti.
Namootni miirri adda ta’e itti-dhagahamus gara dhaabbilee fayyaa deemun gorsa ogeeyyii fayyaa argachuu akka qaban himan.
Yaa’iin Dhaabbilee
Amantaa Itoophiyaa weerara dhibee Kooroonaavaayiras ilaalchisuun har’a ibsa kenneera.
Vaayirasichi saffisaan
kan tamsa’u ta’uun isaa yaaddessaadha kan jedhe yaa’ichi namni hundi of
eeggannoo gochuu qaba jedheera.
Barmaatin jireenyaa
hawaasa biyyattiis tatamsa’ina vaayirasichaaf mijataa ta’uu kan hime yaa’ichi, hordoftootni amantaalee kadhaa akka godhaniifi gorsa ogeeyyii fayyaa hojiirra
akka oolchan gaafateera.
Dabalataan hawaasni
taatewwan amantaa manas ta’e iddoo biraatti taasifaman irratti qulqulina ofiifi naannoo akka eeggatu abbootin amantaa dhaamaniiru.
“Kunis bifa xiinsammuu namoota biroo hin
tuqneen ta’u qaba,” jedhameera.
Hawaasni dhimmichaaf
xiyyeeffannoo kennuun osoo hin rifatiiniifi hin jeeqamiin itti gaafatamummaa isaa
bahachuu akka qabu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa dhaamera.
Mallattooleen yoo
mul’atanis dhaabbilee fayyaatiif eeruu kennuu akka qaban himan.
Gama biraatiin hawaasni
daldalaa daballii gatii hin malle akka hin taasisneefi dhaabbileefi ogeeyyiin
fayyaas tajaajila kennanitti akka ciman gaafatan.
Miidiyaalenis akkaataa
naamusa ogummichaan odeeffannoo qulqulluu ta’e akka dhiyeessan gaafatan.
Qaamoleen mootummaas
odeeffannoo waqtaawaa yeroo yeroon kennuun dabalataan walgahiiwaan ummataa
dabalatee taateewan biroo irratti akka barbaachisummaa isaatti dhorkaawwan kaa’uun akka hin adeemsifamne
gochuu akka qabu dhaaman.
“Akka dhaabbilee
amantaatti hojiin keenya jalqabaa Waaqa kadhachuudha.